LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 4 ful. 7
  • Waaqayyo Abrahaamii Wajjin Kakuu Gale

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Abrahaamii Wajjin Kakuu Gale
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan “Michuu Koo” Jedhee Isa Waameera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Waaqayyo Amantii Abrahaam Qore
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • “Magaalaa Hundee Dhugaa Qabu” Eeggachaa Jirtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Michuu Waaqayyoo Kan Ture Abrahaam
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 4 ful. 7
Abrahaam urjiilee ilaalaa jira

KUTAA 4

Waaqayyo Abrahaamii Wajjin Kakuu Gale

Abrahaam amantiidhaan Waaqayyoof abboomame. Yihowaanis akka isa eebbisuufi sanyiisaa akka baay’isu kakuu galeef

BISHAAN BADIISAA bara Nohitti ga’e erga darbee, gara waggaa 350 ta’eera. Abrahaam, magaalaa badhaatuu Ur jedhamtu keessa jiraachaa kan ture si’a ta’u, magaalaan kun yeroo ammaatti Iraaq jedhamti. Abrahaam nama amantii guddaa qabu ture. Amma garuu amantiinsaa ni qorame.

Yihowaan, Abrahaam biyya itti dhalate gadhiisee, biyya ormaa, jechuunis biyya Kana’aan akka dhaqu itti hime. Abrahaamis mamii tokko malee abboomame. Haadha manaasaa Saaraa, ilma obboleessasaa Looxiifi miseensota maatiisaa hunda qabatee karaa fagoo erga deemee booda, Kana’aanitti dunkaana keessa jiraachuu jalqabe. Yihowaan kakuu Abrahaamiif gale keessatti sabni guddaan isa keessaa akka ba’u, sabni lafarraa karaasaa akka eebbifamuufi sanyiinsaa biyya Kana’aan akka dhaalu abdii kenneef.

Abrahaamiifi Loox hoolotaafi loon hedduu qabaachuudhaan sooreyyii ta’an. Abrahaam ofittummaa tokko malee, Loox naannoo barbaaderra akka jiraatu isa filachiise. Looxis biyya lalistuu kutaa Laga Yordaanos filatee, magaalaa Sodoomitti dhihaatee jiraachuu jalqabe. Haata’u malee namoonni biyya Soodom, amala gadhee kan qabaniifi Yihowaarratti cubbuu cimaa kan hojjetan turan.

Yihowaan, yeroo booda Abrahaam sanyiinsaa akka urjii waaqa keessaa akka baay’atu abdii kenneef. Abrahaamis abdii kana ni amane. Haata’u malee, haati manaa Abrahaam, Saaraan maseena turte. Abrahaam umriinsaa waggaa 99 yommuu ta’eefi Saaraanimmoo gara umrii 90⁠tti yommuu siqxetti, Waaqayyo ilma akka godhatan Abrahaamitti hime. Akkuma Waaqayyo dubbate, Saaraan ilma Yisihaq jedhamu deesse. Abrahaam ijoollee baay’ee kan godhate ta’us, Fayyisaan Eeden keessatti abdachiifame kan dhufu karaa Yisihaq ture.

Yeroo kanatti Looxiifi maatiinsaa magaalaa Sodoom keessa kan jiraatan ta’us, nama qajeelaa kan ture Loox, akka namoota addaggee magaalattii keessa jiraatanii hin turre. Yihowaan Sodoomirratti badiisa fiduuf yeroo murteesse, Loox badiisa kanarraa akka oolu isa akeekkachiisuuf dursee ergamoota garasaatti erge. Ergamoonni sunis, Looxiifi maatiinsaa Sodoomii akka ba’aniifi garagalaniis akka hin ilaalle isaan abbooman. Achiis Waaqayyo, magaalaa Sodoomiifi magaalaa Gomoraa ishee hamtuurratti ibiddaafi dhagaa boba’u roobsuudhaan, jiraattota magaalota kanaa balleesse. Looxiifi intaloonnisaa lamaan badiisicharraa ni oolan. Haata’u malee, haati manaa Loox tarii wanta dhiistee baate sana hawwuudhaan gara duubaa ilaalte. Waaqayyoof abboomamuu waan diddeefis lubbuushee dhabde.

—Uumama 11:10–19:38⁠rratti kan hundaa’e.

  • Abrahaam gara Kana’aan kan dhaqe maaliif ture?

  • Yihowaan Abrahaamii wajjin kakuu akkamii gale?

  • Yihowaan, Sodoomiifi Gomoraa kan balleesse maaliifi?

Waaqa Kakuu

Bara duriitti kakuun, walii galtee godhamu tokko kan argisiisu ture. Yihowaan, Fayyisaa Eeden keessatti abdachiise ilaalchisee kaayyoon inni qabu akkamitti akka raawwatamu, suutuma suuta kakuu gale hedduudhaan ibseera. Kakuun Abrahaamii wajjin galame, Sanyiin abdachiifame karaa hidda dhalootaa Abrahaam akka dhufu kan argisiisu ture. Kakuuwwan booda galamanis, Sanyiin kun eenyu akka ta’e caalaatti ifa godhaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi