LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 9 ful. 29-31
  • Maatiidhaan Yihowaa Waaqeffadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatiidhaan Yihowaa Waaqeffadhaa
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 HARIIROO YIHOWAA WAJJIN QABDAN CIMSADHAA
  • 2 WAAQEFFANNAA MAATII KEESSANITTI GAMMADAA
  • Qophii Maatiiwwan Gargaaruuf Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Waaqeffannaan Maatii Maalidha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • Waaqeffannaa Maatii—Gammachiisaa Gochuu Ni Dandeessaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • ‘Waaqayyotti Dhihaadhu, Innis Sitti ni Dhihaata’
    Yihowaatti Dhihaadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 9 ful. 29-31
Hiriyoota gaaʼelaa Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachaa jiran

KUTAA 9

Maatiidhaan Yihowaa Waaqeffadhaa

“Waaqayyo goofticha keessan waaqeffadhaa!”—2 Mootota 17:39

Birooshura kanarraa akkuma barattan, Macaafni Qulqulluun seera buʼuuraa maatii keessan gargaaru hedduu qabateera. Yihowaan akka gammaddan barbaada. Waaqeffannaasaatiif dursa yoo kennitan, ‘kan barbaachisu hundinuu akka isiniif kennamu’ waadaa galeera. (Maatewos 6:33) Michuusaa akka taatan barbaada. Kanaaf, hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdan cimsachuuf carraa argattan hundatti fayyadamaa. Kun mirga guddaadha!—Maatewos 22:37, 38.

1 HARIIROO YIHOWAA WAJJIN QABDAN CIMSADHAA

Abbaa manaa fi haadha manaa waliin tajaajilaa jiran

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “‘Ani abbaa isiniif nan taʼa, isinis ilmaan koo intaloota koos in taatu’ jedha gooftaan inni hundumaa dandaʼu.” (2 Qorontos 6:18) Waaqayyo michuusaa akka taatan barbaada. Karaa michuusaa taʼuu itti dandeessan keessaa tokko kadhannaadha. Yihowaan ‘kadhata keessan ittuma fufuudhaan’ akka dhiheessitan isin afeereera. (1 Tasaloniiqee 5:17) Yaada garaa keessaniifi yaaddoo keessan dhagaʼuuf ni hawwa. (Filiphisiiyus 4:6) Maatii keetii wajjin yommuu kadhattu, Waaqayyo hammam akka siif dhugoome hubachuu dandaʼu.

Waaqayyoon kadhachuudhaan alattis, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan qayyabachuudhaan isa dhaggeeffachuu dandeessu. (Faarfannaa 1:1, 2) Wanta barattanirratti xiinxalaa. (Faarfannaa 77:11, 12) Waaqayyoon dhaggeeffachuun yeroo hundumaa walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuus kan gaafatudha.​—Faarfannaa 122:1-4.

Karaan hariiroo Yihowaa wajjin qabdan itti cimsattan kan biraan, waaʼeesaa namoota kaanitti himuudha. Akkas yommuu gootan caalaatti isatti dhihaachaa adeemtu. —Maatewos 28:19, 20.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Kadhachuufi Macaafa Qulqulluu dubbisuuf guyyaa guyyaatti yeroo ramadaa

  • Maatiin keessan bashannanarra sochiiwwan hafuuraatiif dursa akka kennu godhaa

2 WAAQEFFANNAA MAATII KEESSANITTI GAMMADAA

Abbaa manaa qayyabannaa maatiidhaaf qophaaʼaa jiruu fi boodas maatii isaa wajjin qayyabannaa maatii geggeessaa jiru

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata.” (Yaaqoob 4:8) Waaqeffannaa maatiidhaafa sagantaa baafachuufi sagantaa sana hojiirra oolchuun barbaachisaadha. (Uumama 18:19) Haataʼu malee, jireenya keessan keessatti yeroo hundumaa Waaqayyoon yaadachuun keessanis barbaachisaadha. ‘Yeroo mana teessan, karaa irra yeroo adeemtan, yeroo ciiftan, yeroo kaatanis waaʼee Waaqayyoo dubbachuudhaan’ hariiroon maatiin keessan isaa wajjin qabu akka cimu godhaa. (Keessa Deebii 6:6, 7) Akka Iyaasuu isa, “Anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna” jedhee taʼuuf karoorfadhaa.​—Iyaasuu 24:15.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Sagantaa leenjii dhaabbataa taʼeefi fedhii tokkoon tokkoon miseensa maatii keessanii xiyyeeffannaa keessa galchu baafadhaa

Haadha daaʼima isheetiif dubbisaa jirtu; maatii seenaa Macaafa Qulqulluu haala diraamaatiin hojjechaa jiru; Abbaa intalasaa qayyabsiisaa jiru

a Dhugaa Baatonni Yihowaa torban torbaniin maatiidhaan waaqeffachuuf yeroo ramadu. Yeroo kanatti haala gammachiisaa taʼeen wantoota hafuuraarratti mariʼatu.

TAJAAJILTOOTA YIHOWAA GAMMADOO TAʼAN

Wanti Yihowaa waaqeffachuurra wayyu hin jiru. Maatii keessanii wajjin yommuu isa waaqeffattan arguun isa gammachiisa. Akkas yommuu gootan, caalaatti Yihowaa jaallattu, akkasumas caalaatti isa fakkaattu. (Maarqos 12:30; Efesoon 5:1) Gaaʼela keessan gidduu waaqayyo akka jiraatu gochuun, hariiroon hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin qabdan akka cimu godha. (Lallaba 4:12; Isaayaas 48:17) Isinis taatan maatiin keessan, ‘Waaqayyo gooftaan keessan akka isin eebbise’ waan hubattaniif barabaraaf ni gammaddu.—Keessa Deebii 12:7.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Hiriyaa gaaʼelaakoo wajjin taʼuudhaan ergan Waaqayyoon kadhadhee tureeraa?

  • Amantii Yihowaarratti qabnu akka nuu cimsuuf maatiikoo faana maal qayyabachuun dandaʼa?

HUBACHIISA MATAA MAATIITIIF KENNAME

  • Wanti kamiyyuu waaqeffannaa maatii keessan akka addaan kutu hin heyyamin

  • Dursanii qophaaʼuu akka dandaʼaniif, yeroon waaqeffannaa maatii keessanii gaʼuusaa dura wanta irratti mariʼattan maatiikeetti himi

  • Miseensonni maatii keetii hundi jiraachuusaanii mirkaneeffadhu

  • Akkaataan waaqeffannaa keessanii hundumtuu kan itti gammadan haataʼu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi