LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 6 ful. 18-21
  • Jijjiirama Mucaan Gaaʼelarratti Fidu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jijjiirama Mucaan Gaaʼelarratti Fidu
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 MUCAA GODHACHUUN HAALA JIREENYAA KEESSAN AKKA JIJJIIRU HUBADHAA
  • 2 HARIIROO KEESSAN CIMSAA
  • 3 MUCAA KEESSAN LEENJISUU
  • Gaaʼela Gaarii Qabaachuuf Gargaarsa Waaqayyoo Gaafadhaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 6 ful. 18-21
Narsii mucaa reefuu dhalate gara warra isaatti fidaa jirtu

KUTAA 6

Jijjiirama Mucaan Gaaʼelarratti Fidu

“Ijoolleen kennaa waaqayyoo ti.”​—Faarfannaa 127:3

Hiriyoonni gaaʼelaa mucaa ennaa godhatan baayʼee kan gammadan taʼus, dhiphinnis isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Mucaa kan godhattan reefuu yoo taʼe, yeroofi humna keessan baayʼinaan mucaa keessan kunuunsuurratti akka dabarsitan ennaa hubattan ajaaʼibsiifachuun keessan hin oolu. Hanqinni hirribaafi jijjiiramni miiraa walitti dhufeenya isin qabdanirratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Atis taate hiriyaan gaaʼelaakee mucaa keessan kunuunsuufis taʼe gaaʼela keessan cimsachuuf sirreeffama tokko tokko gochuu qabdu. Gorsi Macaafa Qulqulluu rakkoowwan gama kanaan isin mudatan moʼuuf kan isin gargaaru akkamitti?

1 MUCAA GODHACHUUN HAALA JIREENYAA KEESSAN AKKA JIJJIIRU HUBADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Jaalalli dandaʼaa dha, gaarummaas in argisiisa.” Akkasumas, ‘waan isatti tolu duwwaa hin barbaadu, hin dallanus.’ (1 Qorontos 13:4, 5) Haadha reefuu mucaa godhatte yoo taate, mucaakeetiif xiyyeeffannaa guddaa akka kennitu beekamaadha. Haataʼu malee, abbaan manaakee akka dagatame itti dhagaʼamuu waan dandaʼuuf, isaafis xiyyeeffannaa kennuun akka si barbaachisu hin dagatin. Obsaafi gaarummaadhaan akka isa jaallattu itti himuufi innis mucaa keessan kunuunsuurratti gaʼee akka qabu akka hubatu isa gargaaruu ni dandeessa.

Abbaa mucaa nyaachisaa fi halkan isa kunuunsaa jiru

“Isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa!” (1 Phexros 3:7) Haati manaakee mucaa keessan kunuunsuuf baayʼee akka dadhabdu hin dagatin. Itti gaafatamummaa haaraa waan taʼeef dhiphachuu, dadhabuu, darbees abdii kutachuu ni dandeessi. Yeroo tokko tokko sitti aaruullee ni dandeessi; ati garuu of toʼachuuf yaali, sababiinsaas “nama aango-qabeessa irra, nama obsa-qabeessa wayya.” (Fakkeenya 16:32) Hubannaa qabaadhu, deggersa barbaachisaa taʼes isheedhaaf godhi.—Fakkeenya 14:29.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Abbaa: Halkanillee taanaan mucaa keessan kunuunsuurratti haadha manaakee gargaari. Haadha manaakeefi mucaakee wajjin yeroo dabalataa dabarsuu akka dandeessuuf, yeroo wantoota kan biraarratti dabarsitu hirʼisi

  • Haadha: Abbaan manaakee mucaa keessan kunuunsuurratti yommuu si gargaaruuf jedhu tole jedhii gargaarsasaa fudhadhu. Mucaa sirriitti kunuunsuu yoo dadhabe, isa ceephaʼuu mannaa akkamitti kunuunsuu akka dandaʼu gaarummaadhaan itti argisiisi

2 HARIIROO KEESSAN CIMSAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Isaan lachanuus foon tokko in taʼu.” (Uumama 2:24) Miseensa maatii haaraa yoo qabaattaniyyuu, atiifi hiriyaan gaaʼelaakee ammayyuu “foon tokko” taʼuu keessan hin dagatinaa. Hariiroon keessan cimee akka itti fufu gochuuf wanta dandeessan hunda godhaa.

Haadha manaa yoo taate, gargaarsaafi deggersa abbaan manaakee sii godhuuf isa galateeffadhu. Akka isa dinqisiifattu isaaf ibsuunkee isa ‘fayyisuu’ dandaʼa. (Fakkeenya 12:18) Abbaa manaa yoo taatemmoo, hammam akka ishee jaallattuufi iddoo guddaa akka isheedhaaf kennitu itti himi. Kunuunsa isheen maatiidhaaf gootuuf ishee galateeffadhu.—Fakkeenya 31:10, 28.

“Namni waan isatti tolu utuu hin taʼin, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!” (1 Qorontos 10:24) Hiriyaa gaaʼelaa keessaniif yeroo hunda wanta gaarii godhaa. Waliin haasaʼuuf, yaada walii kennuufi wal dhaggeeffachuuf Yeroo ramadaa. Saalqunnamtii wajjin haala wal qabateenis ofittoo hin taʼinaa. Fedhii hiriyaa gaaʼelaa keessaniif xiyyeeffannaa kennaa. Macaafni qulqulluun, “Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira gaʼuu wal hin didinaa” jedha. (1 Qorontos 7:3-5) Kanaaf, dhimma kanarratti haqaan mariʼadhaa. Obsaafi hubannaa qabaachuun keessan hariiroon keessan akka cimu godha.

Abbaa manaa fi haadha manaa yeroo mucaan isaanii rafee jirutti yeroo waliin dabarsaa jiran

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Lamaan keessan yeroo waliin dabarsuu hin irraanfatinaa

  • Hiriyaa gaaʼelaa keessan akka jaallattan argisiisuuf wantoota xixinnoo gochuu, fakkeenyaaf ergaa barreeffamaa erguu ykn kennaa xinnoo kennuu ni dandeessu

3 MUCAA KEESSAN LEENJISUU

Haadha mucaa isheetiif dubbisaa jirtu

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqullaaʼaa isa . . . akka fayyitutti ogummaa siif kennuu dandaʼu, akka barte in beekta.” (2 Ximotewos 3:15) Mucaa keessan barsiisuuf wanta gochuu qabdan karoorfadhaa. Mucaan keessan dhalachuusaa durallee dandeettii barachuu ajaaʼibsiisaa taʼe qaba. Mucaan tokko utuma garaa keessa jiruu sagalee warrasaa adda baasee kan beeku siʼa taʼu, miirri haadhasaatti dhagaʼamus dhiibbaa isarra geessisuu dandaʼa. Mucummaasaatii jalqabaatii isaaf dubbisaa. Wanta isin dubbistaniif yoo hubachuu baatellee, yeroo guddatu waa dubbisuu akka jaallatu isa gargaaruu dandaʼa.

Mucaan keessan waaʼee Waaqayyoo yommuu isin dubbattan dhagaʼuudhaaf guddaa taʼuun isa hin barbaachisu. Gara Yihowaatti kadhannaa yommuu dhiheessitan akka inni dhagaʼu godhaa. (Keessa Deebii 11:19) Yommuu isaa wajjin taphattanillee, waaʼee wantoota Waaqayyo uumee haasaʼaa. (Faarfannaa 78:3, 4) Mucaan keessan yommuu guddachaa adeemu, jaalala isin Yihowaadhaaf qabdan.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Ogummaa mucaa keessan leenjisuuf isin gargaaru argachuu akka dandeessaniif kadhadhaa

  • Mucummaasaatii kaasee barachuu akka dandaʼuuf, jechootaafi yaadawwan barbaachisoo taʼan irra deddeebiʼaa itti himaa

MUCAAN GAAʼELARRATTI DHIIBBAA GAARII GEESSISUU DANDAʼA

Yeroo booda, warra taʼuun isiniif salphachuu, akkasumas ofitti amanamummaan isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Mucaa guddisuun isa duraa caalaa jaalala qabeessa, obsa qabeessaafi gaarummaa kan argisiistan akka taatan isin gochuu dandaʼa. Kan waliin hojjettaniifi wal gargaartan yoo taʼe, mucaa godhachuun hariiroon keessan akka cimu godha. Yoo akkas gootan yaadni Faarfannaa 127:3⁠rra jiruufi, “Dhala godhachuunis buʼaa . . . dha” jedhu isiniif dhugoomuu dandaʼa.”

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Torban darbe keessa, wanta abbaan manaakoo ykn haati manaakoo maatii keenyaaf godheef ykn gooteef akkan isa ykn ishee galateeffadhu argisiisuuf maalfaa godheera?

  • Hiriyaa gaaʼelaakoo wajjin waaʼee mucaa keenyaa qofa utuu hin taʼin waaʼee keenya ergan dubbadhee tureeraa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi