BOQONNAA 29
Namni Tokko Guyyaa Sanbataatti Hojii Gaarii Hojjechuu Ni Dandaʼaa?
YESUUS YIHUDAA KEESSATTI LALLABE
BISHAAN KUUFAMAA TOKKO BIRATTI DHUKKUBSATAA TOKKO FAYYISE
Yesuus tajaajila Galiilaatti raawwatetti wantoota baayʼee hojjeteera. Taʼus, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba” yommuu jedhu, Galiilaa malee magaalota kaanis sammuutti qabatee ti. Kanaaf, “manneen sagadaa Yihudaa keessatti lallabuu” deeme. (Luqaas 4:43, 44) Yeroon isaa waqtii arfaasaa waan taʼeef ayyaanni Yerusaalemitti kabajamu dhihaateera; kanaaf, Yesuus achi deemuun isaa sirrii dha.
Tajaajila Yesuus Galiilaatti raawwatee fi isa inni Yihudaatti raawwate ilaalchisee wanta barreeffame yommuu wal bira qabnee ilaallu, isa inni Yihudaatti raawwate ilaalchisee wanti Wangeelota keessatti barreeffame xinnoo dha. Namoonni Yihudaa baayʼinaan dantaa kan hin qabne taʼanis, Yesuus iddoo dhaqu hundumaatti lallabuu fi hojii gaarii hojjechuu irraa duubatti hin jenne.
Yesuus Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 31 tti kabajamu irratti argamuuf gara Yerusaalem ishii magaalaa guddoo Yihudaa taatee deemaa jira. Naannoo Karra Hoolaa jedhamuu fi namni itti baayʼatu bira bishaan kuufamaa guddaa gardaafoo qabuu fi Beetazaataa jedhamu tokko jira. Namoonni dhukkubsatan, namoonni qaroo dhabeeyyii taʼanii fi warri naafatan gara bishaan kuufamaa kanaa ni dhufu. Maaliif? Yeroo bishaanichi raafamu namoonni yoo keessa seenan ni fayyu jedhamee waan amanamuufi dha.
Amma guyyaan isaa Sanbata siʼa taʼu, Yesuus nama waggaa 38f dhukkubsachaa ture bishaan kana biratti arge. Achiis, “Fayyuu ni barbaaddaa?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Yaa Gooftaa, yommuu bishaanichi raafamu nama na gargaaree bishaan kuufamaa kana keessa na buusu hin qabu; garuu utuu ani seenuuf deemaa jiruu namni kan biraan ana dursee itti seena” jedhee deebiseef.—Yohaannis 5:6, 7.
Yesuusis, “Kaʼi! Afata kee baadhuutii deemi!” jechuudhaan wanta namichaa fi namoota dhagaʼan ajaaʼibsiisu dubbate. (Yohaannis 5:8) Namichis akkuma jedhame godhe. Battaluma sanatti fayyee afata isaa baatee deemuu jalqabe!
Yihudoonni dinqii hojjetame kanatti gammaduu mannaa, namicha sanaan, “Harʼa Sanbata dha; afata kee akka baattu seerri siif hin heyyamu” jechuudhaan gochi isaa sirrii akka hin taane dubbatan. Namichis, “Namicha na fayyisetu ‘Afata kee baadhuu deemi’ naan jedhe” isaaniin jedhe. (Yohaannis 5:10, 11) Yihudoonni kun nama guyyaa Sanbataatti fayyisaa jiru morman.
Eenyummaa isaa baruu waan barbaadaniif, “Namichi ‘Afata kee baadhuu deemi’ siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Akkana jedhanii kan gaafatan maaliifi? Yesuus “namoota hedduu achi turan gidduu waan seenee” fi namichi fayye sun immoo maqaa Yesuus waan hin beekneefi dha. (Yohaannis 5:12, 13) Taʼus, namichi kun Yesuusii wajjin wal arguun isaa hin oolu. Yeroo booda namichi kun mana sagadaa keessatti Yesuusiin arge; bishaan kuufamaa sana biratti kan isa fayyise isa taʼuu isaas ni beeke.
Namichi fayye Yihudoota waaʼee fayyuu isaa isa gaafatanii turan argee, kan isa fayyise Yesuus akka taʼe isaanitti hime. Isaanis akkuma kana dhagaʼaniin Yesuus bira deeman. Kan isaan deeman Yesuus dinqii akkasii hojjechuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe baruufii? Lakki. Kanaa mannaa, guyyaa Sanbataatti wanta gaarii hojjechuun isaa dogoggora akka taʼe isatti himuufi dha. Kana irra darbee iyyuu isa ariʼachuu jalqaban!