KUTAA 7
Waaqayyo Israa’eloota Garbummaa Jalaa Baase
Yihowaan warra Gibxiirratti dha’icha fide; Museenimmoo Israa’eloota biyyicha keessaa baase. Waaqayyo karaa Musee Israa’elootaaf Seera kenne
ISRAA’ELOONNI waggoota hedduu biyya Gibxii keessa kan jiraatan yommuu ta’u, achitti ni sooroman; ni baay’atanis. Haata’u malee, mootii haaraan biyyattii bulchuu jalqabe. Mootiin kun Yoseefiin hin beeku ture. Mootiin gara jabeessaafi abbaa irree ta’e kun, Israa’eloonni baay’achaa waan jiraniif isaan sodaate. Achiis, hundisaanii garbootasaa akka ta’aniifi dhiironni reefuu dhalatanimmoo Laga Abbayyaatti akka gataman ajaje. Haata’u malee, haati ija jabeettii taate tokko, ilmashee guuboo keessa keessee dhallaadduu gidduu dhoksuudhaan isa oolfatte. Intalli Fara’oon, daa’ima kana argattee maqaasaa Musee jettee moggaasuudhaan, mana mootii warra Gibxii keessatti isa guddiste.
Museen yommuu umriinsaa waggaa 40 ta’u, nama Israa’el tokkorra goree nama Gibxii isa hojjechiisu tokkorratti tarkaanfii fudhachuudhaan rakkina keessa gale. Kanaan kan ka’es naannoo sanaa baqatee, biyya ormaatti galaa ta’ee jiraachuu jalqabe. Yommuu Museen nama umrii waggaa 80 ta’utti, Yihowaan deebisee gara Gibxiitti isa erguudhaan, Fara’oon duratti dhihaatee saba Waaqayyoo akka gadhiisu akka itti himu godhe.
Fara’oon yaada kana baay’ee morme. Kanaaf Waaqayyo biyya Gibxiirratti dha’icha kudhan fide. Yommuu Museen Fara’oon duratti dhihaatee dha’icha itti aanurraa akka oolu isa gaafate hundatti, Fara’oon, wanta Museefi Yihowaan jedhan fudhachuu diduudhaan, mata jabeessa ta’uusaa argisiiseera. Dhumarrattis dha’ichi inni kurnaffaan, warra Yihowaadhaaf ajajamanii michichila balbalasaaniitti dhiiga hoolaa aarsaadhaaf dhihaate diban hambisee, angafoota Gibxii hunda ajjeese. Ergamaan Waaqayyoo inni dha’icha kana raawwate, namoota balbalasaaniitti dhiiga hoolaa diban bira darbe. Israa’eloonni ayyaana Faasikaa [Bira Darbuu] jedhanii moggaasan kana kabajuudhaan, guyyaa haala dinqii ta’een itti oolan kana waggaa waggaatti ni yaadatu turan.
Fara’oon ilmisaa inni angafti erga jalaa ajjeefamee booda, Museefi Israa’eloonni hundi biyya Gibxiitii akka ba’an ajaje. Isaanis yeruma sana wal qabatanii biyyichaa ba’an. Haata’u malee, Fara’oon yaadasaa jijjiire. Loltootaafi konkolaattota fardaan harkifaman hedduu fudhatee isaan duukaa bu’e. Israa’eloonni qarqara Galaana Diimaa bira yommuu ga’an karaa itti ce’an dhaban. Yihowaan Galaana Diimaa gargar hiree, Israa’eloonni bishaan bitaafi mirgaan akka keenyaniitti dhaabate gidduu lafa gogaarra akka darban godhe. Warri Gibxii isaan duukaa yommuu galan, Waaqayyo bishaanichi akka isaanirra garagalu gochuudhaan, Fara’ooniifi loltootasaa akka liqimsu godhe.
Sana booda yommuu Israa’eloonni Tulluu Siinaa jala buufatan, Yihowaan isaanii wajjin kakuu gale. Waaqayyo Museetti fayyadamuudhaan, seerawwan sabichaaf qajeelfama ta’aniifi yeroo hunda eegumsa isaaniif argamsiisan kenneef. Israa’eloonni amanamummaadhaan bulchiinsa Waaqayyoo yoo deggeran, Yihowaan isaanii wajjin ta’a; sabichis warra kaaniif eebba argamsiisa.
Haata’u malee, Israa’eloonni baay’een isarratti amantaa dhabuudhaan Waaqayyoon aarsaniiru. Kanaan kan ka’es, Yihowaan dhaloonni sun waggaa 40f lafa onaa keessa akka jooru godhe. Sana booda Museen, nama qajeelaa kan ta’e Iyaasuun bakkasaa akka bu’u godhe. Dhumarrattis, akkuma Waaqayyo Abrahaamiif kakuu gale, Israa’eloonni biyyattii abdachiifamtetti galuuf qophaa’an.
—Ba’uu; Lewwoota; Lakkoobsa; Keessa Deebii; Faarfannaa 136:10-15 fi Hojii Ergamootaa 7:17-36rratti kan hundaa’e.