LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 12 ful. 34-ful. 35 key. 3
  • Yesuus Ni Cuuphame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Ni Cuuphame
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yohannis Yesusiin Cuuphe
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Cuuphamuunkee Hiika Maalii Qaba?
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesuus Kiristoos Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 12 ful. 34-ful. 35 key. 3
Yesuus akka isa cuuphuuf yommuu isa gaafatutti, Yohaannis yommuu didu

BOQONNAA 12

Yesuus Ni Cuuphame

MAATEWOS 3:13-17 MAARQOS 1:9-11 LUQAAS 3:21, 22 YOHAANNIS 1:32-34

  • YESUUS NI CUUPHAME, AKKASUMAS NI DIBAME

  • YIHOWAAN, YESUUS ILMA ISAA TAʼUU ISAA BEEKSISE

Yohaannis Cuuphaan lallabuu eegalee gara jiʼa jaʼaa booda, Yesuus inni umuriin isaa gara waggaa 30 taʼe, Laga Yordaanos biratti gara isaa dhufe. Gara isaa kan dhufe maaliifi? Nagaa isa gaafachuuf yookiin hojiin Yohaannis maali irra akka gaʼe ilaaluuf miti. Kanaa mannaa, kan dhufe akka isa cuuphu Yohaannisiin gaafachuufi dha.

Yeroo kanatti Yohaannis, “Ani harka keetiin cuuphamuu utuun qabuu, ati immoo gara koo dhuftaa?” jedhee isa morme. (Maatewos 3:14) Yohaannis, Yesuus Ilma Waaqayyoo isa adda taʼe taʼuu isaa beeka. Yohaannis yeroo garaa haadha isaa keessa turetti, yommuu Maariyaam ishiin Yesuusiin garaatti baattee jirtu Elsaabex bira deemtetti gammachuudhaan utaalee akka ture yaadadhu. Haati Yohaannis yeroo booda waaʼee kanaa akka isatti himte hin shakkisiisu. Akkasumas, waaʼee wanta maleekaan tokko dhalachuu Yesuus ilaalchisee dubbatee fi waaʼee maleekota halkan Yesuus dhalatetti tiksitootatti mulʼatanii dhagaʼeera taʼa.

Yohaannis, kan inni cuuphu namoota yaada geddaratan akka taʼe hubateera. Yesuus garuu cubbuu irraa bilisa dha. Yohaannis isa mormus Yesuus, “Na hin dhowwin; akka kanaan wanta qajeelaa taʼe hundumaa raawwachuun keenya barbaachisaa dha” isaan jedhe.—Maatewos 3:15.

Yesuus cuuphamuun kan isa barbaachise maaliifi? Yesuus kan cuuphamu cubbuu isaa irraa yaada geddarachuu isaa argisiisuuf miti. Cuuphaan isaa fedhii Abbaa isaa raawwachuuf of dhiheessuu isaa kan argisiisu dha. (Ibroota 10:5-7) Yesuus anaaxii ture; amma garuu tajaajila Abbaan isaa akka inni raawwatuuf gara lafaatti isa erge jalqabuuf jedha. Yohaannis, yeroo Yesuusiin cuuphutti wanti adda taʼe ni uumama jedhee eega jettee yaaddaa?

Yeroo booda Yohaannis akkana jedheera: “Inni ani bishaaniin akkan cuuphu na erge sun garuu, ‘Inni hafuurri gad buʼee yommuu isa irra qubatu argitu sun, inni isa hafuura qulqulluutiin cuuphu sana dha’ naan jedhe.” (Yohaannis 1:33) Yohaannis nama inni cuuphu tokko irra hafuurri Waaqayyoo akka buʼu eegaa ture. Kanaaf, yeroo Yesuus bishaan keessaa baʼetti ‘hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad buʼee utuu isa irra qubatuu’ arguun isaa isa hin ajaaʼibsiisne taʼa.—Maatewos 3:16.

Yesuus yeroo cuuphametti hafuurri qulqulluun yommuu isa irra buʼu

Yeroo Yesuus cuuphametti garuu wanta kana caalutu taʼe. Samiiwwan isaaf banaman. Kun maal jechuu dha? Yeroo cuuphametti, jireenya inni gara lafaa dhufuu isaa dura samii irratti dabarse yaadachuu isaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Kanaaf, yeroo kanatti Yesuus dhugaawwan Yihowaan gara lafaa dhufuu isaa dura samii irratti isa barsiisee fi jireenya isaa isa ilma Yihowaa isa hafuuraa taʼee dabarse yaadate.

Kana malees, yeroo Yesuus cuuphametti sagaleen tokko samii irraa, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” jedhe. (Maatewos 3:17) Sagalichi kan eenyuu ti? Yesuus yeroo kanatti Yohaannis bira waan jiruuf sagalichi kan isaa taʼuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa kan Waaqayyoo ti. Yesuus Ilma Waaqayyoo akka taʼe beekamaa dha. Inni Waaqa isa hundumaa dandaʼu miti.

Yesuus akkuma Addaam ilma Waaqayyoo jedhamuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Luqaas bartichi waaʼee cuuphamuu Yesuus erga gabaasee booda akkana jechuudhaan barreesseera: “Yesuus yommuu hojii isaa jalqabu umuriin isaa gara waggaa 30 ture; namoonnis inni akka waan ilma Yoseef taʼeetti yaadu turan; Yoseef ilma Eelii, . . . ilma Daawit, . . . ilma Abrahaam, . . . ilma Noh, . . . ilma Addaam, Addaam ilma Waaqayyoo.”—Luqaas 3:23-38.

Akkuma Addaam inni nama taʼe “ilma Waaqayyoo” ture, Yesuusis Ilma Waaqayyoo ti. Yesuus yeroo cuuphametti, Waaqayyoo wajjin hariiroo adda taʼe uumuudhaan Ilma Waaqayyoo isa hafuuraa taʼe. Kanaaf Yesuus, yeroo kanatti dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu barsiisuu fi daandii jireenyatti geessu namootatti argisiisuuf gaʼumsa argate. Yesuus daandii yeroo booda ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif jireenya isaa aarsaa godhee akka dhiheessu isa taasisu irra adeemuu jalqabe jechuu dha.

  • Yesuus Yohaannisitti keessummaa kan hin taane maaliifi?

  • Yesuus cubbuu hin hojjenne erga taʼee Yohaannis kan isa cuuphe maaliifi?

  • Hafuurri Waaqayyoo Yesuus irra buʼuun isaa Yohaannisiin hin ajaaʼibsiisne taʼa kan jennu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi