Diizaayinii isa jalqabaa eenyutu hojjete?
Waggoota dhihoodhaa asitti, saayintistoonnii fi mahaandisoonni, biqiltootaa fi bineeldotarraa barumsa argachaa jiru. (Iyyoob 12:7, 8) Meeshaa haaraa tokko hojjechuu fi isa jirummoo fooyyessuuf diizaayinii uumama garaagaraa qorachuudhaan isa fakkeessanii hojjechuuf yaalu. Qorannaa akkasii baayoomiimeekiingi jedhama. Fakkeenyota armaan gadii yeroo dubbistu, ‘Diizaayinoota kanaaf beekkamtii argachuu kan qabu eenyu?’ jedhii of gaafadhu.
Qoochoowwan Weeliirraa barachuu
Namoonni diizaayinii xiyyaaraa hojjetan gosa qurxummii haampaak weel jedhamurraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Haampaakiin gaʼeessa taʼe tokko kiilogiraama 30,000 ulfaata; kunimmoo konkolaataa feʼumsa guutuu qabuu wajjin qixxeedha; qaama salphaatti hin dadachaanee fi qoochoo guddaa qaba. Bineensi meetira 12 dheeratu kun salphaatti saffisaan bishaan keessa sochoʼuu dandaʼa.
Wanti keessumaa qorattoota ajaaʼibu bineensi qaamnisaa salphaatti hin dadachaane kun bakka baayʼee dhiphaa taʼetti ofirra garagaluu dandaʼuusaati. Bocni qoochoo isaa kana gochuuf akka isa gargaaru bira gaʼaniiru. Xiyyoon qoochoosaa akka kan xiyyaaraa qajeelaa miti; kanaa mannaa jajalʼaa fi dhidhiitaʼaadha.
Weeliin kun yommuu bishaan keessa deemu, xiyyoon qoochoosaa inni dhidhiitaʼaanii fi jajalʼaan dhiibbaa bishaanii dandamachuudhaan ol kaʼuuf isa gargaara. Akkamitti? Barruun Natural History jedhamu akka ibsetti, xiyyoon qoochoo qurxummii kanaa dhidhiitaʼaa taʼuunsaa, yeroo qurxummiin kun bishaan keessa asii ol daakuttillee bishaan qoochoosaarra nanaannaʼaa salphaatti akka darbu godha.10
Diizaayinii Uumama keessatti argamuuf beekkamtii argachuu kan qabu eenyudha?
Kana qoratanii bira gaʼuunsaanii faayidaa qabaa? Qoochoon xiyyaaraa diizaayinii kanarratti hundaaʼuudhaan hojjetamuunsaa, qoochoonsaa dhiibbaa qilleensaa akka toʼatuuf meeshaalee hedduu irratti hojjechuun hin barbaachisu. Qoochoowwan akkasii balaa hin geessisan, salphaatti suphamuus ni dandaʼu. Hayyuu baayoomakaaniksii kan taʼan Joon Loongi, dhiheenyatti “xiyyaarota qoochoo hampaak weelii wajjin wal fakkaatu qaban qilleensa keessatti baayʼinaan arguun keenya hin oolu” jedhaniiru.11
Qoochoo Simbira Siigal jedhamuu fakkeessanii hojjechuu
Qoochoon xiyyaaraa qoochoo simbirrootaa akka fakkaatu beekamaadha. Taʼus, dhiheenya kana, mahaandisoonni qoochoo simbirrootaa fakkeessanii hojjechuurratti fooyyaʼiinsa guddaa godhaniiru. Barruun New Scientist jedhamu akka gabaasetti, “Qorattoonni Yuunivarsiitii Filooriidaa, yeroo jalqabaatiif diroonii riimootiidhaan toʼatamuu fi akkuma simbirroo siigal qilleensa keessa dhaabbachuu, saffisaan gadi buʼuu fi ol baʼuu dandaʼu hojjetaniiru.”12
Simbirroonni Siigal jedhaman kun qoochoosaanii walakkaatti dachaasuudhaan qilleensarratti sochii ajaaʼibsiisaa argisiisu. Barruun kun akka ibsetti, saayintistoonni qoochoo salphaatti dadachaʼu kana fakkeessuudhaan, “diroonii seentiimeetira 61 balʼatuu fi uleewwan sibiilaa qoochoonsaa akka sochoʼu gargaaran toʼachuuf mootora xinnootti fayyadamu” hojjetaniiru. Qoochoowwan haala ajaaʼibsiisaa taʼeen hojjetaman kun xiyyaarri xinnoon kun gamoowwan dhedheeroo lama gidduu dhaabbachuu fi saffisaan sochoʼuuf isa gargaaru. Loltoonni tokko tokko, xiyyaara ajaaʼibsiisaa akka xiyyaara kanaa salphaatti sosochoʼuu fi meeshaalee waraanaa keemikaalawaa fi baayoolojikaalaa magaalota guguddoo keessa barbaaduuf gargaaru kalaquuf hawwii guddaa qabu.
Luka simbira siigal fakkeessanii hojjechuu
Simbirri siigal cabbiirra yoo dhaabbatellee luknisaa hin hadoodu. Qaamni simbira kanaa hoʼa qabatee kan turu akkamitti? Diizaayinii dinqisiisaan simbirri kunii fi bineensonni naannoo qorraa jiraatan hedduun qaban kana gochuuf isaan gargaara. Dhiigni hoʼaanii fi qorraan kallattii faallaa taʼeen luka simbira kanaa keessa deemuunsaa qaamnisaa hoʼa qabatee akka turu godha.
Hoʼii fi qorri wal jala darba, qaama keessa tura. Qorri lukuma keessatti hafa
Kun maal jechuudha? Kana hubachuuf, ujummoowwan bishaanii lama walitti hidhamanii akka jiran goonee haa yaannu. Bishaan hoʼaan ujummoo isa tokko keessa, inni diilallaʼaanimmoo isa kan biraa keessa deema. Bishaan hoʼaa fi diilallaaʼaan ujummoo sana keessa kallattii wal fakkaatuun yaaʼu taanaan, hoʼi gara walakkaa taʼu bishaan isa hoʼaa keessaa gara isa diilallaaʼaatti darba. Bishaanonni kun kallattii faallaa waliitiin yaaʼu yoo taʼe garuu, guutummaan hoʼichaa gara bishaan isa diilallaaʼaatti darba.
Simbirri siigal yeroo cabbiirra dhaabbatutti, dhiigni hoʼaan lukasaa keessa jiru dhiiga diilallaaʼaa lukasaa keessaa ol dhufu hoʼisa. Kunimmoo hoʼa qaama simbira sanaa qusachuudhaan hoʼi lukasaa keessaa akka hin dhumne godha. Mahaandisii maashinoota adda addaa fi xiyyaaraa kan taʼan Aartar Firoos, diizaayinii kana ilaalchisee, “malawwan baayʼee buʼa qabeeyyii taʼanii fi hoʼa iddoo tokko tursuuf gargaaran keessaa isa tokkodha”13 jedhaniiru. Mahaandisoonni diizaayinii ajaaʼibaa kana fakkeessanii hojjechuudhaan itti fayyadamaa jiru.
Beekkamtii argachuu kan qabu eenyu?
Konkolaataa diizaayinii qurxummii booksifiish irraa hojjetamee fi dhiibbaa qilleensaa salphaatti dandamatu
Dhaabbanni NASA, roobootii miilla hedduu qabuu fi akka torbaanqabaatti deemu hojjechaa jira; mahaandisoonni Fiinlaandimmoo tiraaktara akka ilbiisotaatti gufuuwwan guguddaarra tarkaanfatee darbuu dandaʼu hojjetaniiru. Qorattoonni kaanimmoo firii xidii faranjii fakkeessuudhaan huccuu qulfii xixiqqoo ofumaan banamee cufamu qabu hojjetaniiru. Huccuun akkasii hoʼi qaamaa irratti hundaaʼee banamee cufama. Namoonni konkolaataa oomishanimmoo diizaayinii qurxummii booksifiish fakkeessuudhaan konkolaataa dhiibbaa qilleensaa dandamatee saffisaan deemuu dandaʼu oomishaa jiru. Qorattoonni kaanimmoo uffata qomaa salphaa fi cimaa taʼe hojjechuuf akka isaan gargaaruuf dandeettii dhagaan ciilalluu dhiibbaa dandamachuuf qabu qorachaa jiru.
Dandeettiin doolfiinii kanaa meeshaa namoonni oomishanirra ni caala
Uumamarraa barumsa hedduun argachuun waan dandaʼamuuf, qorattoonni diizaayinii uumamaa gosa garaagaraa hedduu bakka itti galmeessan qopheessaniiru. Barruun The Economist jedhamu saayintistoonni, “rakkinni diizaayinii yeroo isaan mudatu uumamarraa furmaata argachuuf” madda odeeffannoo kana sakattaʼuu akka dandaʼan ibseera. Odeeffannoon sirna uumamaa tokko kuusaa kana keessatti yeroo galmeeffamu qaama odeeffannoo sana argates wajjin caqasuudhaan beekkamtii isaaf kenna. Beekamtii kana kan argatu, nama ykn kaampaanii yaada ykn maashinii haaraa argate karaa seera qabeessa taʼeen galmeessisedha. Barruun The Economist jedhamu kun waaʼee galmee diizaayinii uumamaa kanaa erga ibsee booda, itti fufuudhaan, “Qorattoonni diizaayinii uumamaa ajaaʼibsiisaa taʼe kana fakkeessuudhaan yeroo hojjetan, karaa alkallattii taʼeen uumamaaf beekkamtii kennaa jiru” jedheera.14
Saayintistoonni dandeettii dhagaan ciilalluu dhiibbaa dandamachuuf qaburratti qorannoo gochaa jiru
Uumamni diizaayinii dinqisiisaa taʼe kana eessaa argate? Qorattoonni hedduun, diizaayinii ajaaʼibsiisaan uumama keessatti argamu waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman keessatti jijjiirama tirannaatiin akka argame dubbatu. Qorattoonni kaan garuu yaada kanarraa adda taʼerra gaʼaniiru. Hayyuun uumamawwan xixiqqoorratti qorannaa godhanii fi Mikaaʼel Biihii jedhaman, barruu The New York Times jedhamuu fi Guraandhala 7, 2005tti maxxanfamerratti akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Diizaayinii dinqisiisaan [uumama keessatti] mulʼatu ragaa namni hundi salphaatti amanuu dandaʼu dhiheessa: wanti tokko daakkiyyee kan fakkaatu, akka ishiitti kan deemuu fi akka ishiitti kan iyyu yoo taʼe, ragaa quubsaan daakkiyyee akka hin taane ibsu hamma hin argamnetti daakkiyyeedha jennee amanuuf dirqamna.” Maal jechuu isaaniiti? “Diizaayiniin tokko baramaa waan taʼeef qofa akka salphaatti ilaalamuu hin qabu” jechuusaaniiti.15
Looccuun geekkoo jedhamu, humna molokiyuliitti fayyadamuudhaan iddoo wal qixxaataa taʼetti maxxanuu dandaʼa
Eeyyee, Mahaandisiin qoochoo xiyyaaraa amansiisaa fi gaarii taʼe hojjete beekkamtii isaaf malu argachuu qaba. Namni diizaayinii uffata baayʼee mijataa taʼee kalaqes taʼe namni diizaayinii konkolaataa gaarii taʼe tokkoo kalaqe beekkamtii isaaf malu argachuu qaba. Kaampaaniin ykn namni diizaayinii namni kan biraan kalaqe heyyamasaa malee jalaa fudhate akka yakkamaatti ilaalama.
Mee dhugaa kanarratti yaadi: Qorattoonni, rakkoowwan guguddoo hojii mahaandisummaa irratti isaan mudatan furuuf diizaayinii uumamaatti fayyadamu. Namoonni tokko tokko garuu diizaayinii ajaaʼisiisaan uumama keessatti argamu jijjiirama tirannaatiin argame jedhu. Yaanni kun nama amansiisaa? Diizaayinii tokko fakkeessanii hojjechuun dandeettii guddaa kan gaafatu erga taʼee, diizaayinii isa jalqabaa hojjechuunoo? Caalaatti beekkamtii argachuu kan qabu mahaandisii isa jalqabaa moo nama isa mahaandisii isa jalqabaarraa ilaalee hojjetedha?
Yaada xumuraa nama amansiisu
Namoonni hedduun ragaa diizaayinii uumamaa keessatti argamu erga ilaalanii booda, yaada Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan barreesse irratti walii galu: “Amalawwan [Waaqayyoo] warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa fi Waaqummaa isaa wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.”—Roomaa 1:19, 20.