BARUMSA 10
Yesus Yeroo Hunda Ni Ajajama Ture
Warra keetiif ajajamuun yeroo hunda salphaadhaa?— Yeroo tokko tokko ni ulfaata. Yesus Yihowaadhaafis taʼe warrasaatiif ajajamaa akka ture beektaa?— Yesus kan ajajamu taʼuunsaa, atis yeroo ulfaataa taʼuttillee warra keetiif akka ajajamtu si gargaaruu dandaʼa. Mee waaʼeesaa caalaatti haa barannu.
Yesus gara lafaa dhufuusaa dura, Abbaasaa Yihowaa wajjin samiirra jiraata ture. Haataʼu malee, Yesus lafarrattis warra qaba ture. Maqaansaanii Yoseefiifi Maariyaam jedhama. Isaan warrasaa taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe beektaa?—
Yihowaan, Yesus nama taʼee lafarra akka dhufuuf haala dinqii taʼeen Maariyaam ulfooftee akka isa deessu godhe. Akkuma ijoolleen kaan garaa haadhasaanii keessatti guddatan, Yesusis garaa Maariyaam keessatti guddate. Yesus jiʼa sagal booda ni dhalate. Yoseefiifi Maariyaam warra Yesus taʼuu kan dandaʼan karaa kanaanidha.
Yesus yeroo mucaa waggaa 12 ture, wanta Abbaasaa Yihowaa baayʼee akka jaallatu argisiisu tokko godhe. Kun kan taʼe, Yesusiifi maatiinsaa Ayyaana Faasikaa Yerusaalemitti kabajamurratti argamuuf karaa dheeraa yeroo deemanii turanittidha. Yoseefiifi Maariyaam gara manasaaniitti deebiʼaa utuu jiranii, Yesusiin of biraa dhaban. Yesus eessa akka ture beektaa?—
Yesus mana qulqullummaa keessa kan ture maaliifi?
Yoseefiifi Maariyaam dafanii gara Yerusaalemitti deebiʼuudhaan iddoo hundatti isa barbaadan. Isa argachuu waan hin dandeenyeef baayʼee yaaddaʼan. Guyyaa sadii booda garuu, mana qulqullummaa keessatti isa argatan! Yesus mana qulqullummaa keessa kan ture maaliif akka taʼe beektaa?— Achitti waaʼee Abbaasaa isa samii caalaatti barachuu waan dandaʼuufidha. Yihowaa waan jaallatuuf, akkamitti isa gammachiisuu akka dandaʼu beekuu barbaada ture. Yesus nama guddaa yeroo taʼettillee yeroo hunda Yihowaadhaaf ni ajajama ture. Akkas gochuun ulfaataa taʼus yeroo dhiphinni isarra gaʼettillee ajajameera. Yesus Maariyaamiifi Yoseefiifis ni ajajama turee?— Eeyyee, Macaafni Qulqulluun akka ajajame dubbata.
Fakkeenya Yesusirraa maal baratta?— Yeroo ulfaataa taʼuttillee warra keetiif ajajamuu qabda. Akkas gochaa jirtaa?—