LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 60 ful. 144-ful. 145 key. 7
  • Jijjiiramuu Isaa—Kiristoosiin Ulfina Isaatiin Argan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jijjiiramuu Isaa—Kiristoosiin Ulfina Isaatiin Argan
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 60 ful. 144-ful. 145 key. 7
Yesuus Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis duratti yommuu jijjiiramu; Musee fi Eliyaas ni mulʼatan

BOQONNAA 60

Jijjiiramuu Isaa—Kiristoosiin Ulfina Isaatiin Argan

MAATEWOS 16:28–17:13 MAARQOS 9:1-13 LUQAAS 9:27-36

  • YEROO INNI JIJJIIRAMU MULʼATAAN ARGAN

  • ERGAMOONNI YESUUS SAGALEE WAAQAYYOO DHAGAʼAN

Yesuus naannoo Filiphoos Qisaariyaa ishii Gaara Hermoon irraa gara kiiloo meetira 25 fagaattutti namoota barsiisaa utuu jiruu, ergamootatti yaada nama dinqisiisu dubbate. Akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatan keessaa jalqaba hanga yeroo Ilmi namaa Mootummaa isaatiin dhufu arganitti matumaa kan hin duune tokko tokko jiru.”—Maatewos 16:28.

Barattoonni wanti inni jechuu barbaade dalga isaanitti taʼee taʼuu qaba. Gara torban tokkoo booda Yesuus ergamoota sadii, jechuunis Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼe. Ergamoonni kun sadan waan muganiif, yeroon isaa halkan taʼuu qaba. Yesuus utuu kadhachaa jiru, isaan duratti dinqiidhaan jijjiirame. Ergamoonni isaa fuulli isaa akka aduu yeroo ifu, uffanni isaas addaatee akka ifaa yeroo calaqqisu argan.

Achiis namoonni lama ni mulʼatan; namoonni kun “Musee fi Eliyaas” jedhamaniiru. Sana boodas, waaʼee ‘addunyaa kana dhiisee deemuu isaa isa Yerusaalemitti raawwatamuuf jiruu’ Yesuusitti dubbachuu jalqaban. (Luqaas 9:30, 31) Haala isaa irraa hubachuu akka dandeenyutti, addunyaa kana dhiisee deemuun isaa duʼa Yesuusii fi duʼaa kaʼuu isaa, isa inni dhiheenya kana waaʼee isaa dubbate argisiisa. (Maatewos 16:21) Pheexiros Yesuus irra wanti akkasii akka hin geenye dubbatee kan ture taʼus, wanti isaan dubbatan Yesuus dhiphatee duʼuun isaa kan hin oolle taʼuu isaa argisiisa.

Ergamoonni sadan amma sirriitti dammaqanii, dinqisiifannaadhaan ilaaluu fi dhaggeeffachuu jalqaban. Wanti isaan argaa jiran mulʼata taʼus, dhugaa waan isaanitti fakkaateef, Pheexiros wanta raawwatamaa jiru keessatti hirmaachuu jalqabe. Akkana jedhe: “Rabbii, iddoo kana taʼuun keenya nuuf gaarii dha. Kanaaf dunkaana sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokko immoo Eliyaasiif haa dhaabnu.” (Maarqos 9:5) Pheexiros dunkaana dhaabuu kan barbaade mulʼanni argaa jiran yeroo muraasaaf akka itti fufuufii laata?

Pheexiros utuu dubbachaa jiruu, duumessi ifa of keessaa qabu tokko kan isaan haguuge siʼa taʼu, sagaleen tokko duumessicha keessaa, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa” jedhe. Sagalee Waaqayyoo yeroo dhagaʼan ergamoonni isaa baayʼee sodaatanii adda isaaniitiin gombifaman. Haa taʼu malee, Yesuus, “Kaʼaa. Hin sodaatinaa” isaaniin jedhe. (Maatewos 17:5-7) Ergamoonni yommuu ol jedhan, Yesuusiin malee nama tokko illee hin argine. Mulʼatichi xumurameera. Halkan isaa bariʼee, gaaricha irraa buʼaa utuu jiranii, Yesuus, “Hanga Ilmi namaa duʼaa kaafamutti mulʼata kana eenyutti iyyuu hin himinaa” jedhee isaan ajaje.—Maatewos 17:9.

Eliyaas mulʼaticha keessatti mulʼachuun isaa gaaffii kaase. Ergamoonni, “Maarree barsiisonni seeraa, Eliyaas dursee dhufuu qaba kan jedhan maaliifi?” jedhanii isa gaafatan. Yesuusis deebisee, “Eliyaas dhufeera; isaan garuu . . . isa hin beekne” jedhe. (Maatewos 17:10-12) Yesuus dubbachaa kan jiru waaʼee Yohaannis Cuuphaa isa wanta Eliyaas raawwatee wajjin wal fakkaatu raawwatee ti. Eliyaas Elsaaʼiif, Yohaannis immoo Kiristoosiif daandii qopheesse.

Mulʼanni kun Yesuusii fi ergamoota isaa baayʼee jajjabeesseera! Ulfina Yesuus Mootummaa isaa keessatti qabaatu kan argisiisu dha. Kanaaf, barattoonni kun akkuma Yesuus waadaa seenee ture, “yeroo Ilmi namaa Mootummaa isaatiin dhufu” arganiiru. (Maatewos 16:28) Gaaricha irra yommuu turanitti, ‘surraa isaa isa guddaa ija isaaniitiin arganiiru.’ Fariisonni mallattoo Yesuus Mootii Waaqayyo filate taʼuu isaa mirkaneessu arguu barbaadanii kan turan taʼus, inni mallattoo tokko illee isaanitti hin argisiisne. Barattoonni Yesuus warri isaa wajjin hariiroo cimaa qaban garuu Yesuus dinqiidhaan yeroo jijjiiramu arguuf mirga argataniiru; kunis raajiiwwan Mootummicha ilaalchisee dubbataman mirkaneessa. Kanaaf Pheexiros yeroo booda, “Nuti dubbii raajii caalaatti mirkanaaʼaa taʼe qabna” jedhee barreesseera.—2 Pheexiros 1:16-19.

  • Namoonni tokko tokko duʼuu isaanii dura Ilmi namaa Mootummaa isaatiin yeroo dhufu kan argan akkamitti?

  • Mulʼaticha irratti Musee fi Eliyaas Yesuusii wajjin waaʼee maalii dubbatan?

  • Yesuus dinqiidhaan yeroo jijjiiramu arguun isaanii duuka buutota Kiristoos ni jajjabeessa kan jennu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi