LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 19 ful. 48-ful. 51 key. 4
  • Dubartii Samaariyaa Tokko Barsiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dubartii Samaariyaa Tokko Barsiise
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • NAMOONNI SAMAARIYAA HEDDUUN NI AMANAN
  • Dubartii Tokkoo Wajjin Boolla Bishaanii Biratti
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • “Kanaafan Ergame”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Akka Nama Samaariyaa Sanaa Gaarii Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 19 ful. 48-ful. 51 key. 4
Yesuus boolla bishaanii biratti dubartii Samaariyaa sanatti yommuu dubbatu

BOQONNAA 19

Dubartii Samaariyaa Tokko Barsiise

YOHAANNIS 4:3-43

  • YESUUS DUBARTII SAMAARIYAA TOKKOO FI NAMOOTA KAAN BARSIISE

  • WAAQEFFANNAA WAAQAYYO BIRATTI FUDHATAMA QABU

Yesuusii fi barattoonni isaa kallattii kaabaatiin Yihudaadhaa gara Galiilaa yommuu deeman biyya Samaariyaa gaʼan. Karaa dheeraa waan deemaniif dadhabaniiru. Gara saafaatti, boolla bishaanii jaarraa hedduu dura tarii Yaaqoob qote ykn qarshiidhaan qochisiise bira boqochuuf naannoo magaalaa Siikaar dhaabatan. Yeroo harʼaatti boolli bishaanii akkasii naannoo magaalaa Naabluusitti ni argama.

Yesuus boolla bishaanichaa bira kan boqote siʼa taʼu, barattoonni isaa garuu nyaata bituuf gara magaalaa isaanitti dhihoo jirtuu deeman. Achiis dubartiin Samaariyaa tokko bishaan waraabuu dhufte. Yesuusis, “Bishaan ani dhugu naa kenni” jedheen.—Yohaannis 4:7.

Yesuus boolla bishaanii bira boqochaa jira, barattoonni isaa yommuu deeman, dubartiin Samaariyaa sun bishaan waraabu yommuu dhuftu

Yihudootaa fi namoota Samaariyaa gidduu yeroo dheeraadhaaf jibbi waan tureef walitti dhufeenya hin qaban. Kanaaf dubartittiin ajaaʼibsiifachuudhaan, “Ati Yihudii taatee utuu jirtuu, akkamitti ana dubartii Samaariyaatiin bishaan ani dhugu naa kenni jetta?” jettee isa gaafatte. Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqayyoo fi inni ‘Bishaan ani dhugu naa kenni’ siin jedhu eenyu akka taʼe utuu beektee, silaa ati iyyuu isa kadhatta turte; innis bishaan jireenya kennu siif kenna ture” jedheen. Ishiinis akkana jetteen: “Gooftaa, ati wanta ittiin bishaan waraabbattu illee hin qabdu; boollichi immoo gad fagoo dha. Maarree bishaan jireenya kennu kana eessaa argatta? Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla kana nuu kenne, isa ilmaan isaa fi loon isaa wajjin boolla kana keessaa dhuge irra ni caaltaa?”—Yohaannis 4:9-12.

Achiis Yesuus akkana jedheen: “Bishaan kana irraa kan dhugu hundi deebiʼee ni dheebota. Bishaan ani isaaf kennu irraa kan dhugu hundi garuu matumaa hin dheebotu; kanaa mannaa bishaan ani isaaf kennu sun isa keessatti burqaa bishaanii jireenya bara baraa isaaf kennuuf burqu taʼa.” (Yohaannis 4:13, 14) Eeyyee, Yesuus baayʼee kan dadhabe taʼus, dubbii jireenya kennu dubartii Samaariyaa sanatti himuuf fedhii qaba.

Achiis dubartittiin, “Gooftaa ko, ani akka hin dheebonnee fi bishaan waraabuuf bakka kanatti akkan hin deddeebine, bishaan kana naa kenni” jetteen. Yesuus yeroo kanatti, “Dhaqi, abbaa manaa kee waamii deebiʼii kottu” jedheen. Kan akkana jedheen dhimma irratti mariʼatan jijjiiruu waan barbaadeef taʼuu hin oolu. Ishiinis deebistee, “Abbaa manaa hin qabu” isaan jette. Haa taʼu malee Yesuus, “‘Abbaa manaa hin qabu’ jechuun kee sirrii dha. Sababiin isaas, ati abbaa manaa shan qabda turte; namichi amma sii wajjin jiru immoo abbaa manaa kee miti. Kanaaf, wanti ati dubbatte dhugaa dha” jechuudhaan yeroo ishiitti himetti wanta kana beekuun isaa ishii naasisee taʼuu qaba.—Yohaannis 4:15-18.

Wanti inni ishiidhaan jedhe sirriitti waan ishiidhaaf galeef dinqisiifannaadhaan, “Yaa gooftaa, ati raajii taʼuu kee hubadheera” jetteen. Achiis wantoota hafuuraatiif fedhii akka qabdu argisiiste. Akkamitti? Itti fufuudhaan akkana jette: “Abbootiin keenya [namoonni Samaariyaa] gaara kana [Gaara Geriiziim isa naannichatti dhihoo jiru] irratti waaqeffachaa turan; isin [Yihudoonni] garuu bakki namoonni itti waaqeffachuu qaban Yerusaalemi jettu.”—Yohaannis 4:19, 20.

Haa taʼu malee Yesuus, iddoon itti waaqeffatan murteessaa akka hin taane ibse. “Saʼaatiin isin gaara kana irrattis taʼe Yerusaalemitti Abbaa itti hin waaqeffanne ni dhufa” jedhe. Achiis, “Saʼaatiin waaqeffattoonni dhugaan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa itti waaqeffatan ni dhufa, saʼaatiin sunis amma dha; sababiin isaas Abbaan namoonni akkanaa akka isa waaqeffatan barbaada” jedheen.—Yohaannis 4:21, 23, 24.

Wanti Abbaan waaqeffatoota dhugaa irraa barbaadu bakka isaan itti waaqeffatan utuu hin taʼin akkaataa isaan itti waaqeffatani dha. Dubartittiin baayʼee dinqisiifamte. Achiis, “Masiihiin inni Kiristoos jedhamu akka dhufu beeka. Inni yeroo dhufu wanta hundumaa ifatti nutti hima” jette.—Yohaannis 4:25.

Yesuusis dhugaa barbaachisaa taʼe ishiitti hime: “Ani, inni sitti dubbachaa jiru kun isuma” jedheen. (Yohaannis 4:26) Mee yaadi! Dubartiin kun guyyaa saafaa bishaan waraabbachuu dhufte. Yesuus garuu haala gaariidhaan ishii qabeera. Wanta hanga ammaatti ifatti namoota kaanitti hin himne, jechuunis Masiihii taʼuu isaa ishiitti hime.

NAMOONNI SAMAARIYAA HEDDUUN NI AMANAN

Barattoonni Yesuus nyaata fidanii Siikaarii deebiʼan. Bakkuma isa dhiisanii deeman, jechuunis boolla bishaanii Yaaqoob biratti isa argan; yeroo kanatti garuu dubartii Samaariyaa tokkoo wajjin dubbachaa ture. Akkuma barattoonni isaa achi gaʼaniin qodaa bishaan itti waraabbattu achumatti dhiistee gara magaalaa deemte.

Barattoonni Yesuus deebiʼanii yommuu dhufanii fi dubartiin Samaariyaa sun yommuu achii deemtu

Akkuma magaalaa Siikaar geesseen wanta Yesuus itti hime namootatti himte. Amanannaadhaan, “Kottaa, nama wanta ani hojjedhe hunda natti hime ilaalaa” isaaniin jette. Achiis tarii fedhii isaanii kakaasuuf, “Namni kun, Kiristoos taʼinnaa laata?” jettee gaafatte. (Yohaannis 4:29) Gaaffiin kun yaada baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis yaada bara Museetii kaasee namoonni xiyyeeffannaa kennaafii turani dha. (Keessa Deebii 18:18) Gaaffii kana kaasuun ishii namoonni magaalattii Yesuusiin ilaaluuf akka dhufan godhe.

Yesuus boolla bishaanii biratti dubartii Samaariyaa sanatti yommuu dubbatu

Barattoonni Yesuus, nyaata isaan fidanii dhufan akka nyaatuuf isa gaafatan. Inni garuu, “Ani nyaatan nyaadhu qaba; isin garuu waaʼee isaa hin beektan” isaaniin jedhe. Barattoonni isaas bitaa isaanitti taʼee, “Namni nyaata isaaf fide jiraa laata?” waliin jedhan. Yesuus jechoota duuka buutota isaa hundaaf ergaa guddaa qabanitti fayyadamee gaarummaadhaan, “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa hojjechuu, hojii inni anaaf kennes guutummaatti raawwachuu dha” jechuudhaan hiika isaa ibse.—Yohaannis 4:32-34.

Yesuus kan dubbachaa jiru waaʼee hojii midhaan haamuu isa jiʼoota afur booda hojjetamuu miti. Kanaa mannaa Yesuus itti fufee, “Ija keessan ol kaasaa maasicha ilaalaa; midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera. Ammuma iyyuu inni facaasuu fi inni haamu akka waliin gammadaniif, inni haamu miindaa isaa argachaa jira; jireenya bara baraatiifis firii walitti qabaa jira” waan isaaniin jedheef kan inni dubbachaa ture waaʼee haamaa hafuuraa ti.—Yohaannis 4:35, 36.

Yeroo kanatti Yesuus dubartii Samaariyaa sanaa wajjin dubbachuun isaa buʼaa akkamii akka argamsiise hubachuu hin oolu. Dubartittiin, “Inni wanta ani hojjedhe hunda natti himeera” jettee dubbachaa waan jirtuuf, namoonni Siikaar hedduun wanta ishiin isaanitti himte kana irratti hundaaʼanii isatti amanaa jiru. (Yohaannis 4:39) Kanaaf, Siikaarii gara boolla bishaanichaa dhufanii Yesuus isaan bira turee wanta dabalataa akka isaanitti himu isa gaafatan. Yesuusis afeerraa isaanii fudhatee Samaariyaa keessa guyyaa lamaaf ture.

Namoonni Samaariyaa barumsa Yesuus yeroo dhagaʼanitti baayʼeen isaanii isatti amanan. Dubartittiidhaan, “Kana booda waan ati dubbatteef qofa amanna miti; nuti ofii keenyaa dhageenyeerra; namni kun dhuguma fayyisaa addunyaa taʼuu isaas beekneerra” jedhan. (Yohaannis 4:42) Nutis waaʼee Kiristoos yommuu lallabnutti namoonni nu dhaggeeffatan odeeffannoo dabalataa akka argatan gochuuf fedhii isaanii kakaasuu akka qabnu dubartii Samaariyaa kana irraa ni baranna.

Yeroon isaa yeroo haamaa, tarii immoo yeroo garbuun itti haamamu gaʼuu isaa jiʼa afur dura akka taʼe yaadadhu. Naannoo kanatti garbuun kan haamamu waqtii arfaasaatti dha. Kanaaf yeroo kanatti jiʼi isaa Sadaasa ykn Muddee taʼa. Kana jechuun, Yesuusii fi barattoonni isaa Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30⁠tti kabajame erga ayyaaneffatanii booda, Yihudaa keessatti barsiisaa fi cuuphaa jiʼa saddeet ykn isaa ol turaniiru jechuu dha. Amma kallattii kaabaatiin gara Galiilaa ishii bakka jireenyaa isaanii taate deemaa jiru. Achitti maaltu isaan mudata laata?

NAMOONNI SAMAARIYAA EENYU?

Naannoon Samaariyaa karaa kibbaatiin Yihudaa, karaa kaabaatiin immoo Galiilaadhaan daangeffamti. Solomoon Mootichi erga duʼee booda, gosoonni Israaʼel warri kaabaa kurnan gosa Yihudaa fi Beniyaamin irraa adda baʼan.

Uummanni gosoota kurnanii waaqeffannaa jibichaa irratti hirmaachuu jalqaban. Kanaaf, Dh.K.D. bara 740 tti Yihowaan warri Asor Samaariyaa akka weeraran heyyame. Weerartoonni kun uummata Samaariyaa hedduu iddoo biraatti geessanii, namoota Bulchiinsa Asor keessa jiran kan biraatiin bakka buusan. Namoonni waaqayyolii biraa waaqeffatan kun Israaʼeloota biyyattiitti hafanii wajjin gaaʼela godhatan. Yeroo booda namoonni naannoo kana jiraatan dhaqna qabaa dabalatee, sirnawwan waaqeffannaa Seera Waaqayyoo keessa jiran tokko tokko waaqeffannaa isaaniitti dabalan. Haa taʼu malee, waaqeffannaan isaanii waaqeffannaa dhugaa jedhamuu hin dandaʼu.—2 Mootota 17:9-33; Isaayaas 9:9.

Bara Yesuusitti, namoonni Samaariyaa kitaabota Museetti kan amanan taʼus, mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessatti hin waaqeffatan turan. Waggoota hedduudhaaf mana qulqullummaa Gaara Geriiziim irratti ijaaramee fi Siikaaritti dhihoo taʼetti fayyadamaa turan. Erga manni qulqullummaa kun balleeffamee booda illee gaara kana irratti waaqeffachuu isaanii itti fufanii turan. Bara tajaajila Yesuusitti diinummaan namoota Samaariyaa fi Yihudoota gidduu jiru ifatti mulʼata ture.—Yohaannis 8:48.

  • Dubartiin Samaariyaa Yesuus ishiitti dubbachuu isaatti kan dinqisiifamte maaliifi?

  • Yesuus bishaan jireenya kennuu fi iddoo itti Waaqayyo waaqeffatamuu qabu ilaalchisee dubartittii maal barsiise?

  • Yesuus eenyummaa isaa dubartii Samaariyaa tokkotti kan beeksise akkamitti? Kan inni jajjabeessu waaqeffannaa akkamii ti?

  • Dubartiin Samaariyaa sun Yesuusiin ilaalchisee xumura akkamii irra geesse? Achii hoo maal goote?

  • Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30 tti kabajame booda Yesuusii fi barattoonni isaa maal gochaa turan?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi