LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yp2 ful. 193
  • Nama Fakkeenya Taʼu​—Hisqiyaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nama Fakkeenya Taʼu​—Hisqiyaas
  • Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Hisqiyaas Mooticha Gargaare
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Geggeessituu Torbaafi Gurguddaa Namaa Saddeet​—nuuf Hiika Maalii Qabu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • “Yaa Yihowaa, . . . Ani Sin Amanadha”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
yp2 ful. 193

Nama Fakkeenya Taʼu​—Hisqiyaas

Hisqiyaas jireenya isaa keessatti yeroo itti murtoo gochuu qaburratti argama. Umuriin isaa waggaa 25 yeroo guutu mootii Yihudaa taʼe. Mootii akkamii taʼa laata? Fakkeenyi gadheen abbaa isaa Akaaz Mootichaa dhiibbaa akka isarratti godhu ni heyyamaa? Akaaz hamma duʼutti nama gantuu yaada hin geeddaranne ture. Waaqeffannaan sobaa akka babalʼatu godheera; obbolaa Hisqiyaas keessaa yoo xinnaate tokko iddoo aarsaa waaqa sobaarratti ibiddaan gubeera. (2 Seenaa Baraa 28:1-4) Haa taʼu malee, Hisqiyaas gochi abbaa isaa waaqeffannaa Yihowaa akka jibbu ykn dogoggora abbaa isaa akka irra deebiʼu isa hin taasisne. Kanaa mannaa, Hisqiyaas “Yihowaatti ni maxxane.”—2 Mootota 18:6.

Abbaan kee ykn haati kee waaqeffannaa Yihowaatti ni qoosuu? Miidhaa sirraan geessisuu? Yookiin araada taʼe tokkoof garba taʼaniiruu? Taanaan, atis dogoggora isaanii irra deebiʼuu hin qabdu! Hisqiyaas akkaataan guddinaa isaa jireenya isaa akka mancaasu hin heyyamne. Mootii gaarii waan taʼeef “mootota Yihudaa warra isa boodas taʼe isa dura turan keessaa kan akka isaa hin turre.” (2 Mootota 18:5) Atis akkuma Hisqiyaas haalli maatii keetii rakkisaa taʼus jireenyi kee milkaaʼina akka qabaatu gochuu dandeessa. Akkamitti? ‘Yihowaatti maxxanuu’ kee itti fufuudhaani.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi