LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 8 ful. 26-28
  • Haalli Gaddisiisaan Yommuu Isin Mudatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haalli Gaddisiisaan Yommuu Isin Mudatu
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 YIHOWAATTI AMANAMAA
  • 2 OFIIFIS TAʼE MAATII KEESSANIIF YAADAA
  • 3 DEGGERSA GAAFADHAA
  • Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Yihowaan Saba Isaa ni Ilaala
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 8 ful. 26-28
Abbaa manaa fi haadha manaa daaʼima isaanii duʼaan dhabanii gaddaa jiran

KUTAA 8

Haalli Gaddisiisaan Yommuu Isin Mudatu

“Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo taʼe iyyuu, baayʼiftanii in gammaddu.”—1 Phexros 1:6

Gaaʼelaafi maatii gammachuu qabu qabaachuuf hammam yoo yaaltaniyyuu, wantonni akka tasaa uumaman gammachuun keessan akka itti hin fufne gochuu dandaʼu. (Lallaba 9:11) Yommuu rakkinni nu mudatu Waaqayyo jaalalaan kakaʼee gargaarsa nuuf godha. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu armaan gadii hojiirra yoo oolchitan, isinis taatan maatiin keessan haala gaddisiisaa isin mudate dandeessanii jiraachuu ni dandeessu.

1 YIHOWAATTI AMANAMAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” (1 Phexros 5:7) Rakkina kan isinitti fidu Waaqayyo akka hin taane yaadadhaa. (Yaaqoob 1:13) Yommuu isatti dhihaattan, rakkina sana keessaa akka baatan isin gargaara. (Isaayaas 41:10) “Wanta garaa keessanitti yaaddan isa duratti dhangalaasaa!”—Faarfannaa 62:8.

Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu yommuu dubbistaniifi yommuu qayyabattanis jajjabina argattu. Kunimmoo, Yihowaan ‘rakkina keenya hundumaa keessatti akkamitti akka nu jajjabeessu’ jireenya keessan keessatti arguuf isin dandeessisa. (2 Qorontos 1:3, 4; Roomaa 15:4) Inni ‘nagaasaa isa hubannaa namaa hundumaa irra caalu’ akka isinii kennu waadaa galeera.—Filiphisiiyus 4:6, 7, 13.

Nama maatii isaa wajjin hospitaala keessatti kadhannaa dhiheessaa jiruu

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Tasgabbiifi ilaalcha sirrii qabaachuu akka dandeessaniif Yihowaa kadhadhaa

  • Filannaa qabdan hunda erga ilaaltanii booda isa gaarii taʼe filadhaa

2 OFIIFIS TAʼE MAATII KEESSANIIF YAADAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Garaan nama hubataa beekumsa in argata, gurri nama ogeessaas beekumsa in barbaada.” (Fakkeenya 18:15) Haala maatii keessanii sirriitti beekaa. Wanta tokkoon tokkoon miseensa maatii keessanii barbaachisu adda baafadhaa. Isaanii wajjin mariʼadhaa, akkasumas isaan dhaggeeffadhaa.—Fakkeenya 20:5.

Miseensa maatii keessanii tokko duʼaan yoo dhabdanoo? Gadda isinitti dhagaʼame ibsuu hin sodaatinaa. ‘Yesusillee imimmaansaa akka dhangalaase’ yaadadhaa. (Yohannis 11:35; Lallaba 3:4) Boqonnaafi hirriba gaʼaa argachuunis barbaachisaadha. (Lallaba 4:6) Akkas gochuun keessan haala gaddisiisaa isin mudate dandaʼuuf isin gargaara.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Rakkinni tokko isin mudachuusaa dura, maatii keessanii wajjin mariʼachuu amaleeffadhaa. Yoo akkas gootan, yommuu rakkinni isin mudatu isinii wajjin mariʼachuun isaaniif salphata

  • Namoota haalli isin keessa jirtan isaan mudatee beeku mariisisaa

3 DEGGERSA GAAFADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Michuun bara hundumaa jaallata; yeroo gidiraatiif obboleessi in dhalata.’ (Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899) Michoonni keessan isin gargaaruu kan barbaadan taʼus, maal gochuu akka qaban beekuu dhiisuu dandaʼu. Wanta isin barbaachisu isaanitti himuurraa duubatti hin jedhinaa. (Fakkeenya 12:25) Akkasumas, namoota waaʼee Macaafa Qulqulluu beekanirraa gargaarsa gaafadhaa. Qajeelfamni isaan Macaafa Qulqulluurraa isiniif kennan isin gargaaruu dandaʼa.—Yaaqoob 5:14.

Namoota Waaqayyoofi abdii inni kennetti amananii wajjin michummaa yoo uumtan gargaarsa isin barbaachisu ni argattu. Namoota jajjabinni isaan barbaachisu yeroo gargaartanitti isinis jajjabaachuu dandeessu. Amantii Yihowaafi abdii inni kennerratti qabdan isaanitti himaa. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaraa; warra isin jaallataniifi isiniif yaadanirraas adda of hin baasinaa.—Fakkeenya 18:1; 1 Qorontos 15:58.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Namni itti dhihaattan tokko akka isin gargaaruuf rakkina keessan itti himaa

  • Wanta isin barbaachisu adda baasaatii dhugaasaa dubbadhaa

WANTA HUNDA CAALAA DURSI KENNAMUUFII QABU

Rakkinni isin mudate abdii yoo isin kutachiisellee Waaqayyorratti xiyyeeffadhaa. Iyoob yommuu qorumsi isarra gaʼetti, “Maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!” jedheera. (Iyoob 1:21, 22) Akkuma Iyoob, rakkina keessanirra maqaa Yihowaafi fedhasaatiif dursa kennaa. Wantoonni tokko tokko akka isin barbaaddan yoo taʼuu baatan abdii hin kutatinaa. Guutummaatti Waaqayyotti amanamaa. Waaqayyo, “Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti” jedheera.—Ermiyaas 29:11.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Wantoota xixinnoorrattillee guutummaatti Yihowaatti nan amanamaa?

  • Gaarummaa Waaqayyo naa godheef guyyaa guyyaatti isa nan galateeffadhaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi