LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 16 ful. 141-150
  • “Gara Maqedooniyaatti Ceʼi”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Gara Maqedooniyaatti Ceʼi”
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Waaqayyo nu Waameera’ (Hojii Ergamootaa 16:6-15)
  • “Namoonni Hedduun . . . Isaan Irratti Kaʼan” (Hojii Ergamootaa 16:16-24)
  • “Dafanii Cuuphaman” (Hojii Ergamootaa 16:25-34)
  • “Amma Immoo Dhoksaatti Gad nu Baasuu Barbaaduu?” (Hojii Ergamootaa 16:35-40)
  • ‘Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Kitaabota Qulqulluu Irraa Dubbisee Isaanii Wajjin Mariʼate”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 16 ful. 141-150

BOQONNAA 16

“Gara Maqedooniyaatti Ceʼi”

Phaawulosii fi michoonnisaa ramaddii isaaniif kenname fudhachuu fi ariʼatama gammachuudhaan dandamachuun isaanii namoota hedduuf eebba argamsiise

Hojii Ergamootaa 16:6-40​rratti kan hundaaʼe

1-3. (a) Hafuurri qulqulluun Phaawulosii fi michootasaa kallattii kan qabsiise akkamitti? (b) Kanatti aansinee maal qorra?

DUBARTOONNI muraasni magaalaa Filiphisiyus ishii Maqedooniyaatti argamtu keessaa baʼaa jiru. Utuma baayʼee hin turin, laga xinnoo Gaangaayitis jedhamu bira gaʼan. Achiis akkuma amala isaanii lagicha qarqara taaʼanii Waaqa Israaʼelitti kadhannaa dhiheessuu jalqaban. Yihowaanis isaan ilaalaa ture.—2 Sen. 16:9; Far. 65:2.

2 Gareen dhiirotaa tokkommoo magaalaa Lisxiraa ishii Kibba Galaatiyaatti argamtuu fi Filiphisiyusirraa kallattii bahaatiin kiilomeetira 800 ol fagaattu keessaa baʼaa jira. Guyyoota hedduu booda daandii Roomaa isa dhagaadhaan afamee fi kallattii dhihaatiin gara koonyaa Eeshiyaa isa namoonni hedduun keessa jiraatanitti geessurra gaʼan. Namoonni kun Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewos jedhamu. Kaayyoonsaanii daandii kana qabatanii asii gadi deemuudhaan Efesoonii fi magaalota kan biroo namoonni kumaan lakkaaʼaman keessa jiranitti waaʼee Kiristoos lallabuu ture. Haataʼu malee, kallattii kanarra imaluu eegaluu isaanii dura, akkamitti akka taʼe ibsamuu baatus hafuurri qulqulluun isaan dhaabe. Eeshiyaa keessatti akka hin lallabne dhowwaman. Maaliif? Yesuus Phaawulosii fi michoonnisaa Eeshiyaa Xinnoo keessa darbanii Galaana Eejiyaan ceʼuudhaan, laga xinnoo Gaangaayitis jedhamu bira akka dhaqan hafuura qulqulluudhaan isaan qajeelchuu waan barbaadeef ture.

3 Akkaataa Yesuus Phaawulosii fi michootasaa gara Maqedooniyaatti itti qajeelcherraa barumsawwan barbaachisoo tokko tokko barachuu dandeenya. Kanaafuu, mee wantoota Dh.K.B. bara 49, yeroo Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa isa lammaffaa jalqabetti raawwataman tokko tokko haa qorru.

‘Waaqayyo nu Waameera’ (Hojii Ergamootaa 16:6-15)

4, 5. (a) Gareen Phaawulos Bitiiniyaa bira yommuu gaʼu maaltu isa mudate? (b) Barattoonni kun murtoo akkamii godhan? Murtoon isaanii kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

4 Phaawulosii fi michoonnisaa Eeshiyaa keessatti akka hin lallabne waan dhowwamaniif magaalota Bitiiniyaatti lallabuuf kallattii kaabaatti deebiʼan. Achi gaʼuudhaaf daandiiwwan mijatoo hin taane qabatanii naannoowwan Firgiyaa fi Galaatiyaa warra namoonni faffacaʼanii keessa jiraatan keessa darbuudhaan guyyoota hedduuf deemanii taʼuu qaba. Haataʼu malee yommuu Bitiiniyaatti dhihaatan, Yesuus ammas hafuura qulqulluutti fayyadamee daandii isaan jijjiirsise. (HoE. 16:6, 7) Yeroo kanatti namoonni kun bitaa isaanitti galee taʼuu qaba. Maal akka lallabanii fi akkamitti akka lallaban kan beekan taʼus, eessatti akka lallaban garuu hin beekan. Eeshiyaa deemanii lallabuu barbaadanii turan, garuu achi akka deeman isaaniif hin heyyamamne. Bitiiniyaa deemuuf yaalanii turan, garuu ammas Yesuus achittis akka lallaban isaaniif hin heyyamne. Haataʼu malee Phaawulos, bakka itti lallabu hamma argatutti deemsasaa itti fufuuf murteessee ture. Achiis namoonni kun murtoo gaarii hin fakkaanne tokko godhan. Kallattii Lixaatti garagaluudhaan magaalota hedduu keessa darbanii kiilomeetira 550 deemuudhaan buufata doonii Xiroʼaas bakka doonii Maqedooniyaa itti qabatan gaʼan. (HoE. 16:8) Ammas, yeroo sadaffaaf Phaawulos naannoo kanatti lallabuuf yaale; yeroo kanatti Yesuus akka lallabu isaaf heyyame.

5 Luqaas inni barreessaa wangeelaa taʼee fi Xiroʼaasitti garee Phaawulosii wajjin wal arge akkas jedhee gabaaseera: “Phaawulos halkan sana namni Maqedooniyaa tokko achi dhaabbatee, ‘Gara Maqedooniyaatti ceʼiitii nu gargaari’ jedhee yommuu isa kadhatu mulʼataan arge. Akkuma inni mulʼata kana argeenis, Waaqayyo misiraachicha akka isaaniif lallabnu nu waameera jennee waan yaadneef gara Maqedooniyaa dhaquuf yaalle.”a (HoE. 16:9, 10) Dhumarratti Phaawulos eessatti akka lallabu ni beeke. Phaawulos abdii kutatee imala sana addaan kutuu dhiisuu isaatti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu! Namoonni arfan sun yeruma sana gara Maqedooniyaatti bidiruudhaan deeman.

Phaawulosii fi Ximotewos dooniirra dhaabbatanii. Namoonni dooniirra yeroo hojjetan Ximotewos harkasaa diriirsee Phaawulositti waa argisiisaa jira.

“Kanaafuu, dooniidhaan Xiroʼaasii kaanee . . . deemne.”—Hojii Ergamootaa 16:11

6, 7. (a) Wanta imala isaarratti Phaawulosiin mudaterraa barumsa akkamii arganna? (b) Muuxannoon Phaawulos waaʼee maalii mirkanaaʼoo akka taanu nu gargaara?

6 Seenaa kanarraa maal baranna? Mee yaadi, hafuurri Waaqayyoo kan isa dhaabsise erga Phaawulos Eeshiyaatti qajeelee boodadha. Yesuus kan gidduu gale erga Phaawulos Bitiiniyaatti dhihaatee boodadha. Phaawulos Maqedooniyaa akka deemu qajeelfama kan isaaf kenne erga Phaawulos Xiroʼaas gaʼee boodadha. Yesuus inni Mataa gumii taʼe, nuunis yeroo harʼaa haaluma kanaa wajjin wal fakkaatuun nu qajeelchuu dandaʼa. (Qol. 1:18) Fakkeenyaaf qajeelchaa taanee tajaajiluuf ykn naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemuuf yaaduu erga jalqabnee turreerra taʼa. Haataʼu malee, Yesuus hafuura Waaqayyootiin kan nu qajeelchu galma keenyarra gaʼuuf tarkaanfii qabatamaa erga fudhannee booda taʼuu dandaʼa. Maaliif? Fakkeenya tokko haa ilaallu: Konkolaachisaan tokko konkolaataasaa gara bitaa ykn mirgaatti naannessuu dandaʼa. Kana kan godhu garuu erga konkolaataan sun deemuu jalqabee boodadha. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus tajaajila keenya akka balʼifannu qajeelfama nuuf kenna. Haataʼu malee kana kan godhu sochoʼaa jirra yoo taʼe, jechuunis galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii cimaa gochaa jirra yoo taʼe qofadha.

7 Haataʼu malee, carraaqqiin goone yeruma sana buʼaa argamsiisuu yoo baatehoo? Hafuurri Waaqayyoo nu qajeelchaa hin jiru jennee yaaduudhaan abdii kutachuu qabnaa? Matumaa. Phaawulosis galma isaarra kan gaʼe salphaadhumatti akka hin taane yaadadhu. Taʼus, bakka itti lallabu hamma argatutti carraaqqii gochuusaa hin dhaabne. Nutis ‘balbala hojii balʼaa’ argachuuf jabaannee barbaaduu keenya yoo itti fufne Yihowaan carraaqqii keenya akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Qor. 16:9.

8. (a) Magaalaan Filiphisiyus maal akka fakkaattu ibsi. (b) Phaawulos ‘bakka kadhannaan itti godhamutti’ lallabuunsaa buʼaa gammachiisaa akkamii argamsiise?

8 Gareen Phaawulos koonyaa Maqedooniyaa erga gaʼee booda gara magaalaa Filiphisiyus ishee jiraattonni ishee lammii Roomaa taʼuu isaaniitti boonanii deeme. Wantoonni magaalaa Filiphisiyus keessa jiran baayʼeen isaanii kan Roomaa wajjin wal fakkaatu; akkasumas loltoonni Roomaa soorama baʼan hedduun bakka kana jiraatu. Misiyoononni kun karra magaalichaatii alatti, laga tokko qarqaratti ‘bakka kadhannaan itti godhama’ jedhanii yaadan tokko argatan.b Guyyaa Sanbataatti bakka kana deemanii dubartoota Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabaman hedduu argatan. Achiis barattoonni kun bakka sana taaʼanii isaan haasofsiisuu jalqaban. Yeroo kanatti dubartiin Liidiyaa jedhamtu tokko ni “dhaggeeffatti turte; Yihowaanis . . . garaa ishii akka gaariitti ishiidhaaf ni bane.” Liidiyaan wanti misiyoonota kanarraa baratte garaashee baayʼee waan tuqeef ishii fi maatiin ishii ni cuuphaman. Achiis Phaawulosii fi miltoowwansaa mana ishii akka buufatan goote.c—HoE. 16:13-15.

9. Yeroo harʼaatti obboloonni hedduun fakkeenya Phaawulos kan hordofan akkamitti? Kunoo eebba akkamii isaaniif argamsiise?

9 Yeroo Liidiyaan cuuphamtetti gammachuu guddaan akkamii akka ture mee yaadi! Phaawulos affeerraa “Gara Maqedooniyaatti Ceʼi” jedhu fudhachuu isaatti, akkasumas Yihowaan kadhannaa dubartoota Waaqayyoon sodaatan sanaa deebisuuf isaa fi michoota isaatti akka fayyadame yommuu beeku baayʼee gammadee taʼuu qaba! Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaas obboloonnii fi obboleettonni hedduun jechuunis, dargaggootas taʼan maanguddoota, gaaʼela kan godhatanis taʼan kan hin godhanne bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan ni deemu. Dhugaadha, rakkinni isaan mudata; haataʼu malee rakkinni kun, gammachuu namoota akka Liidiyaa jiran dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuudhaan argamuu wajjin yommuu wal bira qabamu wayittuu kan lakkaaʼamu miti. Bakka gargaarsi barbaachisutti ceetee tajaajiluuf sirreeffama barbaachisu gochuu ni dandeessaa? Yoo akkas goote eebba hedduu argachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, obboleessi Aaroon jedhamuu fi umurii waggoota digdammanii keessatti argamu tajaajilasaa balʼifachuuf gara biyya Ameerikaa Giddu Galeessaatti argamtu tokkoo deeme. Akkuma obboloota biyyoota kan birootti tajaajilan kaanii, innis, “Biyya alaatti tajaajiluun koo karaa hafuuraa akkan guddadhuu fi Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaareera. Tajaajilli baayʼee gammachiisaadha; amma namoota saddeet Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaan jira” jedheera.

Obboleettonni lama daandii irratti shamarree tokkoof lallabaa jiru. Dargaggeessii tokkommoo waaʼee maalii akka haasaʼan beekuuf gara isaanii ilaalaa jira.

Yeroo harʼaatti, ‘gara Maqedooniyaatti ceʼuu’ kan dandeenyu akkamitti?

“Namoonni Hedduun . . . Isaan Irratti Kaʼan” (Hojii Ergamootaa 16:16-24)

10. Jinniiwwan, namoonni Phaawulosii fi miltoowwansaa akka morman gochuuf maal godhan?

10 Seexanni biyyoota innii fi jinniiwwansaa mormii tokko malee toʼachaa turan keessatti namoonni misiraachicha baratanii yommuu cuuphaman baayʼee aara. Kanaafuu, jinniiwwan namoonni Phaawulosii fi michootasaa akka morman gochuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuun isaanii nama hin dinqisiisu! Guyyaa tokko bakka waaqeffannaa yommuu dhaqan tajaajiltuun jinnii qabduu fi hooda dubbachuudhaan gooftolii ishiitiif qarshii argamsiistu tokko Phaawulosii fi miltoowwansaa duukaa buʼuudhaan, “Namoonni kun garboota Waaqa Hundaa Olii warra daandii fayyinaa isiniif labsani dha” jettee iyyiti turte. Jinnichi tajaajiltuun sun wantoota kana iyyitee akka dubbattu kan godhe, hoodni ishiin dubbattuu fi wanti Phaawulos barsiisu maddisaa tokko akka taʼe fakkeessuuf ture. Kun taʼuunsaa namoonni duuka buutota Kiristoos warra dhugaatiif xiyyeeffannaa akka hin kennine gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, Phaawulos jinnicha ishii keessaa baasuudhaa tajaajiltuu sana cal jechisiise.—HoE. 16:16-18.

11. Tajaajiltuu tokko keessaa jinniin erga baafamee booda Phaawulosii fi Siilaas irra maaltu gaʼe?

11 Gooftoliin tajaajiltuu kanaa maddi galii isaanii akka dhaabbate yommuu hubatan aariidhaan finiinan. Phaawulosii fi Siilaasiin gototanii bakka gabaa, jechuunis iddoo bakka buutonni bulchitoota Roomaa dhaddacha itti geggeessanitti geessan. Gooftoliin sun, ‘Yihudoonni kun akka malee jeeqaa jiru. Nuti namoota Roomaa taanee utuu jirruu aadaa akka fudhannu nuuf hin heyyamamne labsaa jiru’ jechuudhaan xiyyeeffannaa abbootii murtii jibba halaalaa fi sabboonummaa qabanii harkisan. Wanti isaan dubbatan yeruma sana rakkina uume. “Namoonni hedduun sunis [bakka gabaatti] tokkummaadhaan [Phaawulosii fi Siilaas] irratti kaʼan.” Achiis bulchitoonni sun Phaawulosii fi Siilaas “uleedhaan akka reebaman” ajajan. Sana booda isaan gototanii mana hidhaatti isaan geessan. Eegduun mana hidhaa sunis namoota madaaʼan sana kutaa mana hidhaa isa keessatti galchee, miilla isaanii jirma gidduu galchee hidhe. (HoE. 16:19-24) Eegduun sun balbala mana hidhaa sanaa yommuu cufu kutaan keessa jiran sun baayʼee waan dukkanaaʼeef Phaawulosii fi Siilaas wal arguufillee akka rakkatan hin shakkisiisu. Haataʼu malee, Yihowaan isaan ilaalaa ture.—Far. 139:12.

12. (a) Barattoonni Kiristoos ariʼatamaaf ilaalcha akkamii qabu? Maaliif? (b) Yeroo harʼaatti Seexannii fi bakka buutonnisaa barattoota Kiristoos mormaa kan jiran akkamitti?

12 Yesuus waggoota hedduu dura duuka buutota isaatiin ‘isiniin ni ariʼatu’ jedhee ture. (Yoh. 15:20) Kanaafuu, Phaawulosii fi miltoowwansaa gara Maqedooniyaatti yommuu ceʼan ariʼatama isaan mudatu dandamachuuf qophaaʼanii turan. Ariʼatamni isaan mudachuunsaa Yihowaan akka isaan dhiise kan argisiisu utuu hin taʼin, Seexanni akka aare kan argisiisu akka taʼetti ilaalaniiru. Yeroo harʼaattis bakka buutonni Seexanaa, malawwan namoonni Filiphisiyus keessa turan itti fayyadamanitti fayyadamu. Mormitoonni gowwoomsitoota taʼan mana barumsaa fi bakka hojiitti waaʼee keenya soba dubbachuudhaan mormii nurratti kakaasuuf yaalu. Biyyoota tokko tokkotti, mormitoonni, ‘aadaa namoonni naannichaa hin fudhanne barsiisuudhaan rakkina uumu’ jedhanii nu himatu. Iddoowwan tokko tokkotti, obboloonni keenya reebamanii mana hidhaa galfamaniiru. Haataʼu malee Yihowaan kana ilaalaa jira.—1 Phe. 3:12.

“Dafanii Cuuphaman” (Hojii Ergamootaa 16:25-34)

13. Eegduun mana hidhaa, “fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee akka gaafatu wanti isa kakaase maal ture?

13 Phaawulosii fi Siilaas reebicha guyyaa sanatti reebamanirraa bayyaannachuuf yeroo muraasa isaanitti fudhatee taʼuu qaba. Haataʼu malee, reebicha sanarraa waan bayyaannataniif halkan walakkaa “kadhachaa fi faarfannaadhaan Waaqayyoon jajachaa” turan. Achiis akkuma tasaa kirkirri lafaa mana hidhaa sana ni sochoose! Eegduun mana hidhaa sun dammaqee balbaloonni banaa taʼuu isaanii yommuu argu, hidhamtoonni miliqaniiru jedhee yaaduudhaan baayʼee sodaate. Hidhamtoonni kun yoo isa harkaa miliqan akka adabamu waan beekuuf, “goraadee isaa luqqifatee of ajjeesuuf kaʼe.” Haataʼu malee Phaawulos sagaleesaa ol kaasee, “Of hin miidhin, hundi keenya iyyuu asuma jirra!” jedhe. Eegduun mana hidhaa dhiphatee jiru kunis, “Gooftolii koo, fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. Phaawulosii fi Siilaas isa fayyisuu hin dandaʼan; kan isa fayyisuu dandaʼu Yesuus qofadha. Kanaafuu, ‘Gooftaa Yesuusitti amani, ni fayyita’ jedhanii isaaf deebisan.—HoE. 16:25-31.

14. (a) Phaawulosii fi Siilaas eegduu mana hidhaatiif gargaarsa akkamii godhan? (b) Ariʼatama isaanirra gaʼe gammachuudhaan dandamachuun isaanii eebba akkamii isaaniif argamsiise?

14 Eegduun kun gaaffii kana kan gaafate garaadhaa turee? Phaawulos garaadhaa akka inni gaafate mirkanaaʼaa ture. Eegduun kun nama dhaqna hin qabannee fi Kitaaba Qulqulluu hin beekne ture. Kiristiyaana taʼuusaa dura, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachuu fi itti amanuu qaba. Kanaafuu, Phaawulosii fi Siilaas yeroo fudhatanii “dubbii Yihowaa [isatti] himan.” Namoonni kun Kitaaba Qulqulluu barsiisuu irratti guutummaatti waan xiyyeeffataniif dhukkubbii sababa reebicha sanaatiin isaanitti dhagaʼamu, irraanfatanii taʼuu dandaʼa. Eegduun mana hidhaa sun garuu madaa dugda isaanirra jiru waan hubateef, isaaniif dhiqe. Achiis innii fi maatiinsaa “dafanii cuuphaman.” Phaawulosii fi Siilaas ariʼatama isaan irra gaʼe gammachuudhaan dandamachuun isaanii eebba guddaa isaaniif argamsiiseera!—HoE. 16:32-34.

15. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti argaman hedduun, fakkeenya Phaawulosii fi Siilaas kan hordofan akkamitti? (b) Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran irra deddeebinee gaafachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

15 Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti argamanis, akkuma Phaawulosii fi Siilaas, sababii amantii isaaniitiin utuma hidhamanii jiranii misiraachicha lallabuudhaan buʼaawwan gaggaarii argataniiru. Fakkeenyaaf, biyya hojiin keenya itti dhorkame tokko keessatti, yeroo taʼe tokkotti Dhugaa Baatota biyyicha keessa jiran hunda keessaa harka afurtama kan taʼan dhugaa kan baratan mana hidhaa keessatti ture! (Isa. 54:17) Eegduun mana hidhaa sunis gargaarsa kan gaafate, erga kirkirri lafaa gaʼee booda akka taʼe yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis namoonni ergaa Mootummichaa dhagaʼuu hin barbaanne tokko tokko, haalli nama dhiphisu jireenya isaanii keessatti erga isaan mudatee booda ergaa Mootummichaa fudhachuu dandaʼu. Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran irra deddeebinee gaafachuudhaan isaan gargaaruuf qophaaʼoo akka taane argisiisuu dandeenya.

“Amma Immoo Dhoksaatti Gad nu Baasuu Barbaaduu?” (Hojii Ergamootaa 16:35-40)

16. Phaawulosii fi Siilaas reebamanii borumtaa isaatti haallisaa kan jijjiirame akkamitti ture?

16 Phaawulosii fi Siilaas reebamanii borumtaasaa bulchitoonni sun akka isaan gadhiifaman ajajan. Haataʼu malee Phaawulos akkana jedhe: “Nuti lammii Roomaa taanee utuu jirruu, murtii malee uummata duratti nu garafanii mana hidhaatti nu galchaniiru. Amma immoo dhoksaatti gad nu baasuu barbaaduu? Matumaa hin taʼu! Ofuma isaaniitii dhufanii nu haa baasan.” Bulchitoonni sunis, namoonni lamaan sun lammiilee Roomaa akka taʼan yommuu beekan, mirga isaanii waan sarbaniif “baayʼee sodaatan.”d Amma haallisaa ni jijjiirame. Barattoonni sun uummata duratti reebamaniiru; ammammoo bulchitoonni sun uummata duratti dhiifama gaafachuu qabu. Phaawulosii fi Siilaas magaalichaa akka baʼan isaan kadhatan. Barattoonni kun lamaan tole kan jedhan taʼus, dura garuu yeroo fudhatanii barattoota haaraa achi jiran jajjabeessan. Achii kan deeman erga kana godhanii booda ture.

17. Kiristiyaanonni haaraan jabina Phaawulosii fi Siilaas argisiisanirraa barumsa barbaachisaa akkamii argataniiru?

17 Mirgi Phaawulosii fi Siilaas akka lammii Roomaa tokkotti isaaniif eegameera utuu taʼee hin reebaman turan. (HoE. 22:25, 26) Haataʼu malee, utuu akkas taʼeera taʼee, barattoonni Filiphisiyus keessa jiran namoonni kun mirga isaaniitti fayyadamanii Kiristoosiif jedhanii dhiphachuurraa oolaniiru jedhanii yaaduu dandaʼu turan. Akkas gochuun isaaniimmoo amantii barattoota lammii Roomaa hin taaneerratti dhiibbaa geessisuu dandaʼaa laata? Kana malees, seerri Roomaa akka isaan hin reebamne gochuu hin dandaʼu. Phaawulosii fi michuunsaa adaba fudhachuudhaan duuka buutonni Kiristoos warri haaraan, ariʼatamni yommuu isaan mudatu jabaatanii dhaabbachuu akka qaban fakkeenya isaaniif taʼaniiru. Kana malees, Phaawulosii fi Siilaas lammummaan isaanii akka beekamu gochuudhaan tarkaanfiin bulchitoonni sun fudhatan seeraan ala akka taʼe uummata duratti akka beekamu godhaniiru. Akkas gochuun isaaniimmoo, bulchitoonni sun. Namoota hidhata amantii Phaawulos taʼan miidhuurraa akka of qusatanii fi haleellaa fuulduratti isaan mudachuu dandaʼurraa hamma tokko eegumsa seeraa akka argatan gochuu dandaʼa.

18. (a) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran fakkeenya Phaawulos kan hordofan akkamitti? (b) Bara keenyatti misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yeroo harʼaattis, jaarsoliin gumii Kiristiyaanaa tarkaanfii fudhataniin fakkeenya gaarii taʼu. Wanta Kiristiyaanonni hidhatasaanii taʼan akka raawwatan isaanirraa eegan ofiisaaniis fedhiidhaan raawwatu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis akkuma Phaawulos eegumsa seeraa argachuudhaaf mirga keenyatti fayyadamuu kan qabnu akkamittii fi yoom akka taʼe beekuuf yaalla. Waaqeffannaa keenyaa wajjin haala wal qabateen eegumsa seeraa argachuun yoo nu barbaachise, mana murtii naannootti, mana murtii walii galaatti, darbees mana murtii biyyoolessaatti ol iyyannoo ni dhiheeffanna. Kaayyoon keenya seera mootummaa jijjiiruu utuu hin taʼin, akkuma Phaawulos erga hidhamee waggaa kudhan booda gumii Filiphisiyus keessatti argamuuf barreesse, “misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu” gochuudha. (Filp. 1:7) Taʼus, murtoon manni murtii murteessu maaliyyuu yoo taʼe, akkuma Phaawulosii fi miltoowwansaa bakka hafuurri Waaqayyoo itti nu ergu hundatti ‘misiraachicha lallabuu’ keenya itti fufuuf murteessineerra!—HoE. 16:10.

LUQAAS—BARREESSAA KITAABA HOJII ERGAMOOTAA

Barreessaan kitaaba Hojii Ergamootaa, hanga boqonnaa 16, lakkoofsa 9​tti, wantuma namoonni kaan dubbatanii fi raawwatan ibse malee waaʼee ofii isaa hin ibsine. Boqonnaa 16:10 fi 11​rratti garuu akkaataa itti barreesserratti jijjiirama godheera. Fakkeenyaaf lakkoofsa 11​rratti, “dooniidhaan Xiroʼaasii kaanee kallattiidhaan gara Saamotraaqee dhaqne” jedheera. Kanaaf, Luqaas waaʼee ofii isaa ibsuu kan jalqabe bakka kanattidha. Haataʼu malee, maqaan Luqaas Kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti waan hin argamneef kitaabicha kan barreesse isa taʼuusaa akkamitti beekna?

Luqaas minjaala dura taaʼee maraa kitaabaa irratti barreessaa jira.

Seensi kitaaba Hojii Ergamootaa fi seensi Wangeela Luqaas deebii gaaffii kanaa nuuf kenna. Kitaabonni kun lamaanuu nama “Tewooflos” jedhamu tokkoof barreeffaman. (Luq. 1:1, 3; HoE. 1:1) Kitaabni Hojii Ergamootaa seensa isaarratti, “Yaa Tewooflos, wanta Yesuus raawwatee fi barsiise hunda kitaaba isa jalqabaa irratti siif barreesseera” jedha. Hayyoonni bara durii “seenaa isa jalqabaa” jechuunis wangeela Luqaas kan barreesse Luqaas akka taʼe waan ibsaniif, Hojii Ergamootaas kan barreesse isa taʼuu qaba.

Waaʼee Luqaas waan baayʼee hin beeknu. Maqaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti kan argamu siʼa sadii qofadha. Phaawulos ergamaan Luqaasiin, “Ogeessa fayyaa jaallatamaa” jedheera, akkasumas ‘warra isaa wajjin hojjetan’ keessaa tokko akka taʼe ibseera. (Qol. 4:14; Film. 24) Kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti iddoon jechoonni “kaanee” fi “dhaqne” jedhaman itti caqasaman, Luqaas seenicha keessatti ofis dabalee akka caqasee fi Dh.K.B. naannoo bara 50 yeroo Phaawulos Xiroʼaasii gara Filiphisiyus deemetti isaa wajjin imaluu akka inni eegale argisiisa. Taʼus, yeroo Phaawulos Filiphisiiyusii deemetti Luqaas isa faana hin turre. Namoonni lamaan kun Dh.K.B. naannoo bara 56​tti Filiphisiyusitti deebiʼanii kan wal argan yommuu taʼu, namoota kan biroo torbaa wajjin Filiphisiiyusii gara Yerusaalem deeman. Phaawulos kan hidhame yeroo kanatti ture. Waggaa lama booda yeroo Phaawulos hidhamee Qiisaariyaadhaa gara Roomaa geeffamettis Luqaas isa faana ture. (HoE. 16:10-17, 40; 20:5–21:17; 24:27; 27:1–28:16) Phaawulos Roomaa keessatti yeroo lammataatiif hidhamee duuti isaa akka dhihaate yeroo isatti dhagaʼametti kan isa faana ture “Luqaas qofa” ture. (2 Xim. 4:6, 11) Luqaas daandii dheeraa deemeera, misiraachichaaf jedhee rakkinni hedduun akka isarra gaʼus heyyameera.

Luqaas waaʼee Yesuus kan barreesse wanta ijaan argerratti hundaaʼee akka taʼe hin dubbanne. Kanaa mannaa, seenicha kan ‘qindeesse’ wanta ‘warra ijaan argan’ irraa dhagaʼerratti hundaaʼeeti. Dabalataanis, “wanta hunda jalqabaa kaasee of eeggannoodhaan waanan qoradheef, seenaa isaa duraa duubaan sii barreessuuf murteesseera” jedheera. (Luq. 1:1-3) Yaanni kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti argamus Luqaas qorataa cimaa akka taʼe argisiisa. Tarii, odeeffannoo walitti qabachuuf, Elsaabexiif, haadha Yesuusiif, Maariyaamii fi namoota kaaniif gaafannoo godheera taʼa. Wantoonni inni barreesse hedduun wangeelota kaan keessatti hin argaman.—Luq. 1:5-80.

Phaawulos, Luqaas ogeessa fayyaa akka ture ibseera. Fayyummaan namootaa akka isa yaaddessus seenaa inni barreesserraa hubachuu dandeenya. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu: Yesuus yommuu nama jinniidhaan qabame tokko fayyisetti, Luqaas, “jinniin sun . . . utuu isa hin miidhin isa keessaa baʼe” jedheera; amaatiin Pheexiros “dhaqna gubaa cimaadhaan” akka qabamte ibseera; akkasumas dubartiin Yesuus gargaare tokko “hafuura hamaadhaan qabamtee waggaa 18f dhukkubsachaa” akka turtee fi ‘waan goophatteef matumaa ol jechuu akka hin dandeenye’ ibseera.—Luq. 4:35, 38; 13:11.

Eeyyee, Luqaas jireenyasaa keessatti ‘hojii Gooftaatiif’ dursa kenneera. (1 Qor. 15:58) Kaayyoonsaa, hojii biyya lafaa hojjechuu ykn beekkamtii argachuu hin turre; kanaa mannaa, namoonni Yihowaa akka beekanii fi akka isa tajaajilan gargaaruu ture.

LIIDIYAA ISHII UFFATA BIFA DHIILGEE GURGURTU

Liidiyaan Filiphisiyus ishii Maqedooniyaa keessatti beekamtuu taate keessa jiraatti turte. Kan ishiin dhalatte Tiyaaxiraatti siʼa taʼu, magaalaan kun koonyaa Liidiyaa keessaa lixa Eeshiyaa Xinnoo keessatti argamti. Liidiyaan uffata bifa dhiilgee qabu gurguruuf galaana Eejiyaan qaxxaamurtee deemti. Tarii uffata kanaa wajjin, afata lafaa, huccuu girgiddaa ittiin bareechanii fi huccuu uffata hojjechuuf gargaaru, akkasumas halluuwwan garaagaraa gurgurti turte. Barreeffamni dhagaarratti bocamee fi Filiphisiyus keessatti argame, daldaltoonni huccuu bifa dhiilgee gurguran magaalattii keessa akka turan argisiisa.

Liidiyaan huccuu tokko namatti argisiisaa jirti.

Liidiyaan dubartii “Waaqayyoon waaqeffattu” jedhamuun ishii amantaa Yihudii akka fudhatte kan argisiisu taʼuu hin oolu. (HoE. 16:14) Yihowaa waaqeffachuu kan eegalte magaalaama ishii keessatti taʼuu hin oolu. Filiphisiyusirraa haala adda taʼeen magaalaan dhalootaa ishii mana sagadaa qaba ture. Namoonni tokko tokko maqaan dhalootaa ishii Liidiyaa akka hin taanee fi maqaan kun kan ishiidhaaf kenname “dubartii biyya Liidiyaa” waan taateef akka taʼe amanu. Haataʼu malee, ragaan dubartoonni yeroo sana turan kaanis maqaa Liidiyaa jedhuun waamamaa akka turan argisiisu jira.

Namoonni biyya Liidiyaa fi olloonni isaanii Dh.K.D. bara 700-900​tti ogummaa uffata bifa dhiilgee hojjechuutiin beekamu turan. Bishaan Tiyaaxiraa “halluu cululuquu fi yeroo dheeraadhaaf turu” hojjechuuf akka gargaarutti beekama.

Meeshaaleen bifa dhiilgee qaban meeshaalee qananii waan taʼaniif sooreyyii qofatu argata. Halluun bifa dhiilgee bakka adda addaatii argamuu kan dandaʼu taʼus, inni baayʼee gaarii, miʼaa taʼee fi uffata quncee talbaa gaarii hojjechuuf gargaaru qurxummii sheelfiish jedhamuu fi galaana Meditiraaniyaa keessatti argamurraa argama. Qurxummii tokko keessaa halluu copha tokko qofatu argama; dhangalaʼaa giraama tokko argachuufimmoo sheelfiishii gara 8,000tu barbaachisa; kanaaf, uffanni halluu bifa akkasiirraa hojjetamu baayʼee miʼaadha.

Daldalli Liidiyaa kun qarshii hedduu waan barbaaduu fi Liidiyaan mana guddaa dhiirota afur, jechuunis Phaawulos, Siilaas, Ximotewosii fi Luqaasiin keessummeessuu dandaʼu waan qabduuf daldaltuu soorettii taʼuu hin ooltu. Gaaleen “namoonni mana ishii jiran” jedhu firoota ishii wajjin akka jiraattu ykn garbootaa fi tajaajiltoota akka qabdu argisiisuu dandaʼa. (HoE. 16:15) Phaawulosii fi Siilaas magaalichaa deemuusaanii dura mana dubartii keessummaa simachuu jaallattu kanaatti obboloota muraasaa wajjin wal arguun isaanii Kiristiyaanonni Filiphisiyus warri jalqabaa mana ishiitti walitti qabamaa akka turan argisiisuu dandaʼa.—HoE. 16:40.

Phaawulos gara waggaa kudhanii booda yeroo gumii Filiphisiyusiif xalayaa barreessetti Liidiyaa hin caqasne. Kanaaf, waaʼee ishii wanti beeknu waanuma Hojii Ergamootaa boqonnaa 16​rratti ibsame qofadha.

a Saanduqa “Luqaas—Barreessaa Kitaaba Hojii Ergamootaa” jedhu ilaali.

b Loltoonni Roomaa soorama baʼan hedduun magaalaa kana keessa waan jiraataniif Yihudoonni magaalaa kana keessatti mana sagadaa akka hin ijaarranne dhowwamanii taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo magaalaa kana keessa dhiironni Yihudii mana sagadaa hundeessuuf barbaachisan kudhan hin jiran taʼa.

c Saanduqa, “Liidiyaa Ishii Uffata Bifa Dhiilgee Gurgurtu” jedhu ilaali.

d Seerri Roomaa, lammiin Roomaa tokko karaa seera qabeessa taʼeen murtiitti dhihaachuu akka qabuu fi balleessaansaa utuu hin mirkanaaʼin uummata duratti matumaa adabamuu akka hin qabne ibsa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi