LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 13 ful. 36-ful. 37 key. 6
  • Akkaataa Yesuus Qorumsa Itti Moʼe Irraa Baradhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Yesuus Qorumsa Itti Moʼe Irraa Baradhu
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qorumsa Nurra Gaʼu Moʼuu Qabna
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Akkuma Yesus ‘Seexana Mormaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • “Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 13 ful. 36-ful. 37 key. 6
Yesuus afeerraa Diyaabilos fudhachuu yommuu didu

BOQONNAA 13

Akkaataa Yesuus Qorumsa Itti Moʼe Irraa Baradhu

MAATEWOS 4:1-11 MAARQOS 1:12, 13 LUQAAS 4:1-13

  • SEEXANNI YESUUSIIN QORE

Yesuus Yohaannisiin cuuphamee utuu baayʼee hin turin, hafuurri qulqulluun gara lafa onaa Yihudaatti isa geesse. Wantoota hedduu irratti xiinxaluu qaba ture. Yeroo Yesuus cuuphametti, ‘samiiwwan banamanii’ turan. (Maatewos 3:16) Kanaaf, wantoota yeroo samii irra turetti baratee fi raawwate yaadachuu ni dandaʼa. Dhuguma iyyuu, wantoota irratti xiinxalu hedduu qaba!

Yesuus guyyaa 40 fi halkan 40 lafa onaa keessa ture. Yeroo kanatti waan tokko illee hin nyaanne. Achiis, yeroo Yesuus baayʼee beelaʼee jiru kanatti Seexanni isa qoruudhaaf isatti dhihaatee, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” jedheen. (Maatewos 4:3) Yesuus humna dinqii hojjechuuf qabutti fayyadamee fedhii dhuunfaa isaa guuttachuun sirrii akka hin taane waan beekuuf qorumsa Seexanaatiin hin moʼamne.

Diyaabilos abdii hin kutanne. Kanaa mannaa mala kan biraatti fayyadame. Fiixee mana qulqullummaa irraa akka gad of darbatu Yesuusiin gaafate. Haa taʼu malee, Yesuus wanta ajaaʼibsiisaa taʼe kana raawwachuudhaan of argisiisuuf hin qoramne. Kitaabota Qulqulluu irraa caqasuudhaan haala akkasiitiin Waaqayyoon qoruun sirrii akka hin taane argisiise.

Achiis, Diyaabilos qorumsa isaa isa sadaffaa irratti karaa taʼe tokkoon “mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii” Yesuusitti argisiisee, “Siʼa tokko qofa kuftee yoo na waaqeffatte wantoota kana hunda siif nan kenna” jedheen. Ammas Yesuus, “Seexana nana na duraa deemi!” jechuudhaan cimsee isa morme. (Maatewos 4:8-10) Waaqeffannaa qulqulluun dhihaachuu kan qabu Yihowaa qofaaf akka taʼe waan beekuuf, qorumsa wanta sirrii hin taane akka raawwatuuf isa irra gaʼeef harka hin kennine. Eeyyee, hamma dhumaatti Waaqayyoof amanamaa taʼee jiraachuu filate.

Qorumsawwan kanaa fi akkaataa Yesuus qorumsawwan kana itti moʼe irraa barumsa argachuu dandeenya. Qorumsi Yesuus irra gaʼe dhugaa dha; kun immoo akka namoonni tokko tokko jedhan Seexanni amala hammeenyaa utuu hin taʼin, qaama dhugumaan jiruu fi ijaan hin mulʼanne akka taʼe kan mirkaneessu dha. Akkasumas, seenaan kun mootummoonni addunyaa qabeenyaa Seexanaa akka taʼanii fi akka inni isaan toʼatu kan argisiisu dha. Utuu akkas miti taʼee, Seexanni afeerraa kana Yesuusiif dhiheessuun isaa qorumsa taʼuu dandaʼaa?

Kana malees, Seexanni Yesuus yoo isa waaqeffate, Mootummoota addunyaa hundumaa illee isaaf kennuudhaan isa badhaasuuf fedhii akka qabu dubbateera. Haaluma wal fakkaatuun, Diyaabilos carraawwan nama hawwisiisuu dandaʼan, kanneen akka qabeenya, aangoo ykn iddoo guddaa argachuu nuuf dhiheessuudhaan nu qoruu dandaʼa. Qorumsi akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe fakkeenya Yesuus hordofuudhaan hamma dhumaatti Waaqayyoof amanamoo taʼuun keenya ogummaa guddaa dha! Haa taʼu malee, Seexanni Yesuusiin dhiisee kan deeme “hanga yeroo mijaaʼaa kan biraa argatutti” akka taʼe hin dagatinaa. (Luqaas 4:13) Nuu wajjin haala wal qabateenis akkasuma gochuu waan dandaʼuuf dammaqoo taʼuu qabna.

  • Yesuus guyyaa 40 lafa onaa keessa turetti wantoota akkamii irratti xiinxalee taʼuu dandaʼa?

  • Seexanni Yesuusiin qoruuf kan yaale karaawwan kamiini?

  • Qorumsawwan Yesuus irra gaʼanii fi akkaataa Yesuus qorumsawwan kana keessa itti darbe irraa barumsa akkamii arganna?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi