LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 21 ful. 56-ful. 57 key. 6
  • Mana Sagadaa Naazireetitti Argamutti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mana Sagadaa Naazireetitti Argamutti
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dinqiiwwan Hojjetus, Naazireetitti Illee Fudhatama Hin Arganne
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mana Sagadaa Bakka Yesusiifi Bartoonnisaa Itti Lallaban
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Yesuus Qifirnaahom Keessatti Dinqiiwwan Guguddaa Hojjete
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 21 ful. 56-ful. 57 key. 6
Yesuus mana sagadaa keessatti maraa kitaaba Isaayaas irraa yommuu dubbisu

BOQONNAA 21

Mana Sagadaa Naazireetitti Argamutti

LUQAAS 4:16-31

  • YESUUS MARAA KITAABA ISAAYAAS IRRAA DUBBISE

  • NAMOONNI NAAZIREET YESUUSIIN AJJEESUUF YAALAN

Magaalaan Naazireet dinqisiifannaadhaan akka guutamte hin shakkisiisu. Yesuus gara waggaa tokkoo dura Yohaannisiin cuphamuuf deemuu isaa dura bakka kanatti anaaxii ture. Amma garuu nama hojii dinqisiisaa hojjetu akka taʼetti beekama. Namoonni naannoo kana jiraatan dinqiiwwan isaa keessaa tokko tokko isaan biratti yommuu hojjetu arguuf hawwaniiru.

Yeroo inni akkuma amala isaa mana sagadaa deemetti hawwiin isaanii ni dabale. Sagantaan bakka sanatti raawwatamu, akkuma “sanbata sanbata mana sagadaa keessatti” taasifamu, kadhannaa fi kitaabota Musee irraa dubbisuu dabalata. (Hojii Ergamootaa 15:21) Kitaabota raajii keessaas kutaan muraasni ni dubbifama. Yesuus dubbisuudhaaf yommuu dhaabatetti, namoota mana sagadaa kana yeroo dhufaa turetti beeku hedduu arguu hin oolu. Maraan kitaaba Isaayaas ni kennameef. Innis iddoo waaʼee isa hafuura Yihowaatiin dibamee dubbatu kan baase siʼa taʼu, caqasni kun yeroo harʼaa Isaayaas 61:1, 2 irratti argama.

Yesuus, inni waaʼeen isaa dursee dubbatame kun warri boojiʼaman birmaduu akka baʼan, warri jaaman qaroon isaanii akka isaaniif deebiʼuu fi waggaa Yihowaa biratti fudhatama qabu sana kan labsu akkamitti akka taʼe dubbise. Yesuus kitaabicha deebisee tajaajilaa tokkotti kennee taaʼe. Hundi isaanii xiyyeeffannaadhaan gara isaa ilaalaa jiru. Innis xinnoo turee kan dubbate siʼa taʼu, wanti inni dubbate yaada baayʼee barbaachisaa taʼee fi “Dubbiin Kitaaba Qulqulluu amma dhageessan kun harʼa ni raawwatame” jedhu kan dabalatu dha.—Luqaas 4:21.

Namoonni sunis, “jechoota gaggaarii afaan isaa keessaa baʼan” kan dinqisiifatan siʼa taʼu, “Kun ilma Yoseef mitii?” waliin jedhan. Haa taʼu malee, Yesuus dinqiiwwan akka inni hojjete dhagaʼan ammas akka hojjetu akka barbaadan waan hubateef itti fufee, “Akka isin, ‘Yaa abbaa qorichaa of fayyisi; wanta Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ jettanii natti mammaaktan hin shakkisiisu” isaaniin jedhe. (Luqaas 4:22, 23) Namoonni duraan ollaa Yesuus turan faayidaa uummata isaatiif jecha fayyisuu jalqabuu kan qabu bakka jireenyaa isaatii akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu hin oolu. Kanaaf, Yesuus akka isaan tuffate yaadu taʼa.

Yesuus yaada isaanii waan hubateef wantoota seenaa saba Israaʼel keessatti raawwataman tokko tokko caqase. Bara Eliyaasitti dubartoonni abbaan manaa irraa duʼe hedduun Israaʼel keessa kan turan taʼus, Eliyaas tokkoon isaaniitti iyyuu akka hin ergamne dubbate. Kanaa mannaa gara dubartii abbaan manaa irraa duʼee, mandara Saraaphtaa ishii naannoo Sidoonitti argamtu keessa jiraattuu fi lammii Israaʼel hin taanee deeme. Eliyaas bakka kanatti dinqii lubbuu baraaru hojjeteera. (1 Mootota 17:8-16) Akkasumas, bara Elsaaʼitti namoonni lamxiidhaan qabaman hedduun Israaʼel keessa kan turan taʼus, Elsaaʼi kan fayyise nama biyya Sooriyaa Naʼamaan jedhamu qofa ture.—2 Mootota 5:1, 8-14.

Namoonni mana sagadichaa keessa turan Yesuusiin gara fiixee gaaraatti yommuu geessan

Namoonni bakka jireenyaa Yesuusii dhufan kun seenaa ofittoo fi amantii kan hin qabne taʼuu isaanii saaxiluu fi haala isaanii wajjin akka hin deemne yaadan kana yeroo dhagaʼanitti maal godhan? Waan aaraniif Yesuusiin qabanii magaalicha keessaa gad baasan. Fiixee gaara magaalaan Naazireet itti ijaaramtee irratti ol isa baasuudhaan achi irraa gad isa darbachuuf yaalan. Yesuus garuu isaan jalaa miliqee utuu balaan isa irra hin gaʼin achii deeme. Amma gara Qifirnaahom ishii kaaba dhiha Galaana Galiilaatti argamtuu deemaa jira.

  • Namoonni magaalaa Naazireet ishii bakka jireenyaa Yesuus taate keessa jiraatan kan dinqisiifaman maaliifi?

  • Namoonni wanta Yesuus dubbateef deebii akkamii kennan? Haa taʼu malee wanti isaan aarse maali dha?

  • Namoonni Naazireet Yesuusiin maal gochuuf yaalan?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi