LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 8 ful. 67-75
  • Gumichi “Nagaa Guddaa Argate”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gumichi “Nagaa Guddaa Argate”
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Maaliif na Ariʼatta?” (Hojii Ergamootaa 9:1-5)
  • ‘Yaa Obboleessa Koo Saaʼol, Gooftichi, Sitti na Ergeera’ (Hojii Ergamootaa 9:6-17)
  • ‘Waaʼee Yesuus Lallabuu Jalqabe’ (Hojii Ergamootaa 9:18-30)
  • ‘Namoonni Hedduun ni Amanan’ (Hojii Ergamootaa 9:31-43)
  • Karaa Gara Damaasqoo Geessurratti
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Namoonni Wanta Gadhee Raawwatan Jijjiiramuu Dandaʼuu?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • “Abboomamuun Aarsaa Irra Caala”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mootii Israa’el Isa Jalqabaa Kan Ta’e Saa’ol
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 8 ful. 67-75

BOQONNAA 8

Gumichi “Nagaa Guddaa Argate”

Saaʼol inni gara jabinaan ariʼachaa ture tajaajilaa hinaaffaa qabu taʼe

Hojii Ergamootaa 9:1-43​rratti kan hundaaʼe

1, 2. Saaʼol Damaasqoo keessatti maal gochuuf yaadee ture?

IMALTOONNI gara jabeeyyii taʼan tokko, Damaasqootti dhihaachaa jiru. Achitti hojii gara jabinaa raawwachuuf karoorfataniiru. Barattoota Yesuus warra namoota kaan biratti jibbaman mana isaaniitii baasuuf, isaan hidhuuf, isaan qaanessuuf, akkasumas dirqamaan Yerusaalemitti isaan geessanii Saanhediriin duratti isaan dhiheessuuf jedhu.

2 Saaʼol inni geggeessaa garee kanaa taʼe, kanaan dura ajjechaa nama tokkoorratti hirmaateera.a Dhiheenya kana, yeroo Yihudoonni miiraan geggeeffamanii Isxifaanos isa barataa Yesuus amanamaa taʼe dhagaadhaan tumanii ajjeesan, irratti walii galee dhaabbatee ilaalaa ture. (HoE. 7:57–8:1) Duuka buutota Yesuus Yerusaalem keessa turan ariʼachuun waan isa hin quufsineef, warra bakka biraa jiranis ariʼachuuf kutatee kaʼe. Garee amantii rakkisoo taʼanii fi “Daandicha” jedhamuudhaan beekaman balleessuu barbaadee ture.—HoE. 9:1, 2, 19:9; Saanduqa, “Aangoo Saaʼol Damaasqoo Keessatti Argate” jedhu ilaali.

3, 4. (a) Saaʼoliin maaltu mudate? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

3 Akkuma tasaa ifni guddaan tokko naannoosaatti balaqqeessaʼe. Namoonni isaa wajjin turanis naʼanii wanta dubbatan wallaalan. Saaʼol ijisaa ni jaame, akkasumas ni kufe. Arguu kan hin dandeenye taʼus, sagalee “Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta?” jedhu tokko samiirraa dhagaʼe. Innis naasuudhaan, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhe. Deebiin isaaf kenname isa dinqisiisee taʼuu qaba! Akkas kan jedhu ture: “Ani Yesuus isa ati ariʼattu sana dha.”—HoE. 9:3-5; 22:9.

4 Wanta Yesuus jalqabarratti Saaʼolitti dubbaterraa maal baranna? Wantoota yeroo Saaʼol jijjiirametti raawwataman qorachuudhaan faayidaa akkamii argachuu dandeenya? Akkaataa gumichi yeroo nagaa jijjiiramuu Saaʼol booda turetti itti fayyadamerraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

AANGOO SAAʼOL DAMAASQOO KEESSATTI ARGATE

Saaʼol magaalaa biyya ormaa kana keessatti Kiristiyaanota hidhuuf aangoo kan argate akkamitti? Saanhediriinii fi lubni olaanaan amala Yihudoonni bakka kamittiyyuu argaman argisiisuu qaban murteessuuf aangoo qabu turan; dabalataanis lubni olaanaan yakkamtoota murtiitti dhiheessuuf aangoo qabaachuu hin oolu. Kanaaf, jaarsoliin mana sagadaa Damaasqoo keessa jiran xalayaa lubni olaanaan barreessuuf ajajamuu qabu.—HoE. 9:1, 2.

Kana malees, warri Roomaa Yihudoonni dhimmoota seeraa ofuma isaanii akka murteeffatan isaaniif heyyamanii turan. Yihudoonni Phaawulos ergamaa, “40 jechuuf tokko hanquu” siʼa shan kan garafan kanaaf ture. (2 Qor. 11:24) Kitaabni 1 Maqaabotaa, hogganaan Roomaa Tolemii saddeettaffaan Dh.K.D. bara 138​tti Gibxiif xalayaa akkas jedhu akka barreesse ibsa: “Namoonni rakkina uuman biyyasaaniitii [Yihudaadhaa] baqatanii gara kee yoo dhufan, akka seera isaaniitti akka isaaniitti murteessuuf, Simoon isa luba olaanaa taʼetti dabarsii kenni.” (1 Maq. 15:21) Dh.K.B. bara 47​tti, Juuliyes Qeesaar, dhimmoota Yihudoonni kaasan irratti murtii kennuu dabalatee aangoowwan lubni olaanaan duraan qabu kaan isaaf raggaasiseera.

“Maaliif na Ariʼatta?” (Hojii Ergamootaa 9:1-5)

5, 6. Wanta Yesuus Saaʼoliin jedherraa maal baranna?

5 Yesuus daandii gara Damaasqootti geessurratti yeroo Saaʼoliin haasofsiisetti, “Duuka buutota koo maaliif ariʼatta” isaan hin jenne. Kanaa mannaa, akkuma olitti ibsame, “Maaliif na ariʼatta?” isaan jedhe. (HoE. 9:4) Eeyyee, Yesuus qorumsa duuka buutota isaarra gaʼu akkuma isarra gaʼetti ilaala.—Mat. 25:34-40, 45.

6 Amantii Kiristoosirratti qabduun kan kaʼe ariʼatamni sirra gaʼaa jira taanaan, Yihowaa fi Yesuus haala kee akka hubatan mirkanaaʼaa taʼi. (Mat. 10:22, 28-31) Qorumsi sirra gaʼu yeroo ammaatti dhaabbachuu dhiisuu dandaʼa. Yesus, Saaʼol ajjeechaa Isxifaanos yommuu deggeruu fi barattootasaa amanamoo mana isaanii Yerusaalemitti argamu keessaa gototee yommuu baasu ilaalaa akka ture yaadadhu. (HoE. 8:3) Taʼus, yeroo kanatti isa hin dhaabsisne. Taʼus Yihowaan Yesuusitti fayyadamee Isxifaanosii fi barattoonni kaan amanamoo taʼanii akka itti fufan jajjabeesseera.

7. Ariʼatama dandamachuuf maal gochuu qabda?

7 Atis wantoota armaan gadii yoo goote, ariʼatama dandamachuu ni dandeessa: (1) Wanti akkamiiyyuu yoo uumame amanamaa taʼuuf murteessi. (2) Yihowaan akka si gargaaru isa gaafadhu. (Filp. 4:6, 7) (3) Haaloo baʼuu Yihowaadhaaf dhiisi. (Rom. 12:17-21) (4) Yihowaan hamma qorumsicha balleessutti jabina dandamachuuf si dandeessisu akka siif kennu isatti amanami.—Filp. 4:12, 13.

‘Yaa Obboleessa Koo Saaʼol, Gooftichi, Sitti na Ergeera’ (Hojii Ergamootaa 9:6-17)

8, 9. Anaaniyaas itti gaafatamummaa isaaf kenname ilaalchisee maaltu itti dhagaʼame?

8 Yesuus gaaffii Saaʼol, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jechuudhaan isa gaafateef deebii erga kennee booda, “Kaʼiitii gara magaalaatti seeni; maal gochuu akka qabdu sitti himama” isaan jedhe. (HoE. 9:6) Namoonni isaa wajjin turan Saaʼol isa ijisaa jaame gara Damaasqootti, mana inni guyyaa sadiif keessatti kadhachaa fi soomaa turetti isa geessan. Kana gidduutti, Yesuus barataa Anaaniyaas jedhamuu fi magaalicha keessa jirutti waaʼee Saaʼol hime. Anaaniyaas nama Damaasqoo keessa jiraatuu fi “Yihudoota hunda biratti maqaa gaarii qabu” ture.—HoE. 22:12.

9 Anaaniyaas hammam burjaajaʼee taʼuu akka qabu mee yaadi! Yesuus Kiristoos inni duʼaa kaafamee fi mataa gumii taʼe, hojii adda taʼe isaaf kennuuf dhuunfaatti isa haasofsiisaa jira. Kun ulfina guddaa taʼus itti gaafatamummaa nama sodaachisudha! Anaaniyaas Saaʼoliin akka haasofsiisu yommuu isatti himametti, akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, waaʼee namicha kanaa fi miidhaa inni qulqulloota kee Yerusaalem keessa jiran irra geessise hunda namoota hedduurraa dhagaʼeera. Iddoo kanattis namoota maqaa kee waammatan hunda hidhuuf dura buutota lubootaa irraa aangoo argateera.”—HoE. 9:13, 14.

10. Akkaataa Yesuus Anaaniyaasiin itti haasofsiiserraa waaʼeesaa maal baranna?

10 Anaaniyaas yaaddoosaa ibsuu isaatti Yesuus isa hin ceephaane. Haataʼu malee Yesuus, qajeelfama ifa taʼe isaaf kenneera. Akkasumas, hojii adda taʼe kana akka raawwatu kan barbaade maaliif akka taʼe isatti himuudhaan isa kabajeera. Yesuus Saaʼoliin ilaalchisee akkana jedheera: “Namni kun mootota, sabootaa fi ilmaan Israaʼel duratti maqaa koo akka baatu miʼa anaaf filatame waan taʼeef gara isaa dhaqi. Sababiin isaas maqaa kootiif rakkinni hammamii isa irra gaʼuu akka qabu ifatti isatti nan argisiisa.” (HoE. 9:15, 16) Anaaniyaasis mamii tokko malee ajaja Yesuus hojiirra oolcheera. Saaʼol isa Kiristiyaanota ariʼatu barbaadee argatee akkana isaan jedhe: “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Yesuus Gooftichi inni utuu dhufaa jirtuu karaa irratti sitti mulʼate, agartuun kee akka siif deebiʼuu fi hafuura qulqulluudhaan akka guutamtuuf na ergeera.”—HoE. 9:17.

11, 12. Seenaa waaʼee Yesuus, waaʼee Anaaniyaasii fi Saaʼol ibsurraa maal baranna?

11 Seenaa kanarraa waaʼee Yesuus, waaʼee Anaaniyaasii fi waaʼee Saaʼol waan baayʼee baranna. Fakkeenyaaf Yesuus, akkuma waadaa galee ture, hojii lallabaa geggeessuurratti shoora olaanaa taphata. (Mat. 28:20) Yesuus yeroo harʼaatti nama tokko dhuunfaatti kan hin haasofsiisne taʼus, garbicha amanamaa fi ogeessa isa maatiisaarratti muudetti fayyadamee hojii lallabaa geggeessaa jira. (Mat. 24:45-47) Qajeelfama Qaama Olaanaatiin babalʼistoonnii fi qajeelchitoonni namoota waaʼee Kiristoos beekuu fedhan barbaadanii akka argatan ni ergamu. Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, namoota kana keessaa hedduunsaanii gargaarsa argachuudhaaf erga kadhatanii booda Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arganiiru.—HoE. 9:11.

12 Anaaniyaas hojii isaaf kenname fudhateera, akkas gochuu isaatiinis eebba argateera. Atoo hamma tokko kan si dhiphisu taʼus, ajaja guutummaatti dhugaa akka baatuuf siif kennameef ni abboomamtaa? Obboloota tokko tokko manaa gara manaa deemuu fi namoota hin beekne haasofsiisuutu dhiphisa. Kaanimmoo bakka hojiitti, karaarratti, bilbilaan ykn xalayaadhaan namootaaf lallabuun isaanitti ulfaata. Anaaniyaas sodaa isaa moʼuudhaan Saaʼol hafuura qulqulluu akka fudhatu gargaaruuf mirga argateera.b Anaaniyaas Yesuusitti waan amanamee fi Saaʼoliin akka obboleessa isaatti waan ilaaleef milkaaʼina argateera. Nutis akkuma Anaaniyas, Yesuus hojii lallabaa geggeessaa akka jiru kan isatti amanamnu, namootaaf kan gaddinuu fi namoonni nu sodaachisan obboloota keenya taʼuu akka dandaʼanitti kan ilaallu yoo taʼe sodaa keenya moʼuu ni dandeenya.—Mat. 9:36.

‘Waaʼee Yesuus Lallabuu Jalqabe’ (Hojii Ergamootaa 9:18-30)

13, 14. Kitaaba Qulqulluu qayyabachaa kan jirtuu fi hanga ammaatti kan hin cuuphamne yoo taate fakkeenya Saaʼolirraa maal baratta?

13 Saaʼol wanta barate yeruma sana hojiirra oolcheera. Erga fayyee booda cuuphamuudhaan barattoota Damaasqoo keessa jiranitti makame. Haataʼu malee, wanta kana caalus raawwateera. “[Yeruma sana] manneen sagadaa keessatti Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa lallabuu jalqabe.”—HoE. 9:20.

14 Kitaaba Qulqulluu qayyabachaa kan jirtuu fi kan hin cuuphamne yoo taate, akkuma Saaʼol wanta baratte hojiirra oolchuuf daftee tarkaanfii fudhattaa? Dhugaadha, Saaʼol dinqii Kiristoos raawwate ijaan arguunsaa, tarkaanfii fudhachuuf isa kakaaseera. Warri kaanis garuu dinqii Yesuus raawwate arganiiru. Fakkeenyaaf gareen Fariisotaa tokko, yeroo Yesuus nama harkisaa lamshaaʼe fayyisu arganiiru, akkasumas Yihudoonni hedduun Yesuus Alaazaariin duʼaa akka kaase beeku. Haataʼu malee, hedduunsaanii Yesuus duukaa buʼuuf fedhii hin qabaanne, darbees isa mormaniiru. (Mar. 3:1-6; Yoh. 12:9, 10) Faallaa kanaatiin garuu Saaʼol jijjiirameera. Haataʼu malee, Saaʼol jijjiiramee warri kaan kan hin jijjiiramne maaliifi? Sababiin isaas nama caalaa Waaqayyoon waan sodaatee fi gara laafina Kiristoos isatti argisiise garaadhaa waan dinqisiifateef ture. (Filp. 3:8) Atis akkumasaa yoo goote, hojii lallabaarratti akka hin hirmaannee fi ulaagaasaa guutuudhaan akka hin cuuphamne wanti tokkoyyuu si dhorkuu hin dandaʼu.

15, 16. Saaʼol manneen sagadaa keessatti maal godhe? Yihudoonni Damaasqoo keessatti argamanoo maal godhan?

15 Yeroo Saaʼol mana sagadaa keessatti waaʼee Yesuus lallabuu jalqabetti burjaajaʼiinsa, naasuu fi aarii uummatichatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu tilmaamuu ni dandeessaa? “Kun namicha warra Yerusaalem keessatti maqaa kana waaman irratti ariʼatama cimaa geessisaa ture sana mitii?” jedhanii gaafatan. (HoE. 9:21) Saaʼol, “Yesuus kun Kiristoos taʼuu isaa ragaa dhiheessuudhaan” ilaalcha Yesuusiif qabu kan jijjiire maaliif akka taʼe isaaniif ibse. (HoE. 9:22) Haataʼu malee, ragaa dhiheessuun qofti nama hundumaa hin amansiisu. Sammuu aadaadhaan jaame ykn gara kooraan bokoke jijjiiruu hin dandaʼu. Taʼus, Saaʼol abdii kutatee lallabuu hin dhiisne.

16 Waggaa sadii boodallee, Yihudoonni Damaasqoo keessa jiran Saaʼoliin mormaa turan. Dhumarrattis isa ajjeesuuf karoorfatan. (HoE. 9:23; 2 Qor. 11:32, 33; Gal. 1:13-18) Saaʼol karoora isaanii kana yommuu hubatu, namoonni guuboo keessa isa kaaʼuudhaan karaa foddaa magaalattii dhoksanii akka gadi isa buusan godhe. Luqaas, namoonni galgala sana Saaʼol akka miliqu isa gargaaran ‘barattoota Saaʼol’ akka taʼanitti ibseera. (HoE. 9:25) Yaanni kun yeroo Saaʼol Damaasqoo keessatti lallabaa turetti namoonni tokko tokko ergaasaa fudhachuudhaan duuka buutota Kiristoos akka taʼan argisiisa.

17. (a) Namoonni, dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif ilaalcha akkamii qabaachuu dandaʼu? (b) Maal gochuu keenya itti fufuu qabna? Maaliif?

17 Wantoota gaggaarii Kitaaba Qulqulluurraa baratte yeroo jalqabaatiif maatii, michootaa fi namoota kaanitti yommuu himuu jalqabdu, ragaa ati Kitaaba Qulqulluurraa dhiheessitu namoonni hundi ni fudhatu jettee yaadda taʼa. Namoonni tokko tokko kan fudhatan taʼanis, baayʼeen isaanii garuu fudhachuu dhiisuu dandaʼu. Dhugaa dubbachuuf, miseensonni maatii keellee akka diinaatti si ilaaluu dandaʼu. (Mat. 10:32-38) Haataʼu malee, dandeettii Kitaaba Qulqulluurraa ragaa dhiheessuuf qabdu fooyyeffachuu kee yoo itti fuftee fi amaloota Kiristiyaanaa yoo horatte, dhumarratti namoonni si mormanillee yaada isaanii jijjiiruu dandaʼu.—HoE. 17:2; 1 Phe. 2:12; 3:1, 2, 7.

18, 19. (a) Barnaabaas Saaʼoliin gargaaruunsaa buʼaa akkamii argamsiise? (b) Fakkeenya Barnaabaasii fi Saaʼol hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Saaʼol gara Yerusaalem dhaquudhaan ‘Ani barataa Yesuus taʼeera’ yommuu isaaniin jedhu barattoonni achi jiran amanuun isaanitti ulfaatee ture. Haataʼu malee, Barnaabaas Saaʼol barataa akka taʼe yommuu isaaniif mirkaneessu ergamoonni isa simatan, innis yeroo muraasaaf isaanii wajjin achi ture. (HoE. 9:26-28) Saaʼol of eeggataa kan ture taʼus, misiraachichatti hin qaanofne. (Rom. 1:16) Yerusaalem bakka barattoota Yesuus Kiristoos ariʼachuu itti jalqabetti ija jabinaan lallabe. Yihudoonni Yerusaalem, namni isaan hogganaa keenya taʼa jedhanii yaadan akka jijjiirame yommuu hubatan baayʼee aaran, achiis isa ajjeesuu barbaadan. Seenaansaa, “Obboloonni yommuu kana hubatan, Qisaariyaatti erga gadi isa fidanii booda gara Xarseesitti isa ergan” jedha. (HoE. 9:30) Saaʼol, qajeelfama Yesuus karaa obbolootaa isaaf kenne fudhateera. Kun, Saaʼoliinis taʼe gumicha fayyadeera.

19 Barnaabaas dursa fudhatee Saaʼoliin akka gargaare yaadadhu. Gochi gaarummaa kun, michummaa tajaajiltoota Yihowaa hinaaffaa qaban kana gidduu jiru akka cimse homaa hin shakkisiisu. Atoo, akkuma Barnaabaas obboloota haaraa gumicha keessa jiranii wajjin tajaajiluu fi guddina hafuuraa akka godha deggeruudhaan isaan gargaaruuf fedhii qabdaa? Akkas yoo goote eebba guddaa argatta. Akkuma Saaʼol, babalʼisaa misiraachichaa haaraa yoo taatemmoo gargaarsa warri kaan siif godhan ni fudhattaa? Babalʼistoota muuxannoo qabanii wajjin hojjechuudhaan dandeettii tajaajilaa kee fooyyeffachuu, gammachuu qabdu dabaluu fi michummaa yeroo dheeraadhaaf turu uumuu ni dandeessa.

‘Namoonni Hedduun ni Amanan’ (Hojii Ergamootaa 9:31-43)

20, 21. Tajaajiltoonni Waaqayyoo jaarraa tokkoffaa fi bara keenyaa ‘yeroo nagaatti’ sirriitti kan fayyadaman akkamitti?

20 Saaʼol erga jijjiiramee fi Yerusaalemii nagaadhaan erga baʼee booda, “gumiin guutummaa Yihudaa, Galiilaa fi Samaariyaatti argamu nagaa guddaa argate.” (HoE. 9:31) Maarree barattoonni yeroo mijataa kanatti kan fayyadaman akkamitti? (2 Xim. 4:2) Seenaansaa, ‘jabaachaa’ deeman jedha. Ergamoonnii fi obboloonni itti gaafatamummaa qaban kaan amantii barattootaa cimsan, akkasumas gumichi ‘Yihowaa sodaachuudhaan akka deddeebiʼuu fi hafuura qulqulluu irraa jajjabina akka argatu’ dursa fudhachuudhaan gargaaran. Fakkeenyaaf, Pheexiros yeroo kanatti fayyadamuudhaan barattoota magaalaa Lidaa, ishee Dirree Shaaronitti argamtu keessa jiran jajjabeesseera. Carraaqqiin inni godhe kunis, namoonni naannoo magaalichaa jiraatan hedduun “Gooftaatti” akka amanan gargaareera. (HoE. 9:32-35) Barattoonni wantoonni kaan xiyyeeffannaa isaanii akka hihhiran heyyamuu mannaa, wal jajjabeessuu fi misiraachicha lallabuurratti xiyyeeffatanii turan. Kanaan kan kaʼes, gumichi “lakkoofsaan dabalaa deeme.”

21 Dhugaa Baatonni Yihowaa dhuma jaarraa 20​ffaa keessa turanii fi biyyoota hedduu keessa jiraatanis ‘nagaa argatanii’ turan. Mootummoonni saba Waaqayyoo waggoota hedduudhaaf dhiphisaa turan akkuma tasaa badan; kanaan kan kaʼes, dhorkaawwan hojii lallabaarra kaaʼamanii turan tokko tokko ni salphatan ykn guutummaatti kaafaman. Dhugaa baatonni kumaan lakkaaʼamanis carraa kanatti fayyadamanii uummataaf ifatti waan lallabaniif buʼaa hedduun argamuu dandaʼeera.

22. Bilisummaa qabdutti sirriitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

22 Bilisummaa amma qabdutti sirriitti fayyadamaa jirtaa? Biyya bilisummaa amantii qabu keessa jiraachaa jirta taanaan, Seexanni fedhii Mootummichaarratti utuu hin taʼin, qabeenya walitti qabachuu irratti akka xiyyeeffattu gochuu barbaada. (Mat. 13:22) Kanaaf, yaanni kee akka hihhiramu hin heyyamin. Yeroo nagaa amma qabdutti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadami. Yeroon kun, yeroo gaarii guutummaatti dhugaa baʼuu fi gumii cimsuuf si gargaaru akka taʼetti ilaali. Haalli kee akka tasaa jijjiiramuu akka dandaʼu hin dagatin.

23, 24. (a) Seenaa waaʼee Xaabiitaa ibsurraa maal baranna? (b) Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

23 Mee barattuu Xaabiitaa ykn Dorqaa jedhamtu maaltu akka mudate haa ilaallu. Magaalaa Lidaatti dhihoo jirtuu fi Yoophee jedhamtu keessa jiraatti. Obboleettiin amanamtuun kun, ‘hojiiwwan gaggaarii hedduu hojjechuu fi kennaa gara laafinaa kennuuf’ yeroo fi dandeettii isheetti sirriitti fayyadamteetti. Taʼus, akkuma tasaa dhukkubsattee duute.c Duuti ishee obboloota Yophee keessatti argaman, keessumaammoo dubartoota abbootiin manaa irraa duʼanii fi isheen gaarummaa itti argisiiste baayʼee gaddisiiseera. Pheexiros mana reeffi ishee itti kafaname yommuu gaʼu, dinqii ergamoonni Yesuus Kiristoos kaan raawwatan caalu raawwate. Pheexiros ni kadhate, achiis Xaabiitaa duʼaa kaase! Yeroo Pheexiros gara kutichaatti isaan waamee Xaabiitaa ishee duʼaa kaate isaanitti argisiisu dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼanii fi barattoonni kan hammam gammadanii akka turan tilmaamuu dandeessaa? Taateen kun, qorumsa fuulduratti isaan eeggatuuf isaan cimsee taʼuu qaba! Dinqiin kun, “guutummaa Yoophee keessatti beekame; namoonni hedduunis Gooftaatti ni amanan.”—HoE. 9:36-42.

Obboleettii obboleettii maanguddoo taatee fi bakka maanguddoonni itti kunuunsi ishee barbaachisuuf abaaboo kennaa jirtu.

Fakkeenya Xaabiitaa hordofuu kan dandeessu akkamitti?

24 Taatee Xaabiitaa wajjin wal qabate kanarraa barumsa barbaachisaa taʼe lama arganna. (1) Jireenyi akkuma tasaa jijjiiramuu dandaʼa. Kanaaf, yeroo mijataa qabnutti fayyadamnee Waaqayyo biratti maqaa gaarii qabaachuuf carraaquun keenya barbaachisaadha! (Lal. 7:1) (2) Abdiin duʼaa kaʼuu amansiisaadha. Yihowaan hojii gaarii hedduu Xaabiitaan raawwatte hubateera, ishee kiiseeras. Nutis Armaagedoon dura yoo duune Yihowaan hojii gaarii nuti raawwanne yaadatee duʼaa nu kaasa. (Ibr. 6:10) Kanaaf, amma kan jirru ‘haala rakkisaa’ keessas haataʼu ‘yeroo nagaa’ keessa, yeroo qabnutti fayyadamuudhaan waaʼee Kiristoos guutummaatti dhugaa haa baanu.—2 Xim. 4:2.

SA⁠A⁠ʼOL FARIISICHA

‘Dargaggeessi Sa⁠a⁠ʼol jedhamuu’ fi seenaa wa⁠a⁠ʼee ajjeefamuu Isxifaanos ibsurratti caqasame Xarseesitti dhalate. Xarsees magaalaa guddoo Kiilqiyaa ishii kutaa bulchiinsa Roomaa taate keessatti argamtu s⁠i⁠ʼa taatu, kibba Turki ishee ha⁠⁠r⁠ʼaatti argamti. (HoE. 7:​58) Magaalaa kana keessa Yihudoota hedduutu jiraata. Sa⁠a⁠ʼol ofumasaa akka barreessetti, ‘Guyyaa saddeettaffaatti dhaqna qabate; saba Isra⁠a⁠ʼel irraa, gosa Biiniyaam keessaa dhalate; Ibricha Ibrootarraa dhalatedha; seera ilaalchisee immoo Fariisicha ture.’ Kanaan kan k⁠a⁠ʼes, Yihudii kabajamaa t⁠a⁠ʼuu hin oolu!​​—⁠Filp. 3:⁠5.

Saaʼol Fariisicha.

Sa⁠a⁠ʼol kan dhalate magaalaa daldalaa soorettii fi handhuura aadaa Giriikii taate keessattidha. Xarseesitti waan guddateef afaan Giriikii beeka. Barumsa sadarkaa tokkoffaa kan hordofe mana barumsaa Yihudootaatti t⁠a⁠ʼuu hin oolu. Dunkaana hodhuu isa naannichatti beekamaa t⁠a⁠ʼe barateera. Sa⁠a⁠ʼol ogummaa kana kan barate dargaggummaatti, abbaasaarraa t⁠a⁠ʼuu hin oolu.​​—⁠HoE. 18:​2, 3.

Seenaan Hojii Ergamootaa Sa⁠a⁠ʼol dhalootaan lammii Roomaa akka t⁠a⁠ʼes ni ibsa. (HoE. 22:​25-​28) Kana jechuun akaakiliiwwan isaa keessaa tokko lammii Roomaa ture jechuudha. Maatiin Sa⁠a⁠ʼol lammummaa Roomaa akkamitti akka argatan hin beekamu. Kanas t⁠a⁠ʼe sana, lammii Roomaa t⁠a⁠ʼuunsaanii hawaasicha keessatti iddoo guddaa akka qabaatan taasiseera. Kanaafuu, akkaataan guddinaa fi barumsi Sa⁠a⁠ʼol argate aadaa garaagaraa sadii, jechuunis aadaa Yihudootaa, Giriikii fi Roomaa sirriitti akka beeku isa taasiseera.

Sa⁠a⁠ʼol barumsasaa itti fufuuf Kiilomeetira 840 fagaatee gara Yerusaalem kan deeme yeroo umuriinsaa gara waggaa 13 turetti t⁠a⁠ʼuu hin oolu. Magaalaa kana keessatti miilla Gamaal⁠i⁠ʼel isa barsiisaa aadaa Fariisotaa kabajamaa t⁠a⁠ʼee jala ta⁠a⁠ʼee barateera.​​—⁠HoE. 22:⁠3.

Barumsi kun, isa yeroo ha⁠⁠r⁠ʼaatti Yunivarsiitiitti kennamuu wajjin kan wal gitu yommuu t⁠a⁠ʼu, caqasootaa fi afoola Yihudootaa sammuutti qabachuu dabalata. Namni Gamaal⁠i⁠ʼel duratti barataa qaxalee t⁠a⁠ʼe hojii guddaa argachuu dand⁠a⁠ʼa; Sa⁠a⁠ʼol immoo barataa akkasii t⁠a⁠ʼuu hin oolu. Yeroo booda, “Aadaa abbootii kootiif hinaaffaa guddaan qaba ture; saba koo keessatti warra hiriyoota koo t⁠a⁠ʼan hedduu caalaas amantii Yihudii keessatti guddina gochaan ture” jedhee barreesseera. (Gal. 1:14) Eeyyee, Sa⁠a⁠ʼol gumii Kiristiyaanaa reefuu hundeeffame gara jabinaan akka ar⁠i⁠ʼatu kan godhe hinaaffaa inni aadaa Yihudootaatiif qabu ture.

XAABIITAA​—⁠‘ISHEE HOJIIWWAN GAGGAARII HEDDUU HOJJETTU’

Xaabiitaan nama gargaarsi barbaachisu tokkoof kennaa kennaa jirti.

Xaabiitaan gumii magaalaa Yophee ishee qarqara galaanaatti argamtu keessa turte. Isheen “hojiiwwan gaggaarii hedduu kan hojjettuu fi kennaa gara laafinaa kan kennitu” waan turteef obboloonni baa⁠⁠y⁠ʼee ishee jaallatu. (HoE. 9:​36) Akkuma Yihudootaa fi saboota naannoo sana jiraatan kaanii, Xaabiitaanis maqaa lama, jechuunis maqaa Ibrootaa ykn Aramaayikii fi maqaa Giriikii ykn Laatiinii qabdi. Maqaan Giriikii ishee inni Dorqaa jedhu afaan Aramaayikiitiin hiika “Xaabiitaa” jedhu qaba. Maqaan lamaanuu hiikni isaa “Kuruphee” jechuudha.

Haalli isaa akka argisiisutti, Xaabiitaan tasa dhukkubsattee duute. Kanaafuu, akka aadaasaaniitti reeffi ishee dhiqamee kafaname. Achiis kutaa fooqiirraa keessa ka⁠a⁠ʼame; bakki kun mana ishee t⁠a⁠ʼuu hin oolu. Qilleensi baha giddu galeessaa h⁠o⁠ʼaa waan t⁠a⁠ʼeef namni d⁠u⁠ʼe tokko guyyuma sanatti ykn guyyaa itti aanutti awwaalamuu qaba. Kiristiyaanonni Yophee, Pheexiros ergamaan magaalaa Lidaa ishee isaanitti dhihoo taate keessa akka jiru dhag⁠a⁠ʼan. Fageenyi magaalota kana lamaan gidduu jiru kiilomeetira 18 qofa waan t⁠a⁠ʼee fi s⁠a⁠ʼaatii afur qofa waan deemsisuuf, Pheexiros Xaabiitaan awwaalamuu ishee dura Yophee g⁠a⁠ʼuu ni dand⁠a⁠ʼa. Kanaaf obboloonni Pheexiros dafee akka achi g⁠a⁠ʼuuf nama lama isatti ergan. (HoE. 9:​37, 38) Hayyuun tokko, “Aadaa Yihudoota durii keessatti ergaadhaaf nama lama erguun baramaa ture; kun kan godhamu wanta namni tokko dubbatu inni kan biraan akka raggaasisuufi” jedheera.

Pheexiros yommuu achi g⁠a⁠ʼu maaltu t⁠a⁠ʼe? Seenaansaa akkana jedha: “Gara kutaa fooqii irra jiru sanaatti isa geessan; dubartoonni abbootiin manaa irraa d⁠u⁠ʼan hundis isatti dhihaatanii bo⁠o⁠ʼaa uffata hedduu Dorqaan yommuu isaanii wajjin turtetti hojjette isatti argisiisu turan.” (HoE. 9:​39) Xaabiitaan obboloota biratti akka jaallatamtu wantoota godhan keessaa tokko uffata isaaniif hojjechaa kan turte t⁠a⁠ʼuu isheeti. Uffata jalaa fi irratti uffatamu isaaniif hojjetti turte. Kitaabni Qulqulluun Xaabiitaan uffaticha kirrii isaan isheetti kennaniin akka hojjette ykn ofuma isheetii bittee akka isaaniif hojjette hin dubbatu. Kanas t⁠a⁠ʼe sana, gaarummaan ishee fi ‘kennaan gara laafinaa’ ishee akka jaallatamtu ishee taasiseera.

Wanti Pheexiros kutaa fooqiirraa sana keessatti arge isa gaddisiisee t⁠a⁠ʼuu qaba. Hayyuun Riichaard Iskoolaar jedhamu, “Bo⁠o⁠ʼichi bakka kana ture, isa mana Yaayirositti dubartoonni kaffalameefii boossisanii fi ululleedhaan deggeramerraa addadha. Inni iddoo kanaa sirnuma bo⁠o⁠ʼichaa raawwachuuf qofa kan godhame hin turre” jedheera. (Mat. 9:​23) Bo⁠o⁠ʼicha garaadhaa madde ture. Wa⁠a⁠ʼeen abbaa manaa asirratti caqasamuu dhiisuunsaa namoonni hedduun Xaabiitaan qeenxee turte akka jedhan godheera.

Yesuus yeroo ergamoota isaa lallabaaf ergetti ‘d⁠u⁠ʼaa akka kaasan’ aangoo isaaniif kennee ture. (Mat. 10:⁠8) Pheexiros, intala Yaayiros dabalatee yeroo Yesuus namoota d⁠u⁠ʼaa kaasu kan arge t⁠a⁠ʼus, Xaabiitaa dura ergamoonni nama kan biraa d⁠u⁠ʼaa akka kaasan hin ibsamne. (Mar. 5:​21-​24, 35-​43) T⁠a⁠ʼus amma Pheexiros, namoota kuticha keessa jiran erga gadi baasee booda, kadhannaa garaadhaa madde kan dhiheesse yommuu t⁠a⁠ʼu, Xaabitaanis ijashee banachuudhaan ol kaatee teesse. Yeroo inni Xaabiitaa d⁠u⁠ʼaa kaasee isaan duratti dhiheessu, qulqulloonnii fi dubartoonni abbootiin manaa irraa d⁠u⁠ʼan sun baa⁠⁠y⁠ʼee gammadanii t⁠a⁠ʼuu qaba!​​—⁠HoE. 9:​40-​42.

a Saanduqa, “Saaʼol Fariisicha” jedhu ilaali.

b Akka walii galaatti yeroo ilaallu, kennaan hafuura qulqulluu kan darbu karaa ergamootaa ture. Yeroo kanatti garuu Yesuus, Anaaniyaas kennaa hafuura qulqulluu Saaʼoliif akka kennu kan isa muude fakkaata. Saaʼol erga jijjiiramee booda yeroo dheeraadhaaf ergamoota 12​nii wajjin wal hin argine. Taʼus, yeroowwan kanatti lallabaa kan ture taʼuu hin oolu. Kunimmoo, Saaʼol hojii lallabaa isaaf kenname raawwachuu akka dandaʼuuf Yesuus humna isaaf kennee akka ture mirkaneessa.

c Saanduqa, “Xaabiitaa—‘Ishee Hojiiwwan Gaggaarii Hedduu Hojjettu’” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi