LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 28 ful. 70-ful. 71 key. 6
  • Barattoonni Yesuus Kan Hin Soomne Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barattoonni Yesuus Kan Hin Soomne Maaliifi?
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun Soomii Ilaalchisee Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 28 ful. 70-ful. 71 key. 6
Barattoonni Yohaannis Cuuphaa waaʼee soomii Yesuusiin yommuu gaafatan

BOQONNAA 28

Barattoonni Yesuus Kan Hin Soomne Maaliifi?

MAATEWOS 9:14-17 MAARQOS 2:18-22 LUQAAS 5:33-39

  • BARATTOONNI YOHAANNIS WAAʼEE SOOMII YESUUSIIN GAAFATAN

Yesuus Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30 tti kabajame irratti erga argamee yeroo muraasa boodaa kaasee Yohaannis Cuuphaan mana hidhaa jira. Yohaannis barattoonni isaa duuka buutota Yesuus akka taʼan barbaadus, jiʼoota inni itti hidhamee jirutti akkas kan godhan hunda isaanii miti.

Amma, Ayyaanni Faasikaa Dh.K.B. bara 31 tti kabajamu dhihaachaa yeroo jirutti, barattoota Yohaannis keessaa muraasni isaanii gara Yesuus dhufanii akkana isaan jedhan: “Nutii fi Fariisonni yeroo hunda kan soomnu, barattoonni kee garuu kan hin soomne maaliifi?” (Maatewos 9:14) Fariisonni kan sooman, soomiin duudhaa amantii akka taʼe waan amananiifi dha. Yesuus yeroo booda fakkeenya Fariisii akka qajeelaatti of ilaaluudhaan akkana jedhee kadhatuu dubbate: “Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii . . . waan hin taaneef sin galateeffadha. Torbanitti siʼa lama nan sooma.” (Luqaas 18:11, 12) Barattoonni Yohaannisis kan sooman aadaa kana hordofuuf, yookiin Yohaannis hidhamuu isaatti gadda isaanitti dhagaʼame ibsuuf taʼuu dandaʼa. Barattoonni Yesuusis wanta Yohaannis irra gaʼe kanaaf gadda isaanii ibsuuf kan hin soomne maaliif akka taʼe barattoota Yohaannisitti gaaffii uumee taʼuu dandaʼa.

Yesuus fakkeenyatti fayyadamuudhaan akkana jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi isaanii wajjin jiruu sababii itti gaddaniif qabuu? Garuu yeroon misirrichi isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa; yeroo sana ni soomu.”—Maatewos 9:15.

Yohaannis iyyuu Yesuusiin akka dhirsa misirrootti ibseera. (Yohaannis 3:28, 29) Kanaaf, barattoonni Yesuus, utuu Yesuus isaan duukaa jiruu hin sooman. Yeroo Yesuus duʼutti garuu, barattoonni isaa ni gaddu, fedhii nyaataas hin qabaatan. Taʼus, yeroo inni duʼaa kaʼutti haalli isaa ni jijjiirama! Sana booda sababa gaddaan itti sooman hin qaban.

Achiis, Yesuus fakkeenya lama isaanitti hime. Akkana jedhe: “Eenyu illee uffata moofaa irratti erbee haaraa hin miicamne hin erbu; sababiin isaas, erbeen haaraan sun shushuntuuree uffata sana caalaatti tarsaasa. Yookiin namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Akkana yoo godhan garuu, qalqallichi dhoʼee daadhichi ni dhangalaʼa; qalqalli sunis sana booda faayidaa kan hin qabne taʼa. Kanaa mannaa, namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo haaraatti naqu.” (Maatewos 9:16, 17) Yesuus maal jechuu barbaadee akkana jedhe?

Yesuus, eenyu illee duuka buutonni isaa aadaa boodatti hafaa amantii Yihudootaa akka hordofan, fakkeenyaaf akka sooman isaan irraa eeguu akka hin qabne barattoonni Yohaannis akka hubatan gargaaraa jira. Yesuus kan dhufe akkaataa waaqeffannaa yeroon itti darbee fi baduu jala gaʼe deebisee suphuuf ykn akka itti fufu taasisuuf miti. Waaqeffannaan Yesuus jajjabeessaa jiru waaqeffannaa amantii Yihudootaa isa aadaa namootaa of keessaa qabuu wajjin tokko miti. Erbee haaraa uffata moofaa irratti suphuuf ykn wayinii haaraa qalqala moofaa goggogetti naquuf yaalaa hin jiru.

FAKKEENYOTA WAAʼEE SOOMII DUBBATAN

Qalqalloo

Yesuus fakkeenya namoonni isa dhaggeeffatan salphaatti hubachuu dandaʼan, jechuunis waaʼee erbee erbuu dubbate. Namni tokko erbee haaraa hin shushuntuurre uffata dulloome irratti yoo erbe maaltu taʼa? Uffanni sun yeroo miicamu, erbeen inni haaraan shushuntuuree uffata isa moofaa irraa harkifachuudhaan, uffaticha tarsaasa.

Haaluma wal fakkaatuun, wayiniin qalqalloo gogaa horii irraa tolchametti naqamee ni kaaʼama ture. Yeroo turu, qalqallichi goggogee diriiruu dida. Wayinii haaraa qalqala akkasii keessa kaaʼuun balaa qaba. Wayiniin haaraan danfuu isaa waan itti fufuuf, dhiibbaa uuma. Kun immoo qalqala dulloomee fi goggoge sana dhoosuu dandaʼa.

  • Bara Yesuusitti eenyufaatu sooma ture? Maaliif?

  • Barattoonni Yesuus utuu inni isaanii wajjin jiruu kan hin soomne maaliifi? Yeroo booda garuu wanti akka sooman sababa taʼuu dandaʼu maali dha?

  • Fakkeenyonni Yesuus erbee haaraa fi wayinii haaraa ilaalchisee dubbate hiikni isaanii maali dha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi