LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rk kutaa 4 ful. 10-11
  • Waaqayyo Eenyu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Eenyu?
  • Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Namni Waaqayyoon Argee Beeku Jiraa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Samiirra Kan Jiraatan Eenyufa’i?
    Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
rk kutaa 4 ful. 10-11

KUTAA 4

Waaqayyo Eenyu?

NAMOONNI waaqolii hedduu waaqeffatu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Waaqni inni dhugaan tokko qofa akka taʼe dubbata. Inni adda kan taʼe, aangoo hunda caalu kan qabuu fi bara baraaf kan jiraatu dha. Wantoota lafaa fi samii irra jiran hunda kan uume, nuufis jireenya kan kenne isa dha. Kanaafuu, waaqeffachuu kan qabnu isa qofa dha.

Museen Ajajawwan Kurnan dhagaa irratti barreeffaman qabatee

Seerichi inni karaa Musee kenname ‘dubbii karaa maleekotaa dubbatame’ akka taʼetti ibsameera

Waaqayyo maqaa ulfinaa hedduu kan qabu taʼus maqaa dhuunfaa tokko qofa qaba; maqaan isaa kunis YIHOWAA dha. Waaqayyo Museedhaan, “Israaʼelotaan akkana jetta: ‘Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼetu gara keessanitti na erge.’ Bara baraaf maqaan koo isa kana; dhalootaa hamma dhalootaattis kanaan nan yaadatama” jedhe. (Baʼuu 3:15) Maqaan Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti gara siʼa 7,000 ni argama. Fakkeenyaaf Faarfannaan 83:18 waaʼee Waaqayyoo, “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan” jedha.

Maraa Kitaabaa Galaana Duʼaa bara durii harkaan barreeffamee fi maqaa Waaqayyoo qabate

Maraa Kitaabaa Galaana Duʼaa bara durii harkaan barreeffamee fi maqaa Waaqayyoo qabate

Namni Waaqayyoon argee beeku hin jiru. Waaqayyo Museedhaan, “Namni kam iyyuu na argee lubbuudhaan jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu” jedheera. (Baʼuu 33:20) Waaqayyo samii irra kan jiraatu yeroo taʼu, namoonnis isa arguu hin dandaʼan. Waaqolii tolfamoo, fakkiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyoon bakka buʼu jedhaman tolchuunis taʼe isaanitti kadhannaa dhiheessuun dogoggora dha. Yihowaan karaa Musee raajichaa ajaja akkana jedhu dabarsee ture: ‘Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.’ (Baʼuu 20:2-5) Yeroo booda immoo Waaqayyo karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedheera: “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana; ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu, galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.”—Isaayyaas 42:8.

Namoonni tokko tokko Waaqayyotti kan amanan taʼus, isa beekuu fi isatti dhihaachuun akka hin dandaʼamne, akkasumas isa jaallachuu mannaa isa sodaachuu akka qabnu isaanitti dhagaʼama. Maal sitti fakkaata? Waaqayyo dhuunfaatti xiyyeeffannaa sii kennaa? Dhugumaan isa beekuu fi isatti dhihaachuu ni dandeessaa? Mee Kitaabni Qulqulluun amaloota Waaqayyoo ilaalchisee wanta jedhu haa ilaallu.

Maal Jettee Deebista?

  • Waaqayyoon waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?

  • Maqaan Waaqayyoo eenyu dha?

  • Waaqayyoon waaqeffachuuf waaqolii tolfamoo ykn mallattoowwanitti fayyadamuu kan hin qabne maaliifi?

  • Waaqayyo fedha isaa raawwachuuf hafuura qulqulluu fi maleekotatti kan fayyadamu akkamitti?

Hafuura Qulqulluu fi Maleekota Waaqayyoo

Waaqayyo fedha isaa kan raawwatu akkamitti? Karaan inni tokko hafuura qulqulluu isaa erguudhaani. Hafuurri Waaqayyoo qaama yaaduu dandaʼu ykn maleekaa miti; kanaa mannaa humna isaa isa hojii irra jiruu fi ijaan hin mulʼanne, humna daangaa hin qabnee fi wanta barbaade raawwachuuf itti fayyadamu dha. Waaqayyo lafaa fi samii uumuuf humna kanatti fayyadameera. “Dubbii Yihowaatiin samiiwwan, hafuura afaan isaatiinis wantoonni isaan keessa jiran hundi tolfamaniiru.” (Faarfannaa 33:6) Uumamni 1:2 akka dubbatutti lafti bishaaniin uwwifamtee yeroo turtee fi Waaqayyo lafti namootaaf bakka jireenyaa akka taatu qopheessaa turetti, “humni Waaqayyoo inni hojii irra jirus bishaanicha irra asii fi achi sosochoʼa ture.” Sana booda Waaqayyo hafuura qulqulluutti fayyadamee wantoota lafa irra jiran hundumaa uumeera.

Waaqayyo fedhii isaa raawwachuuf maleekotattis ni fayyadama. Waaqayyo isaa wajjin samii irra akka jiraataniif isaan uume. Maleekonni humna guddaa qabu. Ergaa Waaqayyo biraa dhufe namootaaf ni dabarsu, wantoota barbaachisoo taʼan kaanis ni raawwatu. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Seerichi inni karaa Musee kenname ‘dubbii karaa maleekotaa dubbatame’ akka taʼetti ibsa. Maleekonni Waaqayyoo tajaajiltoota isaa lafa irra jiranis ni gargaaru. Kitaabni Qulqulluun maleekonni Waaqayyoo, “hafuurota tajaajila qulqulluu dhiheessanii fi warra fayyina dhaaluuf jiran akka tajaajilan ergaman” akka taʼan dubbata.—Ibroota 1:14; 2:2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi