LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 2 ful. 6-8
  • Walii Keessaniif Amanamaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walii Keessaniif Amanamaa
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 GAAʼELAKEETIIF DURSA KENNI
  • 2 YAADAKEE EEGGADHU
  • Gaaʼela Gaarii Qabaachuuf Gargaarsa Waaqayyoo Gaafadhaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Guyyaa Cidhaa Booda
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Waadaa Gaa’elaakee Eegii Jiraadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 2 ful. 6-8
Abbaa manaa haati manaan isaa yeroo konkolaataa keessa galuuf jettu dibaabee isheedhaaf qabaa jiru

KUTAA 2

Walii Keessaniif Amanamaa

“Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!”—Maarqos 10:9

Yihowaan ‘amanamummaadhaaf iddoo guddaa akka kenninu’ barbaada. (Miikiyaas 6:8, NW) Amanamummaan hin jiru taanaan abdii walirra kaaʼachuun waan hin dandaʼamneef, amalli kun gaaʼela keessatti baayʼee barbaachisaadha. Jaalalli akka cimu gochuurrattis gaʼee guddaa qaba.

Yeroo harʼaa gaaʼela keessatti waliif amanamuun rakkisaa taʼeera. Gaaʼelakee balaa akkasiirraa eeguuf, wanta lama gochuu qabda.

1 GAAʼELAKEETIIF DURSA KENNI

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Wanta caalaatti barbaachisaa taʼe adda baasaatii beekaa.’ (Filiphisiiyus 1:10, NW) Gaaʼellikee wantoota baayʼee barbaachisaa taʼan keessaa tokkodha. Kanaaf, dursi kennamuufii qaba.

Yihowaan hiriyaa gaaʼelaakeetiif xiyyeeffannaa akka kennituufi wal faana ‘jireenyatti akka gammaddan’ barbaada. (Lallaba 9:9) Hiriyaa gaaʼelaakee dagachuu mannaa, karaa wal gammachiisuu itti dandeessan barbaaduu akka qabdan dubbateera. (1 Qorontos 10:24) Kanaaf, hiriyaan gaaʼelaakee kan jaallatamuufi iddoo guddaa kan qabu akka taʼe akka itti dhagaʼamu godhi.

Abbaa manaa waan hoʼaa haadha manaa isaatiif dhiheessaa jiru; abbaa manaa haati manaan isaa utuu nyaata qopheessaa jirtuu gara manaa dhufe

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Hiriyaa gaaʼelaakeetiif xiyyeeffannaa guutuu kenni, akkasumas yeroo waliin dabarsaa

  • Waaʼee ‘kee’ qofa utuu hin taʼin waaʼee ‘keessan’ yaadi

Abbaa manaa fi haadha manaa manaa alatti waliin bashannanaa jiran

2 YAADAKEE EEGGADHU

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Maatewos 5:28) Namni tokko garaasaa keessatti gocha hin taane raawwachuu yaada taanaan, hiriyaa gaaʼelaasaatiif amanamaa miti jechuun ni dandaʼama.

Yihowaan, ‘yaadakee baʼeessa gootee eeguu’ akka qabdu dubbateera. (Fakkeenya 4:23; Ermiyaas 17:9) Kana gochuufimmoo ijakee eeggachuu qabda. (Maatewos 5:29, 30) Fakkeenya Iyoob isa abbaa amantii taʼeefi ija hawwiitiin durba akka hin ilaalleef ijasaa wajjin kakuu galee hordofi. (Iyoob 31:1) Gonkumaa poornoogiraafii akka hin ilaalle murteessi. Akkasumas hiriyaa gaaʼelaakeetiin alatti nama kan biraa wajjin walitti dhufeenya jaalalaa hin qabaatin.

Abbaa manaa suuraa haadha manaa isaa bakka hojiitti minjaala irra kaaʼatee jiru

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Hiriyaa gaaʼelaakeetiif amanamaa taʼuukee namni hundi akka baru godhi

  • Miira hiriyaa gaaʼelaakee xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, walitti dhufeenya hiriyaa gaaʼelaakeetti hin tolle kamiyyuu hatattamaan addaan kuti

GAʼEEKEE RAAWWADHU

Amanamummaadhaan of qoruudhaan dadhabinakee adda baasii bari. (Faarfannaa 15:2) Gargaarsa gaafachuu hin qaanaʼin. (Fakkeenya 1:5) Yaadni sirrii hin taane gara sammuukeetti yoo dhufe hin keessummeessin. Akkasumas abdii hin kutatin. (Fakkeenya 24:16) Yoo akkas goote, Yihowaan carraaqqii ati hiriyaa gaaʼelaakeetiif amanamaa taʼuuf gootu ni eebbisa.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Hiriyaa gaaʼelaakootiif yeroo dabalataa ramaduu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Hiriyaa gaaʼelaakoo akka michuukoottan ilaalaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi