KUTAA 5
Waaqayyo Abrahaamiifi Maatiisaa Ni Eebbise
Sanyiin Abrahaam badhaadhota ta’an. Waaqayyo Gibxiitti Yoseefiif eegumsa godhe
YIHOWAAN gaaf tokko Ilmisaa inni hunda caalaa isa biratti jaallatamaa ta’e, akka dhiphatuufi akka ajjeefamu beeka ture. Raajiin Uumama 3:15rra jiru kana argisiisa. Waaqayyo duuti Ilmasaa aarsaa hammamii akka isa gaafatu namootaaf ibseeraa? Macaafni Qulqulluun, fakkeenya abbaafi ilma tokkoo caqasuudhaan Waaqayyo kana gochuusaa ibsa. Waaqayyo, Abrahaam ilmasaa isa jaallatamaa Yisihaqiin aarsaa akka godhu isa gaafate.
Abrahaam amantii cimaa qaba ture. Waaqayyo, Fayyisaan ykn Sanyichi raajiidhaan dubbatame karaa Yisihaq akka dhufu abdii isaaf kennuusaa yaadadhu. Abrahaam, barbaachisaa taanaan Waaqayyo Yisihaqiin du’aa kaasuu akka danda’u waan amaneef, isaaf abboomamuudhaan ilmasaa aarsaa gochuuf ka’e. Haata’u malee, ergamaan Waaqayyoo tokko dafee isa dhowwe. Waaqayyo, Abrahaam ilmasaa isa baay’ee jaallatu aarsaa gochuuf fedhii qabaachuusaatti erga isa galateeffatee booda, kakuu nama amanamaa kanaaf gale irra deebi’ee cimse.
Yeroo booda, Yisihaq ilmaan Esaawuufi Yaaqoob jedhaman godhate. Esaawuurraa haala adda ta’een, Yaaqoob dhimmawwan hafuuraa waan dinqisiifatuuf eebba argateera. Waaqayyo maqaa Yaaqoob Israa’elitti kan jijjiire si’a ta’u, yeroo booda ilmaan Israa’el 12an, dura buutota gosa Israa’el ta’aniiru. Haata’u malee, maatiin sun saba guddaa kan ta’e akkamitti?
Wantoonni hedduun raawwatamuu kan jalqaban, erga angafoonnisaa Yoseefitti hinaafuu jalqabanii booda ture. Garbummaatti kan isa gurguran si’a ta’u, innis gara Gibxiitti geeffame. Waaqayyo garuu, dargaggeessa amanamaafi ija jabeessa ta’e kana ni eebbise. Yoseef rakkinni cimaan kun isarra ga’us, yeroo booda bulchaa warra Gibxii kan ta’e Fara’oon isa filatee aangoo guddaa isaa kenne. Yoseef midhaan hundumaarratti itti gaafatamaa waan godhameefi Yaaqoobis beelaan kan ka’e ilmaansaa tokko tokko gara Gibxiiti waan ergeef, yeroo kanatti kun ta’uunsaa sirrii ture. Yoseef, obbolootasaa warra yaada garaa geddaratanii wajjin haala dinqii ta’een erga wal argee booda, hundasaaniitiif dhiifama kan godhe ta’uusaarrayyuu, guutummaan maatichaa Gibxii keessa akka jiraatu qophii godhe. Achittis lafti gaariin irratti baay’achuufi sooromuu danda’an isaanii kenname. Yoseef, Waaqayyo wanti kun akka ta’u kan godhe, abdii isaaniif kenne raawwachuuf akka ta’e hubateera.
Yaaqoob inni dulloome, maatiisaa isa bal’aadhaan marfamee Gibxii keessa jiraate. Yaaqoob du’uusaa dura, Sanyiin ykn Fayyisaan raajiidhaan dubbatame sun, Bulchaa cimaa akka ta’uufi hidda dhalootaa Yihudaarraa akka dhalatu raajii dubbate. Yoseefis waggoota muraasa booda du’uusaa dura, gaaf tokko Waaqayyo maatii Yaaqoob Gibxii akka baasu raajii dubbate.
—Uumama boqonnaa 20 hanga 50 fi Ibroota 11:17-22rratti kan hundaa’e.