BARUMSA 5
Saamuʼel Waan Sirrii Taʼe Gochuusaa Itti Fufe
Saamuʼel ijoollummaasaatii kaasee godoo namoonni Yihowaa itti waaqeffatan keessa jiraachaafi tajaajilaa ture. Saamuʼel godoo Waaqayyoo keessa jiraachuu kan jalqabe akkamitti akka taʼe beektaa? Mee dura waaʼee haadha Saamuʼel, ishee Haannaa jedhamtuu haa ilaallu.
Haannaan mucaa godhachuu kan barbaaddu taʼus tokkittiillee hin qabdu turte. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan akkashee gargaaru ni kadhatti turte. Ilma yoo godhatte godoo Waaqayyoo keessa jiraachaa achi keessatti akka hojjetuuf akka isa kennitu waadaa galte. Yihowaan kadhannaashee waan dhagaʼeef, ilma godhatte. Maqaasaas Saamuʼel jettee moggaafte. Haannaan akkuma waadaa galte, Saamuʼel umriinsaa waggaa sadii ykn afur yeroo taʼu, achitti Waaqayyoon akka tajaajilu gara godootti isa geessite.
Eeliin godoo sana keessatti angafa lubootaa ture. Ilmaansaa lamaanis achi keessatti hojjetu turan. Godoon, mana Yihowaan itti waaqeffatamu akka taʼe yaadadhu; kanaafuu achi keessatti namoonni waan gaarii akka godhan irraa eegama. Ilmaan Eelii garuu wanta baayʼee gadhee taʼe raawwatu turan. Saamuʼel wanta isaan godhan argeera. Saamuʼel akkuma ijoollee Eelii waan gadhee raawwateeraa?— Lakki. Akkuma warrisaa isa barsiisan waan gaarii gochuusaa itti fufe.
Eeliin ijoolleesaa lamaanirratti tarkaanfii akkamii fudhachuu kan qabu sitti fakkaata?— Isaan adabuu qaba. Mana Waaqayyoo keessatti akka hin tajaajilles isaan dhowwuu qaba ture. Haataʼu malee, Eeliin akkas hin goone; kanaafuu Yihowaan isaafi ijoolleesaa lamaanitti waan aareef isaan adabuuf murteesse.
Saamu’el ergaa Yihowaa Eeliitti himeera
Gaaf tokko galgala Saamuʼel rafee utuu jiruu sagalee, ‘Saamuʼel!’ jedhee isa waamu tokko waan dhagaʼeef, fiigee gara Eelii dhaqe. Eeliin garuu, ‘Ani si hin waamne’ jedheen. Achii boodas Saamuʼel waan Eeliin isa waame itti fakkaatee, yeroo lama garasaa deemee ture. Al sadaffaarratti garuu, Eeliin Saamuʼel sana booda sagalee kana yoo dhagaʼe, ‘Yihowaa, dhaggeeffachaan jiraa dubbadhu’ jedhee akka deebisu itti hime. Saamuʼelis akkasuma godhe. Achiis Yihowaan Saamuʼeliin, ‘Wanta gadhee isaan raawwataniif isaafi maatiisaa akkan adabu Eeliitti himi’ jedheen. Ergaa kana Eeliitti himuun Saamuʼeliif salphaa waan ture sitti fakkaataa?— Salphaa hin turre. Saamuʼel kan sodaate taʼus, wanta Yihowaan isatti hime raawwateera. Wanti Yihowaan jedhes raawwatameera. Ilmaan Eelii lamaan ni ajjeefaman; Eeliinis ni duʼe.
Saamuʼel fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Namoonni kaan waan gadhee yeroo godhan kan arge taʼus, inni waan sirrii godheera. Atoo, akkuma Saamuʼel waan sirrii taʼe gochuukee itti fuftaa? Akkas yoo goote, Yihowaafi warrakee ni gammachiista.