LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • T-34 ful. 1-4
  • Rakkinni Ni Badaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkinni Ni Badaa?
  • Rakkinni ni badaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?
    Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?
  • Namoonni Du’an Deebi’anii Jiraachuu Danda’uu?
    Namoonni du’an deebi’anii jiraachuu danda’uu?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
  • Addunyaa Kana Kan To’atu Eenyudha?
    Addunyaa kana kan to’atu eenyudha?
Dabalataan Ilaaluuf
Rakkinni ni badaa?
T-34 ful. 1-4

Rakkinni ni badaa?

Maal jetta?

  • Eeyyee.

  • Lakki.

  • Tarii baduu danda’a.

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa . . . egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:3, 4.

KANA BEEKUUN FAAYIDAA MAALII SIIF ARGAMSIISA?

Rakkinni akka nurra ga’u kan godhu Waaqayyo akka hin taane hubatta.—Yaaqoob 1:13.

Waaqayyo rakkinni yommuu nurra ga’u maaltu akka nutti dhaga’amu guutummaatti akka hubatu beekuunkee jajjabina siif argamsiisa.—Zakaariyaas 2:8.

Rakkinni hundi ni bada jettee akka abdattu si gargaara.—Faarfannaa 37:9-11.

Nama yeroo rakinnii fi jal‵inni lafa kana irraa itti badu yaadaan ilaalaa Macaafa Qulqulluu dubbisaa jiru

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHUTTI AMANUU NI DANDEENYAA?

Eeyyee, yoo xinnaate sababii lamaan kan ka’e amanuu dandeenya:

  • Waaqayyo rakkinaafi jal’ina ni jibba. Yihowaan, sabnisaa warri durii, gara jabinaan yommuu cunqurfamaa turan maaltu akka itti dhaga’ame hubadhu. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo yeroo saboonni kaan ‘isaan rakkisaniifi isaan cunqursan’ dhiphatee akka ture ibsa.—Abboota Firdii 2:18.

    Waaqayyo namoota warra kaan miidhaan akka laayyootti hin ilaalu. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Inni, “harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu” akka ciigga’u ibsa.—Fakkeenya 6:16, 17.

  • Waaqayyo dhuunfaatti nuu yaada. ‘Dhukkubaafi rakkinasaa kan beeku’ abbaasaa qofa utuu hin ta’in, Yihowaanis beeka!—2 Seenaa 6:29, 30.

Yihowaan Mootummaasaatti fayyadamee, yeroo dhihootti rakkina namoota hundaarra ga’u ni balleessa. (Maatewos 6:9, 10) Hanga yeroon sun ga’utti garuu, namoota gargaarsasaa argachuu barbaadaniif jajjabina guddaa kenna.—Hojii Ergamootaa 17:27; 2 Qorontos 1:3, 4.

WANTOOTA KANARRATTI YAADI

Dubartoota Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiran

Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame?

Macaafni Qulqulluun, gaaffii kanaaf ROOMAA 5:12⁠fi 2 PHEXROS 3:9⁠rratti deebii kenna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi