LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 8 ful. 18-19
  • Yosiyaas Hiriyoota Gaarii Qaba Ture

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yosiyaas Hiriyoota Gaarii Qaba Ture
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootii Gaarii Isa Dhumaa
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Dargaggoota, Jireenya Akkamii Jiraachuu Barbaaddu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 8 ful. 18-19
Yosiyaas mootichi hiriyaa isaa Ermiyaas dhageefachaa jira

BARUMSA 8

Yosiyaas Hiriyoota Gaarii Qaba Ture

Waan sirrii taʼe gochuun ulfaataa sitti fakkaataa?— Namoonni baayʼeen ulfaataadha jedhu. Macaafni Qulqulluun, keessumaa mucaa Yosiyaas jedhamu tokkotti waan sirrii taʼe gochuun ulfaataa akka ture dubbata. Taʼuyyuu, hiriyoota gaarii isa gargaaran qaba ture. Mee waaʼee Yosiyaasiifi hiriyootasaa caalaatti haa barannu.

Abbaan Yosiyaas, Amoon isa mootii Yihudaa turedha. Amoon nama gadhee waaqayyolii tolfaman waaqeffatu ture. Abbaan Yosiyaas yeroo duʼu, Yosiyaas mootii Yihudaa taʼe. Umriinsaa garuu waggaa saddeet qofa ture! Innis akka abbaasaa nama gadhee kan ture sitti fakkaataa?— Nama gadhee hin turre!

Sefaaniyaa raajiichi ergaa yihowaa namoota Yihudaatti himeera

Sefaaniyaan namoonni waaqayyolii tolfaman akka hin waaqeffanne akeekkachiiseera

Yosiyaas yeroo mucaa xinnoo turettillee Yihowaadhaaf ajajamuu barbaada ture. Kanaafuu, namoota Yihowaa jaallatan qofa hiriyootasaa godhachuu barbaade. Hiriyoonnisaa kun, Yosiyaas waan sirrii taʼe akka raawwatu isa gargaaraniiru. Hiriyoonni Yosiyaas eenyufaa turan?

Hiriyootasaa keessaa inni tokko Sefaaniyaa ture. Sefaaniyaan raajii waan taʼeef, namoonni Yihudaa waaqayyolii tolfaman yoo waaqeffatan wanti gadheen akka isaanirra gaʼu isaan akeekkachiisa ture. Yosiyaas wanta Sefaaniyaan jedhe waan fudhateef, waaqayyolii tolfaman utuu hin taʼin Yihowaa waaqeffata ture.

Hiriyaan Yosiyaas inni kaanimmoo Ermiyaas ture. Umriinsaa Yosiyaasii wajjin kan walitti dhihaatu yeroo taʼu, naannoo tokkotti guddatan. Hiriyoota wal jaallatan waan turaniif, yeroo Yosiyaas duʼetti Ermiyaas baayʼee akka gadde faarfannaa adda taʼe barreessuudhaan ibseera. Ermiyaasiifi Yosiyaas, wal jajjabeessuudhaan waan sirrii taʼe gochuufi Yihowaadhaaf ajajamuu dandaʼaniiru.

Yosiyaasii fi Ermiyaas waan sirrii ta’e gochuurratti wal gargaaraniiru

Fakkeenya Yosiyaasirraa maal barachuu dandeessa?— Yosiyaas yeroo mucaa xinnoo turettillee waan sirrii taʼe gochuu barbaada ture. Namoota Yihowaa jaallatanii wajjin hiriyaa taʼuu akka qabus beeka ture. Atis hiriyoota Yihowaa jaallataniifi waan sirrii taʼe akka gootu si jajjabeessan filachuu qabda.

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • 2 Seenaa 33:21-25; 34:1, 2; 35:25

GAAFFII:

  • Abbaan Yosiyaas eenyudha? Waan sirrii taʼe raawwateeraa?

  • Yosiyaas yeroo mucaa xinnoo turettillee maal gochuu barbaada ture?

  • Hiriyoota Yosiyaas keessaa lamaan eenyufaadha?

  • Fakkeenya Yosiyaasirraa maal barachuu dandeessa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi