LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 31 ful. 76-ful. 77 key. 2
  • Guyyaa Sanbataatti Qamadii Cirachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guyyaa Sanbataatti Qamadii Cirachuu
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kiristiyaanonni Sanbata Kabajuu Qabuu?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Guyyaa Sanbataatti Wanti Seerichi Heyyamu Maali Dha?
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Guyyaa Sanbataa Kabajuu Qabdaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Hojjechuunis Taʼe Boqochuun Yeroo Qaba
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 31 ful. 76-ful. 77 key. 2
Barattoonni Yesuus guyyaa Sanbataatti qamadii ciranii sukkuumanii yommuu nyaatan

BOQONNAA 31

Guyyaa Sanbataatti Qamadii Cirachuu

MAATEWOS 12:1-8 MAARQOS 2:23-28 LUQAAS 6:1-5

  • BARATTOONNI YESUUS GUYYAA SANBATAATTI QAMADII CIRATAN

  • YESUUS “GOOFTAA SANBATAA TI”

Yesuusii fi barattoonni isaa kallattii kaabaatiin Galiilaa deemaa jiru. Waqtiin isaa arfaasaa siʼa taʼu, midhaan maasii irra jiru gaʼeera. Barattoonni isaa waan beelaʼaniif asheeta qamadii ciratanii nyaatan. Haa taʼu malee, guyyaan isaa Sanbata siʼa taʼu, Fariisonnis wanta isaan godhan kana arganiiru.

Dhiheenyatti, Yihudoonni Yerusaalem keessa jiran tokko tokko Yesuus Sanbata cabseera jechuudhaan isa ajjeesuu barbaadanii akka turan yaadadhu. Amma immoo Fariisonni wanta barattoonni Yesuus godhan kana irratti hundaaʼanii mormii isaanii dhiheessan. “Ilaa, barattoonni kee wanta guyyaa Sanbataatti seeraan dhorkame hojjechaa jiru” isaan jedhan.—Maatewos 12:2.

Fariisonni qamadii ciranii harka irratti sukkuumanii nyaachuun, haamuu fi dhaʼuu wajjin tokko akka taʼetti yaadan. (Baʼuu 34:21) Seera guyyaa Sanbataatti hojii akka hin hojjenne ajaju akki isaan itti hiikan Sanbanni baʼaa akka namatti taʼu taasiseera; guyyaan kun kan isaaniif kenname garuu guyyaa gammachuu fi guyyaa karaa hafuuraa itti jajjabaatan akka isaaniif taʼuuf ture. Yesuus, fakkeenyota seerri Sanbataa Yihowaan baase akkasitti fudhatamuu akka hin qabne ibsu isaanitti himuudhaan yaada dogoggoraa isaan qaban saaxile.

Fakkeenyota Yesuus keessaa inni tokko waaʼee Daawitii fi namoota isaa wajjin turanii kan ibsu dha. Namoonni kun yeroo beelaʼan, mana qulqullummaa seenanii buddeena Waaqayyo duratti dhihaatu nyaatan. Buddeenni sun bakka sanaa fuudhamee isa haaraadhaan kan bakka buufame taʼus, nyaachuun kan isaaniif malu luboota ture. Taʼus, Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan, haalli isaan keessa turan waan isaan dirqisiiseef buddeena sana nyaachuu isaaniitti akka seera cabsanitti hin ilaalamne.—Lewwoota 24:5-9; 1 Saamuʼel 21:1-6.

Fakkeenya lammaffaa isaanitti hime irratti, “Luboonni guyyaa Sanbataatti mana qulqullummaa keessatti hojii kan hojjetan taʼus, seera akka cabsanitti akka hin ilaalamne Seericha keessatti hin dubbisnee?” isaaniin jedhe. Akkana jechuun isaa luboonni guyyaa kanatti aarsaa dhiheessuuf horii akka qalanii fi mana qulqullummaa keessatti hojiiwwan tokko tokko akka hojjetan dubbachuu isaa ture. Achiis Yesuus, “Ani garuu isinitti nan hima, mana qulqullummaa irra kan caalu as jira” isaaniin jedhe.—Maatewos 12:5, 6; Lakkoobsa 28:9.

Yesuus ammas wanta jechuu barbaade isaaniif ibsuuf Kitaabota Qulqulluu irraa caqasuudhaan akkana isaaniin jedhe: “‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafina nan barbaada’ inni jedhu, maal jechuu akka taʼe utuu hubattaniittu taʼee namoota cubbuu hin qabnetti hin murteessitan turtan.” Xumura irrattis, “Sababiin isaas Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe. Yesuus yeroo akkana jedhu waaʼee bulchiinsa Mootummichaa waggaa kumaa isa naga qabeessa taʼee dubbachuu isaa ture.—Maatewos 12:7, 8; Hoseʼaa 6:6.

Ilmaan namootaa bara dheeraadhaaf garbummaa Seexanaa isa baʼaa isaan irratti tuulu jala turaniiru; kun immoo goolii fi waraanni akka baayʼatu taasiseera. Kiristoos guyyaa Sanbataa isa guddaatti yeroo bulchu garuu, boqonnaa hawwinuu fi nu barbaachisu arganna!

  • Fariisonni barattoota Yesuus irratti himata akkamii dhiheessan? Maaliif?

  • Yesuus ilaalchi Fariisotaa dogoggora taʼuu isaa kan saaxile akkamitti?

  • Yesuus “Gooftaa Sanbataa” kan taʼe karaa kamiini?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi