LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 85 ful. 198-ful. 199 key. 3
  • Cubbamaan Yeroo Yaada Geddaratu Gammaduu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cubbamaan Yeroo Yaada Geddaratu Gammaduu
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ilmi Badee Ture Ni Deebiʼe
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Maatewos Ni Waamame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yihowaan Hundumtuu Yaada Akka Geddaratan Barbaada
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Haqaa fi Araara Qabaachuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 85 ful. 198-ful. 199 key. 3
Dubartii saantima diraakmaa jalaa badee ture argattee gammadaa jirtu

BOQONNAA- 85

Cubbamaan Yeroo Yaada Geddaratu Gammaduu

LUQAAS 15:1-10

  • FAKKEENYA HOOLAA FI SAANTIMA BADEE

  • MALEEKONNI SAMII NI GAMMADU

Yesuus tajaajila isaa irratti yeroo garaa garaa gad of qabuun barbaachisaa akka taʼe irra deddeebiʼee ibseera. (Luqaas 14:8-11) Dhiirotaa fi dubartoota gad of qabuudhaan Waaqayyoon tajaajilan argachuuf fedha guddaa qaba. Namoonni kun tarii cubbamoota beekamoo taʼuu dandaʼu.

Yihudii tuffiidhaan ilaalaa jiruu fi kudhaama adda isaa irratti hidhate

Fariisonnii fi barsiisonni seeraa, namoonni isaan gatii akka hin qabnetti ilaalan akkasii Yesuusii fi ergaa isaa akka fudhatan hubatan. Kanaaf, “Namichi kun cubbamoota ni simata; isaanii wajjinis ni nyaata” jedhanii gunguman. (Luqaas 15:2) Fariisonnii fi barsiisonni seeraa namoota kaan akka caalan, kaan hafee akka awwaara miilla isaanii jala jiruutti ilaalu. Geggeessitoonni tuffii namoota akkasiitiif qaban argisiisuuf, afaan Ibrootaa amhaareetis jedhutti kan fayyadaman siʼa taʼu, hiikni isaa ‘namoota lafaa’ jechuu dha.

Yesuus garuu namoota hunda kabaja, gaarummaa fi gara laafinaan qaba. Kanaaf, warra cubbuu hojjechuudhaan beekaman dabalatee namoonni iddoo guddaan hin kennamneef hedduun Yesuusiin dhaggeeffachuu baayʼee barbaadu. Haa taʼu malee, namoota iddoo guddaan hin kennamneef akkasii simachuu isaatti ceephoo isa irratti kaʼaa jiruuf deebii akkamii kenna laata?

Deebiin gaaffii kanaa, yeroo inni fakkeenya garaa namaa tuquu fi Qifirnaahomitti dubbatee ture irra deebiʼee dubbatetti ifa taʼe. (Maatewos 18:12-14) Yesuus Fariisota akka waan qajeelota taʼanii fi harka Waaqayyoo keessa jiraniitti ibse. Warra iddoo guddaan hin kennamneef immoo, warra karaa irraa maqanii fi warra badan akka taʼanitti ibse.

Tiksee hoolaa jalaa baddee turte argatee gatiittii isaa irratti baatee gammadaa jiru

Akkana jedhe: “Isin keessaa namni hoolota 100 qabu hoolaan tokko yoo jalaa badde, hoolota 99 sana lafa onaa keessatti dhiisee ishii jalaa badde sana hamma argatutti kan hin barbaadne jiraa? Yeroo ishii argatus, gammadee gatiittii isaa irratti ishii baata. Yommuu mana gaʼus, michoota isaa fi ollaawwan isaa walitti waamee, ‘Hoolaa koo ishii ana jalaa badde waanan argadheef, anaa wajjin gammadaa’ isaaniin jedha.”—Luqaas 15:4-6.

Yesuus fakkeenya kana akkamitti ibse? Akkana jedhe: “Ani isiniin nan jedha, haaluma wal fakkaatuun namoota qajeeloo 99 yaada geddarachuun isaan hin barbaachisne caalaa, cubbamaa yaada geddarate tokkotti samii irratti gammachuu guddaan ni taʼa.”—Luqaas 15:7.

Yesuus waaʼee yaada geddarachuu dubbachuun isaa Fariisota aarsee taʼuu qaba. Qajeeloota akka taʼanitti waan of ilaalaniif yaada geddarachuun akka isaan barbaachisu isaanitti hin dhagaʼamu. Isaan keessaa tokko tokko waggaa lama dura warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaachuu isaatti yeroo isa ceephaʼan, Yesuus, “Ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe” isaaniin jedhee ture. (Maarqos 2:15-17) Fariisonni qajeeloo akka taʼanitti of ilaalan kun yaada geddarachuun akka isaan barbaachisu waan hin hubanneef, samii irratti gammachuun akka taʼu hin godhan. Cubbamoonni yaada yeroo geddaratan garuu faallaa kanaatu taʼa.

Yesuus yaada dabarsuu barbaade, jechuunis cubbamoonni badanii turan yeroo deebiʼan samii keessatti gammachuu guddaan akka taʼu ibsuuf fakkeenya mana keessatti mudachuu dandaʼu tokkotti fayyadame. Akkana jedhe: “Dubartiin saantima diraakmaa kudhan qabdu diraakmaan tokko yoo jalaa bade, ibsaa qabsiistee, akkasumas mana ishii hartee hamma argattutti of eeggannoodhaan hin barbaadne eenyu? Yommuu argattus, michoota ishii fi ollaawwan ishii walitti waamtee, ‘Ani saantima diraakmaa koo isa na jalaa bade waanan argadheef, anaa wajjin gammadaa’ jetti.”—Luqaas 15:8, 9.

Ibsi Yesuus fakkeenya kana erga dubbatee booda kenne, ibsa waaʼee hoolaa baddee fakkeenya erga dubbatee booda kennee wajjin wal fakkaata. “Haaluma wal fakkaatuun, ani isinitti nan hima, cubbamaa yaada geddaratu tokkotti maleekota Waaqayyoo gidduutti gammachuun ni taʼa” jedhe.—Luqaas 15:10.

Mee yaadi, maleekonni Waaqayyoo cubbamaan badee ture akka deebiʼu fedhii guddaa qabu! Cubbamoonni yaada geddaratanii Mootummaa Waaqayyoo isa samii keessatti iddoo argatan, iddoo maleekonni qaban irra iyyuu caalu waan argataniif, kun taʼuun isaa baayʼee nama dinqisiisa! (1 Qorontos 6:2, 3) Taʼus, maleekonni isaanitti hin hinaafan. Nuti hoo cubbamaan tokko guutummaatti yaada geddaratee gara Waaqayyootii yeroo deebiʼu maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?

  • Yesuus cubbamoota beekamoo taʼanii wajjin yeroo dabarsaa kan ture maaliifi?

  • Fariisonni namoota kaan akkamitti ilaalu turan? Yesuus namoota akkasii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu isaa hoo?

  • Yesuus fakkeenya lamatti fayyadamee barumsa akkamii kenne?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi