Faarfannaa 46
Yihowaan Mootii Keenya!
1. Gammadaa, Waaqayyoon ol kaasaa,
Samiinis qajeelummaasaa ni labsaa.
Waaqa keenya jajachuudhaaf haa faarfannuu
Hojiiwwansaarratti haa yaannuu.
(WALLEE)
Yaa samii gammadii, Yaa lafaa ililchii,
Yihowaan mootiidha si’achii!
Yaa samii gammadii, Yaa lafaa ililchii,
Yihowaan mootiidha si’achii!
2. Ulfinasaa hundatti hiimaa;
Fayyisuusaa labsaa yeroo hundumaa.
Yihowaan mootiidhaa; Galata ‘saaf laannaa.
Teessoosaa durattii sagannaa.
(WALLEE)
Yaa samii gammadii, Yaa lafaa ililchii,
Yihowaan mootiidha si’achii!
Yaa samii gammadii, Yaa lafaa ililchii,
Yihowaan mootiidha si’achii!
3. Qajeelummaadhaan bulchaa jiiraa.
Ilmasaa Yesusiin moosifateeraa.
Waaqoliin addunyaa qaana’aatii kufaa,
Kan jajamu Yihowaa qofaa.
(WALLEE)
Yaa samii gammadii, Yaa lafaa ililchii,
Yihowaan mootiidha si’achii!
Yaa samii gammadii, Yaa lafaa ililchii,
Yihowaan mootiidha si’achii!
(Dabalataan 1 Sen. 16:9; Far. 68:20; 97:6, 7 ilaali.)