LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 3 gaaffilee 1-4
  • Dhugumaan Misiraachoon Kun Waaqayyo Biraa Dhufee?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugumaan Misiraachoon Kun Waaqayyo Biraa Dhufee?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyorraa Kan Barannu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Kitaabni Qulqulluun Ergaa Waaqayyo Nuuf Erge Dha
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaaba Qulqulluu—Kitaaba Waaqayyo Biraa Dhufe
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Xalayaa Waaqa Nu Jaallaturraa Nuu Ergame
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 3 gaaffilee 1-4

BARUMSA 3

Dhugumaan Misiraachoon Kun Waaqayyo Biraa Dhufee?

1. Macaafa Qulqulluu kan barreessise eenyudha?

Kitaabota Qulqulluu garaa garaa fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu bara durii

Misiraachoon namoonni lafarra barabaraaf jiraachuu akka dandaʼan ibsu Macaafa Qulqulluu keessatti argama. (Faarfannaa 37:29) Macaafni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 qaba. Waaqayyo namoota 40 taʼanitti fayyadamee kitaabota kana barreessiseera. Kitaabonni jalqabaa shanan naannoo waggaa 3,500 dura Museedhaan barreeffaman. Kitaabni inni xumuraammoo waggaa 1,900 dura Yohannis ergamaadhaan barreeffame. Yaanni Macaafa Qulqulluurratti argamu kan eenyuuti? Waaqayyo hafuurasaatti fayyadamee, namoonni Macaafa Qulqulluu akka barreessan godheera. (2 Saamuʼel 23:2) Kanaaf, yaanni isaan barreessan kan Waaqayyoo malee yaada mataasaanii miti. Kanaaf Macaafa Qulqulluu kan barreessise Yihowaadha.​—2 Ximotewos 3:16; 2 Phexros 1:20, 21 dubbisi.

Viidiyoo, Macaafa Qulqulluu kan barreessise eenyudha? jedhu ilaali.

2. Macaafni Qulqulluun sirrii taʼuusaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

Macaafni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti raawwataman balʼinaan, akkasumas sirriitti waan ibsuuf Waaqayyo biraa akka dhufe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Namni kamiyyuu kana gochuu hin dandaʼu. (Iyaasuu 23:14) Abdii ilmaan namootaa gara fuulduraatti qaban guutummaatti beekuu kan dandaʼu Waaqa isa Hundumaa Dandaʼu qofadha.​—Isaayaas 42:9; 46:10 dubbisi.

Kitaabni Waaqayyo biraa dhufe adda akka taʼu eegna; dhugumayyuu addadha. Macaafni Qulqulluun afaan dhibbaan lakkaaʼamuufi koppii biliyoonaan lakkaaʼamuun raabsameera. Macaafni kun waggoota hedduu dura kan barreeffame taʼus saayinsii wajjin walsima. Akkasumas namoota 40n kan barreeffame taʼullee yaannisaa wal hin faallessu.a Kana malees, waaʼee amala Waaqayyoo jechuunis waaʼee jaalalasaa sirriitti nuu ibsa; akkasumas humna namoota jijjiiruufi jireenya fooyyee qabu akka jiraatan godhu qaba. Dhugaawwan kunis, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa akka amanan godhaniiru.​—1 Tasaloniiqee 2:13 dubbisi.

Viidiyoo, Macaafni Qulqulluun sirrii taʼuusaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? jedhu ilaali.

3. Macaafni Qulqulluun waaʼee maalii dubbata?

Jannata ishee durii, Jannata ishee badde, Bishaan badiisaa bara Nohitti gaʼe, Museen Abboommii 10 harkatti qabatee, fi Yesuus yommuu barsiisaa jiru.

Yaada ijoo Macaafni Qulqulluun irratti xiyyeeffatu keessaa tokko, misiraachoo kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu kan ibsudha. Caaffanni Qulqullaaʼoon, namoonni jalqabaa mirga lafa jannata taaterra jiraachuuf qaban kan dhaban akkamitti akka taʼeefi jannanni akkamitti deebitee akka hundooftu ibsu.​—Mulʼata 21:4, 5 dubbisi.

Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo, seera, seerawwan buʼuuraafi gorsa qabateera. Akkasumas, Macaafni Qulqulluun fakkeenyota Waaqayyo namootaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ture argisiisan qabateera; fakkeenyota kanarraa Waaqayyo Waaqa akkamii akka taʼe hubachuu dandeenya. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon beekuu akka dandeessu si gargaara. Michuusaa taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes ni ibsa.​—Faarfannaa 19:7, 11; Yaaqoob 2:23; 4:8 dubbisi.

4. Macaafa Qulqulluu hubachuu kan dandeessu akkamitti?

Birooshurri kun mala Yesus itti fayyadamee turee wajjin wal fakkaatutti waan fayyadamuuf Macaafa Qulqulluu akka hubattu si gargaara. Caqasa Macaafa Qulqulluu tokko erga caqasee booda, “macaafa haa hubataniif” isaaniif ibsa ture.​—Luqaas 24:27, 45 dubbisi.

Misiraachoo Waaqayyo biraa dhufe caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Haataʼu malee, namoonni misiraachoo kanaaf dantaa hin qaban; kaanimmoo waaʼeen misiraachoo kanaa baayʼee isaan aarsa. Taʼus kun abdii si kutachiisuu hin qabu. Jireenya barabaraa argachuunkee Waaqayyoon beekuu keerratti kan hundaaʼedha.​—Yohannis 17:3 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 2 ilaali.

a Birooshura Kitaaba Namoota Hundaaf Taʼu jedhamu ilaali. (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi