LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 53 ful. 130-ful. 131 key. 7
  • Bulchaa Haala Qilleensaa Toʼachuu Dandaʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bulchaa Haala Qilleensaa Toʼachuu Dandaʼu
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Nu Eeguu ni Dandaʼa
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Yesuus Obomboleettii Galaana Irratti Kaʼe Cal Jechisiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Sodaafi Shakkii Isatti Dhagaʼame Moʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Tajaajila Isaa Galiilaa Keessatti Babalʼise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 53 ful. 130-ful. 131 key. 7
Pheexiros bishaan irra utuu deemuu liqimfamuu yommuu jalqabu; Yesuus hiixatee yommuu isa qabu

BOQONNAA 53

Bulchaa Humnoota Uumamaa Toʼachuu Dandaʼu

MAATEWOS 14:22-36 MAARQOS 6:45-56 YOHAANNIS 6:14-25

  • NAMOONNI YESUUSIIN MOOSISUU BARBAADAN

  • YESUUS BISHAAN IRRA DEEME, QILLEENSAS NI TASGABBEESSE

Yesuus dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman sooruu dandaʼuun isaa namoota irratti dhiibbaa cimaa geessiseera. Namoonni kun Yesuus “dhuguma iyyuu Raajicha isa gara addunyaa akka dhufu dubbatame sana,” jechuunis Masiihicha akka taʼee fi mootii gaarii taʼuu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼan. (Yohaannis 6:14; Keessa Deebii 18:18) Kanaaf, qabanii isa moosisuuf karoorfatan.

Inni garuu karoora isaanii bare. Namoota sana erga geggeessee booda barattoonni bidiruutti akka deebiʼan isaanitti hime. Eessa deemuuf jedhu laata? Gara Beetasaayidaa, achii immoo gara Qifirnaahom deemu. Yesuus garuu kophaa isaa kadhachuu waan barbaadeef halkan sana gaaratti ol baʼuuf jedha.

Gara barii, Yesuus ifa addeessaatiin bidiruu sana fagootti arge. Qilleensi cimaan galaanicha irratti dambalii uume; ergamoonni ‘qilleensichi gara isaaniitti waan qilleensaʼuuf galaanicha mooquuf rakkachaa jiru.’ (Maarqos 6:48) Yesuus gaaricha irraa buʼee dambalii galaanichaa irra deemaa gara isaanii dhufe. Hanga ammaatti, ‘gara kiiloo meetira shanii mooqaniiru.’ (Yohaannis 6:19) Barattoonni isaa, Yesuus isaan bira darbee waan deemu isaanitti fakkaate; achiis, sodaadhaan “Kun ekeraa dha!” jedhanii iyyan.—Maarqos 6:49.

Yesuus, “Hin naʼinaa! Ana dha, hin sodaatinaa” jechuudhaan isaan jajjabeesse. Achiis, Pheexiros “Yaa Gooftaa, si dha yoo taʼe, bishaan irra deemee gara kee akkan dhufu na ajaji” jedhe. Yesuusis, “Kottu!” jedheen. Yeroo kanatti Pheexiros bidiricha irraa buʼee, bishaan irra deemaa gara Yesuusitti qajeele. Obomboleettii sana yeroo argu garuu waan sodaateef liqimfamuu jalqabe. Kanaaf, “Yaa Gooftaa, na oolchi!” jedhee iyye. Yesuusis hiixatee Pheexirosiin qabee, “Namicha amantii xinnoo qabdu nana, maaliif shakkite?” jedheen.—Maatewos 14:27-31.

Pheexirosii fi Yesuus bidiricha yeroo yaabbatan obomboleettiin sun ni dhaabate. Barattoonni baayʼee dinqisiifatan; garuu kun isaan dinqisiisuu qabaa? “Hiika daabboo” sanaa, jechuunis hiika dinqii inni yeroo muraasa dura namoota kumaan lakkaaʼaman yommuu sooretti hojjetee utuu hubataniiru taʼee, bishaan irra deemuun isaa fi qilleensa tasgabbeessuun isaan hin dinqisiisu ture. Yeroo kanatti, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii isaaf sagadan.—Maarqos 6:52; Maatewos 14:33.

Utuu baayʼee hin turin Genesaarex ishii bareedduu taatee fi kibba Qifirnaahomitti argamtu, lafa diriiraa, akkasumas gabbataa taʼe qabdu gaʼan. Bidiruu isaanii hidhanii qarqara galaanichaatti baʼan. Namoonni eenyummaa Yesuus kan beekan siʼa taʼu, namoota biyyoota naannoo sanaa wajjin warra dhukkubsatan gara isaa fidan. Namoonni kun fiixee uffata isaa yeroo tuqan ni fayyuu turan.

Warri Yesuus dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman yeroo sooru argan immoo Yesuus naannoo isaaniitii deemuu isaa baran. Kanaaf, bidiruuwwan xixinnoo Xibriyaadosii dhufan yaabbatanii Yesuusiin barbaacha gara Qifirnaahom deeman. Yeroo isa argatanittis, “Rabbii, yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan. (Yohaannis 6:25) Akkuma itti aansinee ilaallu, Yesuus sababa quubsaa waan qabuuf isaan ifate.

  • Yesuus namoota kumaan lakkaaʼaman erga sooree booda, namoonni maal isa gochuu barbaadan?

  • Yesuus bishaan irra deemuun isaa fi qilleensa tasgabbeessuun isaa barattoota isaa dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

  • Yesuus qarqara galaanaa Qifirnaahomitti dhihoo jiru erga gaʼee booda maaltu taʼe?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi