KUTAA 6
Iyoob Amanamummaasaa Eegeera
Seexanni, Iyoob Waaqayyoof amanamaa ta’uusaarratti gaaffii kan kaase ta’us, Iyoob Yihowaadhaaf amanamaa ta’ee jiraateera
NAMNI tokko qorumsi guddaan yoo irra ga’eefi amanamaa ta’uunsaa karaa foonii faayidaa kan isaaf hin argamsiifne yeroo fakkaatutti, Waaqayyoof amanamaa ta’ee itti fufuu danda’aa? Gaaffiin kun nama Iyoob jedhamurratti ka’ee deebii argateera.
Israa’eloonni yommuu Gibxii turanitti, fira Abrahaam kan ta’e Iyoob, biyya yeroo ammaatti Arabiyaa jedhamtu keessa jiraata ture. Yeroo kanatti, ergamoonni Waaqayyo duratti kan wal ga’an si’a ta’u, Seexanni inni Waaqayyorratti ka’es isaanii wajjin ture. Yommuu ergamoonni samiirratti walga’an kanatti Yihowaan, tajaajilaasaa isa amanamaa kan ta’e Iyoobirratti amantaa akka qabu ibse. Yihowaan, namni akka Iyoob amanamaa ta’e kan biraan akka hin jirre dubbate. Seexanni garuu, Iyoob Waaqayyoon kan tajaajilu, Waaqayyo waan isa eebbiseefi eegumsa waan isaa godheef akka ta’e dubbachuudhaan falme. Seexanni, Iyoob wanti inni qabu hundi utuu jalaa fudhatamee Waaqayyoon akka arrabsu dubbate.
Waaqayyos, Seexanni Iyoobiin dura qabeenyasaa, achiis ijoolleesaa, boodas fayyaasaa akka isa dhabsiisu heyyame. Iyoob, Seexanni rakkina akkasii isarra geessisuurratti shoora akkamii akka taphate waan hin beekneef, Waaqayyo rakkoowwan kun akka isarra ga’an maaliif akka heyyame hubachuu hin dandeenye. Ta’us Iyoob matumaa Waaqayyoon hin arrabsine.
Hiriyoonnisaa sobaa sadan gara Iyoob dhufan. Wanti isaan dubbatan macaafa Iyoobirratti bal’inaan akkuma ibsame, namoonni kun, cubbuu Iyoob dhoksaatti raawwateef Waaqayyo isa adabaa akka jiru sobaan isa amansiisuuf yaalii godhan. Kana malees, Waaqayyo tajaajiltootasaatti akka hin gammanneefi akka isaan hin amanne dubbatan. Iyoob garuu, sababii dogoggoraa isaan dhiheessan hin fudhanne. Kanaa mannaa, hamma du’aatti amanamaa akka ta’u garaa guutuudhaan dubbate!
Ta’us Iyoob balleessaa tokkoyyuu akka hin qabne dubbachuudhaan dogoggora raawwate. Eliihuun inni isaan keessaa ijoollee ta’e, falmii garee lamaan gidduutti godhame erga dhaggeeffatee booda, isaan sirreessuuf dubbachuu jalqabe. Eliihuun, Iyoob olaantummaan Yihowaa, qulqullummaa namaarra akka caalu hubachuu dadhabuusaatti gorsa cimaa isaaf kenne. Hiriyoota Iyoob warra sobaattis dheekkameera.
Achiis Yihowaan ilaalcha Iyoob sirreessuuf isatti dubbachuu jalqabe. Yihowaan Iyoobitti waa’ee uumamawwan dinqisiisaa ta’anii itti himuudhaan, namni Waaqayyoo wajjin yommuu waliin ilaalamu baay’ee xinnoo ta’uusaa isa barsiiseera. Iyoob, gad of deebisuudhaan sirreeffama Waaqayyorraa argate fudhateera. Yihowaan, “gara-laafessa, oo’a-qabeessas” waan ta’eef, Iyoob fayyaa akka argatu godheera; akkasumas qabeenyasaa dachaa lama godhee isaa deebiseera; ijoollee kudhan kennuudhaanis isa eebbiseera. (Yaaqoob 5:11) Iyoob yommuu rakkinni cimaan irra ga’e Yihowaadhaaf amanamaa ta’ee jiraachuudhaan, falmii Seexanni namoonni yoo qorumsi isaanirra ga’e Waaqayyoof amanamoo hin ta’an jechuudhaan kaaseef deebii gaarii kenneera.
—Macaafa Iyoob irratti kan hundaa’e.