LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 2 ful. 6-7
  • Ribqaan Yihowaa Gammachiisuu Barbaadde

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ribqaan Yihowaa Gammachiisuu Barbaadde
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yisihaq Haadha Manaa Gaarii Argate
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Lakkuu Wal Hin Fakkaanne
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 2 ful. 6-7
Elii’ezer, Ribqaan, hojjettoonni, fi Gaalonni kudhan, biyya Kana’aan ga’uuf karaa dheeraa deeman

BARUMSA 2

Ribqaan Yihowaa Gammachiisuu Barbaadde

Ribqaan dubartii Yihowaa jaallattu turte. Abbaan manaashee Yisihaq jedhama. Innis Yihowaa ni jaallata ture. Ribqaan Yisihaqii wajjin kan wal argite akkamitti? Yihowaa gammachiisuu akka barbaaddu kan argisiistehoo akkamitti? Mee waaʼeeshee caalaatti haa barannu.

Yisihaq ilma Abrahaamiifi Saaraati. Maatiin kun kan jiraatan biyya Kanaʼaan keessa yeroo taʼu, namoonni achi jiraatan Yihowaa hin waaqeffatan turan. Abrahaamimmoo ilmisaa dubartii Yihowaa waaqeffattu akka fuudhu barbaada ture. Kanaaf, firoonni Abrahaam tokko tokko kan jiraatan biyya Kaaraan keessa waan taʼeef, Yisihaqiif achii haadha manaa akka barbaaduuf hojjetaasaa erge; hojjetaan kun Eliiʼezer taʼuu hin oolu.

Ribqaan gaalonni Elii’ezer akka dhuganiif  bishaan ni waraabdeef

Ribqaan Eliiʼezerii wajjin gara biyya Kanaʼaan deemtee Yisihaqitti heerumte

Eliiʼezer hojjettoota Abrahaam kaanii wajjin deeme. Karaansaas baayʼee fagoo ture. Gaalota kudhanirratti nyaataafi kennaa feʼatanii deeman. Eliiʼezer, Yisihaqiif dubartii akkamii akka filatu akkamitti beekuu dandaʼa? Eliiʼezeriifi hojjettoonni kaan biyya Kaaraan yeroo gaʼan, Eliiʼezer namoonni bishaan waraabbachuuf bakka sana akka dhufan waan beekuuf, boolla bishaanii tokko bira dhaabatan. Akkas jedhee Yihowaa kadhate: ‘Durbi ani bishaan naa kenni jedhuun, anaaf kennitee gaalotakoos yoo obaaste, dubartiin ati filatte ishee taʼuushee kanaanan beeka.’

Achiis intalli Ribqaa jedhamtu gara boolla bishaanichaa dhufte. Macaafni Qulqulluun, Ribqaan baayʼee bareedduu akka taate dubbata. Eliiʼezer bishaan akka isa obaastu yeroo ishee gaafatu, ‘Tole, bishaan siin kenna, gaalota keetiifis dhaqeen waraaba’ jetteen. Mee yaadi! Gaalonni dheebotan bishaan baayʼee dhugu; kanaafuu Ribqaan bishaan waraabuuf gara boolla bishaanichaatti siʼa baayʼee deddeebiʼuu qabdi jechuudha. Hammam jabaattee hojjechaa akka jirtu fakkicharratti ni argitaa?— Eliiʼezer akkaataan Yihowaan kadhannaasaatiif deebii itti kenne isa ajaaʼibsiiseera.

Eliiʼezer Ribqaadhaaf kennaa babbareedaa baayʼee kenneef. Isheenis, Eliiʼezeriifi hojjettoota warra kaan mana warrasheetti waamte. Eliiʼezer, Abrahaam maaliif gara biyya sanaatti akka isa ergeefi Yihowaan kadhannaasaatiif akkamitti deebii akka kenne isaanitti hime. Maatiin Ribqaa, Yisihaqitti akka isheen heerumtu barbaadaniiru.

Ribqaan gaalotaaf bishaan waraabuuf jabinaan hojjetteetti

Ribqaanhoo Yisihaqitti heerumuu kan barbaadde sitti fakkaataa?— Ribqaan, Eliiʼezeriin achitti kan erge Yihowaa taʼuusaa beekteetti. Kanaaf, warrishee gara Kanaʼaan dhaqxee Yisihaqitti heerumuu barbaaduufi dhiisuushee ennaa ishee gaafatan, ‘Eeyyee, deemuu nan barbaada’ jetteen. Achiis yeruma sana Eliiʼezerii wajjin deemte. Yeroo biyya Kanaʼaan gaʼanis Yisihaqitti heerumte.

Ribqaan wanta Yihowaan isheerraa barbaadu waan gooteef, Yihowaan ishee eebbiseera. Yeroo dheeraa booda, Yesus sanyiishee keessaa dhalateera! Atis akkuma Ribqaa Yihowaa yoo gammachiiste siinis si eebbisa.

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • Uumama 12:4, 5; 24:1-58, 67

GAAFFII:

  • Ribqaan eenyu turte?

  • Abrahaam, Yisihaq dubartii biyya Kanaʼaan akka fuudhu kan hin barbaanne maaliifi?

  • Eliiʼezer, Yisihaq Ribqaa fuudhuu akka qabu kan beeke akkamitti?

  • Akka Ribqaa taʼuuf maal gochuu qabna?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi