Faarfannaa 12
Abdii Jireenya Barabaraa
1. Abdii jireenyaa ni qabnaa.
Lafarra ni jiraannaa.
Macaafni kana himaa.
Kun ni raawwatamaa.
(WALLEE)
Jireenya argannaa.
Kanaafis carraaqnaa.
Abdichi dhugaadhaa.
Amanamaadhaa.
2. Mudaa hin qabu Jannanni;
Ni argama birmaduun.
Abboommii Yihowaatiin,
Jiraanna nagaadhaan.
(WALLEE)
Jireenya argannaa.
Kanaafis carraaqnaa.
Abdichi dhugaadhaa.
Amanamaadhaa.
3. Namoonni du’an ka’anii,
Egaa bade gadduunii.
Ni dagaaga jaalalli,
Ni hafa boo’uunii.
(WALLEE)
Jireenya argannaa.
Kanaafis carraaqnaa.
Abdichi dhugaadhaa.
Amanamaadhaa.
(Dabalataan Isa. 25:8; Luq. 23:43; Yoh. 11:25; Mul. 21:4 ilaali.)