Faarfannaa48
Yeroo Hunda Yihowaa Wajjin Deddeebi’uu
1. Abbaa keenya harka qabne,
Wajjin deemnaa gad of deebisnee.
Baay’ee addaa gaarummaansaa
Tajaajiltootasaa badhaasaa!
Waaqni godhee qophii danuu
Harkasaa akka qabnuu.
Kanaafuu of murteessine;
Yihowaa maddii dhaabannee.
2. Guyyaa firdii kana keessaa,
Yeroo dhihaatettii dhumnisaa,
Mormii cimaan nurra ga’aa
Naanee duubatti jenna ta’a.
Ta’us nu eega Yihowaan;
Itti siqnee jiraannaan
Barabaraaf tajaajilla.
Amanamnee isaaf bulla.
3. Waaqni nuu godhe gargaarsaa
Karaa hafuraafi Dubbiisaa,
Nuu dhaga’uudhaan kadhannaa.
Karaa gumii Kiristiyaanaa,
Waaqaa wajjin deddeebinaa,
Gargaarsasaa argannaa,
Gaarummaasaa calaqqisuuf
Gad of deebisnee jiraachuuf.
(Dabalataan Uma. 5:24; 6:9; 1 Mot. 2:3, 4 ilaali.)