LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 14 ful. 122-131
  • “Sagalee Tokkoon Murteessine”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Sagalee Tokkoon Murteessine”
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Wanti Raajonni Dubbatan . . . Kanaa Wajjin Wal Sima” (Hojii Ergamootaa 15:13-21)
  • ‘Namoota Filataman Ergan’ (Hojii Ergamootaa 15:22-29)
  • “Jajjabina Argatanitti Baayʼee Gammadan” (Hojii Ergamootaa 15:30-35)
  • Qaamni Olaanaan Yeroo Harʼaa Jiru Kan Hojjetu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • Yeroo Ammaatti Saba Waaqayyoo Geggeessaa kan Jiru Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Mormii . . . Guddaa Erga Godhanii Booda”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • “Garbichi Amanamaanii fi Ogeessi” Eenyu? Hojiin Isaa hoo Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 14 ful. 122-131

BOQONNAA 14

“Sagalee Tokkoon Murteessine”

Murtoo Qaamni olaanaan godhee fi tokkummaa murtoon kun gumii keessatti argamsiise

Hojii Ergamootaa 15:13-35​rratti kan hundaaʼe

1, 2. (a) Qaama olaanaa jaarraa jalqabaa gaaffii cimaa akkamiitu mudate? (b) Obboloonni kun wantoota murtoo sirrii gochuuf isaan gargaaran akkamii argatan?

HUNDI isaanii murtoo irra gaʼan beekuuf hawwaniiru. Ergamoonnii fi jaarsoliin mana Yerusaalem keessatti argamu tokko keessa jiran murtoo barbaachisaa tokkorra waan gaʼaniif ajaaʼibsiifannaadhaan wal ilaalaa jiru. Dhimmi dhaqna qabaa gaaffiiwwan ciccimoo kaaseera. Kiristiyaanonni Seera Musee jala jiruu? Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii fi hin taane gidduu garaagarummaan jiraachuu qabaa?

2 Dhiironni geggeessitoota taʼan kun ragaa argatanirratti sirriitti yaadaniiru. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran ilaalaniiru, muuxannoo saboonni Yihudoota hin taane Yihowaa duratti fudhatama akka argatan argisiisus dhaggeeffataniiru. Hundi isaaniiyyuu yaada qaban ibsaniiru. Dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon argatan murtoo gochuuf gaʼaa ture. Hafuurri Yihowaa kallattii isaanitti argisiisaa ture. Maarree dhiironni kun kallattii kanarra ni deemuu laata?

3. Seenaa Hojii Ergamootaa boqonnaa 15​rratti argamu qoruun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

3 Dhimma kanarratti qajeelfama hafuura qulqulluu fudhachuun amantii fi ija jabina gaafata. Murtoon isaan godhan geggeessitoonni amantii Yihudii caalaatti akka isaan jibban gochuu dandaʼa. Obboloota gumii keessa jiranii fi sabni Waaqayyoo Seera Musee akka eegu barbaadan irraas mormiin isaanirra gaʼuu dandaʼa. Maarree qaamni olaanaan maal godha? Mee haa ilaallu. Kana malees, Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaatti argamu fakkeenya isaanii hordofaa kan jiru akkamitti akka taʼe ni ilaalla. Nutis jireenya keenya keessatti yommuu murtoo goonutti ykn yeroo rakkinni nu mudatutti fakkeenya kana hordofuu ni dandeenya.

“Wanti Raajonni Dubbatan . . . Kanaa Wajjin Wal Sima” (Hojii Ergamootaa 15:13-21)

4, 5. Yaaqoob raajii Kitaaba Qulqulluu keessaa yaada maricha gabbisu akkamii caqase?

4 Ittaansuudhaan, Yaaqoob baratichi inni karaa haadhaa obboleessa Yesuus taʼe dubbachuu eegale.a Yeroo kanatti dura taaʼaa walgaʼichaa waan ture fakkaata. Yaadni inni dubbate murtoo gareen kun irra gaʼe gabaabsee kan ibsu taʼuu hin oolu. Yaaqoob dhiirota walitti qabamanii jiran sanaan akkana jedhe: “Waaqayyo saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif akkamitti xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti akka naannesse Simiʼoon akka gaariitti ibseera. Wanti raajonni [dubbatanis] . . . kanaa wajjin wal sima.”—HoE. 15:14, 15.

5 Yaadni Simiʼoon Pheexiros dubbatee fi ragaan Barnaabaasii fi Phaawulos dhiheessan Yaaqoob caqasoota dhimma irratti mariʼachaa jiranii wajjin wal qabatan akka yaadatu godhee taʼuu dandaʼa. (Yoh. 14:26) Yaaqoob, “Wanti Raajonni dubbatan . . . kanaa wajjin wal sima” erga jedhee booda, yaada Amoos 9:11 fi 12​rratti argamu caqase. Kitaabni kun kan argamu kutaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa ‘raajota’ jedhamee beekamu keessattidha. (Mat. 22:40; HoE. 15:16-18) Yaadni Yaaqoob caqase yaada yeroo harʼaatti kitaaba Amoosirratti argamurraa hamma tokko adda akka taʼe hubatteetta taʼa. Yaaqoob kan caqase Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa isa Afaan Giriikiitti hiikamee fi Saptuujantii jedhamurraa taʼuu hin oolu.

6. Kitaabni Qulqulluun obboloonni yaada Waaqayyoo akka baran kan gargaare akkamitti?

6 Yihowaan karaa raajicha Amos, “daasii Daawit” ol kaasuuf yeroo akka ramade dubbateera. ‘Daasiin Daawit’ hidda sanyii moototaa gara Mootummaa Masiihichaatti geessu argisiisa. (His. 21:26, 27) Yihowaan ammas Yihudootaa wajjin qofa hariiroo addaa ni qabaataa laata? Lakki. Raajichi, ‘namoonni saboota hundumaa keessaa dhufan’ wal faana taʼuudhaan “warra maqaa [Waaqayyootiin] waamaman” akka taʼan dubbata. Pheexiros Waaqayyo “nuu [jechuunis Yihudootaa] fi isaan [jechuunis saboota kaan] gidduutti garaa garummaa hin goone; kanaa mannaa, amantii isaaniitiin garaa isaanii qulqulleesseera” jechuudhaan akka ibse yaadadhu. (HoE. 15:9) Jecha biraatiin Waaqayyo Yihudoonnis taʼan saboonni kaan dhaaltuu mootummichaa akka taʼan barbaada. (Rom. 8:17; Efe. 2:17-19) Namoonni Kiristiyaanummaa fudhatan dhaaltuu mootummichaa taʼuudhaaf jalqaba dhaqna qabachuu qabu ykn amantaa Yihudii fudhachuu qabu yaadni jedhu Kitaaba Qulqulluu keessa hin jiru.

7, 8. (a) Yaaqoob yaada akkamii dhiheesse? (b) Yaada Yaaqoob dubbate akkamitti hubachuu qabna?

7 Yaaqoob ragaa Kitaaba Qulqulluu fi yaada obboloonni dubbatan irratti hundaaʼuudhaan obboloonni dhimmicharratti akka yaadaniif yaada itti aanu dubbate: “Kanaafuu, akka ilaalcha kootti namoota saboota kaan keessaa gara Waaqayyootti deebiʼan utuu rakkisuu baannee gaarii dha; kanaa mannaa, wantoota waaqolii tolfamoodhaan xuraaʼan irraa, halalummaa irraa, foon horii hudhamee duʼee irraa, akkasumas dhiiga irraa akka fagaatan isaaniif haa barreessinu. Bara duriitii jalqabee Museen namoota magaalaa hunda keessatti dubbii isaa lallaban qaba ture; sababiin isaas, kitaabonni isaa namoonni akka dhaggeeffataniif yeroo hunda sanbata sanbata mana sagadaa keessatti ni dubbifamu.”—HoE. 15:19-21.

8 Yaaqoob, “kanaafuu akka ilaalcha kootti” ykn akka miiljaleen jedhutti akka “murtoo” kootti yommuu jedhu dura taaʼaa walgaʼii sanaa waan tureef aangoo isaa argisiifachaa ykn wanta obboloonni murteessu qaban isaanitti himaa turee? Matumaa. Yaaqoob obbolootarratti aangoo isaa argisiisaa hin turre. Kanaa mannaa, ragaa argatee fi wanta Kitaabni Qulqulluun jedhurratti hundaaʼuudhaan dhimma irratti yaaduu qaban isaanitti himaa ture.

9. Yaadni Yaaqoob dhiheesse buʼaa akkamii argamsiise?

9 Yaadni Yaaqoob dhiheesse gaarii turee? Eeyyee! Ergamoonnii fi jaarsoliin booda hojiirra waan oolchaniif gaarii ture. Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? Gama tokkoon murtoon godhame Kiristiyaanonni saboota kaan keessaa dhufan Seera Musee akka eegan dirqisiisuudhaan kan isaan ‘rakkisu’ hin turre. (HoE. 15:19) Gama biraatiin immoo murtoon godhame kun ilaalcha Yihudoota Kiristiyaanota taʼanii fi waggoota hedduudhaaf Seerri Musee ‘yeroo hunda sanbata sanbata mana sagadaa keessatti yommuu dubbifamu’ dhagaʼaa turanii akka kabajan kan argisiisu ture.b (HoE. 15:21) Yaadni Yaaqoob dhiheesse kun hariiroo Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii fi warra saboota kaan keessaa taʼan gidduu ture akka cimse hin shakkisiisu. Hunda caalaammoo, murtoon kun kaayyoo isaa wajjin waan wal simuuf Yihowaa kan gammachiisu ture. Eeyyee obboloonni kun rakkina tokkummaa fi nagaa gumii saba Waaqayyoo balaadhaaf saaxiluu dandaʼu karaa hundarra caaluun furuu dandaʼaniiru. Kun gumii Kiristiyaanaa yeroo harʼatti argamuuf fakkeenya gaarii taʼa.

Albart Shiroodar Walgaʼii biyyoolessaa bara 1998​tti yommuu haasaa dhiheessu

10. Qaamni Olaanaan yeroo harʼaa fakkeenya Qaama Olaanaa jaarraa jalqabaa kan hordofu akkamitti?

10 Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaatti argamu, akkuma Qaama Olaanaa jaarraa jalqabaa, Yihowaa isa Uumama Cufarratti Olaanaa taʼee fi Yesuus Kiristoos isa Mataa gumii taʼe irraa waan hundumaarratti qajeelfama argachuuf carraaqa.c (1 Qor. 11:3) Kana kan godhu akkamitti? Albart Shiroodar inni bara 1974 eegalee hanga Bitootessa 2006 yeroo jireenya isaa isa lafarraa xumuretti miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajile akkana jedheera: “Qaamni Olaanaan walgaʼii isaa kan godhatu Roobii Roobii yommuu taʼu, hafuura Yihowaa argachuudhaafis kadhannaadhaan eegala. Dhimmi irratti mariʼatanii fi murtoon godhan hundi Dubbii Waaqayyoo wajjin akka wal simu gochuuf carraaqqii cimaa godhu.” Haaluma wal fakkaatuun Miiltan Heenshel inni yeroo dheeraadhaaf miseensa Qaama Olaanaa turee fi Bitootessa 2003​tti jireenya isaa isa lafa irraa xumure Eebbifamtoota Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 101f gaaffii barbaachisaa tokko dhiheessee ture. “Lafa kanarra jaarmiyaa kan biraan Qaamni Olaanaan isaa murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuudhaaf dubbii Waaqayyoo irratti qorannaa godhu jiraa?” jedhee gaafateera. Deebiin isaa ifadha! Hin jiru.

‘Namoota Filataman Ergan’ (Hojii Ergamootaa 15:22-29)

11. Murtoon qaama olaanaa gumiiwwan bira kan gaʼe akkamitti?

11 Qaamni Olaanaan Yerusaalemitti argamu, dhaqna qabaa ilaalchisee tokkummaadhaan murtoo tokko irra gaʼeera. Haataʼu malee, obboloonni gumiiwwan hunda keessatti argaman murtoo kana fudhachuu akka dandaʼaniif karaa ifa taʼee fi nama jajjabeessuun isaanitti himamuu qaba. Maarree karaa buʼa qabeessa taʼeen kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Seenaan isaa akkas jedha: “Ergamoonnii fi jaarsoliin guutummaa gumichaa wajjin taʼuudhaan, namoota isaan gidduudhaa filataman Phaawulosii fi Barnaabaasii wajjin gara Anxokiyaatti erguuf murteessan; akka kanaan Yihudaa isa Barnaabaas jedhamuu fi Siilaas warra obboloota gidduutti itti gaafatamummaa qaban achitti ergan.” Kana malees, xalayaa qopheessanii gumiiwwan Anxokiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraniif akka dubbifamuuf karaa dhiirota kanaa ergan.—HoE. 15:22-26.

12, 13. Qaamni olaanaan (a) Yihudaa fi Siilaasiin erguunsaa (b) xalayaa erguunsaa buʼaa akkamii argamsiise?

12 Yihudaa fi Siilaas ‘obboloota gidduutti itti gaafatamummaa waan qabaniif’ qaama olaanaa bakka buʼuuf gaʼumsa qabu turan. Dhiironni afur bakka buʼanii deemuun isaanii ergaan isaan qabatanii deeman deebii gaaffii gaafatamee qofa utuu hin taʼin, qajeelfama dabalataa qaamni ol aanaan kennes qabatanii akka deeman kan argisiisu ture. ‘Namoonni filataman’ kun achitti argamuun isaanii hariiroon Kiristiyaanota Yerusaalem warra Yihudoota taʼanii fi namoota saboota kaan keessaa Kiristiyaanota taʼan gidduu jiru akka cimu godha. Kun qophii ogummaa fi jaalalarratti hundaaʼedha! Saba Waaqayyoo gidduu nagaa fi tokkummaan akka jiraatu akka godhe beekamaadha.

AKKAATAA QAAMNI OLAANAA YEROO HARʼAA ITTI GURMAAʼE

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaa, akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Qaama Olaanaa dhiirota hafuura qulqulluudhaan dibaman of keessatti qabateen geggeeffamu. Qaamni Olaanaan torbanitti siʼa tokko walgaʼii godhata. Miseensonni qaama olaanaa koree jaʼatti kan gurmaaʼan yeroo taʼu, tokkoon tokkoon koree kanaa itti gaafatamummaa mata isaa qaba.

  • Koreen Qindeessitootaa dhimmoota seeraa fi akkaataa waaʼeen amantii keenyaa miidiyaalee irratti itti darbu olaantummaadhaan toʼata. Akkasumas balaa, ariʼatamaa fi wantoota kan biroo Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa mara irra jiran irra gaʼan hordofa.

  • Koreen Parsoneelii nageenya hafuuraa fi qaamaa obboloota waajjiroota damee Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman keessa tajaajilanii eeguuf qophiiwwan godhaman hordofa. Kana malees, obboloota haaraa waajjiroota damee keessa akka tajaajilaniif affeeramaniif heyyama kenna.

  • Koreen Maxxansaa hojii barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan maxxansuu fi raabsuu toʼata. Kana malees, maashinoota maxxansaa dabalatee qabeenya korporeeshinoonni jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa itti fayyadaman, akkasumas ijaarsa waajjiroota damee, Galma Walgaʼii fi Galma Walgaʼii Gurguddaa toʼata. Dabalataanis, itti fayyadama qarshii buusiidhaan argamee toʼata.

  • Koreen Tajaajilaa hojii lallabaa dabalatee dhimmoota jaarsolii, daawwattoota olaanoo aanaa fi labsitoota yeroo guutuu wajjin wal qabatan hordofa. Dabalataanis koreen kun, hojii addunyaa maratti raawwatamu akka cimsaniif barattoota Mana Barumsaa Giiliyaaditti affeera, akkasumas yeroo xumuran ni ramada.

  • Koreen Barumsaa barumsa walgaʼii aanaa, walgaʼii naannoo fi walgaʼii gumiirratti kennamu, akkasumas wantoota viidiyoo fi sagaleedhaan qophaaʼan olaantummaadhaan hordofa. Barumsa Mana Barumsaa Giiliyaad, Mana Barumsaa qajeelchitootaa fi manneen barnootaa kan birootti kennamu qopheessa, akkasumas obboloota waajjira dameetti fedhiidhaan tajaajilaniif sagantaa hafuuraa qopheessa.

  • Koreen Barreeffamaa nyaata hafuuraa gumiiwwanii fi sabaaf qophaaʼu olaantummaadhaan toʼata. Kana malees, gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif deebii kenna, hojii hiikkaa addunyaa maratti raawwatamu toʼata, akkasumas iskiriiptii diraamaa fi tooriiwwan haasaatiif heyyama kenna.

Qaamni Olaanaan qajeelfama argachuuf hafuura Waaqayyootti amanama. Miseensonni isaa geggeessitoota saba Waaqayyoo akka taʼanitti of hin ilaalan. Kanaa mannaa, akkuma dibamtoota lafarratti argaman kan biroo, isaanis ‘bakka Hoolichi [Yesuus Kiristoos] dhaqu hundatti isa duukaa buʼu.’—Mul. 14:4.

13 Xalayaan ergame, dhaqna qabaa ilaalchisee saboonni kaan maal gochuu akka qaban kan ibsu qofa utuu hin taʼin, eebba Yihowaa argachuu fi isa biratti fudhatama argachuuf wantoota isaan gochuu qabanis kan ibsu ture. Yaadni ijoo xalayichaa akkana jedha: “Wantoota barbaachisoo taʼan kanaan alatti baʼaa dabalataa akka isinitti hin feene, hafuurri qulqulluu fi nuti murteessineerra: wantoota waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼan irraa, dhiiga irraa, foon horii hudhamee duʼee irraa, akkasumas halalummaa irraa fagaadhaa. Wantoota kana irraa guutummaatti yoo fagaattan gaarii isiniif taʼa. Nagaa wajjin!”—HoE. 15:28, 29.

14. Yeroo harʼaa sabni Yihowaa addunyaa qoqqoodame keessatti tokkummaadhaan hojjechuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Yeroo harʼaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 8,000,000 ol taʼanii fi gumiwwan 100,000 ol keessatti argaman amantiidhaanis taʼe hojiidhaan tokkummaa qabu. Addunyaa wal qoqqoodiinsaa fi jeequmsaan guutame kana keessatti tokkummaan akkasii jiraachuu kan dandaʼe akkamitti? Tokkummaan akkasii jiraachuu kan dandaʼe Yesuus Kiristoos inni Mataa gumii Kiristiyaanaa taʼe karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ jechuunis karaa Qaama Olaanaa qajeelfama ifa taʼe waan kennuufidha. (Mat. 24:45-47) Dabalataanis, tokkummaan jiraachuu kan dandaʼe obboloonni addunyaa maratti argaman qajeelfama Qaama Olaanaarraa argatan fedhiidhaan hojiirra waan oolchaniifi.

“Jajjabina Argatanitti Baayʼee Gammadan” (Hojii Ergamootaa 15:30-35)

15, 16. Gumiiwwan qaama olaanaarraa qajeelfama yeroo argatan maaltu isaanitti dhagaʼame? Maaliif?

15 Seenaan Hojii Ergamootaa itti fufuudhaan bakka buutonni Yerusaalemii dhufan sun akkuma Anxokiyaa gaʼaniin, “namoota achitti argaman hunda walitti qabanii xalayaa sana isaanitti kennan” jedha. Maarree obboloonni qaama olaanaarraa qajeelfama kana yommuu argatan maaltu isaanitti dhagaʼame? “Xalayicha erga dubbisanii booda, jajjabina argatanitti baayʼee gammadan.” (HoE. 15:30, 31) Dabalataanis, Yihudaa fi Siilaas “haasaa hedduu dhiheessanii obboloota jajjabeessan.” Obboloonni lamaan kun akkuma Barnaabaas, Phaawulosii fi namoota kaanii “raajota” kan jedhaman fedha Waaqayyoo warra kaanitti waan beeksisaniif ture.—HoE. 13:1; 15:32; Bau. 7:1, 2.

16 Yihowaan murtoo qaamni olaanaan godhe waan eebbiseef gumiin hundi jajjabina argachuu dandaʼeera. Buʼaa gaariin akka argamu gumaacha guddaa kan godhe maalidha? Qaamni olaanaan Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼuu fi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan yeroo sirrii taʼetti qajeelfama ifa taʼe waan kenneef akka taʼe beekamaadha. Obboloota karaa jaalala qabeessa taʼeen murtoo kana isaanitti himan erguun isaaniis gumaacha godheera.

17. Daawwattoonni olaanoo aanaa yeroo harʼaatti argaman fakkeenya Phaawulos, Barnaabaas, Yihudaa fi Siilaas kan hordofan karaawwan kamiini?

17 Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaatti argamu fakkeenya kana hordofuudhaan obboloota addunyaa maratti argamaniif yeroo sirriitti qajeelfama kenna. Murtoo yeroo godhuttis karaa ifa taʼee fi kallattiidhaan gumiiwwaniif dabarsa. Karaawwan kana keessaa tokko daawwannaa daawwattoota olaanaa aanaati. Obboloonni fedhii isaanii aarsaa godhan kun gumii tokkorraa gara gumii kan biraa deemuudhaan miira hoʼaadhaan qajeelfama ifa taʼe kennu. Obboloonni kun akkuma Phaawulosii fi Barnaabaas, ‘namoota kaan hedduu wajjin misiraachoo dubbii Yihowaa barsiisuu fi lallabuudhaan’ tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsu. (HoE. 15:35) Akkasumas, akkuma Yihudaa fi Siilaas ‘haasaa hedduu dhiheessuudhaan’ obboloota jajjabeessu.

18. Sabni Waaqayyoo eebba Yihowaa argachuusaa itti fufuuf maal gochuu qaba?

18 Mee ammammoo waaʼee gumiiwwanii haa ilaallu. Gumiiwwan addunyaa maratti argaman, addunyaa qoqqoodame kana keessatti nagaa fi tokkummaa qabaatanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti? Yeroo booda Yaaqoob baratichi akkas jedhee barreesseera: ‘Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluudha, achiis naga qabeessa, yaada ofiitti kan hin cichinee fi ajajamuuf kan qophaaʼedha.’ “Kana malees, warra nagaa uumaniif, firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe keessatti facaafama.” (Yaq. 3:17, 18) Yaaqoob yaada kana kan dubbate walgaʼii Yerusaalemitti geggeeffame sammuutti qabatee taʼuuf dhiisuu isaa wanta beeknu hin qabnu. Haataʼu malee, seenaan Hojii Ergamootaa boqonnaa 15​rratti argamu akka argisiisutti gumiin eebba Yihowaa argachuu kan dandaʼu tokkummaa yoo qabaate qofa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

19, 20. (a) Gumii Anxokiyaa keessa tokkummaa fi nagaan akka ture wanti argisiisu maalidha? (b) Amma Phaawulosii fi Barnaabaas maalirratti xiyyeeffachuu dandaʼu?

19 Amma, gumiin Anxokiyaa nagaa fi tokkummaa qaba. Obboloonni gumii Anxokiyaa, obboloota Yerusaalemii dhufanii wajjin falmuu mannaa, daawwannaa Yihudaa fi Silaas isaaniif godhanitti gammadaniiru. Seenaansaa itti fufuudhaan, “Yeroo muraasa erga achitti dabarsanii booda, obboloonni nagaadhaan gara warra isaan erganitti [jechuunis gara Yerusaalemitti] isaan geggeessan” jedha.d (HoE. 15:33) Obboloonni Yerusaalem keessa jiranis wanta obboloonni kun daawwannaa isaanii ilaalchisee isaanitti himanitti baayʼee akka gammadan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Gaarummaa guddaa Yihowaatiif galanni haa taʼuutii, obboloonni kun hojiisaanii milkaaʼinaan xumuraniiru.

20 Akkuma daawwattoonni olaanaa aanaa yeroo gumii daawwatanitti godhan, Phaawulosii fi Barnaabaas warri Anxokiyaatti hafan amma hojii lallabaa geggeessuurratti xiyyeeffachuu dandaʼu. (HoE. 13:2, 3) Kun Saba Yihowaatiif eebba guddadhaa. Haataʼu malee Yihowaan labsitoota wangeelaa hinaaffaa qaban kana lamaanitti fayyadamuusaa fi eebbisuusaa kan itti fufe akkamitti? Boqonnaa itti aanu irratti kana ilaalla.

Haati

Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman nyaata hafuuraa karaa Qaama Olaanaa fi bakka buʼoota isaa dhihaaturraa fayyadamaa jiru

YAAQOOB—“OBBOLEESSA GOOFTAA”

Yaaqoob, ilma Yoseefii fi Maariyaam siʼa taʼu, warra karaa haadhaa obbolaa Yesuus taʼan keessaa jalqaba irratti caqasameera. (Mat. 13:54, 55) Kanaaf, ilma Maariyaam isa Yesuusirratti dhalate taʼuu hin oolu. Yaaqoob Yesuusii wajjin waan guddateef, yeroo inni tajaajilu isaa argeera, akkasumas ijaan argus arguu baatus “dinqiiwwan” inni raawwate beeka. Taʼus yeroo kanatti, Yaaqoobii fi obboloonnisaa, obboleessa isaanii isa hangafaa kanatti “hin amanne turan.” (Yoh. 7:5) Yaaqoob akkuma firoota Yesuus warra “Maraateera” jedhanii itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.—Mar. 3:21.

Yaaqoob yommuu maraa Kitaaba Qulqulluu dubbisu.

Erga Yesuus duʼee duʼaa kaafamee booda garuu haalli isaa jijjiirameera. Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti Yaaqoob sadii kan caqasaman taʼus, Yesuus duʼaa kaafamee guyyoota 40f yeroo lafarra turetti kan inni mulʼate Yaaqoob isa obboleessa isaa taʼetti akka taʼe haala isaa irraa hubachuu dandeenya. (1 Qor. 15:7) Mudannoon kun Yaaqoob eenyummaa obboleessa isaa isa hangafaa sirriitti akka baru isa gargaaree taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, Yesuus gara samiitti ol baʼee guyyaa 10 gidduutti, Yaaqoob, haatisaa fi obboloonnisaa, ergamootaa wajjin kadhachuudhaaf kutaa fooqiirraa keessatti walitti qabamanii turan.—HoE. 1:13, 14.

Yaaqoob yeroo booda gumii Yerusaalem keessatti obboleessa kabajamaa waan taʼee tureef ‘ergamaa’ gumii sanaa akka taʼetti ilaalamuu dandaʼeera. (Gal. 1:18, 19) Pheexiros ergamaan yeroo karaa dinqii taʼeen mana hidhaatii baʼetti barattoota kaaniin, “wantoota kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa” jechuun isaa, Yaaqoob gumicha keessatti obboleessa kabajamaa taʼee akka ture argisiisa. (HoE. 12:12, 17) Dhimmi dhaqna qabaa ‘ergamootaa fi jaarsolii’ Yerusaalemitti yeroo dhihaatetti, tarii Yaaqoob dura taaʼaa walgaʼichaa ture taʼa. (HoE. 15:6-21) Akkasumas Phaawulos ergamaan, akkuma Keefaa (Pheexirosii) fi Yohaannis ergamaa, Yaaqoobis gumii Yerusaalemiif ‘akka utubaa’ akka taʼe ibseera. (Gal. 2:9) Phaawulos waggoota muraasa booda adeemsa misiyoonummaa isaa isa sadaffaa xumuree gara Yerusaalemitti erga deebiʼee boodallee, gabaasa tajaajilaa isaa Yaaqoobii fi ‘jaarsolii achi turan hundaaf’ dhiheesseera.—HoE. 21:17-19.

Yaaqoob inni Phaawulos “obboleessa Gooftaa” jedhee waame kun, xalayaa ykn kitaaba Kitaaba Qulqulluu maqaa isaatiin waamamu barreesseera. (Gal. 1:19) Yaaqoob xalayaa isaa kanarratti ergamaa ykn obboleessa Yesuus jedhee utuu hin taʼin, “garbicha Waaqayyoo fi garbicha Gooftaa Yesuus Kiristoos” jedhee of waameera. (Yaq. 1:1) Xalayaansaa kun, Yaaqoob akkuma Yesuus nama uumamaa fi amala namootaa xiyyeeffannaadhaan ilaalu akka ture argisiisa. Yaaqoob, dhugaawwan hafuuraa ibsuudhaaf, taateewwan beekamoo taʼan kanneen akka dambalii galaanaa, samii urjiidhaan guutame, hoʼa aduu, daraaraa, ibidda bosonaa fi beelladoota leenjisuu akka fakkeenyaatti fayyadameera. (Yaq. 1:6, 11, 17; 3:5, 7) Waaqayyo dandeettii yaadaa fi gocha namootaa hubachuu waan isaaf kenneef, ogummaa fi gorsi kitaaba isaa keessatti argamu namoota kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu gargaara.—Yaq. 1:19, 20; 3:2, 8-18.

Yaanni Phaawulos dubbatee fi 1 Qorontos 9:5​rratti argamu, Yaaqoob gaaʼela dhaabbatee akka ture argisiisa. Kitaabni Qulqulluun Yaaqoob yoom ykn akkamitti akka duʼe hin ibsu. Haataʼu malee, Joseefas inni barreessaa seenaa Yihudootaa taʼe, bulchaan Roomaa Phorqiyos Feesxos Dh.K.B. bara 62​tti erga duʼee boodaa fi Albiinus bakka isaa Mootii taʼuu isaa dura, Anaanus (Anaaniyaas) inni luba olaanaa taʼe ‘abbootii murtii Saanhediriin walitti qabee Yaaqoob isa obboleessa Yesuus Kiristoos taʼee fi namoota kan biroo muraasa isaan duratti akka dhiheesse’ ibseera. Akka Joseefas ibsetti, Anaanus namoonni kun “seera waan cabsaniif dhagaadhaan tumamanii akka ajjeefamaniif dabarsee isaan kenneera.”

a Saanduqa, “Yaaqoob—‘Obboleessa Gooftaa’” jedhu ilaali.

b Yaaqoob barreeffamoota Musee irraa malaan caqaseera. Barreeffamoonni kunimmoo seenaawwan Seerri Musee kennamuusaa durayyuu wanta Waaqayyo namoota irraa barbaaduu fi fedhiin Isaa maal akka taʼe argisiisan qabataniiru. Fakkeenyaaf, ilaalchi Waaqayyo dhiigaaf, ejjaa fi waaqa tolfamaa waaqeffachuudhaaf qabu kitaaba Uumamaa keessatti akka gaariitti ibsameera. (Uma. 9:3, 4; 20:2-9; 35:2, 4) Kanaafuu Yihowaan ulaagaasaa Yihudootaa fi namoota Yihudoota hin taane dabalatee namoota hundumaaf ibseera.

c Saanduqa, “Akkaataa Qaamni Olaanaa Yeroo Harʼaa Itti Gurmaaʼe” jedhu ilaali.

d Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko lakkoofsa 34​rratti yaada Siilaas Anxokiyaa keessa turuuf akka murteesse argisiisu itti dabalaniiru. Haataʼu malee, jechoonni kun yeroo booda kan itti dabalaman taʼuu hin oolu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi