LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 16 ful. 19
  • Masiihichi Ni Dhufe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Masiihichi Ni Dhufe
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Masiihicha Eeggachaa Turaniiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Yesuus Kiristoos Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Masiihichi Karaa Waaqayyo Ittiin Fayyisudha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 16 ful. 19
Yohaannis Yesuusiin yommuu cuuphu

KUTAA 16

Masiihichi Ni Dhufe

Yihowaan, Yesus namni Naazireet, Masiihicha isa yeroo dheeraa dura abdachiifame akka ta’e ibse

YIHOWAAN, namoonni eenyummaa Masiihicha abdachiifamee akka hubatan ni gargaaraa? Eeyyee. Waaqayyo maal akka godhe ilaali. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa, barreeffamanii erga xumuramanii gara jaarraa afurii ta’eera. Magaalaa Naazireet ishee kaaba Galiilaa jirtutti, shamarreen Maariyaam jedhamtu ergaa nama ajaa’ibsiisu dhageesse. Ergamaan Gabri’el jedhamu garashee dhaqee, isheen durba taatus, hafuurri ykn humni Waaqayyoo ilma akka deessu akka ishee godhu itti hime. Ilmi kun, Mootii yeroo dheeraa dura abdachiifame si’a ta’u, barabaraafis ni bulcha. Mucaan kun, Ilma Waaqayyoo ennaa ta’u, Waaqayyo lubbuu mucaa kanaa samiirraa gara gadameessa Maariyaamitti naannessa.

Maariyaam gad of deebisuudhaan, hojii ulfina qabeessa ta’e kanaaf of dhiheessite. Waaqayyo, Maariyaam akkamitti akka ulfoofte karaa ergamaasaa erga itti himee booda, kaadhimnishee inni muka sooftuu ta’e Yoseef ishee fuudhe. Raajiin Masiihichi Betlihemitti akka dhalatu dubbatame kan raawwatame akkamitti? (Miikiyaas 5:2) Magaalaan xinnoon kun, Naazireetirra gara kiilomeetira 140 fagaatti.

Bulchaan warra Roomaa, namoonni akka lakkaa’aman labsii baase. Namoonni biyya itti dhalatanitti galmeeffamuu qabu turan. Yoseefis ta’e Maariyaam namoota Betlihem waan ta’aniif, Yoseef haadha manaasaa ishee ulfa turte fudhatee achi dhaqe. (Luqaas 2:3) Maariyaamis moonaa keessatti deessee, mucicha siree horiin irraa nyaatan keessa ciibsite. Waaqayyo ergamaa tokko ergee, mucaan reefuu dhalate kun Masiihicha abdachiifame ykn Kiristos ta’uusa warra gaararratti hoolotasaanii tiksaa turanitti akka himu godhe.

Yeroo booda warri kaanis, Yesus Masiihicha abdachiifame ta’uusaa mirkaneeffataniiru. Isaayaas raajichi, namni hojii barbaachisaa Masiihichi raawwatuuf karaa tolchu tokko akka ka’u raajii dubbatee ture. (Isaayaas 40:3) Inni Masiihichaaf karaa tolche Yohannis Cuuphaa ture. Yohannis yommuu Yesusiin argu, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jedhee dubbate. Bartoota Yohannis keessaa tokko tokko, yeruma sana Yesus duukaa bu’an. Isaan keessaa tokko, “Masiihicha arganneerra” jedhe.—Yohannis 1:29, 36, 41.

Ragaan Yesus Masiihii ta’uusaa argisiisu garabiraanis jira. Yommuu Yohannis Yesusiin cuuphu, Yihowaan samiirraa dubbatee ture. Yihowaan, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee hafuura qulqulluutti fayyadamee erga dubbatee booda, Yesusiin Masiihii godhee muudeera. (Maatewos 3:16, 17) Masiihichi yeroo dheeraa dura abdachiifame ni dhufe!

Masiihichi kan dhufe yoomi? Waggoonni 483 Daani’el raajiidhaan dubbate yommuu xumuraman, jechuunis Dh.K.B. bara 29⁠tti ture. Eeyyee, kun ragaawwan Yesus Masiihii ykn Kiristos ta’uusaa argisiisan keessaa muraasasaaniiti. Haata’u malee, Masiihichi yeroo lafarra ture ergaa akkamii labse?

—Maatewos boqonnaa 1 hanga 3; Maarqos boqonnaa 1; Luqaas boqonnaa 2 fi Yohannis boqonnaa 1⁠rratti kan hundaa’e.

  • Yihowaan, ergamootasaatti fayyadamee Yesus Masiihii ta’uusaa kan ibse akkamitti?

  • Waaqayyo, Yohannis Cuuphaatti fayyadamee Yesus Masiihii ta’uusaa kan ibse akkamitti?

  • Yihowaan ofiisaatii, Ilmisaa Masiihii akka ta’e kan ibse akkamitti?

Ilma Waaqayyoo Jedhamuu Kan Danda’u Akkamitti?

Yihowaan Abbaa Yesus yommuu ta’u, abbummaansaa garuu abbummaa ilmaan namootaa wajjin tokko miti. Yesus kan dhalate, saalqunnamtii hiriyaa gaa’elaa wajjin godhameen hin turre. Yesus, ergamaa Yihowaan waan hunda dura uumedha. (Qolosaayis 1:15-17) Yihowaan isa uumuudhaan lubbuu waan isaa kenneef, Abbaasaati jedhamuu danda’a. Yihowaan Ilmasaa hafuuraa kana erga uumee booda, “hojjetaa isa gaarii” kanatti fayyadamee, uumama cufaafi wantoota kaan hunda uumeera.—Fakkeenya 8:30, NW.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi