LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 87 ful. 204-ful. 205 key. 3
  • Ogummaadhaan Dursanii Karoorfachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ogummaadhaan Dursanii Karoorfachuu
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kana Beektaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Qabeenya Isa Dhugaa Barbaadaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Bulchaa Manaa Amanama, Qophaaʼaa Taʼi!
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Isin Hojii Adeemsiftoota Amanamoodha!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 87 ful. 204-ful. 205 key. 3
Gooftichi sooressa taʼe bulchaa manaa isaa ariʼe

BOQONNAA 87

Ogummaatti Fayyadamanii Dursanii Karoorfachuu

LUQAAS 16:1-13

  • FAKKEENYA WAAʼEE BULCHAA JALʼAA TAʼEE

  • QABEENYA KEESSANIIN “MICHOOTA HORADHAA”

Ilma bade ilaalchisee fakkeenyi Yesuus dubbate, namoonni qaraxa sassaaban, barsiisonni seeraa fi Fariisonni isa dhaggeeffachaa turan Waaqayyo cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama gochuuf fedha akka qabu akka hubatan taasisee taʼuu qaba. (Luqaas 15:1-7, 11) Amma immoo Yesuus barattootatti dubbachuu jalqabe. Fakkeenya kan biraa waaʼee namicha sooressa bulchaan isaa ykn tajaajilaan isaa wanta isa irraa eegamu sirriitti akka hin raawwanne hubatee dubbate.

1. Bulchaan manaa sun wanta gochuu qabu yeroo karoorfatu; 2. Bulchaan manaa liqii gooftaan isaa namicha tokko irraa qabu yeroo hirʼisuuf

Yesuus, bulchaan kun qabeenya gooftaa isaa bittinsuudhaan komatamaa akka ture dubbate. Kanaaf, gooftichi hojjetaan kun hojii irraa ariʼamuu akka qabu murteesse. Innis, “Gooftaan koo hojii koo irraa na ariʼuuf jedha, egaa maal gochuu anaaf wayya? Qotuuf humna hin qabu; kadhachuu immoo nan qaanaʼa” jedhe. Wanta gara fuulduraatti isa eeggatuuf of qopheessuufis akkana jedhe: “Yommuu ani hojii koo irraa ariʼamu namoonni mana isaaniitti akka na simataniif waanan godhu anuu beeka.” Yeruma sana namoota liqiin irra jiru waamee, ‘Gooftaan koo liqii hammamii isin irraa qaba?’ jedhee isaan gaafate.—Luqaas 16:3-5.

Namni inni jalqabaa, “Zayitii ejersaa liitirii 2,200” jedhe. Namichi liqeeffate kun kanaan dura nama muka ejersaa hedduu qabu ykn daldaltuu zayitii kan ture taʼuu dandaʼa. Bulchaan kunis, “Waraqaa walii galtee kee hooʼu, taaʼiitii dafii 1,100 jedhii barreessi” jedheen.—Luqaas 16:6.

Achiis bulchaan kun nama isa kan biraatiin, “Ati hoo hammamtu si irra jira?” jedhee gaafate. Innis “Qamadii safartuu guguddaa 100” jedhee deebise. Innis namicha liqiin irra jiru kanaan, “Waraqaa walii galtee kee hooʼu, 80 jedhii barreessi” jedheen. Liqii isaa harka 20n hirʼiseef jechuu dha.—Luqaas 16:7.

Bulchaan kun amma iyyuu qabeenya gooftaa isaa irratti itti gaafatamummaa waan qabuuf, liqii gooftaan isaa warra kaan irraa qabu hirʼisuuf aangoo qaba. Liqii isaanii isaaniif hirʼisuudhaan, yeroo hojii isaa irraa ariʼamutti akka isa gargaaraniif michoota horachaa jira.

Yeroo booda gooftichi wanta taʼe ni beeke. Wanti taʼe kasaaraa kan isatti fidu taʼus, wanti hojjetaan isaa godhe isa dinqisiise. Bulchaan kun “jalʼaa yoo taʼe iyyuu, ogummaadhaan tarkaanfii waan fudhateef” isa galateeffate. Yesuus itti fufee, “Ilmaan sirna kanaa walitti dhufeenya dhaloota yeroo isaaniitti argamuu wajjin qabaniin ilmaan ifaa caalaa ogeeyyii dha” jedhe.—Luqaas 16:8.

Yesuus, tooftaan bulchaan kun itti fayyadame sirrii akka taʼe dubbachaa ykn daldala irratti hariiroo namootaa wajjin qabnuun namoota gowwoomsuu jajjabeessaa jira miti. Ergaa akkamii dabarsuu barbaade ree? “Yommuu qabeenyi kun dhumu isaan bakka jireenyaa bara baraatti akka isin simataniif, qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa” jedhee barattoota gorse. (Luqaas 16:9) Yaadni kun fageessanii yaaduu fi ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuu ilaalchisee barumsa ni dabarsa. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri “ilmaan ifaa” taʼan, jireenya bara baraa gara fuulduraatti argatan yaadatti qabachuudhaan qabeenya isaaniitti ogummaadhaan fayyadamuu qabu.

Mootummaa isa samiitti ykn bulchiinsa Mootummaa kanaa jalatti lafa Jannata taatutti namoota simachuu kan dandaʼan Yihowaa fi Ilma isaa qofa dha. Qabeenya qabnu hundaan Mootummicha deggeruudhaan isaanii wajjin michooma horachuuf carraaqqii gochuu qabna. Yoo akkas goone warqiin, meetiin, akkasumas qabeenyi kaan yeroo dhumutti ykn badutti jireenya bara baraa ni arganna.

Yesuus qabeenya qaban akkamii iyyuu bulchuu fi itti fayyadamuu irratti warri amanamoo taʼan, wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan bulchuu irrattis akka amanaman dubbate. Yesuus, “Kanaaf, qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaa wajjin haala wal qabateen yoo amanamoo taʼuu baattan, qabeenya isa dhugaa [kan akka fedhiiwwan Mootummichaa] eenyutu amanee isinitti kenna ree?” jechuudhaan yaadicha ifa taasise.—Luqaas 16:11.

Yesuus “bakka jireenyaa bara baraatti” simatamuuf wanti baayʼeen akka isaan irraa eegamu barattoota hubachiisaa jira. Namni tokko al takkaatti tajaajilaa dhugaa fi garbicha qabeenyaa taʼuu hin dandaʼu. Xumura irratti akkana jedhe: “Tajaajilaan gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata, yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.”—Luqaas 16:9, 13.

  • Fakkeenya Yesuus dubbate irratti bulchaan sun michoota yeroo booda isa gargaaruu dandaʼan kan horate akkamitti?

  • “Qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaa” kan jedhame maali dha? ‘Michoota ittiin horachuu’ kan dandeenyu hoo akkamiitti?

  • “Qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaa” qabnu kamitti iyyuu amanamummaadhaan yoo fayyadamne “bakka jireenyaa bara baraatti” kan nu simatu eenyu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi