LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 11 ful. 14
  • Faarfannaawwan Nama Jajjabeessaniifi Nama Barsiisan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Faarfannaawwan Nama Jajjabeessaniifi Nama Barsiisan
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 11 ful. 14
Daawit baganaatti fayyadamee yommuu faarfatu

KUTAA 11

Faarfannaawwan Nama Jajjabeessaniifi Nama Barsiisan

Daawitiifi namoonni kaan, faarfannaawwan waaqeffannaadhaaf gargaaran barreessaniiru. Isaan keessaa walaloowwan 150 ta’an macaafa Faarfannaarratti argamu

KUTAA Macaafa Qulqulluu keessaa inni guddaan, faarfannaawwan qulqulluu kan qabatedha. Guutummaan macaafa Faarfannaa barreeffamee dhumuuf waggaa 1,000 fudhateera. Macaafni Faarfannaa, barreeffamoota kaanirraa haala adda ta’een, yaadawwan gadi fagoo amantiidhaan dubbatamaniifi miira namaa tuqan qabateera. Miirri addaddaa namoonni qaban kan akka gammachuu, jajannaafi galataa, akkasumas gaddaafi qalbii geddarachuu keessatti ibsamaniiru. Faarfattoonni kun Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabu turan. Mee qabiyyee walaloowwan kanaa tokko tokko haa ilaallu.

Yihowaan Waaqa Hundumaa Gararraa ta’eefi waaqeffatamuus ta’e jajamuu qabudha. Faarfannaa 83:18, “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” jedha. Faarfannaawwan hedduun uumamawwansaatiif Yihowaa jajatu. Isaan keessaa tokko tokko, samii urjiidhaan guutame, uumamawwan dinqisiisaa lafarra jiraniifi qaama namaa isa haala dinqisiisaa ta’een uumamedha. (Faarfannaa 8, 19, 139, 148) Warri kaanimmoo, Yihowaan namoota isaaf amanamoo ta’an oolchuufi eeguuf tarkaanfii kan fudhatu ta’uusaatti isa jajatu. (Faarfannaa 18, 97, 138) Kaanimmoo, inni Waaqa warra cunqurfaman gargaaruufi hamoota adabuudhaan firdii qajeelaa kennu ta’uusaatiin isa jajatu.—Faarfannaa 11, 68, 146.

Yihowaan warra isa jaallatan ni gargaara; ni jajjabeessas. Faarfannaan akka gaariitti beekamu, Faarfannaa 23⁠ffaa ta’uu hin oolu. Faarfannaa kanarratti Daawit, Yihowaan Tiksee jaalala qabeessa hoolotasaa geggeessu, eeguufi kunuunsu ta’uusaa ibseera. Faarfannaan 65:2, Yihowaan isa ‘kadhata namaa dhaga’u’ ta’uusaa warra isa waaqeffatan yaadachiisa. Namoonni cubbuu cimaa hojjetan hedduun, Faarfannaa 39fi 51⁠rraa jajjabina guddaa argataniiru. Achirratti, Daawit cubbuu cimaa hojjeteef qalbii geddarachuusaa garaadhaa ibseera; akkasumas Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu amantaa qabaachuusaa argisiiseera. Faarfannaan 55:22, Yihowaatti akka amanamnuufi wanta ba’aa nutti ta’e isarratti akka gannu nu gorsa.

Yihowaan Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee biyya lafaa ni jijjiira. Caqasawwan macaafa Faarfannaarra jiran hedduun, waa’ee Masiihicha jechuunis Mootii raajiidhaan abdachiifamee dubbatu. Faarfannaa 2⁠ffaan, Bulchaan kun saboota hamoo isa morman hunda akka balleessu raajii dubbata. Faarfannaa 72⁠ffaan, Mootiin kun beela, jal’inaafi hacuuccaa akka balleessu ibsa. Faarfannaan 46:9, Waaqayyo karaa Mooticha isa Masiihii ta’ee, waraanaafi meeshaa waraanaa hunda akka balleessu dubbata. Faarfannaa 37⁠rrattimmoo, hamoonni akka balleeffamaniifi qajeelonni garuu, addunyaa maratti nagaafi tokkummaa qabaatanii barabaraaf lafarra akka jiraatan dubbisna.

—Macaafa Faarfannaa irratti kan hundaa’e.

  • Macaafni Faarfannaa, Yihowaan bulchuuf mirga akka qabu kan ibsu akkamitti?

  • Faarfannaawwan, Waaqayyo warra isa jaallatan akka gargaaruufi akka jajjabeessu ibsan kamfa’i?

  • Akka macaafni Faarfannaa ibsutti, Waaqayyo biyya lafaa kan jijjiiru akkamitti?

Weedduu Weedduu Caalu

Macaafa Weedduu Weedduu Caalu keessatti, mootichi qabeenya hedduu qabaatullee, yeroo hunda durbi isa jaallatti jechuu akka hin taane ibseera. Mootichi durba bareedduu tiksee tokkorraa jaalalli ishee qabe argachuuf carraaqqiin inni godhe utuu isaaf hin milkaa’in hafuusaatti gadduusaa ibsa. Macaafni kun yommuu namoonni warra kaanirraa jaalalli isaan qabu karaa sirrii hin taaneen waan tokko gochuun akka isaan hin barbaachisne ibsa. Hiriyoonni gaa’elaa lamaan of qabanii, qulqullummaafi amanamummaadhaan jiraachuudhaan dinqisiifannaa argataniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi