LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 15 ful. 133-140
  • ‘Gumiiwwan Jajjabeessuu’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Gumiiwwan Jajjabeessuu’
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Obboloota Deebinee haa Daawwannu’ (Hojii Ergamootaa 15:36)
  • “Falmii Guddaa” (Hojii Ergamootaa 15:37-41)
  • ‘Obboloota Biratti Maqaa Gaarii Qaba Ture’ (Hojii Ergamootaa 16:1-3)
  • ‘Amantiitti Ciman’ (Hojii Ergamootaa 16:4, 5)
  • Ximotewos Tajaajiluuf Fedhiidhaan Of Qopheessee Ture
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Maarqos Isa ‘Ergamuudhaan Waa’ee Baasu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Maarqos Abdii Hin Kutanne
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • ‘Aangoo Yihowaa Biraa Argataniin Ija Jabinaan Dubbatan’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Dabalataan Ilaaluuf
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 15 ful. 133-140

BOQONNAA 15

‘Gumiiwwan Jajjabeessuu’

Daawwattoonni olaanoon gumiiwwan amantiitti akka jabaatan jajjabeessan

Hojii Ergamootaa 15:36–16:5​rratti kan hundaaʼe

1-3. (a) Miiltoon Phaawulos inni haaraan eenyudha? Nama akkamiiti? (b) Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii baranna?

PHAAWULOS ERGAMAAN dargaggeessa isaa wajjin deemu ilaalaa, daandii buʼaa bayii qaburra magaalaa tokkorraa gara isaa kaaniitti deemaa jira. Maqaan dargaggeessa kanaa Ximotewos jedhama. Ximotewos dargaggeessa cimaa umurii dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba 20maniirratti argamu taʼuu hin oolu. Imala isaanii yommuu itti fufan caalaatti qeʼee isaarraa fagaachaa deema. Guyyaansaa galgalaaʼaa yommuu deemu naannoo Lisxiraa fi Iqooniyumirraa caalaatti fagaachaa deemu. Imala isaaniirratti maaltu isaan mudata laata? Kun adeemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa waan taʼeef Phaawulos wanta isaan mudachuu dandaʼu hamma tokko beeka. Balaawwanii fi rakkoowwan hedduun isaan mudachuu akka dandaʼan beeka. Dargaggeessi isaa wajjin jiruhoo rakkoowwan kana ni dandamataa laata?

2 Phaawulos Ximotewosirratti amanannaa cimaa qaba, amanannaansaa kun tarii isa dargaggeessi gad of qabu kun ofiif qabuyyuu caaluu dandaʼa. Wantoonni dhiheenya kana isa mudatan yeroo kamiyyuu caalaa miiltoo gaariin akka isa barbaachisu isa hubachiisaniiru. Phaawulos hojiin isaan eeggatu, jechuunis gumiiwwan daawwachuu fi jajjabeessuun murtoo cimaa gochuu fi yaadaan tokko taʼuu akka gaafatu beeka. Akkas kan isatti dhagaʼame maaliif laata? Sababiin inni tokko Phaawulosii fi Barnaabaas waldhabiinsa gidduu isaaniitti uumameen kan kaʼe waan gargar baʼanii turaniif taʼuu dandaʼa.

3 Boqonnaa kana keessatti karaa gaarii waldhabiinsa furuun itti dandaʼamu baranna. Phaawulos, Ximotewos akka isaa wajjin imalu kan filate maaliif akka taʼes ni baranna. Dabalataanis gaʼee daawwattoonni olaanoo aanaa yeroo harʼaa jiran qaban gadi fageenyaan ilaalla.

‘Obboloota Deebinee haa Daawwannu’ (Hojii Ergamootaa 15:36)

4. Phaawulos imala misiyoonummaa isaa isa lammaffaarratti maal gochuuf karoorfatee ture?

4 Boqonnaa darberratti, obboloonni afur jechuunis Phaawulos, Barnaabaas, Yihudaa fi Siilaas murtoo qaamni olaanaan dhaqna qabaa ilaalchisee dabarse isaanitti himuudhaan gumii Anxokiyaa akka jajjabeessan ilaallee turre. Maarree Phaawulos ittaansee maal godhe? Karoora imalaa haaraa baafatee, Barnaabaasiin, “Mee amma obboloonni magaalota dubbii Yihowaa itti lallabne hunda keessa jiran, haala akkamii keessatti akka argaman ilaaluuf deebinee isaan haa daawwannu” jedhe. (HoE. 15:36) Phaawulos dubbachaa kan ture waaʼee Kiristiyaanota haaraa akkasumaan dhaqanii gaafachuu hin turre. Kitaabni Hojii Ergamootaa kaayyoo imala misiyoonummaa Phaawulos isa lammaffaa sirriitti ibsa. Tokkoffaa, murtoo qaamni olaanaan dabarse obboloota beeksisuusaa itti fufa. (HoE. 16:4) Lammaffaa, daawwataa olaanaa waan taʼeef, amantiitti akka ciman isaan gargaaruudhaan, karaa hafuuraa gumiiwwan ijaaruuf murteesseera. (Rom. 1:11, 12) Jaarmiyaan Yihowaa yeroo harʼaatti argamu fakkeenya ergamootaa hordofaa kan jiru akkamitti?

5. Qaamni Olaanaan yeroo harʼaa jiru gumiiwwaniif qajeelfama kan kennuu fi kan jajjabeessu akkamitti?

5 Yeroo harʼaatti, Kiristoos gumiisaa geggeessuuf Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaatti fayyadamaa jira. Dhiironni amanamoon kun xalayaa, barreeffamoota bifa dijitaalaa fi maxxansaatiin qophaaʼan, akkasumas walgaʼiiwwanii fi mala walqunnamtii kan birootti fayyadamuudhaan gumiiwwan addunyaa maratti argamaniif qajeelfamaa fi jajjabina kennu. Kana malees, Qaamni Olaanaan tokkoon tokkoon gumiiwwanii dhiheenyatti hordofa. Daawwattoonni olaanoo aanaa gumiiwwan akka daawwatan kan godhu kanaafidha. Qaamni Olaanaa jaarsoliin gaʼumsa qaban, addunyaa maratti argamanii fi kumaan lakkaaʼaman, daawwattoota olaanoo aanaa taʼanii akka tajaajilan kallattiidhaan muudeera.

6, 7. Itti gaafatamummaan daawwattoota olaanoo tokko tokko maalfaʼi?

6 Daawwattoonni olaanaa yeroo harʼaa jiran obboloota gumiiwwan daawwatan keessa jiran hundaaf dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennu, akkasumas ni jajjabeessu. Akkamitti? Phaawulosiin dabalatee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuudhaani. Phaawulos obboleessa akkumasaa daawwataa olaanaa taʼeef gorsa akkas jedhu kenneera: “Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti hinaaffaadhaan lallabi; obsa hundumaa fi ogummaa barsiisuutiin balleessaa hubachiisi, cimsii akeekkachiisi, akkasumas cimsii gorsi. . . . Hojii lallabaan wangeelaa hojjetu hojjedhu.”—2 Xim. 4:2, 5.

7 Yaada kanaa wajjin haala walsimuun daawwataan olaanaa fuudheera yoo taʼemmoo haadha manaa isaa wajjin babalʼistoota gumii daawwatu keessa jiranii wajjin bifa tajaajilaa garaa garaarratti hirmaata. Daawwattoonni akkasii tajaajilaaf hinaaffaa qabu, barsiisuu irrattis dandeettii qabu. Amalawwan akkasiimmoo hoolota Yihowaarratti dhiibbaa gaarii geessisu. (Rom. 12:11; 2 Xim. 2:15) Obboloonni kun jaalala ofittummaarraa bilisa taʼe argisiisuudhaan beekamu. Haala qilleensaa mijataa hin taane dabalatee, iddoowwan balaa qabanillee deemuudhaan obbolootasaanii gammachuudhaan tajaajilu. (Filp. 2:3, 4) Akkasumas haasaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kennuudhaan obbolootasaanii ni jajjabeessu, ni barsiisu, akkasumas ni gorsu. Warri gumii keessa jiran hundi amala obboloota kanaa irratti xiinxaluu fi fakkeenya amantiisaanii hordofuudhaan faayidaa argachuu dandaʼu.—Ibr. 13:7.

“Falmii Guddaa” (Hojii Ergamootaa 15:37-41)

8. Barnaabaas yommuu Phaawulos yaada dhiheesse maal godhe?

8 Barnaabaas yaada Phaawulos ‘obboloota akka daawwataniif’ dhiheesse fudhateera. (HoE. 15:36) Lamaan isaaniiyyuu kanaan dura waltaʼiinsaan hojjetaniiru. Naannoo deemuuf jedhanis taʼe namoota daawwachuuf jedhan akka gaariitti beeku. (HoE. 13:2–14:28) Kanaafuu, daawwannaa kanaaf waliin deemuuf karoorfachuun isaanii yaada gaarii fakkaata. Haataʼu malee, rakkinni tokko gidduusaaniitti uumame. Hojiin Ergamootaa 15:37, “Barnaabaas, Yohaannis inni Maarqos jedhamu isaanii wajjin akka deemu murteessee ture” jedha. Barnaabaas akkasumaan yaada dhiheessaa hin turre. Adeemsa misiyoonummaa kanarratti Maarqos inni durbiisaa taʼe akka isaanii wajjin deemu “murteessee ture.”

9. Phaawulos yaada Barnaabaas irratti kan walii hin galle maaliif ture?

9 Phaawulos garuu yaada kanarratti walii hin galle. Maaliifi? Seenaansaa akkas jedha: “Phaawulos garuu Maarqos Phamfiliyaatti isaan biraa waan deebiʼeef, hojichaafis isaanii wajjin waan hin deemneef, isaanii wajjin akka deemu hin barbaanne.” (HoE. 15:38) Maarqos adeemsa misiyoonummaa isaanii isa jalqabaarratti Phaawulosii fi Barnaabaasii wajjin kan deeme taʼus hamma dhumaatti isaanii wajjin hin turre. (HoE. 12:25; 13:13) Imala isaanii jalqabanii utuma baayʼee hin turin Phamfiliyaa keessa utuu jiranii Maarqos hojiisaa dhiisee gara Yerusaalemitti deebiʼe. Kitaabni Qulqulluun maaliif akka inni deebiʼe kan hin ibsine taʼus, Phaawulos gochi Maarqos kun nama itti gaafatamummaan itti hin dhagaʼamne taʼuusaa akka argisiisutti ilaaluu hin oolu. Isatti amanamuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.

10. Phaawulosii fi Barnaabaas gidduutti waldhabiinsi erga uumamee booda maaltu taʼe?

10 Barnaabaas garuu ammayyuu Maarqosiin fudhatee deemuuf kutateera. Phaawulosis isa fuudhee deemuu dhiisuuf akkuma murteessetti jira. Hojiin Ergamootaa 15:39, “Yeroo kanatti falmii guddaan isaan gidduutti waan kaʼeef gargar baʼan” jedha. Barnaabaas Maarqosiin fudhatee gara odoola Qophros isa biyyasaa taʼeetti imale. Phaawulosimmoo adeemsa misiyoonummaasaa itti fufe. Seenaansaa akkas jedha: “Phaawulos immoo Siilaasiin filate; achiis obboloonni gaarummaa Yihowaa isa guddaatti imaanaadhaan erga isa kennanii booda ni deeme.” (HoE. 15:40) Lamaan isaaniiyyuu, “Gumiiwwan jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa” darbanii deeman.—HoE. 15:41.

11. Nama tokkoo wajjin yeroo wal dhabnutti michummaan keenya addaan citee akka hin hafneef amalawwan kamfaatu nu gargaara?

11 Seenaan kun nutis cubbamoota taʼuu keenya nu yaadachiisa. Phaawulosii fi Barnaabaas bakka buʼoota addaa qaama olaanaa taʼanii muudamaniiru. Phaawulos immoo yeroo booda miseensa qaama olaanaa kanaa taʼuu hin oolu. Taʼus, yeroo kanatti Phaawulosis taʼe Barnaabaas cubbuun dhaalan dhiibbaa isaanirratti godheera. Maarree haalli kun michummaasaanii guutummaatti akka addaan kutu ni heyyamuu? Phaawulosii fi Barnaabaas cubbuu kan dhaalan taʼanis, namoota gad of qabanii fi fakkeenya Kiristoos hordofan turan. Yeroo booda dhiifama waliif gochuudhaan michummaa isaanii akka deebifatan hin shakkisiisu. (Efe. 4:1-3) Darbees Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo booda bakkawwan kan birootti waliin hojjetaniiru.a—Qol. 4:10.

12. Jaarsoliin yeroo harʼaatti argaman fakkeenya Phaawulosii fi Barnaabaas hordofuudhaan amalawwan akkamii argisiisuu qabu?

12 Aariidhaan finiinuun amala Barnaabaasii fi Phaawulos hin turre. Barnaabaas nama gaarii fi arjaa waan tureef, ergamoonni maqaasaa isa Yoseef jedhamuun isa waamuu mannaa maqaa masoo, Barnaabaas jechuunis “ilma jajjabinaa” jedhu isaaf moggaasaniiru. (HoE. 4:36) Phaawulosis nama gaarii kunuunsa namaaf gochuudhaan beekamu ture. (1 Tas. 2:7, 8) Daawwattoota olaanoo aanaa dabalatee jaarsoliin yeroo harʼaatti argaman hundi, fakkeenya Barnaabaasii fi Phaawulos hordofuudhaan gad of qabuu fi jaarsolii dabalatee obboloota hundatti gaarummaa argisiisuuf carraaquu qabu.—1 Phe. 5:2, 3.

‘Obboloota Biratti Maqaa Gaarii Qaba Ture’ (Hojii Ergamootaa 16:1-3)

13, 14. (a) Ximotewos eenyudha? Phaawulos isaa wajjin kan wal barehoo akkamitti? (b) Phaawulos Ximotewosiif xiyyeeffannaa addaa kan kenne maaliifi? (c) Ximotewosiif hojii akkamiitu kenname?

13 Phaawulos imala misiyoonummaa isaa isa lammaffaarratti Galaatiyaa ishii kutaa bulchiinsa Roomaa taatee fi gumiiwwan muraasni itti hundeeffaman deemeera. Boodas, “Darbee gaʼe; achiis Lisxiraa dhaqe.” Seenaansaa itti fufuudhaan, “Barataan Ximotewos jedhamu tokko achi jira ture; haati isaa Yihudii Gooftaatti amantu yeroo taatu, abbaan isaa garuu nama Giriikii ture” jedha.—HoE. 16:1.b

14 Phaawulos Dh.K.B. bara 47​tti yeroo naannoo sana daawwatetti maatii Ximotewosii wajjin kan wal bare taʼuu hin oolu. Amma waggaa lama ykn sadii booda yeroo lammaffaaf yommuu naannoo kana daawwatu dargaggeessi Ximotewos jedhamu xiyyeeffannaa isaa harkise. Maaliifi? Sababiin isaas, Ximotewos ‘obboloota biratti maqaa gaarii qaba ture.’ Ximotewos kan jaallatamu obboloota gumiisaa keessa jiran biratti qofa utuu hin taʼin, obboloota gumii kan biraa keessa jiran birattis ni jaallatama ture. Seenaansaa, obboloonni Lisxiraa fi Iqooniyum warra gara kiilomeetira 30 fagaatanii jiran keessatti argaman waaʼeesaa waan gaarii akka dubbatan ibsa. (HoE. 16:2) Jaarsoliin hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan Ximotewos hojii daawwannaarratti Phaawulosii fi Siilaasiin akka gargaaru itti gaafatamummaa ulfaataa isaaf kennan.—HoE. 16:3.

15, 16. Wanti Ximotewos maqaa gaarii akka qabaatu godhe maal ture?

15 Ximotewos umurii ijoollummaasaa kanatti maqaa gaarii akka qabaatu wanti godhe maalidha? Qaxalee taʼuusaatii? Dhaabii qaamaa ykn dandeettii uumamaa qabaachuusaatii? Namoonni yeroo baayʼee wantoota akkasiitiif iddoo guddaa kennu. Saamuʼel raajicha irrattillee wanti alaan mulʼatu yeroo tokko dhiibbaa guddaa godhee ture. Haataʼu malee, Yihowaan, “Waaqayyo kan ilaalu akka namni ilaalutti miti; sababiin isaas, namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala” isaan jedheera. (1 Sam. 16:7) Kanaafuu Ximotewos obboloota biratti maqaa gaarii qabaachuu kan dandaʼe, dandeettii uumamaa qabuun utuu hin taʼin, amalawwan gaggaarii qabuun kan kaʼedha.

16 Phaawulos waggoota hedduu booda amalawwan gaggaarii Ximotewos qabu caqaseera. Phaawulos, Ximotewos amala gaarii akka qabu, jaalala ofittummaarraa bilisa taʼe akka qabuu fi dhimmee gumii akka tajaajilu ibseera. (Filp. 2:20-22) Ximotewos ‘amantii fakkeessaa hin qabne’ qabaachuudhaanis ni beekama ture.—2 Xim. 1:5.

17. Yeroo harʼaatti dargaggoonni fakkeenya Ximotewos hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

17 Yeroo harʼaa, dargaggoonni hedduun amaloota gaarii horachuuf carraaquudhaan fakkeenya Ximotewos hordofaa jiru. Akkas gochuudhaan ijoollummaatti illee Yihowaa fi namoota biratti maqaa gaarii qabaachuu dandaʼu. (Fak. 22:1; 1 Xim. 4:15) Obboloota biratti amala tokko, hiriyootasaanii birattimmoo amala kan biraa argisiisuu dhiisuudhaan amantii fakkeessaa hin qabne akka qaban argisiisu. (Far. 26:4) Dargaggoonni akkasii akkuma Ximotewos, gumii keessatti hojii guddaa hojjechuu dandaʼu. Yommuu ulaagaasaa guutuudhaan babalʼistoota misiraachichaa taʼanii fi yeroo boodammoo yommuu Yihowaaf of murteessanii cuuphaman warra Yihowaa jaallatan hunda ni jajjabeessu!

‘Amantiitti Ciman’ (Hojii Ergamootaa 16:4, 5)

18. (a) Phaawulosii fi Ximotewos hojii daawwannaarra yeroo turanitti qaama olaanaa kan gargaaran akkamitti? (b) Gumiiwwan faayidaa akkamii argatan?

18 Phaawulosii fi Ximotewos waggoota hedduuf waliin hojjetaniiru. Yeroo daawwachaa turanitti qaama olaanaa bakka buʼuudhaan hojiiwwan gara garaa raawwataniiru. Seenaan Kitaaba Qulqulluu, “Magaalota keessa darban hundattis, murtoo ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa jiran murteessan akka eegan obboloota achi jiranitti himu turan” jedha. (HoE. 16:4) Gumiiwwan qajeelfama ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem isaaniif kennan akka hordofan hin shakkisiisu. Kanaan kan kaʼes, “amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.”—HoE. 16:5.

19, 20. Kiristiyaanonni obboloota “dura buutota taʼaniif” ajajamuu kan qaban maaliifi?

19 Yeroo harʼaattis qajeelfama obboloonni “dura buutota taʼan” nuuf kennaniif fedhaan yommuu ajajamnu, Yihowaan gumicha ni eebbisa. (Ibr. 13:17) Doʼiin addunyaa yeroo hunda waan jijjiiramuuf, Kiristiyaanonni nyaata hafuuraa “garbichi amanamaanii fi ogeessi” dhiheessu yeroo hundumaa soorachuun isaanii barbaachisaadha. (Mat. 24:45; 1 Qor. 7:29-31) Akkas gochuun keenya balaan hafuuraa akka nurra hin geenyee fi xurii addunyaarraa of eeguuf nu gargaara.—Yaq. 1:27.

20 Akkuma Phaawulos, Barnaabaas, Maarqosii fi jaarsolii dibamoo jaarraa jalqabaatti turanii, miseensota Qaama Olaanaa dabalatee jaarsoliin yeroo harʼaa jiran hundi cubbuu kan dhaalanidha. (Rom. 5:12; Yaq. 3:2) Haataʼu malee, Qaamni Olaanaan Dubbii Waaqayyoo fi fakkeenya ergamootaa akka gaariitti hordofuudhaan amanamaa taʼuusaa argisiiseera. (2 Xim. 1:13, 14) Kanaan kan kaʼes, gumiiwwan jajjabaachaa fi amantiitti cimaa jiru.

XIMOTEWOS “MISIRAACHICHA BABALʼISUUF” JABAATEE HOJJETEERA

Phaawulos gargaarsa Ximotewos isaaf godhu baayʼee dinqisiifata ture. Dhiironni kun lamaan waggoota 11f erga wal faana hojjetanii booda, Phaawulos waaʼee Ximotewos akkana jedhee barreesseera: “Ani nama akka isaatti waaʼee keessan garaadhaa yaadu kan biraa hin qabu. Inni . . . misiraachicha babalʼisuuf jecha, akkuma ilmi abbaa isaa wajjin hojjetutti anaa wajjin tajaajiluudhaan eenyummaa isaa akkamitti akka mirkaneesse beektu.” (Filp. 2:20, 22) Ximotewos misiraachicha babalʼisuuf jabaatee hojjeteera; kunimmoo, Phaawulos biratti akka jaallatamuu fi fakkeenya gaarii akka nuuf taʼu godheera.

Ximotewos.

Abbaan Ximotewos nama Giriikii, haati isaammoo Yihudii siʼa taatu, kan guddatemmoo Lisxiraatti taʼuu hin oolu. Ximotewos, daaʼimummaa isaatii jalqabee haadha isaa Ewunqee fi akkoo isaa Looyisirraa Kitaaba qulqulluu barateera. (HoE. 16:1, 3; 2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Sadan isaaniiyyuu Kiristiyaanota kan taʼan Phaawulos yeroo jalqabaatiif magaalaa isaanii yeroo daawwatetti taʼuu hin oolu.

Phaawulos waggoota muraasa booda yeroo magaalichatti deebiʼetti, Ximotewos, tarii xumura waggoota kurnanii ykn jalqaba digdammaniirra kan ture taʼus, “obboloota Lisxiraa fi Iqooniyum biratti maqaa gaarii qaba ture.” (HoE. 16:2) Hafuurri Waaqayyoo waaʼee dargaggeessa kanaa “raajii” waan dubbatee tureef, Phaawulosii fi jaarsoliin gumichaa tajaajila addaa akka jalqabu murteessaniiru. (1 Xim. 1:18; 4:14; 2 Xim. 1:6) Kanaaf, adeemsa misiyoonummaa isaarratti Phaawulosii wajjin deemuuf jedha. Ximotewos maatii isaarraa adda baʼee deemuuf jedha; akkasumas mormii Yihudoonni gumii inni daawwatu keessa jiran kaasuu dandaʼan hambisuuf dhaqna qabachuu qaba.—HoE. 16:3.

Ximotewos bakka hedduu deemeera. Filiphisiyusitti Phaawulosii fi Siilaasii wajjin, Beeriyaatti Siilaasii wajjin, kophaa isaammoo Tasalonqeetti tajaajileera. Yeroo Qorontositti Phaawulosii wajjin deebiʼee wal argetti, oduu gaarii obboloonni Tasalonqee qorumsi hedduun utuma isaanirra gaʼuu jaalalaa fi amanamummaa akka argisiisan ibsu isatti himeera. (HoE. 16:6–17:14; 1 Tas. 3:2-6) Phaawulos Efesoon keessa utuu jiruu waaʼee warra Qorontos oduu gaarii hin taane waan dhagaʼeef Ximotewosiin deebisee achitti erguuf yaade. (1 Qor. 4:17) Boodas, utuma Efesoon jiruu, Ximotewosii fi Eraasxosiin gara Maqedooniyaatti ergeera. Yeroo Phaawulos warra Roomaaf barreessetti garuu, Ximotewos Qorontositti deebiʼee isa faana ture. (HoE. 19:22; Rom. 16:21) Bakkawwan kun iddoowwan Ximotewos misiraachichaaf jecha deeme keessaa muraasa isaaniiti.

Phaawulos “Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin” jedhee isaaf barreessuunsaa, Ximotewos aangoosaatti fayyadamuurraa hamma tokko duubatti akka jedhu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (1 Xim. 4:12) Taʼus, Phaawulos isatti amanamuudhaan qajeelfama ‘Namoonni tokko tokko barumsa sobaa akka hin barsiisne isaan ajaji’ jedhu isaaf kennee gumii rakkina hedduu qabutti isa ergeera. (1 Xim. 1:3) Kana malees Phaawulos, Ximotewos gumii keessatti jaarsolii fi tajaajiltoota gumii akka muudu aangoo isaaf kenneera.—1 Xim. 5:22.

Ximotewos amaloota gaggaarii waan qabuuf Phaawulos baayʼee isa jaallata ture. Kitaabni Qulqulluun dargaggeessi kun namatti kan dhihaatu, amanamaa fi akka ilmaa michuu jaalala qabeessa akka taʼe ibsa. Phaawulos imimmaan Ximotewos akka yaadatu, isa arguuf akka hawwuu fi akka isaaf kadhate kan isaaf barreesse kanaafi. Phaawulos akka abbaa namaaf yaadu tokkotti tarii waaʼee dhukkuba garaa taʼuu dandaʼaa, ‘dhukkuba isaa isa deddeebiʼee isatti kaʼu’ ilaalchisee gorsa isaaf kenneera.—1 Xim. 5:23; 2 Xim. 1:3, 4.

Phaawulos yeroo jalqabaatiif Roomaatti hidhamee yeroo turetti Ximotewos isa bira ture. Ximotewosis yoo xinnaate yeroo muraasaaf hidhamee ture. (Film. 1; Ibr. 13:23) Phaawulos yeroo duuti isaa akka dhihaate isatti dhagaʼametti Ximotewosiif, “Ariitiidhaan gara koo dhufuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi” jedhee barreessuunsaa namoonni kun lamaan jaalala guddaa akka waliif qaban argisiisa. (2 Xim. 4:6-9) Ximotewos dafee gaʼee michuu isaa jaallatamaa fi barsiisaa isaa kana arguuf dhiisuun isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne.

MAARQOS MIRGA HEDDUU ARGATEERA

Wangeelli Maarqos, namoonni Yesuusiin qaban ‘dargaggeessa qullaa isaa baqate’ tokkos qabuuf yaalanii akka turan dubbata. (Mar. 14:51, 52) Seenaa kana kan barreesse Maarqos isa Yohaannis Maarqos jedhamees beekamu qofa waan taʼeef, dargaggeessi baqate kun isuma taʼuu dandaʼa. Taanaan, Maarqos yeroo tokko tokko Yesuusii wajjin yeroo dabarsaa ture jechuudha.

Maarqos yommuu jaarsi tokko dubbatu dhaggeeffachaa fi yaadannoo qabachaa jira.

Gara waggaa 11 booda yeroo Herodis Agriiphaan Kiristiyaanota ariʼachaa turetti, miseensonni gumii Yerusaalem “hedduun” kadhannaadhaaf mana Maariyaam haadha Maarqositti walitti qabamanii turan. Pheexiros dinqiidhaan mana hidhaatii yeroo baafametti kan inni deeme gara mana ishii ture. (HoE. 12:12) Kanaaf, Maarqos kan guddate mana yeroo booda walgaʼiin Kiristiyaanaa keessatti geggeeffamaa turetti taʼuu dandaʼa. Maarqos barattoota Yesuus warra jalqabaa akka beeku, isaanis fakkeenya gaarii akka isaaf taʼan hin shakkisiisu.

Maarqos jaarsolii gumii jaarraa jalqabaa hedduu wajjin hojjeteera. Tajaajila isaa kan jalqabe yeroo durbiin isaa Barnaabaasii fi Phaawulos ergamaan Anxokiyaa ishee kan Sooriyaa keessa tajaajilanitti isaanii wajjin hojjechuudhaan taʼuu hin oolu. (HoE. 12:25) Maarqos, yeroo Barnaabaasii fi Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaanii isa jalqabaa eegalanitti, jalqaba gara Qophrositti, achiis gara Eeshiyaa Xinnootti isaan faana imaleera. Maarqos sababii hin beekamneen gara Yerusaalemitti kan deebiʼe bakka kanaa ture. (HoE. 13:4, 13) Akkuma Hojii Ergamootaa boqonnaa 15​rratti ibsame, Barnaabaasii fi Phaawulos sababa Maarqosiin erga walii galuu dadhabanii booda, Maarqosii fi Barnaabaas Qophrositti tajaajiluu isaanii itti fufanii turan.—HoE. 15:36-39.

Maarqosii fi Phaawulos Dh.K.B. bara 60 ykn 61​tti Roomaatti waliin tajaajilaa akka turan ibsamuun isaa, wal dhabiinsa gidduu isaaniitti uumame sana furanii akka turan argisiisa. Phaawulos magaalaa kanatti yeroo hidhamee turetti gumii Qolosaayisiif akkana jedhee barreesseera: ‘Arisxaarkos inni anaa wajjin hidhame nagaa isiniif dhaameera; Maarqos inni durbii Barnaabaas taʼes nagaa isiniif dhaameera (inni yoo gara keessan dhufe akka isa simattan qajeelfamni isiniif kennameera).’ (Qol. 4:10) Kanaafuu, Phaawulos, Yohaannis Maarqos bakka buʼaa isaa taʼee Roomaadhaa gara Qolosaayis akka deemu isa erguuf yaadaa jira.

Maarqos Dh.K.B. bara 62 fi 64 gidduutti Pheexirosii wajjin Baabilon keessatti hojjeteera. Boqonnaa 10​ffaa kitaaba kanaarratti akkuma ibsame, Pheexiros dargaggeessa kanaan ‘Ilma koo Maarqos’ jechuunsaa, hariiroo cimaa uumanii akka turan argisiisa.—1 Phe. 5:13.

Xumura irrattimmoo, Dh.K.B. naannoo bara 65​tti, Phaawulos yeroo lammaffaatiif Roomaatti yeroo hidhametti, Ximotewos isa hidhatasaa taʼee fi Efesoon keessa jiruuf “Maarqos tajaajilaaf waan na fayyaduuf isa fidii kottu” jedhee barreesseera. (2 Xim. 4:11) Maarqos affeerraa kana fudhatee Efesoonii gara Roomaa akka dhaqe hin shakkisiisu. Kanaafuu, Barnaabaas, Phaawulosii fi Pheexiros nama kanaaf bakka guddaa kennuun isaanii nama hin dinqisiisu!

Mirgi guddaan Maarqos argate hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee seenaa Wangeelaa barreessuu isaati. Namoonni tokko tokko Maarqos odeeffannoo hedduu kan argate Pheexiros ergamaarraa akka taʼe dubbatu. Seenaan Maarqos gabaase odeeffannoo namni ijaan arge kan akka Pheexiros qofti beekuu dandaʼu waan qabateef, yaanni isaanii kun dhugaa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, Maarqos wangeela isaa kan barreesse Baabilonitti yeroo Pheexirosii wajjin turetti utuu hin taʼin, Roomaa keessatti ture. Maarqos jechoota Laatiinii hedduutti fayyadameera, akkasumas jechoota afaan Ibrootaa namoota Yihudoota hin taanetti cimuu dandaʼan hedduu hiikeera; kunimmoo adda durummaadhaan warra Yihudoota hin taaneef akka inni barreesse argisiisa.

a Saanduqa, “Maarqos Mirga Hedduu Argateera” jedhu ilaali.

b Saanduqa, “Ximotewos ‘Misiraachicha Babalʼisuuf’ Jabaatee Hojjeteera” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi