LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 7 ful. 22-25
  • Akkaataa Mucaa Keessan Barsiisuu Itti Dandeessan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Mucaa Keessan Barsiisuu Itti Dandeessan
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 ISINII WAJJIN DUBBACHUUN AKKA ISAANITTI SALPHATU GODHAA
  • 2 MAAL JECHUU AKKA BARBAADAN HUBACHUUF YAALAA
  • 3 TOKKUMMAA QABAADHAA
  • 4 KAROORA QABAADHAA
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 7 ful. 22-25
Abbaa ilma isaa wajjin saaykilii suphaa jiru

KUTAA 7

Akkaataa Mucaa Keessan Barsiisuu Itti Dandeessan

“Dubbiin ani harʼa si abboomu kunis garaa kee keessa haa taaʼu! Isas keessa deddeebiʼii ijoollee kee barsiisi!”—Keessa Deebii 6:6, 7

Yihowaan maatii ennaa hundeesse, warri ijoolleesaanii akka guddisaniif itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (Qolosaayis 3:20) Mucaan keessan Yihowaa jaallachuu akka dandaʼu leenjisuufi nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼee akka guddatu gochuun itti gaafatamummaa keessanidha. (2 Ximotewos 1:5; 3:15) Wanti garaa ilma ykn intala keessanii keessa jiru maal akka taʼes beekuu qabdu. Fakkeenya isaaniif taʼuun keessan baayʼee barbaachisaadha. Dubbii Yihowaa mucaa keessan akka gaariitti barsiisuuf, dura ofii keessanii garaatti qabachuu qabdu.—Faarfannaa 40:8.

1 ISINII WAJJIN DUBBACHUUN AKKA ISAANITTI SALPHATU GODHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa taʼaa.’ (Yaaqoob 1:19) Ijoolleen keessan bilisaan isinii wajjin haasaʼuu akka dandaʼan akka itti dhagaʼamu ni barbaaddu. Yeroo dubbachuu barbaadanitti isaan dhaggeeffachuuf qophaaʼoo taʼuu keessan baruu qabu. Bilisa taʼanii dubbachuu akka dandaʼaniif nagaan gidduu keessan akka jiraatu godhaa. (Yaaqoob 3:18) Akka isaanitti dheekkamtan ykn isaanitti murteessuuf akka ariifattan yoo itti dhagaʼame, bilisaan isinii wajjin dubbachuu dhiisuu dandaʼu. Ijoollee keessan obsaan qabaa; akka isaan jaallattanis isaaniif mirkaneessaa.—Maatewos 3:17; 1 Qorontos 8:1.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Yommuu ijoolleen keessan dubbachuu barbaadanitti isaan dhaggeeffadhaa

  • Yeroo rakkinni jiru qofatti utuu hin taʼin, yeroo hundumaa ijoollee keessanii wajjin haasaʼaa

2 MAAL JECHUU AKKA BARBAADAN HUBACHUUF YAALAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Nama barsiisa yaadatti qabatuuf wanti inni godhu wal in qixxaataaf.” (Fakkeenya 16:20) Al tokko tokko, miira ijoollee keessanii sirriitti hubachuuf wanta dubbatanirra darbitanii yaaduu qabdu. Ijoolleen wanta tokko arbeessanii ykn wanta keessasaanii hin jirre dubbatu taʼa. “Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa.” (Fakkeenya 18:13) Daftanii isaanitti hin mufatinaa.—Fakkeenya 19:11.

Haadha wanta intalli ishee dubbatetti aartee dubbachaa jirtu

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Ijoolleen keessan maaliyyuu yoo dubbatan addaan kutuu ykn isaan ceephaʼuurraa of eegaa

  • Yeroo umriisaaniirra turtanitti wanta isinitti dhagaʼamaa tureefi wanta iddoo guddaa kennaafii turtan yaadachuuf yaalaa

3 TOKKUMMAA QABAADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhagaʼi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin.” (Fakkeenya 1:8) Yihowaan abbaafi haati ijoolleesaaniirratti aboo akka qabaatan godheera. Ijoolleen keessan akka isin kabajaniifi akka isiniif abboomaman barsiisuu qabdu. (Efesoon 6:1-3) Ijoolleen warrisaanii waan tokko ‘tokkummaadhaan kan raawwatan’ taʼuufi dhiisuusaanii salphaatti hubachuu dandaʼu. (1 Qorontos 1:10) Kabaja isaan isiniif qaban hirʼisuu waan dandaʼuuf, dhimma tokkorratti yoo walii galuu baattan, yaada irratti walii hin galle isaan duratti hin kaasinaa.

Abbaa dhuunfaatti ilma isaa gorsaa jiru; yeroo kanatti haatii fi obboleessi mucichaa kutaa biraa keessa jiru

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Ijoollee keessaniif leenjiifi sirreeffama akkamii kennuu akka qabdan mariʼadhaatii murteessaa

  • Atiifi hiriyaan gaaʼelaakee akkaataa ijoollee keessan itti leenjistanirratti ilaalcha garaagaraa yoo qabaattan, ilaalcha hiriyaa gaaʼelaakee tilmaama keessa galchuuf yaali

4 KAROORA QABAADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Akka itti jiraachuun taʼu mucaa barsiisi!” (Fakkeenya 22:6) Ijoollee barsiisuurratti milkaaʼinni kan argamu halkan tokkotti miti. Sirreeffama isaaniif kennuu dabalatee ijoollee keessan akkamitti akka leenjistan karoora baafadhaa. (Faarfannaa 127:4; Fakkeenya 29:17) Sirreeffama kennuu jechuun adabuu qofa miti; kanaa mannaa ijoolleen keessan seera tokko kan baastan maaliif akka taʼe akka hubatan gochuu dabalata. (Fakkeenya 28:7) Dubbii Waaqayyoo akka jaallataniifi seera buʼuuraa achirratti argamu akka hubatan isaan barsiisaa. (Faarfannaa 1:2) Akkas gochuun yaada garaa sirrii taʼe qabaachuuf isaan gargaara.—Ibroota 5:14.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Ijoolleen keessan Waaqayyo qaama dhugumaan jiruufi itti amanamuun dandaʼamu akka taʼetti akka isa ilaalan isaan gargaaraa

  • Wantoota amalasaanii mancaasuu dandaʼan, kanneen akka Intarneetiifi Weeb saayitii hawaasaarratti argaman akka hubataniifi akka irraa of eegan gargaaraa. Namoota karaa saalaa miidhaa isaanirraan geessisanirraa of eeguu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes isaan barsiisaa

Mucaa daaʼimummaa isaatii kaasee hanga cuuphamutti warri isaa isa leenjisaa jiran

“Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi”

YIHOWAAN CARRAAQQII ISIN GOOTAN NI EEBBISA

Warra waan taataniif mucaan keessan ilaalcha Yihowaan qabu akka baru isa gargaaruuf itti gaafatamummaa qabdu. (Efesoon 6:4) Yihowaan akkas gochuun hojii cimaa akka gaafatu beeka; taʼus buʼaansaa Waaqayyoof ulfina akka fiduufi isiniifis gammachuu guddaa akka argamsiisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—Fakkeenya 23:24.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Mucaankoo waan hunda akka natti himu gochuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Akkaataa warri kaan ijoolleesaanii itti guddisanirraa barumsa akkamiin argachuu dandaʼa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi