LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 52 ful. 128-ful. 129 key. 7
  • Daabboo fi Qurxummii Muraasaan Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Soore

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Daabboo fi Qurxummii Muraasaan Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Soore
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Namoota Baay’ee Nyaachise
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Daabboo Baayʼise, Waaʼee Raacitiis Ni Akeekkachiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Daabboo Dinqiidhaan Argamerraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 52 ful. 128-ful. 129 key. 7
Yesuus daabboo shan caccabsee, akkasumas qurxummii lama kukkutee namootaaf akka hiraniif bartoota isaatti yommuu kennu

BOQONNAA 52

Daabboo Fi Qurxummii Muraasaan Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Soore

MAATEWOS 14:13-21 MAARQOS 6:30-44 LUQAAS 9:10-17 YOHAANNIS 6:1-13

  • YESUUS DHIIROTA 5,000 SOORE

Ergamoonni 12n lallaba guutummaa Galiilaatti raawwatanitti kan gammadan siʼa taʼu, “wanta hojjetanii fi barsiisan hunda” Yesuusitti himan. Baayʼee akka dadhaban beekamaa dha. Taʼus, namoonni dhufanii deeman hedduu waan taʼaniif nyaachuuf illee yeroo hin arganne. Kanaaf Yesuus, “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokko haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa” jedheen.—Maarqos 6:30, 31.

Tarii naannoo Qifirnaahomitti bidiruu tokko yaabbatanii, iddoo namoonni isaan arguu hin dandeenyee fi baha Laga Yordaanos, Beetasaayidaa gama jiru tokko deeman. Taʼus, namoonni hedduun yeroo isaan deeman ni argan, kaan immoo ni dhagaʼan. Namoonni kun qarqara galaanichaatiin fiigaa kan deeman siʼa taʼu, yeroo bidiruun achi gaʼu isaan achi jiru.

Yesuus bidiruu irraa buʼee yeroo isaan argu, akka hoolota tiksee hin qabnee waan taʼaniif ni gaddeef. Kanaaf, waaʼee Mootummichaa ‘wanta hedduu isaan barsiisuu’ jalqabe. (Maarqos 6:34) “Warra fayyuun isaan barbaachisus” ni fayyise. (Luqaas 9:11) Aduun dhihaa yommuu adeemu, barattoonni isaa akkana isaan jedhan: “Iddoon isaa bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera; kanaaf namoonni kun gara gandootaa dhaqanii nyaata akka bitatan isaan ergi.”—Maatewos 14:15.

Yesuusis deebisee, “Deemuun isaan hin barbaachisu; isinumti wanta isaan nyaatan kennaafii” jedhe. (Maatewos 14:16) Yesuus maal gochuuf akka jedhu kan beeku taʼus, Filiphoosiin qoruuf, “Daabboo namoonni kun nyaatan eessaa yoo bitne wayya?” jedhee isa gaafate. Filiphoosiin kan gaafate, Filiphoos naannoo Beetasaayidaatti waan guddateefi dha. Kanas taʼe sana, daabboo bituun furmaata hin taʼu. Dhiirota gara 5,000tu jira. Dubartoonnii fi ijoolleen yoo lakkaaʼaman immoo lakkoofsi isaanii dachaa taʼuu dandaʼa! Filiphoos, “Tokkoon tokkoon isaaniitiif xinnoo xinnoo kennuuf illee, daabboon dinaaree 200 [diinaareen tokko mindaa guyyaa tokkoo ti] iyyuu hin gaʼu” isaan jedhe.—Yohaannis 6:5-7.

Yesuus mucaa xinnoo daabboo shananii fi qurxummii lamaan qabatee jirutti yommuu dubbatu

Indiriyaasis tarii namoota kana hunda sooruun akka hin dandaʼamne ibsuuf akkana jedhe: “Gurbaa xinnoon daabboo garbuu shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabu tokko as jira. Garuu kun nama hamma kanaaf akkamitti gaʼa?”—Yohaannis 6:9.

Waqtiin isaa arfaasaa dha; Faasikaan Dh.K.B. bara 32 tti kabajamu dhihaateera. Naannoon isaas margaan uwwifameera. Yesuus barattoonni isaa namoota kana shantama shantamaa fi dhibba dhibbatti hihhiranii margicha irra akka teessisan isaanitti hime. Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee Waaqayyoon galateeffate. Achiis daabbicha caccabsee, qurxummiis kukkutee akka hiraniif barattoota isaatti kenne. Kan nama ajaaʼibu, namoonni achi jiran hundi hanga quufanitti nyaatan!

Yesuus sana booda barattoota isaatiin, “Wanti tokko illee akka lafatti hin badneef, hambaa harcaʼee hafe hunda walitti qabaa” jedhe. (Yohaannis 6:12) Isa irraa hafe yeroo walitti qabanis guuboo 12 taʼe!

  • Yesuus ergamoonni isaa bakka namni hin jirre akka deeman kan godhe maaliifi?

  • Yesuusii fi barattoonni isaa eessa deeman? Achitti hoo maaltu isaan mudate?

  • Barattoonni Yesuus maal akka godhu isatti himan? Inni garuu namoota kanaaf wanta barbaachisu kan guute akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi