Faarfannaa 140
Jireenya Qajeelchaa
Ganama bariidhaan, aduun utuu’n baʼin,
Hirriba ‘ddaan kunnee
tajaajila baana kadhannee.
Namoota ni dubbisna fuula ifaadhaan.
Kaan nu dhaggeeffatu,
kaan dhiisanii deemu, ‘tti fufna.
(WALLEE)
Kana filanneerra;
Yihowaaf jiraanna;
Waan nu ajaje ni raawwanna.
Aduudhaan, roobaanis
Hojicha ‘tti fufna.
Karaa kanaan jechuu dandeenya: “Sin jaalla.”
Galgala galgala, yeroo lixxu aduun
Dadhabnus jabaannee,
galata galchina gammachuun.
Qajeelchaa taʼuudhaan waan wayyu kennina.
Galata galchinaaf,
yeroo hunda waan nu eebbisuuf.
(WALLEE)
Kana filanneerra;
Yihowaaf jiraanna;
Waan nu ajaje ni raawwanna.
Aduudhaan, roobaanis
Hojicha ‘tti fufna.
Karaa kanaan jechuu dandeenya: “Sin jaalla.”
(Dabalataan, Iya. 24:15; Far. 92:2; Rom. 14:8 ilaali.)