BOQONNAA 25
Barsiifata Maastarbeeshinii Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
“Maastarbeeshinii kanan jalqabe umurii koo waggaa saddeetittidha. Yeroo booda ilaalcha Waaqayyo dhimmichaaf qabu nan baradhe. Yeroon fedhii kanaan moʼamu hundatti baayʼeen gadda. ‘Waaqayyo nama akka kootii akkamitti jaallachuu dandaʼa?’ jedheen of gaafadha.”—Luyiiz.
YEROO umurii saal-lammeessoorra geessu fedhiin saalqunnamtii cimaa taʼuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, barsiifata maastarbeeshiniitiin moʼamuu dandeessa.a Namoonni baayʼeen kun rakkina akka hin qabne dubbatu. “Eenyuuniyyuu hin miitu” jedhanii falmu. Haa taʼu malee, gocha kana dhiisuuf sababii gaariin jira. Phaawulos ergamaan, ‘Kutaawwan qaama keessanii ajjeesaa; isaan keessaa tokko fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne dha’ jedhee barreesseera. (Qolosaayis 3:5) Maastarbeeshiniin fedhii saalqunnamtii hin ajjeesu, kanaa mannaa itti caalchisa. Dabalataanis, wantoota armaan gadii ilaali:
● Maastarbeeshiniin namni tokko amala ofittummaa guddaa akka horatu isa godha. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo maastarbeeshinii raawwatu fedhii isaa qofarratti xiyyeeffata.
● Namni tokko maastarbeeshinii raawwachuun isaa warra saala kan isaarraa adda taʼe qaban meeshaalee fedhii isaa guutuuf tajaajilan akka taʼanitti akka ilaalu isa taasisa.
● Amalli ofittummaa barsiifata maastarbeeshiniitiin dhufu namni tokko gaaʼela isaa keessatti walqunnamtii saalaatiin gammaduun akka isa rakkisu gochuu dandaʼa.
Fedhii saalaa kee guuttachuuf maastarbeeshinii raawwachuu mannaa, amala of toʼachuu horachuuf carraaqqii godhi. (1 Tasalonqee 4:4, 5) Kana gochuu akka dandeessuuf, Kitaabni Qulqulluun haalawwan fedhii saalaa kee kakaasanirraa dursitee akka fagaattu si gorsa. (Fakkeenya 5:8, 9) Haa taʼu malee, barsiifata maastarbeeshinii cimaa taʼe qabda yoo taʼe hoo? Tarii barsiifata kana dhiisuuf carraaqqii gootus, siif hin milkoofne taʼa. Jijjiirama gochuu akka hin dandeenye, jechuunis ulaagaa Waaqayyoo wajjin wal simtee jiraachuu akka hin dandeenye yaadda taʼa. Peetroon akkas itti dhagaʼamee ture. Akkana jedheera: “Yeroon barsiifata kootti deebiʼu baayʼeen gadda. Balleessaan raawwadheef matumaa dhiifama argachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama. Kadhannaa dhiheessuun baayʼee natti ulfaata.”
Atis miirri akkasii sitti dhagaʼama taanaan abdii hin kutatin. Haalli kee abdii kan hin qabne miti. Dargaggoonnii fi gaʼeessonni hedduun barsiifata maastarbeeshinii moʼuu dandaʼaniiru. Atis ni dandeessa!
Miira Balleessaa Moʼuu
Akkuma olitti ilaalle, namoonni barsiifata maastarbeeshiniitiin moʼaman yeroo baayʼee miira balleessaa cimaatu isaanitti dhagaʼama. “Karaa Waaqayyoon gammachiisuun [gadduun]” kee barsiifata kee moʼuuf akka si kakaasu hin shakkisiisu. (2 Qorontos 7:11) Taʼus, miira balleessaatiin liqimfamuun miidhaa qabaachuu dandaʼa. Miirri akkasii garmalee abdii kutattee waldhaansoo gochuu kee akka dhiistu si taasisuu dandaʼa.—Fakkeenya 24:10.
Kanaafuu, haala keetiif ilaalcha madaalamaa qabaachuuf yaali. Maastarbeeshiniin akka gochawwan xuraaʼootti ilaalama. ‘Hawwii fi gammachuu adda addaatiif akka garboomtu’ si gochuu, akkasumas ilaalcha gaarii hin taane si keessatti kakaasuu dandaʼa. (Tiitoo 3:3) Haa taʼu malee, maastarbeeshiniin gocha akka halalummaatti ilaalamu miti. (Yihudaa 7) Rakkina maastarbeeshinii qabda taanaan, cubbuu dhiifama hin qabne akka raawwatte gootee yaaduu hin qabdu. Wanti murteessaa taʼe miira kee toʼachuu fi waldhaansoo gochuu kee itti fufuudha.
Barsiifata kana takkaa mootee erga sitti deebiʼee booda gadduun waanuma jirudha. Kanaafuu, abdii hin kutatin. Kanaa mannaa, wanti gara barsiifatichaatti si geesse maal akka taʼe adda baafadhu; achiis wanta sana akka irra hin deebine of eeggadhu.
Yeroo ramadii jaalalaa fi gara laafina Waaqayyoorratti xiinxali. Daawit faarfatichi inni yeroo tokko tokko dadhabina isaatiin moʼamee ture, “Akkuma abbaan tokko ijoollee isaatti gara laafina argisiisu, Yihowaanis warra isa sodaatanitti gara laafina argisiiseera. Sababiin isaas, inni akkamitti akka tolfamne beeka, biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata” jedheera. (Faarfannaa 103:13, 14) Eeyyee, Yihowaan cubbuu dhaalle tilmaama keessa galcha, “dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha.” (Faarfannaa 86:5) Karaa biraammoo, jijjiirama gochuuf carraaqqii cimaa akka goonu barbaada. Maarree, barsiifata kee moʼuuf tarkaanfiiwwan kamfaa fudhachuu dandeessa?
Wanta ittiin bashannantu qori. Fiilmiiwwan, sagantaawwan televizyinii ykn weebsaayitoota fedhii saalqunnamtii kakaasan ni ilaaltaa? Faarfataan ogeessa taʼe tokko, “Wanta gatii hin qabne ilaaluu irraa ija koo deebisi” jedhee kadhannaa dhiheesseera.b—Faarfannaa 119:37.
Sammuun kee wanta kan biraarratti akka xiyyeeffatu dirqisiisi. Kiristiyaanni Wiiliyaam jedhamu gorsa akkana jedhu kenneera: “Ciisuu kee dura barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan dubbisi. Dhuma guyyichaatti wantoota hafuuraa yaaduun kee baayʼee barbaachisaadha.”—Filiphisiyus 4:8.
Waaʼee rakkinichaa nama tokkotti himi. Qaaniin sitti dhagaʼamu waaʼee dhimmichaa namatti himuun akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Taʼus, akkas gochuun kee barsiifata kee moʼuuf si gargaaruu dandaʼa! Kiristiyaanni Deevid jedhamu kun dhugaa taʼuu isaa hubateera. Akkana jedheera: “Abbaa koo kophaattin haasofsiise. Wanta inni naan jedhe matumaa hin irraanfadhu. Fuula ifaa nama tasgabbeessuun, ‘Baayʼeen sitti boone’ naan jedhe. Waaʼee kanaa isatti himuun ija jabina guddaa akka na gaafatu beeka. Wanti inni dubbate baayʼee na jajjabeesse, jijjiirama gochuuf akkan kutadhus na kakaaseera.
“Sana booda abbaan koo caqasoota nama hamaa akkan hin taane hubachuuf na gargaaran muraasa natti argisiise; itti aansees caqasoota gochi koo dogoggora cimaa taʼuu isaa na hubachiisan kan biroo natti argisiise. Achiis yeroo muraasaaf barsiifata kana moʼuuf carraaqqii ergan godhee booda, deebinee akka irratti mariʼannu natti hime. Yoon moʼamellee akkan abdii hin kutanne, kanaa mannaa yeroo ittaanutti utuun hin moʼamin yeroo dheeraa turuuf akkan yaalu natti hime.” Xumurarratti Deevid, “Rakkina koo nama tokkotti himachuun koo fi gargaarsa argachuun koo faayidaa guddaa naaf argamsiiseera” jedheera.c
Namuma argan wajjin saalqunnamtii raawwachuun dhimma salphaa miti. Maaliif akka taʼe baradhu.
[Miiljaleewwan]
a Maastarbeeshiniin fedhii saalaa utuu hin yaadin kakaʼu wajjin tokko miti. Fakkeenyaaf, mucaan tokko utuu dammaqee jiruu fedhiin saalaa isaa kakaʼuu ykn utuu rafaa jiruu sanyiin isaa dhangalaʼuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, shamarran tokko tokkos keessumaa marsaan laguu isaanii jalqabuu isaa dura ykn erga darbee booda utuu itti hin yaadin fedhiin saalaa isaanii kakaʼuu dandaʼa. Faallaa kanaatiin, maastarbeeshiniin taʼe jedhanii fedhii saalaa kakaasuudha.
b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2ffaarraa Boqonnaa 33 ilaali.
c Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2ffaarraa fuula 239-241 ilaali.
CAQASA IJOO
“Hawwii dargaggummaa irraa baqadhu; kanaa mannaa, warra garaa qulqulluudhaan Gooftaa waammatanii wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa hordofi.”—2 Ximotewos 2:22.
GORSA GAARII
Fedhiin kee baayʼee kakaʼuu isaa dura kadhadhu. Qorumsa dandamachuu akka dandeessuuf ‘humna humna caalu’ akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.—2 Qorontos 4:7.
KANA BEEKTAA?
Namni tokko fedhii saalqunnamtii isaatiin moʼamuun isaa nama dadhabaa akka taʼe argisiisa. Haa taʼu malee, namni yeroo kophaa taʼuttillee of toʼatu nama cimaa akka taʼe argisiisa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Sammuun koo wantoota qulqulluu taʼanirratti akka xiyyeeffatu gochuuf akkanan godha ․․․․․
Qorumsaaf moʼamuu mannaa akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Yihowaan ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ taʼuu isaa beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?—Faarfannaa 86:5.
● Waaqni inni fedhii saalqunnamtii akka qabaattu godhee si uume akka of toʼattu kan sirraa eegu taʼuun isaa, amanannaa akkamii akka sirratti qabu argisiisa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 182rra jiru]
“Rakkina kana ergan moʼee booda Yihowaa duratti qalbii qulqulluu qabaachuu dandaʼeera; kanammoo wanta akkamiitiiniyyuu jijjiiruu hin barbaadu!”—Saaraa
[Fakkii fuula 180rra jiru]
Fiigicharratti al tokko utuu kuftee fiigicha kee akka haaraatti jalqabuun si hin barbaachisu; barsiifata maastarbeeshiniitiin al tokko moʼamuun kees jijjiirama hanga ammaatti goote gatii kan dhabsiisu miti