KUTAA 18
Yesus Dinqii Raawwate
Yesus dinqii raawwateen, yommuu Mootii ta’u aangoosaatti akkamitti akka fayyadamu argisiiseera
WAAQAYYO, Yesus wanta namni kamiyyuu gochuu hin dandeenye akka raawwatu humna isaaf kenneera. Yesus yeroo baay’ee, bakka namoonni hedduun jiranitti dinqiiwwan gurguddaa raawwata ture. Dinqiiwwan kun, Yesus diinotasaarrattis ta’e rakkoowwan addaddaa namoonni cubbuu dhaalan balleessuu hin dandeenyerratti humna akka qabu argisiisaniiru. Fakkeenya tokko tokko ilaali.
Hanqina nyaataafi dhugaatii. Yesus yeroo jalqabaatiif bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiruudhaan dinqii isa jalqabaa raawwateera. Yeroo garabiraammoo, si’a lama namoota beela’an hedduu buddeenaafi qurxummii muraasa nyaachisee quubseera. Yeroo lamaanittiyyuu, nyaanni hundasaanii ga’ee irraa hafee ture.
Dhukkuba. Yesus namoota, “dhukkubaa fi dhibee hundumaattii” fayyisaa ture. (Maatewos 4:23) Yesus namoota ijisaanii jaame, gurrisaanii duude, dhukkuba lamxiitiin qabaman, dhukkuba nama kuffisuun qabaman, namoota hokkolaniifi hir’ina qaamaa qaban hunda fayyiseera. Dhukkubni inni fayyisuu hin dandeenye hin jiru ture.
Haala qilleensaa hamaa. Yesusiifi bartoonnisaa bidiruu yaabbatanii ciisa bishaan Galiilaa utuu ce’aa jiranii, qilleensi jabaan galaanicharraa ka’e. Yeroo kanatti bartoonni ni sodaatan. Yesus gara dha’aa bishaanichaa ilaalee, “Cal jedhi, gab jedhis!” jedhe. Achiis gabii guddaan in ta’e. (Maarqos 4:37-39) Yeroo garabiraattimmoo, qilleensi jabaan utuu jiruu bishaanirra adeemeera.—Maatewos 14:24-33.
Hafuurota hamoo. Hafuuronni hamoon namoota caalaa humna guddaa qabu. Namoonni hedduun, miidhaa diinonni Waaqayyoo warri hamoon kun geessisanirraa walaba ta’uu hin dandeenye. Haata’u malee, Yesus hafuuronni hamoon namoota keessaa akka ba’an yeroo isaan abboome hundaatti, deebi’anii namoota kanatti hin galle. Yesus hafuurota hamoo kana hin sodaanne. Isaan garuu aangoosaa waan beekaniif isa sodaataniiru.
Du’a. Eenyuyyuu du’a mo’uu waan hin dandeenyeef, duuti “diina isa dhumaa” jedhamuunsaa sirriidha. (1 Qorontos 15:26, NW) Haata’u malee, Yesus namoota du’an kan kaase ennaa ta’u, isaan keessaa mucaan haadha hiyyeessaa tokkoofi intalli warrishee baay’ee gaddan tokko ni argamu. Alaazaar erga du’ee gara guyyaa afuurii ta’us, Yesus michuusaa kana bakka namoonni isaaf gaddan hedduun jiranitti du’aa kaasuudhaan dinqii guddaa raawwateera. Diinonni Yesus warri isa ajjeesuuf kutatanii turanillee, dinqii kana akka raawwate amananiiru.—Yohannis 11:38-48; 12:9-11.
Yesus dinqiiwwan kana hunda kan raawwate maaliifi? Namoonni inni du’aa kaase yeroo booda deebi’anii du’aniiru. Haata’u malee, dinqiiwwan Yesus raawwate bu’aa guddaa argamsiisaniiru. Bulchiinsa Masiihicha Mootii ta’e kanaa ilaalchisee, raajiiwwan nama gammachiisan hundi akka raawwataman nuu mirkaneessu. Mootiin Waaqayyo dibe kun hanqina nyaataafi dhugaatii, dhukkuba, qilleensa hamaa, hafuurota hamoofi du’allee akka balleessu hin shakkisiisu. Yesus dinqiiwwan akkasii hunda raawwachuuf, Waaqayyo humna akka isaaf kenne argisiiseera.
—Macaafa Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis irratti kan hundaa’e.