BOQONNAA 4
Abbaan Koo fi Haati Koo kan Wal Hiikan Maaliifi?
“Yeroo abbaan koo nu dhiisee deemetti anii fi haati koo mana turre. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa jaʼa waan tureef, wanti taʼaa jiru naaf hin galle ture. Yeroo haati koo booʼaa akka hin deemne abbaa koo kadhattu ani lafa taaʼee televizyinii ilaalaan ture. Achii shaanxaa qabatee na bira dhufee erga jilbeenfatee booda na dhungatee, ‘Sin jaalladha’ naan jedhe. Sana booda manaa baʼee deeme. Ergasii yeroo dheeraadhaaf abbaa koo argee hin beeku. Yeroo sanaa kaasee haati koos na dhiistee deemtii laata jedhee sodaachuun jalqabe.”—Iileen, 19.
WARRI kee yeroo wal hiikan jireenyi kee baayʼee akka jeeqamee fi sana booda tasgabbaaʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Ijoolleen warri isaanii yeroo wal hiikan yeroo baayʼee qaaniin, aariin, yaaddoon, kophummaan, miirri balleessaa, dhiphinnii fi gaddi guddaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa; haaloo baʼuufillee fedhii qabaachuu dandaʼu.
Warri kee dhiheenya kana wal hiikaniiru yoo taʼe miirri wal fakkaatu sitti dhagaʼamuun isaa hin oolu; kaayyoon Uumaa keenyaa ijoolleen abbaa fi haadha isaaniitiin akka guddatan waan taʼeef miirri akkasii sitti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu. (Efesoon 6:1-3) Amma nama baayʼee jaallattu guyyaa guyyaadhaan argachuu hin dandeessu. Daaniʼel yeroo warri isaa wal hiikan umuriin isaa waggaa torba ture; akkana jedheera: “Abbaa koo arguu fi isa wajjin ooluu baayʼeen hawwa ture. Taʼus, haati keenya akka nu guddistu murteeffame.”
Abbaan Koo fi Haati Koo kan Wal Hiikan Maaliifi?
Yeroo baayʼee warri rakkina isaan gidduutti uumame ijoollee isaanii jalaa waan dhoksaniif, ijoolleen warri isaanii yeroo wal hiikan baayʼee rifatu. Reechal yeroo warri ishii wal hiikan umuriin ishii waggaa 15 ture; akkana jetteetti: “Baayʼeen rifadhe. Baayʼee waan wal jaallatan natti fakkaata ture.” Ijoolleen yommuu warri isaanii wal falman kan argan yoo taʼellee yeroo wal hiikan rifachuun isaanii hin oolu.
Yeroo baayʼee wanti wal hiikuuf sababa taʼu abbaan ykn haati ejja raawwachuu isaaniiti. Haala akkasii keessatti hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼe hiriyaa gaaʼelaa isaa hiikee nama kan biraa wajjin gaaʼela akka dhaabbatu Waaqayyo heyyameera. (Maatewos 19:9) Karaa biraatiinimmoo, fakkeenyaaf abbaan manaa tokko ‘dheekkamsa, iyyaa fi arrabsoo’ irra darbee miidhaa qaamaa geessisuu yeroo jalqabu, haati manaa isaa nageenya qaamaa ofii ishiitiifis taʼe kan ijoollee ishiitiif sodaachuu dandeessi.—Efesoon 4:31.
Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko kan wal hiikan sababii gaʼaa utuu hin qabaatini. Rakkoowwan isaanii furuuf yaaluu mannaa, ofittummaadhaan kakaʼanii gaaʼelli isaanii gammachiisaa akka hin taane ykn jaalalli isaanii akka qabbanaaʼe dubbachuudhaan wal hiiku. Kun Waaqa isa sababa akkasiitiin ‘wal hiikuu jibbu’ ni gaddisiisa. (Miilkiyaas 2:16) Yesuus maatii tokko tokko keessatti hiriyaan gaaʼelaa inni tokko yeroo Kiristiyaana taʼu walitti buʼiinsi uumamuu akka dandaʼu dubbateera.—Maatewos 10:34-36.
Haa taʼu malee, warri kee wal hiikuu isaanii ilaalchisee yeroo gaaffii isaan gaafattu callisuun isaanii ykn deebii ifa hin taane siif kennuun isaanii akka si hin jaallanne kan argisiisu miti. Warri kee miidhaa dhuunfaatti isaanirra gaʼerratti waan xiyyeeffataniif waaʼee wal hiikuu dubbachuun isaanitti ulfaata. (Fakkeenya 24:10) Kana malees, gaaʼelli isaanii akka diigame dubbachuun isaanitti ulfaachuu fi isaan qaanessuu dandaʼa.
Wanta Gochuu Dandeessu
Wanta si sodaachisu adda baafadhu. Warri kee wal hiikuun isaanii jireenya keerratti jijjiirama waan fideef, wantoonni duraan si hin yaaddessine amma si yaaddessu taʼa. Haa taʼu malee, wantoota si sodaachisan adda yoo baafatte sodaa kee toʼachuu dandeessa. Yaadawwan armaan gaditti tarreeffaman keessaa wanta si sodaachisu biratti mallattoo ✔ godhi ykn wanti si sodaachisu kan biraan yoo jiraate bakka “Kan biraa” jedhu biratti barreessi.
□ Haati koos na dhiistee deemti.
□ Maallaqa gaʼaa hin qabaannu.
□ Kan wal hiikan sababii kootiini.
□ Anis gaaʼela yoon dhaabbadhe haaluma akkasiitu na mudata.
□ Kan biraa
Wanta si yaaddessurratti mariʼadhaa. Solomoon Mootichi, “Dubbachuunis yeroo qaba” jedheera. (Lallaba 3:7) Kanaafuu, yeroo mijataa filadhuutii sodaa mallattoo irratti gooterratti warra kee waliin mariʼadhaa. Hammam akka gadditee fi akka burjaajofte isaanitti himi. Tarii wanta uumame siif ibsuudhaan yaaddoon kee akka siif hirʼatu gochuu dandaʼu. Warri kee gargaarsa yeroo sanatti si barbaachisu sii gochuuf fedhii hin qaban ykn hin dandaʼan yoo taʼellee nama bilchina qabu kan biraa mariisisuu dandeessa. Nama akkasii haasofsiisuuf dursa fudhadhu. Nama si dhaggeeffatu qabaachuun kee qoftillee boqonnaa guddaa siif argamsiisuu dandaʼa.—Fakkeenya 17:17.
Hunda caalaammoo Abbaan kee inni samii ‘inni kadhannaa namaa dhagaʼu’ si dhaggeeffata. (Faarfannaa 65:2) “Inni [siif] waan yaaduuf” wanta garaa kee keessa jiru hundumaa isatti himi.—1 Pheexiros 5:7.
Wanta Gochuu hin Qabne
Haaloo hin qabatin. Daaniʼel inni olitti ibsame, “Warri koo ofittoodha. Waaʼeen keenya isaan hin yaaddessu; wanti isaan godhan hammam akka nu miidhes hin beekan” jedheera. Miirri Daaniʼel nuuf gala; tarii wanti jedhe sirrii taʼuu dandaʼa. Gaaffilee armaan gadii maal jettee deebista? Sarara kennamerratti deebii kee barreessi.
Daaniʼel aaruu fi mufachuu yoo dhiisuu baate miidhaa akkamiitu isarra gaʼuu dandaʼa? (Fakkeenya 29:22 dubbisi.) ․․․․․
Salphaa taʼuu baatus Daaniʼel miidhaa warri isaa isarraan gaʼaniif dhiifama isaaniif gochuun isaa gaarii kan taʼe maaliifi? (Efesoon 4:31, 32 dubbisi.) ․․․․․
Yaanni Roomaa 3:23 irratti ibsame Daaniʼel warra isaatiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatu kan isa gargaaru akkamitti? ․․․․․
Wanta si miidhu raawwachuurraa of qusadhu. Deeniin akkana jedheera: “Erga warri koo wal hiikanii booda gammachuu dhabee fi dhiphina keessa galeen ture. Barumsa koorratti xiyyeeffachuu waanan hin dandeenyeef nan kufe. Sana booda . . . akkasumaanan mana barumsaa deema; namoota hedduu wajjinis walan lola ture.”
Deeniin akkasumaan mana barumsaa deemuun isaa isa fayyada jettee yaaddaa? ․․․․․
Namoota hedduu wajjin wal loluu kan jalqabe maaliif taʼuu dandaʼa? ․․․․․
Amala gaarii hin taane argisiisuudhaan warra kee miidhuuf kan yaaltu yoo taʼe, yaanni Galaatiyaa 6:7 irra jiru ilaalcha sirrii qabaachuuf kan si gargaaru akkamitti? ․․․․․
Gara Fuulduraatti Maal Eeguu Dandeessa?
Fakkeenyaaf, lafeen kee yoo cabe guutummaatti fayyuuf torban ykn jiʼa muraasa fudhachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun miidhaan miiraas fayyuuf yeroo fudhata. Beektonni tokko tokko miidhaan wal hiikuun geessisu waggaa sadii keessatti baduu akka dandaʼu dubbatu. Kun yeroo dheeraa fakkaachuu dandaʼa; garuu jireenyi kee tasgabbaaʼuu isaa dura wantoonni hedduun akka uumaman yaadadhu.
Fakkeenyaaf, barsiifanni maatichaa wal hiikuu isaaniitiin jeeqame deebiʼee qindaaʼuu qaba. Warri kees karaa miiraa tasgabbaaʼuuf yeroon isaan barbaachisa. Gargaarsa si barbaachisu sii kennuu kan dandaʼan sana boodadha. Haa taʼu malee, jireenyi kee gara isa duraaniitti yeroo deebiʼu miirri kees ni tasgabbaaʼa.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 25 DUBBISI
Haati kee ykn abbaan kee deebiʼanii gaaʼela dhaabbachuun isaanii si dhiphiseeraa? Taanaan, haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
CAQASA IJOO
‘Fayyisuun yeroo qaba.’—Lallaba 3:3.
GORSA GAARII
Warri kee wal hiikaniiru yoo taʼe, isaan keessaa namni tokko ykn lamaan isaanii dogoggora raawwataniiru taʼa. Atis gara fuulduraatti gaaʼela yoo dhaabbatte dogoggora isaanii akka irra hin deebineef dogoggorri isaan raawwatan maal akka taʼe adda baafachuuf yaali.—Fakkeenya 27:12.
KANA BEEKTAA?
Warri kee gaaʼela gammachiisaa qabaachuu baatanis ati gaaʼela gammachiisaa qabaachuu ni dandeessa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Sodaa natti dhagaʼamu abalutti himachuu nan dandaʼa (maqaa nama bilchina qabuu fi itti himuu barbaadduu barreessi) ․․․․․
Amala sirrii hin taane argisiisuudhaan warra koorratti haaloo baʼuuf yoon yaade, wantoota armaan gadii gochuudhaan miira koo toʼachuu nan dandaʼa ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Warri kee waaʼee wal hiikuu isaanii si wajjin haasaʼuu kan hin barbaanne maaliif taʼuu dandaʼa?
● Warri kee kan wal hiikan wal dhabiinsa isaan gidduutti uumameen kan kaʼe malee sababa keetiin akka hin taane yaadachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32rra jiru]
“Haati keenya erga nu dhiistee deemtee booda baayʼeen dhiphadhe, guyyaa hundan booʼa ture. Garuu yeroo hundumaa nan kadhadha, warra kaan gargaaruurratti nan xiyyeeffadha, namoota bilchina qaban wajjinis yeroo nan dabarsa. Yihowaan haala isaa akkan dandamadhu na gargaaruuf kanatti akka fayyadame natti dhagaʼama.”—Naataalii
[Fakkii fuula 33rra jiru]
Gaddi warri kee wal hiikuu isaaniitiin sitti dhagaʼamu harka cabe wajjin wal fakkaata; hamma fayyutti nama dhukkuba, garuu fayyuun isaa hin oolu