LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 64 ful. 152-ful. 153 key. 2
  • Barbaachisummaa Dhiifama Gochuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barbaachisummaa Dhiifama Gochuu
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhiifama Gochuu Kan Qabnu Maaliifi?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • ‘Hojjetaan Amanamaaniifi Ogeessi Isa Kami?’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • ‘Lafa Hoolichi Dhaqu Hundumaatti Isa Duukaa Bu’u’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Waliif Dhiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 64 ful. 152-ful. 153 key. 2
Garba, garbicha hidhata isaa taʼe qabee hudhaa jiru

BOQONNAA 64

Barbaachisummaa Dhiifama Gochuu

MAATEWOS 18:21-35

  • SIʼA TORBA ISAAF DHIISUU?

  • FAKKEENYA WAAʼEE GARBICHA GARA JABEESSA TAʼEE IBSU

Pheexiros, rakkina obboloota gidduutti uumamu ofuma isaaniitiin akka hiikan gochuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaalchisee gorsa Yesuus kenne dhagaʼeera. Taʼus, namni tokko yaalii akkasii gochuu kan qabu siʼa meeqa akka taʼe baruu waan barbaade fakkaata.

Pheexiros, “Yaa Gooftaa, obboleessi koo cubbuu yoo na irratti hojjete siʼa meeqa dhiifama isaaf godhu? Siʼa torbaa?” jedhee gaafate. Geggeessitoonni amantii tokko tokko namni tokko hamma siʼa sadiitti dhiifama gochuu akka qabu barsiisu. Kanaaf, Pheexiros obboleessa tokkoof “siʼa torba” dhiifama yoo godhe, gaarummaa guddaa akka isaaf ooletti yaadee taʼa.—Maatewos 18:21.

Taʼus, yaadni namni tokko yeroo hammamiitiif akka na gaddisiise lakkaaʼuun qaba jedhu barumsa Yesuus barsiisee wajjin wal hin simu. Kanaaf Yesuus, “Siʼa 77 malee, siʼa torba qofa miti” jedhee isa gorse. (Maatewos 18:22) Karaa biraatiin lakkoofsaan kan daangeffame miti jechuu dha. Pheexiros obboleessa kootiif hamma kanan dhiisuu qaba jedhee daangaa kaaʼuu hin qabu.

Mootichi garbicha tokkoof liqii yommuu dhiisu

Achiis Yesuus dhiifama gochuun barbaachisaa taʼuu isaa jabeessee hubachiisuuf, Pheexirosii fi barattoota kaanitti fakkeenya tokko hime. Fakkeenyichi waaʼee garbicha fakkeenya gooftaa isaa isa gara laafessaa hin hordofin hafe tokkoo ibsa. Mootiin tokko garboonni isaa qarshii isa irraa liqeeffatan akka isaaf deebisan barbaade. Kanaaf, garbichi mooticha irraa taalaantii 10,000 [dinaaree 60,000,000] liqeeffate tokko isa duratti dhiheeffame. Garbichi kun qarshii kana matumaa kaffaluu hin dandaʼu. Kanaaf mootichi garbichi sun, haati manaan isaa fi ijoolleen isaa gurguramanii qarshiin isaa akka isaaf kaffalamu ajaje. Yeroo kanatti garbichi kun miilla gooftaa isaa irratti kufee, “Maaloo anaaf obsi; wanta ana irra jiru hunda siif nan kaffala” jedhee isa kadhate.—Maatewos 18:26.

Garba garbicha hidhata isaa taʼee mana hidhaa galchisiisaa jiru

Yeroo kanatti mootichi garbicha kanaaf garaa laafee liqii baayʼee isa irraa qabu ni dhiiseef. Akkuma mootichi kana isaaf dhiiseen, garbichi kun gad baʼee garbicha akka isaa, dinaaree 100 isa irraa liqeeffatee ture arge. Achiis garbichicha hudhee qabee, “Liqii ani si irraa qabu hunda naa kaffali” jedheen. Garbichichis miilla isaa irratti kufee, “Maaloo anaaf obsi, siif nan kaffala” jedhee isa kadhachuu jalqabe. (Maatewos 18:28, 29) Garbichi mootichi liqii isa irra jiru dhiiseefii ture garuu, fakkeenya gooftaa isaa hin hordofne. Hamma garbichichi qarshii baayʼee xinnoo isa irraa liqeeffate hunda isaaf deebisutti mana hidhaatti isa galche.

Mootichi garbichi dhiifama gochuu dide mana hidhaa akka galu yommuu taasisu

Itti aansuudhaan Yesuus garboonni kan biraan gara jabina garbichi kun raawwate arganii, gooftichatti dhaqanii akka himan dubbate. Gooftichis baayʼee aaree garbichicha waamsisee akkana isaan jedhe: “Garbicha hamaa nana, ati waan na kadhatteef liqii si irra jiru hunda sii dhiiseera. Maarree akkuma ani garaa sii laafe, ati immoo nama akkuma kee garbicha taʼe kanaaf garaa laafuu hin qabdu turtee?” Achiis mootiin baayʼee aare kun garbichichi qarshii isa irraa liqeeffate hunda hanga isaaf deebisutti mana hidhaatti isa galche. Yesuus, “Isinis, tokkoon tokkoon keessan obboleessa keessaniif garaadhaa dhiifama hin gootan taanaan, Abbaan koo inni samii akkanuma isin irratti godha” jechuudhaan xumure.—Maatewos 18:32-35.

Fakkeenya dhiifama gochuu ilaalchisee barumsa guddaa nuu dabarsu dha! Waaqayyo cubbuu isa akka liqii guddaa taʼeef dhiifama nuuf godheera. Obboleessi tokko balleessaa akkamii iyyuu yoo nu irratti hojjete, balleessaan isaa cubbuu keenyaa wajjin yeroo waliin ilaalamu baayʼee xinnoo dha. Yihowaan siʼa tokko qofa utuu hin taʼin, siʼa baayʼee dhiifama nuuf godha. Nutis, obboleessi keenya irra deddeebiʼee yoo nu gaddisiisee fi isatti mufachuuf sababa gaʼaa yoo qabaanne illee, irra deddeebinee isaaf dhiisuu hin qabnuu? Akkuma Yesuus Lallaba Gaara Irraa irratti barsiise, Waaqayyo “akkuma nuti warra nu yakkaniif dhiisne, yakka keenya nuu dhiis[a].”—Maatewos 6:12.

  • Pheexiros waaʼee obboleessa isaatiif dhiifama gochuu kan gaafate maaliifi? Nama tokkoof siʼa torba dhiifama gochuun gaarummaa guddaa akka taʼetti kan yaade hoo maaliifi?

  • Akkaataan mootiin tokko garbicha isaa isa kadhate itti qabe, akkaataa garbichi sun garbicha akka isaa tokko itti qabe irraa adda kan taʼe akkamitti?

  • Fakkeenya Yesuus dubbate irraa barumsa akkamii arganna?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi