LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 7 ful. 16-17
  • Kophummaa fi Sodaan Sitti Dhaga’amee beekaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kophummaa fi Sodaan Sitti Dhaga’amee beekaa?
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Dammaqinaafi Obsaan Eegeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Dammaqinaafi Obsaan Eeggateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 7 ful. 16-17
Mucaa xiqqoo tokkotti miirri kophummaa fi sodaan isatti dhaga’amaa jira

BARUMSA 7

Kophummaafi Sodaan Sitti Dhagaʼamee Beekaa?

Mucaa xinnoo fakkii kanarra jiru ilaali. Kophummaafi sodaan kan itti dhagaʼame fakkaata mitii? Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa?— Namni hundi yeroo tokko tokko akkas itti dhagaʼama. Macaafni Qulqulluun michoonni Yihowaa tokko tokkos kophummaafi sodaan isaanitti dhagaʼamee akka ture dubbata. Isaan keessaa tokko Eliyaasidha. Mee waaʼeesaa haa barannu.

lizaabel aariidhan ni iyyiite

Iizaabel Eliyaasiin ajjeesuu barbaadde

Eliyaas, Yesus dhalachuusaa bara dheeraa dura biyya Israaʼel keessa jiraachaa ture. Mootii Israaʼel kan ture Ahaab, Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe hin waaqeffatu ture. Ahaabiifi haati manaasaa Iizaabel, waaqa sobaa Baʼaal jedhamu waaqeffatu turan. Kanaafuu, namoonni Israaʼelis baayʼeensaanii Baʼaaliin waaqeffachuu jalqaban. Iizaabel Mootittiin, Eliyaasiin dabalatee namoota Yihowaa waaqeffatan hunda ajjeesuu barbaaddi turte! Yeroo kanatti Eliyaas maal akka godhe beektaa?—

Eliyaas ni baqate! Fagaatee deemee lafa onaatti holqa tokko keessa dhokate. Akkas kan godhe maaliif sitti fakkaata?— Eeyyee, waan sodaatefidha. Haataʼu malee sodaachuu hin qabu ture. Maaliif? Yihowaan isa gargaaruu akka dandaʼu beeka ture. Sanaan dura Yihowaan humna guddaa akka qabu Eliyaasitti argisiiseera. Yeroo tokko Yihowaan, samiirraa ibidda buusuudhaan kadhannaa Eliyaasiif deebii kennee ture. Kanaafuu, ammas Eliyaasiin gargaaruu akka dandaʼu beekamaadha!

Yihowaan, samiirraa ibidda buusuudhaan kadhannaa Eliyaasiif deebii kenneera; Eliyaas holqa sana keessa utuu jiruu; Eliyaas jechoota jajjaabinaa Yihowaa dhaga’uusaatti  gammadeera

Yihowaan Eliyaasiin kan gargaare akkamitti?

Eliyaas holqa sana keessa utuu jiruu, Yihowaan, ‘Asii maal goota?’ jedhee isa gaafate. Eliyaasimmoo, ‘Hanga ammaatti kan si waaqeffatu ana qofadha. Ani kophaatti hafeera; na ajjeesu jedheen sodaadhe’ jedheen. Eliyaas, namoonni Yihowaa waaqeffatan hundi ajjeefamaniiru jedhee yaadee ture. Taʼuyyuu Yihowaan, ‘Lakki, kun dhugaa miti. Namoonni na waaqeffatan kan biraan 7,000 jiru. Hin sodaatin. Hojii naaf hojjettu baayʼee qabda!’ jedheen. Eliyaas kana dhagaʼuusaatti kan gammade sitti fakkaataa?—

Wanta Eliyaasirra gaʼerraa maal barachuu dandeessa?— Kophummaafi sodaan sitti dhagaʼamuu hin qabu. Michoota Yihowaafi si jaallatan qabda. Kana malees, Yihowaan humna guddaa qaba; yeroo hundumaas si gargaara! Yoomiyyuu kophaakee akka hin taane beekuu keetti gammaddeettaa?—

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • 1 Mootota 19:3-18

  • Faarfannaa 145:18

  • 1 Phexros 5:9

GAAFFII:

  • Bara Eliyaasitti, namoonni Israaʼel baayʼeensaanii Yihowaa waaqeffatu turanii? Eenyuun waaqeffatu turan?

  • Eliyaas kan baqateefi holqa keessa kan dhokate maaliifi?

  • Yihowaan Eliyaasiin maal jedhe?

  • Wanta Eliyaasirra gaʼerraa maal barachuu dandeenya?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi