KUTAA 3
Ilmaan Namootaa Bishaan Badiisaarraa Oolan
Waaqayyo biyya lafaa isa hamaa kan balleesse ta’us, Nohiifi maatiisaa oolcheera
ILMAAN namootaa yommuu baay’achaa adeeman, cubbuufi hamminni atattamaan lafarratti babal’achaa dhufe. Henook inni kophaasaa raajii ta’ee tajaajilaa ture, Waaqayyo gaaf tokko hamoota akka balleessu akeekkachiisee ture. Ta’us hamminni babal’achaafi ittuma caalaa adeeme. Ergamoonni tokko tokko, samiirraa iddoosaanii dhiisanii, nama fakkaatanii gara lafaa dhufuufi sassataan kaka’anii dubartoota niitii godhachuudhaan Waaqayyorratti ka’an. Wal qunnamtiin uumamaan ala ta’e kunimmoo, ijoollee dhedheeroon humna guddaa qabaniifi Neefliimota jedhaman akka dhalatan godhe. Ijoolleen kunis, hammeenyiifi ajjeechaan biyya lafaarratti garmalee akka babal’atu godhan. Waaqayyo uumamawwansaa lafarratti argaman manca’uusaanii yommuu argu baay’ee gadde.
Henook erga du’ee booda, namni warra hamoo sanarraa adda ta’e tokko ni ka’e. Maqaansaa Nohi jedhama. Inniifi maatiinsaa wanta Waaqayyoon gammachiisu raawwachuuf carraaqaniiru. Waaqayyo hamoota yeroo sana turan balleessee, Nohiifi bineensota lafarratti argaman oolchuuf murteesse. Kanaaf, Waaqayyo Nohi markaba guddaa saanduqa fakkaatu akka ijaaru itti hime. Nohiifi maatiinsaa, akkasumas bineensonni gosa addaddaa hedduun, markaba kana keessa galuudhaan bishaan badiisaa addunyaa maratti ga’urraa oolu. Nohi Waaqayyoof ni abboomame. Nohi waggoota 40-50 ta’aniifi markaba itti ijaaraa ture sanatti, ‘qajeelinas lallabaa’ ture. (2 Phexros 2:5) Nohi waa’ee Bishaan Badiisaa dhufuuf jedhuu namoota kan akeekkachiise ta’us, isaan garuu akeekkachiisasaa fudhachuu didaniiru. Nohiifi maatiinsaa bineensotaa wajjin markabichatti galan. Waaqayyos balbala markabichaa ni cufe; bokkaanis ni roobe.
Guutummaan lafaa bishaaniin hanga liqimfamutti, bokkaa cimaan guyyaa 40fi halkan 40 roobe. Hamoonni ni balleeffaman. Ji’oota muraasa booda yommuu bishaanichi hir’atu, markabichi gaara tokkorra buufate. Warri markabicha keessa jiran hundi, achi keessa waggaa tokkoof jiraatanii nagaadhaan ba’an. Sana booda Nohi Yihowaadhaaf aarsaa galataa dhiheesse. Yeroo kanatti Waaqayyo, lammata lubbuu lafarra jiru bishaaniin akka hin balleessine Nohiifi maatiisaatiif mirkaneesse. Yihowaan, abdii nama jajjabeessu kanaaf milikkita akka ta’utti sabbata waaqaa qopheesse.
Bishaan Badiisaa booda, Waaqayyo namootaaf abboommiiwwan haaraa tokko tokko kenne. Foon horii akka nyaatan isaanii heyyamee, dhiiga akka hin nyaanne garuu isaan dhowwee ture. Ilmaan Nohi biyya lafaatti akka tamsa’an kan isaan abboome ta’us, isaan keessa tokko tokko ajaja kanaaf utuu hin abboomamin hafaniiru. Namoonni bulchaa Naamrud jedhamu jalatti tokko ta’anii, magaalaa Baabel ishee yeroo booda Baabilon jedhamte keessatti gamoo guddaa ijaaruu jalqaban. Kaayyoonsaanii, abboommii Waaqayyo lafarratti akka tamsa’an isaanii kenne cabsuu ture. Haata’u malee, Waaqayyo afaansaanii isa tokko ture walitti makee qooqa addaddaa akka dubbatan gochuudhaan, kaayyoosaanii jalaa fashaleesse. Namoonni kun walii galuu waan dadhabaniif, gamoo sana ijaaruu dhiisanii gargar faca’an.
—Uumama boqonnaa 6 hanga 11 fi Yihudaa 14, 15rratti kan hundaa’e.