LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 9 ful. 12
  • Israa’eloonni Mootii Moosifachuu Barbaadan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Israa’eloonni Mootii Moosifachuu Barbaadan
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • “Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Qabiyyee 1 Saamuʼel
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Daawit Baqachuu Kan Qabu Maaliifi
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 9 ful. 12
Daawit loltoonni Saaʼol utuu isa ilaalanii furrisaan yommuu darbatu

KUTAA 9

Israa’eloonni Mootii Moosifachuu Barbaadan

Mootii Israa’el isa jalqabaa kan ta’e Saa’ol, Yihowaadhaaf utuu hin abboomamin hafe. Itti aansuudhaan, Daawit isa Waaqayyo kakuu mootummaa barabaraa galeeftu mootii ta’e

SIIMSON erga du’ee booda, Saamu’el Israa’el keessatti raajiifi abbaa firdii ta’ee tajaajileera. Israa’eloonni akkuma saboota kaanii, mootiin akka isaaniif moosifamu irra deddeebi’anii gaafatan. Gaaffiinsaanii kun Yihowaa kan gaddisiise ta’uyyuu, Yihowaan Saamu’el wanta isaan gaafatan akka isaanii godhu isa ajaje. Waaqayyo namichi gad of deebisuufi Saa’ol jedhamu mootii akka ta’u filate. Yeroo booda garuu, Saa’ol Mootichi nama of tuuluufi Waaqayyoof kan hin abboomamne ta’e. Yihowaan nama kana mootummaasaarraa erga buusee booda, Saamu’el dargaggeessa Daawit jedhamu akka muudu itti hime. Haata’u malee, Daawit mootii kan ta’e waggoota baay’ee boodadha.

Daawit yommuu dargaggeessa saafela turetti, obbolootasaa warra loltoota Saa’ol turan gaafachuu dhaqe. Goliyaad loltuun diinaa inni qaamaan guddaa ta’e, isaaniifi Waaqasaaniitti ga’isaa waan jiruuf loltoonni Israa’el hundi sodaataniiru. Daawit baay’ee aaree, loltuu kanaa wajjin wal loluuf of dhiheesse. Dargaggeessi kun, furrisaafi dhagaa muraasa qofa fudhatee, diinasaa isa gara meetira 3 dheeratu kana loluu dhaqe. Yommuu Goliyaad itti ga’isu, Daawit maqaa Yihowaatiin waan isa loluuf isa caalaa akka hidhate itti hime. Daawit dhagaa tokkoon Goliyaadiin erga ajjeesee booda, billaadhuma Goliyaadiin mormasaa irraa kute. Loltoonni Filisxeemis sodaatanii baqatan.

Jalqabarratti Saa’ol ija jabina Daawit argisiise dinqisiifachuudhaan, dargaggeessa kana ajajaa loltootasaa godhe. Haata’u malee, Saa’ol milkaa’ina Daawit argatetti baay’ee hinaafe. Kanaan kan ka’es, Daawit lubbuusaatiif waan sodaateef waggoota hedduudhaaf baqatee jiraate. Haata’u malee Daawit, Saa’ol Mooticha kan muude Yihowaa ta’uusaa ibsuudhaan, mootii isa ajjeesuuf yaalii gochaa ture kanaaf amanamaa ta’eera. Dhumarrattis Saa’ol dirree waraanaarratti du’e. Utuu baay’ee hin turin, Daawit akkuma Yihowaan jedhe mootii ta’e.

“Ani immoo teessoon mootummaa isaa bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha.”—2 Saamu’el 7:13

Daawit mootii waan ta’eef, Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaruuf fedhii guddaa qaba ture. Ta’us, Yihowaan sanyiisaa keessaa tokko mana kana akka ijaaru itti hime. Dhumarratti Solomoon ilmi Daawit mana kana ni ijaare. Ta’us, Waaqayyo kakuu nama gammachiisu isaaf galuudhaan Daawitiin eebbiseera. Warra kaanirraa haala adda ta’een, sanyiisaa keessaa mootonni akka dhalatan itti hime. Dhumarrattis karaa sanyii kanaa, Fayyisaan ykn Sanyiin Eeden keessatti abdachiifame ni dhufa. Kunis, Masiihicha jechuunis isa Yihowaan “dibe” ta’e. Yihowaan, Masiihichi Bulchaa Mootummaa barabaraaf jiraatuu ta’uusaa kakuu galeera.

Daawit mirga kana argachuusaatti waan gammadeef, meeshaawwaniifi sibiilawwan gati jabeessa ijaarsa mana qulqullummaatiif gargaaran hedduu walitti qabe. Geggeessaa hafuura Waaqayyootiinis faarfannaawwan hedduu barreesseera. Daawit yommuu du’a jala ga’etti, “Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira” jedheera.—2 Saamu’el 23:2.

—Saamu’el Isa Duraafi Isa Lammaffaa; 1 Seenaa; Isaayaas 9:7; Maatewos 21:9; Luqaas 1:32 fi Yohannis 7:42⁠rratti kan hundaa’e.

  • Yihowaan, Daawitiin bakka Saa’ol Mootichaa kan buuse maaliifi?

  • Daawit mootii ta’uusaa durayyuu amalawwan akkamii qaba ture?

  • Sanyichi ykn Fayyisaan karaa hidda dhalootaa Daawit akka dhufu abdachiifame eenyu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi