LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rk kutaa 10 ful. 24-25
  • Diina Amantii Saaxiluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Diina Amantii Saaxiluu
  • Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantiin Faalame ni Babalʼate
  • Amantiin Dhugaa Eegameera
  • Fakkeenya Waaʼee Qamadii fi Inkirdaadaa Dubbatu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • ‘Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • “Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
rk kutaa 10 ful. 24-25

KUTAA 10

Diina Amantii Saaxiluu

YIHOWAAN lafa uumuu isaa yeroo dheeraa dura samii keessatti maleekota uumeera. Yeroo booda garuu maleekaan tokko waaqeffannaa Waaqayyoof qofa dhihaachuu qabu hawwuu jalqabe. Achiis hawwii isaa galmaan gaʼachuuf tarkaanfii fudhachuudhaan Seexana of godhe; maqaan kunis hiikni isaa, “Mormituu,” jechuunis Waaqayyoon kan mormu jechuu dha. Seexanni Waaqayyoon kan morme akkamitti?

Hewaan firii bofichi akka nyaattu itti hime yeroo ilaaltu

Seexanni Hewaaniin gowwoomsuuf bofatti fayyadameera

Seexanni Hewaaniin gowwoomsee Waaqayyoof akka hin ajajamne ishii taasise. Yihowaan muka tokko irraa akka hin nyaanne ishii dhorkuudhaan wanta gaarii akka ishii dhowwate haxxummaadhaan itti hime. Waaqayyo sobduu akka taʼe ija jabinaan kan dubbate taʼuu isaa irra iyyuu, “Guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi” jechuudhaan Hewaan qajeelfama Waaqayyo ishiidhaaf kenne hordofuu akka hin qabne dubbate. (Uumama 3:5) Hewaanis gowwummaadhaan soba Seexanaa amante. Seera Waaqayyoo cabsite, Addaamis akkas akka godhu dhiibbaa isa irratti goote. Yeroo sanaa jalqabee, Seexanni diina namoota amantii dhugaa qabanii taʼeera. Hanga yeroo harʼaattis namoota gowwoomsuu isaa itti fufeera. Akkamitti?

Amantiin Faalame ni Babalʼate

Namoota jibicha warqii irraa tolfametti marsanii sirbanii fi shubbisan

Seexanni namoota dogoggorsuuf waaqolii tolfamoo fi aadaa namootaatti fayyadameera

Seexanni Israaʼelota dogoggorsuuf waaqolii tolfamoo fi aadaa namootaatti fayyadameera. Yesuus, geggeessitoonni amantii isaanii “ajaja namootaa waan barsiisaniif” waaqeffannaan isaanii gatii akka hin qabne isaanitti himeera. (Maatewos 15:9) Sabichi Masiihicha simachuu yeroo didetti, Waaqayyos sabicha ni dhiise. Yesuus, “Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba firii isaa godhatuuf ni kennama” isaaniin jedhe. (Maatewos 21:43) Sana booda, duuka buutonni Yesuus saboota Waaqayyo duratti fudhatama qaban taʼaniiru.

Seexanni sana booda duuka buutota Yesuus dogoggorsuuf tattaaffachuu jalqabe. Maarree, isaaf milkaaʼeeraa? Yesuus raajii fakkeenyaan ibsame tokkotti fayyadamuudhaan maaltu akka raawwatamu ibseera. Fakkeenya isaa irratti namichi tokko sanyii qamadii gaarii taʼe facaase. Yeroo booda, diinni tokko qamadii sana keessatti inkirdaada facaase. Lamaanuu hanga yeroo midhaan sassaabamutti akka guddataniif ni dhiifaman. Achiis inkirdaadichi qamadicha irraa adda baafamee balleeffame. Qamadichi garuu gara gootaraa abbaa midhaanichaatti galfame.

Achiis Yesuus hiika fakkeenya kanaa barattoota isaatiif ni ibse. Namichi sanyii facaase sun isa dha. Itti fufuudhaanis, “Sanyii gaariin sun ilmaan Mootummichaa ti; inkirdaadichi garuu ilmaan isa hamaa sanaa ti; diinni inkirdaadicha facaase Diyaabilosi. Yeroon makaraa, dhuma sirna kanaa ti; warri haaman immoo maleekota dha” jedheera. (Maatewos 13:38, 39) Yesuus barattoota isaa warra dhugaa qamadiitti fakkeesseera. Seexanni garuu barattoota sobaa, duuka buutota Yesuus warra dhugaa kana gidduutti akka inkirdaadaatti facaase. Kanaafuu, Yesuus akkuma dursee dubbate, jaarraawwan duʼuu isaa booda turanitti, barattoonni sobaa kun mulʼachuu eegalan. Namoonni kun barumsa sobaa kan akka Sillaasee, jechuunis sadan Waaqa tokkichaa jedhu babalʼisan. Barattoonni sobaa kun waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi siyaasa keessa seenuu eegalan. Barumsa Yesuus isa dhugaa hordofuu kan itti fufan namoota muraasa qofa dha.

Amantiin Dhugaa Eegameera

Haa taʼu malee, akkuma Yesuus jedhe dhuma irratti jijjiiramni ni dhufa. Maleekonni Waaqayyoo akka isaan balleeffamaniif warra amantii dhugaa hin qabne adda ni baasu. Sana booda, warra amantii dhugaa qaban beekuun salphaa taʼa. Dhuma irrattis, Seexanni, diinni amantii inni jalqabaa ni balleeffama. Eeyyee, amantiin dhugaa ni injifata!

Taʼus yeroo ammaatti warra amantii dhugaa qaban akkamitti adda baasuu dandeessa? Itti aansuudhaan deebii gaaffii kanaa ilaalla.

Namoota umurii fi sanyii garaa garaa qaban

Maleekonni Waaqayyoo namoota amantii dhugaa qabaachuu fedhan barbaadaa jiru

Maal Jettee Deebista?

  • Seexanni eessaa dhufe?

  • Seexanni amantii faaluuf kan yaale akkamitti?

  • Fakkeenya Yesuus qamadii fi inkirdaada ilaalchisee dubbate ibsi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi