LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bt boq. 19 ful. 168-177
  • “Dubbachuu Kee Itti Fufi Malee Calluma hin Jedhin”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Dubbachuu Kee Itti Fufi Malee Calluma hin Jedhin”
  • Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Hojiin Isaanii Dunkaana Hodhuu Ture” (Hojii Ergamootaa 18:1-4)
  • ‘Namoonni Qorontos Hedduun Amanuu Jalqaban’ (Hojii Ergamootaa 18:5-8)
  • “Ani Magaalaa Kana Keessaa Namoota Hedduu Qaba” (Hojii Ergamootaa 18:9-17)
  • “Fedhii Yihowaa yoo Taʼe” (Hojii Ergamootaa 18:18-22)
  • ‘Ani Dhiiga Nama Hundumaa Irraa Qulqulluudha’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Yaadawwan Ijoo Macaafa Hojii Ergamootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
bt boq. 19 ful. 168-177

BOQONNAA 19

“Dubbachuu Kee Itti Fufi Malee Calluma hin Jedhin”

Phaawulos hojii hojjechuun kan isa barbaachise taʼus tajaajilasaaf dursa kenneera

Hojii Ergamootaa 18:1-22​rratti kan hundaaʼe

1-3. Phaawulos ergamaan gara Qorontos kan dhaqe maaliifi? Rakkoowwan akkamii isa mudatanii turan?

YEROONSAA Dh.K.B. bara 50 gara boodaati. Phaawulos ergamaan Qorontos keessa kan jiru siʼa taʼu, magaalaan kun wiirtuu daldalaa Giriikonni, warri Roomaa fi Yihudoonni hedduun keessa jiraatanidha.a Phaawulos bakka kana kan dhufe miʼa bituuf ykn gurguruuf ykn hojii hojjechuuf miti. Gara Qorontos kan dhufe dhimma guddaa taʼe tokkoof, jechuunis waaʼee Mootummaa Waaqayyoof dhugaa baʼuufi. Phaawulos bakki jiraatu kan isa barbaachisu taʼus, gama maallaqaatiin warra kaanirratti baʼaa taʼuu dhiisuuf murteessee ture. Namoonni Dubbii Waaqayyootti fayyadamee faayidaa dhuunfaa argachuuf carraaqqii gochaa akka jiru godhanii akka yaadan hin barbaanne. Maarree maal godha?

2 Phaawulos ogummaa dunkaana hodhuu qaba. Dunkaana hodhuun salphaa miti; taʼus Phaawulos harkasaatiin hojjetee wanta isa barbaachisu guuttachuuf fedhii qaba. Maarree magaalaa namni itti baayʼatu kana keessatti hojii ni argataa? Bakka jireenyaaf mijataa taʼehoo ni argataa? Rakkoowwan kun kan isa yaaddessan taʼus, Phaawulos hojiisaa isa guddaa, jechuunis tajaajila isaa hin daganne.

3 Phaawulos Qorontos keessa yeroo muraasaaf turuu hin oolu; tajaajilli inni asitti raawwates buʼaa guddaa argamsiiseera. Barumsi wanta Phaawulos Qorontositti raawwaterraa argannuu fi naannoo keenyatti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuuf nu gargaaru maalidha?

QORONTOS ISHII GALAANA LAMA GIDDUUTTI ARGAMTU

Qorontos ishiin durii galoo galaanaa irratti kan argamtu siʼa taʼu, kibba Giriikii Peloopooniis jedhamuu fi kutaa Giriikii warra hafan wal qunnamsiisti turte. Galoon galaanaa kun iddoo dhiphaa taʼetti kiilomeetira 6 qofa balʼata; kanaafuu Qorontos buufata doonii lama qabdi. Buufanni doonii Qorontos inni Liqaawon jedhamu dooniiwwan gara Xaaliyaanii, Siisiiliyaa fi Ispeen dhaqaniif tajaajila. Buufanni doonii Kinkiriʼaa jedhamummoo, dooniiwwan naannoowwan Eejiyaan, Eeshiyaa Xinnoo, Sooriyaa fi Gibxii dhaqanii fi dhufaniif tajaajila.

Kibba Peloopooniisitti qilleensi cimaan waan kaʼuuf kallattii kanarra dooniidhaan deemuun balaa qaba; kanaafuu namoonni doonii oofan buufata doonii Qorontos lamaan keessaa isa tokkorratti miʼa isaanii buusanii lafarra gara isa kaaniitti geessanii doonii kan biraatti feʼu. Dooniiwwan baayʼee hin ulfaannemmoo daandii kaayyoo kanaaf qophaaʼerra dhiibamuudhaan buufata doonii isa tokkorraa gara isa kan biraatti geeffamu. Kanaaf, teessumni magaalattii daldala galaanarraa bahaa gara lixaa fi daldala lafarraa kaabaa gara kibbaatti godhamuuf mijataadha. Daldalli kun Qorontositti qabeenya qofa utuu hin taʼin amala mancaʼaa buufata doonii hedduu keessatti baramaa taʼes fidee dhufa.

Bara Phaawulositti Qorontos magaalaa guddoo Akaayaa ishii kutaa bulchiinsa Roomaa kan turte siʼa taʼu, giddu gala bulchiinsaa turte. Namoonni magaalichaa amantii garaa garaa hordofu. Fakkeenyaaf, manni qulqullummaa mootiin mootota Roomaa keessatti waaqeffatamu, bakki waaqoliin warra Giriikotaa fi kan warra Gibxii itti waaqeffataman, akkasumas manni sagadaa Yihudootaa jira ture.—HoE. 18:4.

Waggaa lama lamaan dorgommiin atleetiksii inni dorgommii Olompikiitti aansee baayʼee guddaa taʼe bakka Qorontositti dhihoo taʼetti ni geggeeffama. Phaawulos ergamaan Dh.K.B. bara 51​tti Qorontos keessatti dorgommiin yeroo geggeeffametti achi kan ture taʼuu hin oolu. Kanaaf, galmeen jechoota Kitaaba Qulqulluu tokko akka ibsetti, Phaawulos yeroo jalqabaatiif atleetiksii akka fakkeenyaatti kan caqase xalayaa warra Qorontosiif barreesse irratti taʼuun isaa nama hin ajaaʼibu.—1 Qor. 9:24-27.

“Hojiin Isaanii Dunkaana Hodhuu Ture” (Hojii Ergamootaa 18:1-4)

4, 5. (a) Phaawulos yeroo Qorontos turetti eessa buufate? Hojii akkamii hojjechaa ture? (b) Phaawulos dunkaana hodhuu kan barate akkamitti taʼuu dandaʼa?

4 Phaawulos erga Qorontos gaʼee booda hiriyoota gaaʼelaa keessummaa simachuu jaallatanii wajjin wal arge; hiriyoonni gaaʼelaa Yihudoota taʼan kun Aqiilaa fi Phirisqiilaa ykn Phirisqaa turan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun labsii mootiin moototaa, “Yihudoonni hundi Roomaadhaa akka baʼan” baaseen kan kaʼe Qorontos keessa jiraachuu jalqabaniiru. (HoE. 18:1, 2) Aqiilaa fi Phirisqiilaan Phaawulos manasaanii akka jiraatu qofa utuu hin taʼin, akka isaanii wajjin hojjetus ni afeeran. Seenaasaa akkas jedha: “Hojiin isaanii tokko waan tureef, mana isaanii taaʼee isaanii wajjin hojjeta ture; hojiin isaanii dunkaana hodhuu ture.” (HoE. 18:3) Phaawulos yeroo Qorontositti tajaajilaa ture hundatti mana hiriyoota gaaʼelaa nama jaallatan kanaa jiraachaa ture. Phaawulos xalayaawwan yeroo booda kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼan tokko tokko kan barreesse, yeroo mana Aqiilaa fi Phirisqiilaa jiraachaa turetti taʼuu dandaʼa.b

5 Phaawulos inni “miila Gamaaliʼel jala” taaʼee barate dunkaanas ni hodha ture. Kun kan taʼe akkamitti? (HoE. 22:3) Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan ijoolleensaanii barumsa dabalataa kan baratan yoo taʼellee, ogummaa harkaa akka baratan gochuun ulfinasaanii akka tuqutti hin ilaalan turan. Phaawulos Xarsees ishii Kiilqiyaatti argamtutti waan dhalatee fi naannoon kunimmoo uffata Siilshiyem jedhamuu fi dunkaanni irraa hojjetamuun waan beekamuuf ogummaa kana ijoollummaatti baratee taʼuu hin oolu. Dunkaana hodhuun maalfaa dabalata? Hojiin kun uffata dunkaanaa qopheessuu ykn dunkaanicha hojjechuuf carqii jajjabaataa taʼe muruu fi walitti hodhuu dabalata. Sanas taʼe kana hojii kana hojjechuun ulfaataadha.

6, 7. (a) Phaawulos hojii dunkaana hodhuutiif ilaalcha akkamii qaba? Aqiilaa fi Phirisqiilaanoo ilaalcha kan isaa wajjin wal fakkaatu akka qaban wanti argisiisu maalidha? (b) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Phaawulos, Aqiilaa fi Phirisqiilaa kan hordofan akkamitti?

6 Phaawulos dunkaana hodhuun hojiisaa isa guddaa akka taʼetti hin ilaalle. Hojii kana kan hojjete tajaajila isaarratti, jechuunis misiraachicha “gatii malee” labsuurratti of gargaaruuf jedhee ture. (2 Qor. 11:7) Aqiilaa fi Phirisqiilaanoo hojiisaanii akkamitti ilaalu turan? Kiristiyaanota waan taʼaniif hojiisaaniitiif ilaalcha kan Phaawulosii wajjin wal fakkaatu akka qaban hin shakkisiisu. Aqiilaa fi Phirisqiilaan yeroo Phaawulos Dh.K.B. bara 52​tti Qorontosii gara Efesoon deemetti, hojiisaanii dhiisanii isaa wajjin deemaniiru. Manasaanii isa Efesoonitti argamu obboloonni walgaʼii gochuuf itti fayyadamu turan. (1 Qor. 16:19) Boodammoo gara Roomaatti kan deebiʼan siʼa taʼu, achiis gara Efesoonitti deebiʼaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa hinaaffaa qaban kun fedhii Mootummichaatiif dursa kennaniiru, akkasumas warra kaan tajaajiluuf of dhiheessaniiru; kana gochuun isaaniis “gumiiwwan saboota kaanii hundi” akka isaan galateeffatan taasiseera.—Rom. 16:3-5; 2 Xim. 4:19.

7 Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman fakkeenya Phaawulos, Aqiilaa fi Phirisqiilaa ni hordofu. Yeroo harʼaatti obboloonni hinaaffaadhaan tajaajilan warra kaan ‘baasii hedduu akka hin baasisneef’ jabaatanii hojjetu. (1 Tas. 2:9) Qajeelchitoonni hedduun baasiisaanii dandaʼuuf hojii torbanitti guyyoota muraasa ykn waggaatti jiʼoota muraasaaf hojjetamu hojjechuudhaan fakkeenya gaarii taʼu. Taʼus tajaajila isaaniitiif iddoo guddaa kennu. Akkuma Aqiilaa fi Phirisqiilaa tajaajiltoonni Yihowaa jaalala qabeeyyii taʼan daawwattoonni olaanoo aanaa manasaanii akka buufatan ni godhu. Obboloonni, ‘keessummoota simachuu amaleeffatan’ kun akkas gochuusaaniitti hammam akka jajjabaatanii fi ijaaraman beeku.—Rom. 12:13.

XALAYYAAWWAN PHAAWULOS WARRA MADDA JAJJABINAA TAʼAN

Phaawulos ergamaan Dh.K.B. bara 50-52​tti Qorontos keessa jiʼoota 18f yeroo turetti yoo xinnaate xalayaawwan lama, jechuunis Tasalonqee Tokkoffaa fi Lammaffaa warra yeroo booda kutaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii taʼan barreesseera. Warra Galaatiyaatiifis kan barreesse yeruma kanatti ykn utuu baayʼee hin turinidha.

Tasalonqee Tokkoffaan xalayaawwan Phaawulos keessaa isa jalqabaati. Phaawulos Tasalonqee kan daawwate Dh.K.B. naannoo bara 50​tti, adeemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa irratti ture. Mormiin Phaawulosii fi Silaas magaalicha dhiisanii akka deeman dirqisiise gumii achitti argamus mudachuuf jedha. (HoE. 17:1-10, 13) Phaawulos, nageenya gumii reefuu hundeeffame sanaatiif yaaduudhaan siʼa lama deebiʼee deemuuf yaadus, ‘Seexanni karaa isatti cufe.’ Kanaafuu Phaawulos akka isaan jajjabeessuu fi akka isaan cimsuuf Ximotewosiin gara isaaniitti erge. Ximotewos deebiʼee Phaawulosii wajjin Qorontositti kan wal argee fi waaʼee gumii Tasalonqee gabaasa gaarii kan isatti hime Dh.K.B. xumura bara 50​tti taʼuu hin oolu. Xalayaa kana kan barreesse kana boodadha.—1 Tas. 2:17–3:7.

Tasalonqee Lammaffaan kan barreeffame xalayaa inni jalqabaa barreeffamee utuma baayʼee hin turin, tariimmoo Dh.K.B. bara 51​tti taʼuu hin oolu. Xalayaawwan lamaan irrattiyyuu, Ximotewosii fi Silwaanos (hojii ergamootaa keessatti Siilaas jedhameera) Phaawulos faana nagaa dhaamaniiru; taʼus ragaan Phaawulos Qorontos keessaa erga baʼee booda namoonni sadan kun wal faana akka turan argisiisu hin jiru. (HoE. 18:5, 18; 1 Tas. 1:1; 2 Tas. 1:1) Maarree Phaawulos xalayaa isaa isa lammaffaa kana kan barreesse maaliifi? Tarii karaa nama xalayaa isaa isa jalqabaa itti ergeen taʼuu dandaʼaa, waaʼee gumichaa odeeffannoo dabalataa argateera taʼa. Odeeffannoon kun, Phaawulos jaalala argisiisuu fi jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiif akka isaan galateeffatu qofa utuu hin taʼin, mulʼachuu Gooftaa ilaalchisee yaada obboloonni tokko tokko qaban sirreessuuf isa dandeessiseera.—2 Tas. 1:3-12; 2:1, 2.

Xalayaa Phaawulos warra Galaatiyaatiif barreesserraa, isaaniif barreessuu isaa dura siʼa lama akka isaan daawwate hubachuu dandeenya. Phaawulosii fi Barnaabaas Dh.K.B. bara 47-48​tti, Anxokiyaa ishii Phisiidiyaa, Iqoniyum, Lisxiraa fi Darbee warra Galaatiyaa ishii kutaa bulchiinsa Roomaa taate keessatti argaman daawwataniiru. Phaawulos Dh.K.B. bara 49​tti, Siilaasii wajjin deebiʼee gara Galaatiyaa deemeera. (HoE. 13:1–14:23; 16:1-6) Phaawulos xalayaa kana kan barreesse, erga inni isaan daawwatee deemee booda obboloonni sobaa achi dhaqanii dhaqna qabachuu fi Seera Musee eeguun Kiristiyaanotaaf barbaachisaa akka taʼe waan barsiisaa turaniifi. Phaawulos warra Galaatiyaaf kan barreesse waaʼee barumsa sobaa kanaa akkuma dhagaʼeen akka taʼe hin shakkisiisu. Kan barreesse Qorontositti ykn gara Anxokiyaa Sooriyaa utuu dhaquu ykn utuu achii deebiʼuu yeroo muraasaaf Efesoon keessa yeroo turettis taʼuu dandaʼa.—HoE. 18:18-23.

‘Namoonni Qorontos Hedduun Amanuu Jalqaban’ (Hojii Ergamootaa 18:5-8)

8, 9. Phaawulos Yihudoonni cimsanii yommuu isa morman maal godhe? Sana boodahoo eessatti lallabuuf deeme?

8 Phaawulos hojii kan hojjetu wanta isa barbaachisu guuttachuuf akka taʼe, yeroo Siilaasii fi Ximotewos Maqedooniyaadhaa kennaa isaaf fidanii dhufanitti ifa taʼeera. (2 Qor. 11:9) Phaawulos yeruma sana, “guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame.” (HoE. 18:5) Haataʼu malee, Yihudootaaf hinaaffaadhaan lallabuunsaa mormii cimaa isarraan geessiseera. Ergaa lubbuu baraarsuu fi waaʼee Kiristoos ibsu fudhachuu diduusaaniitti akka itti hin gaafatamne argisiisuuf Phaawulos uffatasaa hurgufuudhaan Yihudoota mormitoota taʼan sanaan akkas jedhe: “Dhiigni keessan mataa keessan irra haa taʼu. Ani qulqulluu dha. Ammaa jalqabee gara saboota kaaniin dhaqa.”—HoE. 18:6; His. 3:18, 19.

9 Maarree kana booda Phaawulos eessatti lallaba? Namni mannisaa mana sagadaa bira jiru, “Tiitiyoos Yosxos” jedhamuu fi amantaa Yihudii fudhatee taʼuu dandaʼu tokko Phaawulosiin manasaatti simate. Kanaaf Phaawulos mana sagadaa sanatti lallabuu dhiisee mana Yosxositti lallabuu eegale. (HoE. 18:7) Phaawulos Qorontositti mana Aqiilaa fi Phirisqiilaa keessa kan jiraatu taʼus, kan barsiisu garuu mana Yosxositti ture.

10. Phaawulos saboota kaaniif qofa lallabuuf murteessee akka hin turre wanti argisiisu maalidha?

10 Phaawulos kana booda gara saboota kaaniin dhaqa yommuu jedhu, sana booda namoota dhagaʼuuf fedhii qaban dabalatee Yihudootaa fi namoota amantaa Yihudii fudhatan guutummaatti dhiiseera jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Fakkeenyaaf, ‘Qirisphoos geggeessaan mana sagadaa guutummaa maatii isaa wajjin Gooftaatti amanee’ ture. Kitaabni Qulqulluun, “namoonni Qorontos warri ergaa sana dhagaʼan hedduunis amanuu fi cuuphamuu jalqaban” waan jedhuuf, Yihudoonni mana sagadaa sana keessa turan hedduun Qirisphoosii wajjin Kiristiyaanota taʼaniiru. (HoE. 18:8) Kanaafuu, manni Tiitiyoos Yosxos bakka Kiristiyaanonni itti walitti qabaman taʼe. Luqaas seenaa hojii ergamootaa kan barreesse duraa duuba yeroo eegee yoo taʼe, Yihudoonnii fi namoonni amantaa Yihudii fudhatan Kiristiyaanota kan taʼan erga Phaawulos uffatasaa hurgufee boodadha jechuudha. Kunimmoo Phaawulos akka haalasaatti jijjiirama gochuuf fedhii akka qabuu fi nama dhagaʼuu barbaadu hundaaf lallabaa akka ture argisiisa.

11. Dhugaa Baatonni yeroo harʼaa jiran namoota saba Kiristiyaanaa keessa jiraniif lallabuuf yeroo carraaqan fakkeenya Phaawulos kan hordofan akkamitti?

11 Yeroo harʼaa biyyoota hedduutti waldaaleen Saba Kiristiyaanaa baayʼee babalʼataniiru. Miseensota isaaniirrattis dhiibbaa guddaa godhu. Biyyootaa fi odoolawwan tokko tokko keessatti misiyoononni saba Kiristiyaanaa namoota hedduu ofitti harkisuuf carraaqqii cimaa godhaniiru. Akkuma Yihudoota jaarraa jalqabaatti Qorontos keessaa turanii namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan yeroo baayʼee aadaadhaan kan xaxamanidha. Taʼus, akkuma Phaawulos nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbisan akka hubataniif hinaaffaadhaan isaaniif lallabuuf carraaqna. Yeroo isaan nu mormanittillee ykn geggeessitoonni amantaasaanii nu ariʼatanittillee isaan gargaaruuf carraaquu keenya itti fufna. Namoota Waaqayyoof kan hinaafan taʼanis beekumsa sirrii hin qabne keessa namoonni garraamiin barbaannee isaan argachuu qabnu hedduun jiru.—Rom. 10:2.

“Ani Magaalaa Kana Keessaa Namoota Hedduu Qaba” (Hojii Ergamootaa 18:9-17)

12. Yesuus mulʼataan Phaawulosiif maal mirkaneesse?

12 Phaawulos Qorontositti tajaajiluu koo itti fufuun qabamoo hin qabu jedhee shakkee ture taanaan, yommuu Gooftaan Yesuus galgala tokko isaatti mulʼatee, “Hin sodaatin; dubbachuu kee itti fufi malee calluma hin jedhin; ani sii wajjin waanan jiruuf, namni tokko illee si rukutee si hin miidhu; sababiin isaas, ani magaalaa kana keessaa namoota hedduu qaba” isaan jedhetti shakkiinsaa kun badee taʼuu qaba. (HoE. 18:9, 10) Kun mulʼata nama jajjabeessudha! Gooftaan ofumasaa Phaawulositti mulʼatee miidhaarraa akka isa eeguu fi namoonni isaaf malan hedduun magaalicha keessa akka jiran isaaf mirkaneesse. Phaawulos ergaa kana erga dhagaʼee booda maal godhe? Seenaansaa, “isaan gidduutti dubbii Waaqayyoo barsiisaa waggaa tokkoo fi jiʼa jaʼaaf achi taaʼe” jedha.—HoE. 18:11.

13. Phaawulos teessoo murtiitti yommuu dhihaatu waaʼee maalii yaadee taʼuu dandaʼa? Kun akka isarra hin geenye mirkanaaʼaa taʼuu kan dandaʼuhoo akkamitti?

13 Phaawulos gara waggaa tokkoof Qorontos keessa erga turee booda ragaa dabalataa deggarsa Gooftaa akka qabu argisiisu argate. “Yihudoonni tokkummaadhaan Phaawulos irratti kaʼanii barcuma murtii [Veemaa jedhamu] duratti isa dhiheessan.” (HoE. 18:12) Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Veemaan waltajjii dhagaa cuquliisaa fi adiidhaan hojjetamee fi xiyyoonsaa miidhagfame siʼa taʼu, gabaa Qorontos keessatti kan argamu taʼuu hin oolu. Bakki duwwaan Veemaa fuuldura jiru balʼaa waan taʼeef namoota hedduu qabachuu dandaʼa. Argannoowwan arkiʼooloojii akka argisiisanitti teessoon murtii kun mana sagadaatti dhihoo waan jiruuf, mana Yosxosittis dhihoodha. Phaawulos Veemaatti yommuu dhihaatu waaʼee Isxifaanos isa dhagaadhaan tumamee ajjeefamee fi yeroo tokko tokko Kiristiyaana jalqaba wareegame akka taʼetti ibsamuu yaadee taʼuu dandaʼa. Phaawulos inni yeroo sanatti Saaʼol jedhamu, “ajjeefamuu isaa irratti walii galee ture.” (HoE. 8:1) Maarree isarras wanti wal fakkaatu gaʼuu dandaʼaa? Lakki. Waadaan, “Namni tokko illee . . . si hin miidhu” jedhu waan isaaf galameef kun isarra hin gaʼu.—HoE. 18:10.

Gaaliyoon dhimma Phaawulos addaan kutuunsaa warra isa himatan aarse. Loltoonni Roomaa namoota aaran tasgabbeessuuf yaalan.

“Achiis barcuma murtii duraa isaan ariʼe.”—Hojii Ergamootaa 18:16

14, 15. (a) Yihudoonni Phaawulosirratti himata akkamii dhiheessan? Gaaliyoon dhimmichi akka addaan citu kan godhe maaliifi? (b) Sosteneesirra maaltu gaʼe? Yeroo booda Kiristiyaana taʼeera taʼa kan jennuhoo maaliifi?

14 Yommuu Phaawulos gara teessoo murtiitti geeffametti maaltu taʼe? Abbaan murtii teessoo kanarra taaʼe bulchaa Akaayaa Gaaliyoo jedhamuu fi obboleessa angafaa falaasaa Roomaa Senekaa jedhamuu ture. Yihudoonni, “Namichi kun namoonni karaa seericha irraa faallaa taʼeen Waaqayyoon akka waaqeffatan isaan amansiisaa jira” himata jedhu isarratti dhiheessan. (HoE. 18:13) Phaawulos Yihudoonni tokko tokko Kiristiyaanota akka taʼan gochuudhaan seera cabsaa jira jechuusaanii ture. Haataʼu malee Gaaliyoon, Phaawulos, “balleessaa yookiin yakka cimaa” akka hin raawwanne beekee ture. (HoE. 18:14) Gaaliyoon falmii Yihudootaa keessa galuuf fedhii hin qabu ture. Kanaafuu, Phaawulos deebisee falmachuun utuu isa hin barbaachisin Gaaliyoon dhimmichi akka addaan citu godhe. Yeroo kanatti Yihudoonni baayʼee aaran. Achiis Sostenees isa tarii Qirisphoosiin bakka buʼuudhaan geggeessaa mana sagadaa taʼerratti aariisaanii baʼan. Sosteneesiin qabanii, “barcuma murtii duratti reebuu jalqaban.”—HoE. 18:17.

15 Gaaliyoon uummatichi Sosteneesiin akka hin reebne kan hin dhowwine maaliif ture? Tarii namoota sana Phaawulosirratti kan kakaase Sostenees akka taʼee fi gatiisaa argachaa akka jiru yaadee taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana, dhimmi kun karaa gaarii taʼeen furamuu dandaʼeera. Phaawulos xalayaasaa isa jalqabaa waggoota hedduu booda gumii Qorontosiif barreesserratti nama Sostenees jedhamu tokko akka obboleessatti caqaseera. (1 Qor. 1:1, 2) Sosteenees kun isa Qorontos keessatti reebamedhaa laata? Taanaan rakkinni isarra gaʼe kun Kiristiyaanummaa akka fudhatu isa gargaaree taʼuu dandaʼa.

16. Waadaan Yesuus, ‘Dubbachuu kee itti fufi malee calluma hin jedhin. Ani sii wajjinan jira’ jechuudhaan gale tajaajila keenyarratti kan nu gargaaru akkamitti?

16 Yesuus Phaawulosiin, ‘Hin sodaatin; dubbachuu kee itti fufi malee calluma hin jedhin. Ani sii wajjinan jira’ kan jedhe erga Yihudoonni lallabasaa fudhachuu didanii booda akka taʼe yaadadhu. (HoE. 18:9, 10) Nutis yommuu namoonni ergaa keenya fudhachuu didanitti jechoota kana yaadachuun keenya gaariidha. Yihowaan garaa namootaa akka ilaaluu fi namoota garaa qajeelaa qaban akka ofitti harkisu matumaa hin irraanfatin. (1 Sam. 16:7; Yoh. 6:44) Yaanni nama jajjabeessu kun tajaajila keenya cimnee itti fufuuf nu gargaara! Waggaa waggaatti namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman, guyyaattimmoo namoonni dhibbaan lakkaaʼaman ni cuuphamu. Yesuus namoota ajaja, “saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa” jedhu hordofaniif, “ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jechuudhaan waadaa galeera.—Mat. 28:19, 20.

“Fedhii Yihowaa yoo Taʼe” (Hojii Ergamootaa 18:18-22)

17, 18. Phaawulos yeroo dooniidhaan gara Efesoonitti imalaa turetti waaʼee maalii xiinxalee taʼuu dandaʼa?

17 Murtoon Gaaliyoon godhe ariʼatamni gumii Qorontos isa reefuu hundaaʼerra gaʼu yeroodhaaf akka dhaabbatu gochuu fi dhiisuusaa hin beeknu. Haataʼu malee, Phaawulos obboloota Qorontositti nagaa dhaamee deemuusaa dura ‘guyyoota hedduuf’ achi tureera. Phaawulos Dh.K.B. bara 52 waqtii birraatti buufata doonii Kinkiriʼaa isa Qorontosirraa gara kiilomeetira 11 fagaatuu kaʼee gara Sooriyaa deemuuf karoorfatee ture. Haataʼu malee Kinkiriʼaadhaa kaʼuusaa dura, “Wareega waan qabuuf . . . rifeensa mataa isaa gabaabsee murate.”c (HoE. 18:18) Achiis Aqiilaa fi Phirisqiilaa fudhatee Galaana Eejiyaan qaxxaamuruudhaan gara Efesoon ishii Eeshiyaa Xinnoo keessatti argamtuu dhaqe.

18 Phaawulos Kinkiriʼaadhaa kaʼee yeroo deemaa turetti wantoota Qorontositti isa mudatan yaadee taʼuu hin oolu. Wantoonni gaggaariin gammachuu isaaf argamsiisan hedduun isa mudataniiru. Tajaajilli inni jiʼoota 18f raawwate buʼaa gaarii argamsiiseera. Qorontos keessatti gumii haaraan hundeeffameera; obboloonni gumii sanaa mana Yosxositti walitti qabamu. Yosxos, Qirisphoosii fi maatiinsaa akkasumas namoonni kan biroo hedduun namoota Kiristiyaanota taʼan keessaa muraasa isaaniiti. Phaawulos namoota Kiristiyaanota akka taʼan gargaare kana baayʼee jaallata. Yeroo booda yommuu isaaniif barreessu, isaan xalayaa deggersaa garaasaa keessatti barreeffaman akka taʼan ibseera. Nutis namoota dhugaa akka fudhatan gargaarre baayʼee jaallanna. Namoota ‘xalayaa deggersaatti’ fakkeeffaman akkasii argachuun baayʼee nama gammachiisa!—2 Qor. 3:1-3.

19, 20. Phaawulos akkuma Efesoon gaʼeen maal godhe? Galma hafuuraa baafachuu ilaalchiseehoo isarraa maal baranna?

19 Phaawulos akkuma Efesoon gaʼeen hojiisaa jalqabe. “Mana sagadaa seenee Yihudootaa wajjin mariʼate.” (HoE. 18:19) Yeroo kanatti Efesoon keessa kan ture yeroo muraasaaf qofadha. Yeroo dheeraa akka turu kan gaafatame taʼus, “inni garuu tole hin jenne.” Achiis obboloota Efesoonitti yommuu nagaa dhaamu, “Fedhii Yihowaa yoo taʼe, deebiʼee gara keessan nan dhufa” isaaniin jedhe. (HoE. 18:20, 21) Phaawulos Efesoon keessatti hojiin lallabaa balʼinaan hojjetamuu akka qabu hubatee ture. Kanaaf deebiʼee dhufuuf kan karoorfate taʼus, dhimmicha Yihowaatti kennuuf filateera. Kun nuufis fakkeenya gaarii taʼa. Galma hafuuraa caalaatti Yihowaa tajaajiluuf nu dandeessisu baafachuu qabna. Haataʼu malee, yeroo hunda qajeelfama Yihowaatiin geggeeffamuu fi fedhasaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuu qabna.—Yaq. 4:15.

20 Phaawulos Aqiilaa fi Phirisqiilaa Efesoonitti dhiisee dooniidhaan gara Qisaariyaa deeme. Achiis gara Yerusaalemitti “ol baʼee” gumii achi jiru nagaa gaafate. Sana booda gara bakka jireenyaasaa Sooriyaa Anxokiyaa deeme. Adeemsa misiyoonummaasaa isa lammaffaa milkaaʼinaan xumure. Mee adeemsa misiyoonummaasaa isa xumuraarratti wantoota isa mudatan haa ilaallu!

WAREEGA PHAAWULOS

Hojiin Ergamootaa 18:18 Phaawulos yeroo Kinkiriʼaa keessa turetti, “wareega waan qabuuf . . . rifeensa mataa isaa gabaabsee murate” jedha. Wareegni Phaawulos maal ture?

Walumaa galatti, wareegni waadaa addaa hojii tokko raawwachuuf, kennaa tokko kennuuf ykn karaa adda taʼe tokkoon isa tajaajiluuf Waaqayyoof galamudha. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti Phaawulos rifeensa isaa kan murate wareega Naaziricha taʼuuf wareege raawwachuuf jedheeti. Taʼus, akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, namni Naaziricha taʼe tokko yeroo tajaajila addaa Yihowaadhaaf dhiheessu xumurutti “balbala dunkaana walgaʼii duratti” rifeensa isaa haaddachuu qaba ture. Gochi akkasii kan raawwatamummoo Yerusaalem keessatti malee Kinkiriʼaa keessatti hin fakkaatu.—Lak. 6:5, 18.

Seenaan kitaaba Hojii Ergamootaa Phaawulos wareega kana kan wareege yoom akka taʼe hin ibsine. Kana kan godhe Kiristiyaana taʼuu isaa dura taʼuu dandaʼa. Kana malees gabaasichi, Phaawulos wanta taʼe tokko Yihowaa akka gaafate hin ibsu. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko akka jedhetti, Phaawulos rifeensa isaa kan murate “Qorontos keessatti yeroo tajaajila isaa raawwatutti eegumsa Waaqayyo isaaf godheef galateeffannaa qabu ibsuufi.”

a Saanduqa, “Qorontos Ishii Galaana Lama Gidduutti Argamtu” jedhu ilaali.

b Saanduqa, “Xalayaawwan Phaawulos Warra Madda Jajjabinaa Taʼan” jedhu ilaali.

c Saanduqa, “Wareega Phaawulos” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi