BARUMSA 13
Amantii Ilaalchisee Wanti Misiraachoo Taʼe Maalidha?
1. Amantiin hundi gaariidhaa?
Namoonni garaa qajeelaa qaban dhaabbilee amantii hunda keessatti argamu. Waaqayyo namoota akkasii akka arguufi akka isaaniif yaadu beekuun misiraachoodha. Kan nama gaddisiisu garuu, maqaa amantiitiin hammeenyi hedduun raawwatameera. (2 Qorontos 4:3, 4; 11:13-15) Oduuwwan sabqunnamtii akka ibsanitti, dhaabbileen amantii tokko tokko shororkeessitummaa, duula sanyii tokko balleessuuf godhamu, waraanaafi miidhaa daaʼimmanirra gaʼurratti hirmaataniiru. Gochi akkasii, namoota garaa qajeelaa qabaniifi Waaqayyotti amanan baayʼee gaddisiisa!—Maatewos 24:3-5, 11, 12 dubbisi.
Amantiin dhugaa, Waaqayyoof ulfina argamsiisa; amantiin sobaa garuu wantoota Waaqayyoon gaddisiisan raawwata. Amantiin sobaa, waaʼee Waaqayyoofi waaʼee namoota duʼanii dabalatee yaadawwan Macaafa Qulqulluu keessatti hin argamne barsiisa. Yihowaan garuu namoonni waaʼeesaa wanta dhugaa taʼe akka beekan barbaada.—Hisqiʼel 18:4, hiika bara 1899; 1 Ximotewos 2:3-5 dubbisi.
2. Amantii ilaalchisee wanti misiraachoo taʼe maalidha?
Kan nama gammachiisu garuu Waaqayyo, amantii biyya lafaa isa Seexanni seerratu jaallachaa akka isa jaallatu dubbatuun hin gowwoomfamu. (Yaaqoob 4:4) Dubbiin Waaqayyoo, dhaabbilee amantii sobaa hunda “Baabilon Guddittii” jedhee waama. Maqaan Baabilon jedhu, Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe booda, magaalaa guddittii bara durii amantiin sobaa itti jalqabamerraa kan fudhatamedha. Waaqayyo yeroo dhihootti amantii ilmaan namootaa gowwoomsuufi hacuucu ni balleessa.—Mulʼata 17:1, 2, 5, 16, 17; 18:8 dubbisi.
Misiraachoon nama gammachiisu garuu kana qofa miti. Yihowaan namoota garaa qajeelaa qabaniifi dhaabbilee amantii sobaa guutummaa biyya lafaa keessatti faffacaʼanii jiran hin irraanfatu. Waaqayyo namoota akkasii dhugaa barsiisuudhaan tokkummaa akka qabaatan gochaa jira.—Miikiyaas 4:2, 5 dubbisi.
3. Namoonni garaa qajeelaa qaban maal gochuu qabu?
Amantiin dhugaa namoota tokko gochaa jira
Yihowaan namoota wanta dhugaafi gaarii taʼe jaallataniif ni yaada. Amantii sobaa keessaa akka baʼanis isaan gorsa. Namoonni Waaqayyoon jaallatan jijjiirama barbaachisaa taʼe gochuudhaan isa gammachiisuuf fedhii qabu.—Mulʼata 18:4 dubbisi.
Jaarraa jalqabaatti, namoonni yaada qajeelaa qaban misiraachoo ergamoota Yesusirraa dhagaʼan gammachuudhaan fudhataniiru. Akkaataa jireenyaa haaraa, jireenya gammachuu qabu, akkasumas jireenya kaayyoofi abdii qabu Yihowaarraa barataniiru. Namoonni kun misiraachicha dhagaʼuudhaan jireenyasaanii keessatti Yihowaadhaaf dursa waan kennaniif, fakkeenya gaarii nuuf taʼu.—1 Tasaloniiqee 1:8, 9; 2:13 dubbisi.
Yihowaan namoota amantii sobaa keessaa baʼanii miseensa waaqeffattoota maatiisaa taʼan gammachuudhaan simata. Afeerrii Yihowaan siif dhiheesse yoo fudhatte michuusaa taata; maatii jaalala qabuufi waaqeffattoota Yihowaa taʼaniifis hidhata taata; akkasumas jireenya barabaraa argatta.—Maarqos 10:29, 30; 2 Qorontos 6:17, 18 dubbisi.
4. Waaqayyo guutummaa biyya lafaarratti gammachuu kan fidu akkamitti?
Firdiin amantii sobaarra gaʼu misiraachoodha. Firdiin kun guutummaa biyya lafaarratti hacuuccaa ni hambisa. Amantiin sobaa lammata matumaa ilmaan namootaa hin gowwoomsu; gargaris hin qoqqoodu. Namni yeroo sanatti jiraatu hundi, Waaqa dhugaa isa tokkicha waaqeffachuudhaan tokko taʼa.—Mulʼata 18:20, 21; 21:3, 4 dubbisi.